Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namni Tokko Si Sobee Beekaa?

Namni Tokko Si Sobee Beekaa?

Namni Tokko Si Sobee Beekaa?

NAMNI amantu tokko akka si sobe beekuu caalaa wanti si gaddisiisu hin jiru. Salphinni, aariin ykn akka ganamte sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Sobni michoomaafi gaaʼela diigeera; namoonni doolaara miliyoona hangana hin jedhamne akka dhaban godheera.

Waaʼee Waaqayyoo wanti sitti himamehoo soba taʼuusaa utuu beektee maal akka sitti dhagaʼamu yaadi. Keessumaa amantiikee cimsitee kan hordoftu taanaan, akkuma namoota waldaa dhaqan armaan gadii baayʼee miidhamuu dandeessa:

● “Manni sagadaa akka na gane natti dhagaʼame.”—DEYAAN.

● “Aareen ture. Akkan gowwoomfame waan natti dhagaʼameef, wantin abdadheefi galmikoo na jalaa badeera.”—LUWIIS.

Namoonni waaʼee Waaqayyoo wanta soba taʼee na barsiisu jettee yaaduullee hin barbaaddu taʼa. Waaqayyoon ilaalchisee wanta beektu kan si barsiise nama amantuufi taʼe jedhee matumaa si miidhuu hin barbaanne, jechuunis warrakee, luba ykn michuukee taʼuu dandaʼa. Barumsa tokko tokko jireenyakee guutuu itti amanaa kan turte taʼuu dandaʼa. Taʼus yaanni namoonni baayʼeen itti amananillee soba taʼuu kan dandaʼu sitti hin fakkaatuu? Pireezidaantii Ameerikaa durii kan turan, Firaankiliin D. Ruuzveelti, dhugaa kana hubachuudhaan, “Wanti soba taʼe tokko irra deddeebiʼamee dubbatamuunsaa dhugaa akka taʼu isa hin godhu” jedhaniiru.

Maarree wanti baratte soba taʼuufi dhiisuusaa mirkaneessuu kan dandeessu akkamitti? Yesus yeroo gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheesse tokkotti, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. (Yohannis 17:17) Eeyyee, Dubbii Waaqayyoo kan taʼe Macaafni Qulqulluun barumsa dhugaafi sobaa taʼe addaan baasuuf nu gargaaru qabateera.

Wanta Macaafni Qulqulluun soba baramaa waaʼee Waaqayyoo dubbataman ibsu shan mataduree ittaanurraa akka dubbistu si afeerra. Kunis dhugaan caalaatti jireenya gaarii jiraachuuf akkamitti si gargaaruu akka dandaʼu si hubachiisa.