Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

1 Waaʼee Waaqayyoo Beekuun Matumaa Hin Dandaʼamu—Kun Dhugaadhaa?

1 Waaʼee Waaqayyoo Beekuun Matumaa Hin Dandaʼamu—Kun Dhugaadhaa?

1 Waaʼee Waaqayyoo Beekuun Matumaa Hin Dandaʼamu​—Kun Dhugaadhaa?

Akkas yommuu jedhamu dhageessee beekta taʼa: “Waaqayyo karaa iccitii taʼeen hojjeta.”

“Waaʼee Abbaa hubachuun hin dandaʼamu, waaʼee ilmaa hubachuun hin dandaʼamu, akkasumas waaʼee hafuura qulqulluu hubachuun hin dandaʼamu.”—Kun Seera Atinaatewos barumsa Sillaasee ilaalchisee Sabni Kiristiyaanaa hedduun hordofanidha.

Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: Yesus namoonni, ‘Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa beekan’ eebba akka argatan dubbatee ture. (Yohannis 17:3) Haataʼu malee, Waaqayyo iccitii utuu taʼee akkamitti isa beekuu dandeenya? Inni kan of hin dhoksine taʼuusaarrayyuu namoonni hundi akka isa beekan barbaada.—Ermiyaas 31:34.

Waaʼee Waaqayyoo waan hundumaa beekuu akka hin dandeenye beekamaadha. Yaanniifi karaan Waaqayyoo kan keenyarraa fagoo waan taʼeef, guutummaatti isa beekuu kan hin dandeenye taʼuun keenya kan nama dinqisiisu miti.—Lallaba 3:11; Isaayaas 55:8, 9.

Dhugaa beekuun akkamitti akka si gargaaru: Waaʼee Waaqayyoo hubachuun kan hin dandaʼamne erga taʼee, isa beekuuf carraaqqii gochuun maaliif barbaachise? Waaqayyo garuu akka isa beeknu qofa utuu hin taʼin, michooma isaa wajjin qabnu caalaatti akka cimsannu nu gargaara. Abrahaamiin “michuukoo” kan jedhe siʼa taʼu, Daawit Mootichis, “Waaqayyo warra isa sodaatanitti, yaada isaa isa dhokataa iyyuu in beeksisa” jedhee barreesseera.—Isaayaas 41:8, hiika bara 1899; Faarfannaa 25:14.

Yaanni Waaqayyoo wajjin michuu taʼuu jedhu kan hin fakkaannedhaa? Jalqabarratti kan hin fakkaanne taʼuu dandaʼa, taʼus Hojiin Ergamootaa 17:27, “Waaqayyo hunduma keenyattii fagoo miti” akka jedhu hubadhu. Karaa kamiin? Waaqayyo Macaafa Qulqulluutti fayyadamee wanta akka gaariitti isa beekuuf nu gargaaru nuu kenneera. *

Inni maqaansaa Yihowaa akka taʼe ykn akka hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokkootti Yaahwee kan jedhamu taʼuusaa nutti hima. (Baʼuu 6:3) * Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe akka beeknuuf jecha, ilmaan namootaa wajjin haala wal qabateen wanti inni raawwate akka galmeeffamu godheera. Miirasaas nuuf ibseera. Waaqayyo ‘ooʼa qabeessaafi araara qabeessa, aariitti suuta jedhaa, gaarummaansaafi amanamummaansaa guddaadha.’ (Baʼuu 34:6) Kanaaf gochi keenya miirasaa miidhuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, sabni Israaʼel durii yommuu isarratti hammaatan kan “isa gaddisiisan” siʼa taʼu, warri isaaf abboomaman garuu isa gammachiisaniiru.—Faarfannaa 78:40; Fakkeenya 27:11.

[Miiljaleewwan]

^ key. 7 Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon ilaalchisee maal akka jedhu odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 1 ilaali.

^ key. 8 Macaafni Qulqulluun afaan Oromoo hiika jechootaa dhuma macaafichaa mataduree “Amantii” jedhu jalatti, “Inni Waaqayyo isa ‘Yaahwee’ jedhamee beekamee dha; kunis ‘Isa taʼu, isa jiraatu sana’ jechuutti in hiikama” jedha.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 4⁠jiru]

Waaqayyo Sillaasee isa iccitii erga taʼee, dhugumaan waaʼeesaa beekuu kan dandeenyu akkamitti?

[Madda fakkii fuula 4rra jiru]

The Trinity c.1500, Flemish School, (16th century) / H. Shickman Gallery, New York, USA / The Bridgeman Art Library International