Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

2 Waaqayyo Waaʼee Keenya Hin Yaadu—Kun Dhugaadhaa?

2 Waaqayyo Waaʼee Keenya Hin Yaadu—Kun Dhugaadhaa?

2 Waaqayyo Waaʼee Keenya Hin Yaadu​—Kun Dhugaadhaa?

Akkas yommuu jedhamu dhageessee beekta taʼa: “Waaqayyo dhuguma ilmaan namootaatiif ni yaada utuu taʼee, hammeenyaafi dhiphina biyya lafaarra jiru balleessa ture. Utuma dimshaashatti namootaaf kan yaadu taʼeellee, dhuunfaatti waaʼeekoo hin yaadu.”

Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: Maddi hammeenyaa Yihowaa miti. (Yaaqoob 1:13) Waaqayyo hammeenya yeroo kamittiyyuu balleessuu kan dandaʼu taʼus, gaaffiiwwan jalqaba seenaa ilmaan namootaarratti kaʼan deebisuuf, hawaasni mancaʼaa taʼe akka jiraatu heyyameera. Dhumarratti ilmaan namootaatiif jecha tarkaanfii ni fudhata; rakkina sababa namoota isaaf hin bitamneen dhufan hundas ni balleessa.—Uumama 3:1-6; Isaayaas 65:17. *

Waaqayyo ilmaan namootaa hundaaf yaaduu malees, dhuunfaatti garaadhaa akka nuuf yaadu argisiiseera. Maatewos 10:29-31, Waaqayyo wanta nuyi waaʼee ofii keenyaa hin beeknellee gad fageenyaan akka beeku ibsa: “Simbirroonni lama akka saantiima tokkootti in gurguramu mitii ree? Isaanuma keessaa iyyuu tokko illee yaada abbaa keessanii malee lafa hin buʼu; isin garuu, rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaaʼamaa dha. Kanaafis hin sodaatinaa! Isinoo simbirroota baayʼee irra guddaa in caaltu.”

Dhugaa beekuun akkamitti akka si gargaaru: Yeroo baayʼee nama gara jabeessa taʼe ykn namaaf hin yaannetti hin siqnu. Sobni Waaqayyo namootaaf hin yaadu jedhu, namoonni baayʼeen guutummaatti isa beekuuf fedhii akka dhaban ykn yeroo filannaa akka hin qabne isaanitti dhagaʼamu qofa isatti dhihaachuuf akka yaalan gochuunsaa nama hin dinqisiisu. Yihowaan dhugumaan kan nuu yaadu taʼuusaa beekuunkee waaʼeesaa caalaatti akka barattuufi michuusaa akka taatu si gochuu dandaʼa.

Fakkeenyaaf, Waaqayyotti kadhannaa erga dhiheessitee booda, si dhagaʼuusaa ykn deebii sii kennuusaa shakkita taʼa. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo inni ‘kadhata namaa dhagaʼu’ namoota garaadhaa isatti dhihaatan hundaaf, karaa isaa wajjin itti wal qunnaman kana yeroo mara banaa akka godhe ibsa.—Faarfannaa 65:2.

Yihowaan, ‘Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!’ jedhee nu afeera. (1 Phexros 5:7) Dubbiisaa kan taʼe Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼes in fayyisa” waan jedhuuf, yeroo dhiphinni guddaan nurra gaʼuttillee akka nuu yaadu isatti amanamuu dandeenya.—Faarfannaa 34:18.

[Miiljalee]

^ key. 3 Waaqayyo hammeenyi akka jiraatu maaliif akka heyyame ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 11 ilaali?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 5⁠rra jiru]

Waaqayyo kan nuuf hin yaadne taanaan akka isa kadhannu kan nu afeeru maaliifi?