Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

4 Waaqayyo Nama Wal Caalchisa—Kun Dhugaadhaa?

4 Waaqayyo Nama Wal Caalchisa—Kun Dhugaadhaa?

4 Waaqayyo Nama Wal Caalchisa​—Kun Dhugaadhaa?

Akkas yommuu jedhamu dhageessee beekta taʼa: “Biyya lafaa bulchaa kan jiru Waaqayyo waan taʼeef wanti hundi fedhasaatiin raawwatama. Biyyi lafaa sanyiidhaan wal jibbuu, firdii jalʼisuufi hacuuccaadhaan waan guutameef, kan itti gaafatamu Waaqayyo taʼuu qaba.”

Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: Maddi jalʼina biyya lafaarratti raawwatamuu Waaqayyo miti. Macaafni Qulqulluun, waaʼee Yihowaa yommuu ibsu, “Wanti inni godhus mudaa hin qabu, karaan isaa hundinuus qajeelaa dha” jedha.—Keessa Deebii 32:4.

Waaqayyo warra isaaniif kan hin malle fakkaatan dabalatee namoota hundaatti arjummaa argisiisa. Fakkeenyaaf, “aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jalʼootaaf in roobsa.” (Maatewos 5:45) Waaqayyo namoota sanyiifi aadaa garaagaraa qaban hundaaf ilaalcha wal fakkaatu qaba. Hojiin Ergamootaa 10:34, 35, ‘Waaqayyo nama wal hin caalchisu. Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaadha’ jechuudhaan ibsa.

Maarree jalʼinni eessaa madde? Namoonni baayʼeen qajeelina raawwachuudhaan fakkeenya Waaqayyoo hordofuu mannaa jalʼina raawwachuu filatu. (Keessa Deebii 32:5) Kana malees, Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo Seexanni inni diinasaa taʼe biyya lafaa akka bulchu isaaf heyyamuusaa ibsa. * (1 Yohannis 5:19) Haataʼu malee, yeroon Waaqayyo Seexanni biyya lafaa akka bulchu isaa heyyame dhiheenyatti xumurama. Qophii “hojii Seexanaa diiguudhaaf” godhe hojiirra oolchuusaa jalqabeera.—1 Yohannis 3:8.

Dhugaa beekuun akkamitti akka si gargaaru: Malaanmaltummaa, hacuuccaafi jalʼina ilaalchisee oduuwwan dhuma hin qabne fakkaatan dhageessu si burjaajesseera taʼa. Madda rakkinoota kanaa beekuunkee, haalawwan yeroo harʼaa jiran garmalee kan mancaʼan maaliif akka taʼeefi carraaqqiin namoonni addunyaa gaarii fiduuf godhan yeroo hundaa maaliif akka hin milkoofne hubachuuf si gargaara. (Faarfannaa 146:3) Jijjiirama yeroo muraasaaf turu ykn matumaa dhufuu hin dandeenyerratti yeroofi humnakee balleessuu mannaa, abdii amansiisaa Waaqayyo kennetti amanamuu dandeessa.—Mulʼata 21:3, 4.

Madda jalʼinaa beekuun keenya keessumaa yeroo rakkinni nurra gaʼu nu gargaaruu dandaʼa. Yommuu jalʼinni nurratti raawwatamu akkuma Anbaaqom isa tajaajilaa Waaqayyoo turee, “Abboommiin gatii dhabe, firdii qajeelaan jiruu irra ooluu dide” jennee booʼuu dandeenya. (Anbaaqom 1:4) Waaqayyo, kana dubbachuusaatti Anbaaqomiin hin adabne. Kanaa mannaa, Waaqayyo wantoota sirreessuuf yeroo akka ramade isaaf mirkaneessuudhaan, Anbaaqom utuma rakkina keessa jiruuyyuu gammachuu akka argatu isa gargaareera. (Anbaaqom 2:2-4; 3:17, 18) Haaluma wal fakkaatuun, abdii Waaqayyo jalʼina sirreessuuf kennetti amanamuun keenya, biyya lafaa jalʼaa taʼe keessatti tasgabbiifi nagaa sammuu argachuuf nu gargaara.

[Miiljalee]

^ key. 5 Waaʼee Seexanaa caalaatti beekuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 3 ilaali.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 7⁠rra jiru]

Dhiphinaafi jalʼina gaʼuuf kan itti gaafatamu Waaqayyodhaa?

[Madda fakkii fuula 7rra jiru]

© Sven Torfinn/Panos Pictures