Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

5 Waaqayyo Waaqeffannaa Garaa Qulqulluudhaan Dhihaatu Hunda Ni Fudhata—Kun Dhugaadhaa?

5 Waaqayyo Waaqeffannaa Garaa Qulqulluudhaan Dhihaatu Hunda Ni Fudhata—Kun Dhugaadhaa?

5 Waaqayyo Waaqeffannaa Garaa Qulqulluudhaan Dhihaatu Hunda Ni Fudhata​—Kun Dhugaadhaa?

Akkas yommuu jedhamu dhageessee beekta taʼa: “Akkuma karaawwan bakka tokkotti geessan hedduun jiran, karaawwan gara Waaqayyootti geessanis hedduudha. Waaqayyotti dhihaachuuf namni hundi karaa mataasaa barbaadu qaba.”

Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: Fakkeessaarraa fagaachuudhaan waaqeffannaa keenya garaa qulqulluudhaan dhiheessuu qabna. Yesus, “Isaayaas raajichi waaʼee keessan, waaʼee warra of hin arginee kanaa baʼeessa dubbate; ‘Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baayʼee anattii fagoo dhaʼ” jechuudhaan, Waaqayyo geggeessitoota amantii barasaa turan maaliif akka dhiise isaanitti himeera. (Maarqos 7:6) Taʼus, garaa qulqulluu qabaachuun qofti Waaqayyo waaqeffannaa keenya akka fudhatu gochuuf wabii hin taʼu.

Yesus dogoggora cimaa geggeessitoonni amantii suniifi hordoftoonnisaanii waaqeffannaarratti raawwatan saaxiluudhaan kana ifa godheera. Wanti Waaqayyo, “‘Ana waaqessuun isaanii akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu’ kan jedhu caafamee jira” jedhee dubbate isaanirratti akka raawwatame ibseera. (Maarqos 7:7) Namoonni kun barsiifata amantiisaanii ulaagaa Waaqayyoo waan caalchisaniif, waaqeffannaansaanii “akkasumaan” ykn gatii kan hin qabne ture.

Macaafni Qulqulluun, yaada Waaqayyotti dhihaachuuf karaawwan garagaraa jiru jedhu deggeruu mannaa, karaan tokko qofti akka jiru barsiisa. Maatewos 7:13, 14, “Karra isa dhiphaadhaan ol galaa! Karaan gara badiisaatti geessu boochoo dha, karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin ol galan immoo baayʼee dha. Karaan gara jireenyaatti geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphaa dha, namoonni isa argatan muraasa” jedha.

Dhugaa beekuun akkamitti akka si gargaaru: Fiigicha maaraatoonii fiiguuf jiʼoota hedduutiif leenjii fudhattee dorgommicha tokkoffaa baʼuudhaan erga xumurtee booda, seera ati hin beekne tokko cabsiteetta jedhamtee badhaasa yoo dhowwatamte maal akka sitti dhagaʼamu yaadi. Carraaqqiin ati goote hundi gatii akka dhabe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Waaqeffannaa keenyaa wajjin haala wal qabateen wanti kanaa wajjin wal fakkaatu gaʼuu dandaʼaa?

Phaawulos ergamaan waaqeffannaa keenya dorgommee atleetiksii wajjin wal fakkeessuudhaan, “Namni dorgomeetti jiru akka seera isaatiitti yoo dorgome malee, gonfoo moʼichaa hin argatu” jedhee barreesseera. (2 Ximotewos 2:5) “Akka seera isaatiitti,” jechuunis karaa inni heyyameen isa waaqeffachuudhaan, Waaqayyo biratti fudhatama arganna. Namni dorgomee fiigichaarra jiru tokko yoo seera cabse moʼuu hin dandaʼu. Nuyis Waaqayyoon tajaajiluuf karaa mataa keenyaa filachuu yoo yaalle Waaqayyo biratti fudhatama hin argannu.

Waaqayyoon gammachiisuuf, waaqeffannaa keenya sobawwan waaʼeesaa dubbatamanirraa qulqulleessuu qabna. Yesus, ‘Warri dhuguman sagadan, hafuuraafi dhugaadhaan abbaadhaaf sagadu’ jedhee ture. (Yohannis 4:23) Kanaaf karaa dhugaa gara Waaqayyootti geessu, Dubbiisaa kan taʼe Macaafa Qulqulluurraa baranna.—Yohannis 17:17. *

[Miiljalee]

^ key. 8 Waaqeffannaa Waaqayyo biratti fudhatama qabu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 15 ilaali.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 8⁠rra jiru]

Amantiin hundi karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun akka isa waaqeffatan barsiisaa?