Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maatiinkee Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti?

Maatiinkee Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti?

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Maatiinkee Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti?

Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Gaaʼelli maatiin gammachuu akka argatu gochuurratti barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Gaaʼela kan hundeesse Yihowaa isa Waaqa gammadaa taʼedha. Waliin jiraachuuf qofa utuu hin taʼin, bakka ijoolleen tasgabbiidhaan itti guddachuu dandaʼan waan taʼeef, maatiin gammachuu akka argatu gochuurratti murteessaadha. Waaqayyo gaaʼelaaf ilaalcha akkamii qaba? Hiriyoonni gaaʼelaa umriisaanii guutuu akka waliin jiraataniifi gaaʼelasaanii seeraan akka galmeessisan barbaada. (Luqaas 2:1-5) Akkasumas waliif amanamoo akka taʼan barbaada. (Ibroota 13:4) Yihowaan, Kiristiyaanonni lammata gaaʼela akka godhatan kan heyyamu hiriyaan gaaʼelaasaanii ejja yoo raawwate qofadha.—Maatewos 19:3-6, 9 dubbisi.

2. Haati manaafi abbaan manaa akkamitti waliin jiraachuu qabu?

Yihowaan, dhiiraafi dubartii jalqabaa yeroo uume wal gargaaranii akka jiraataniif ture. (Uumama 2:18) Abbaan manaa mataa maatii waan taʼeef, wanta jireenyaaf barbaachisu maatiisaatiif dhiheessuufi waaʼee Waaqayyoo isaan barsiisuuf dursa fudhachuu qaba. Fedhiisaa aarsaa gochuudhaan jaalala haadha manaasaatiif qabu argisiisuu qaba. Haati manaafi abbaan manaa wal jaallachuufi wal kabajuu qabu. Hiriyoonni gaaʼelaa cubbuu kan dhaalan waan taʼaniif, dhiifama walii gochuu barachuunsaanii maatiin gammachuu akka argatu gochuurratti gaʼee guddaa qaba.—Efesoon 4:31, 32; 5:22-25, 33; 1 Phexros 3:7 dubbisi.

3. Gaaʼela keerraa gammachuu argachuu baannaan, hiriyaa gaaʼelaakee hiikuu qabdaa?

Atiifi hiriyaan gaaʼelaakee rakkina keessa jirtu yoo taʼe, jaalala walitti argisiisuuf carraaqqii godhaa. (1 Qorontos 13:4, 5) Dubbiin Waaqayyoo, gaaʼela keessatti rakkoon yeroo uumamu gargar baʼuun furmaata akka taʼe hin ibsu. Haalawwan tokko tokko humnaa ol yoo taʼan garuu, Kiristiyaanni tokko gargar baʼuun gaarii taʼuufi dhiisuusaa murteessuu dandaʼa.—1 Qorontos 7:10-13 dubbisi.

4. Ijoolle, Waaqayyo maal akka argattan barbaada?

Yihowaan gammachuu akka argattan barbaada. Umrii dargaggummaa keessan karaa gammachiisaa taʼeen akkamitti itti fayyadamuu akka dandeessan gorsa baayʼee gaarii taʼe isiniif kenna. Ogummaafi muuxannoo warri keessan qabanirraa faayidaa akka argatan barbaada. (Qolosaayis 3:20) Yihowaan wanta isa jajachuuf gootan hunda ni dinqisiifata.—Lallaba 11:9–12:1; Maatewos 19:13-15; 21:15, 16 dubbisi.

5. Warra kan taatan, ijoolleen keessan gammachuu argachuu kan dandaʼan akkamitti?

Ijoollee keessaniif nyaata, manaafi uffata dhiheessuuf jabaattanii hojjechuu qabdu. (1 Ximotewos 5:8) Haataʼu malee ijoolleen keessan gammachuu akka argatan gochuuf, Waaqayyoon akka jaallataniifi waaʼeesaa akka beekan isaan barsiisuus qabdu. (Efesoon 6:4) Fakkeenya isin Waaqayyoof jaalala argisiisuudhaan isaaniif taatan ijoollee keessanirratti dhiibbaa guddaa geessisa. Qajeelfamni isin Dubbii Waaqayyoorratti hundaaʼuudhaan isaaniif kennitan, ijoolleen keessan karaa sirriirra akka deeman gochuu dandaʼa.—Keessa Deebii 6:4-7; Fakkeenya 22:6 dubbisi.

Ijoollee jajjabeessuufi galateeffachuun faayidaa isaaniif argamsiisa. Sirreeffamniifi adabnis isaan barbaachisa. Leenjii akkasii argachuunsaanii gochawwan gammachuu isaan dhabsiisanirraa isaan eeguu dandaʼa. (Fakkeenya 22:15) Taʼus adabni isaaniif kennamu gara jabinaan taʼuu hin qabu.—Qolosaayis 3:21 dubbisi.

Dhugaa Baatonni Yihowaa kitaabota keessumaa warraafi ijoollee gargaaran hedduu qopheessaniiru. Kitaabonni kunis Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼanidha.—Faarfannaa 19:7, 11 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 14 ilaali.