Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanti Itti Bashannantan Faayidaa Qabaa?

Wanti Itti Bashannantan Faayidaa Qabaa?

Wanti Itti Bashannantan Faayidaa Qabaa?

“Wanta gooftaatti tolu qoraa bira gaʼaa!”—EFE. 5:10.

1, 2. (a) Macaafni Qulqulluun Yihowaan akka gammannu kan barbaadu taʼuusaa kan ibsu akkamitti? (b) Bohaartiin “kennaa Waaqayyoo” taʼuusaa beekuun maal gochuuf nu kakaasa?

YIHOWAAN akka jiraannu qofa utuu hin taʼin, akka gammannu kan barbaadu taʼuusaa guutummaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameera. Fakkeenyaaf, Faarfannaa 104:14, 15⁠rratti Yihowaa ilaalchisee akkas jedhameera: “Horiidhaaf margi akka biqilu in goota; namnis ittiin haa hojjetuuf, lafa irraas midhaan akka argatuuf biqila in laattaaf. Wayniin garaa namaa akka gammachiisuuf, fuulli dhadhaadhaan akka calaqqisuuf, buddeennis namaaf humna akka taʼuuf in goota.” Yihowaan midhaanni biqilee oomisha, zayitiifi wayinii jireenyaaf nu barbaachisan akka argannu godha. Wayiniin jireenyaaf dirqama barbaachisuu baatullee, “gammachuu” argamsiisa. (Lal. 9:7; 10:19) Eeyyee, Yihowaan garaan keenya “gammachuudhaan” akka guutamu barbaada.—HoE. 14:16, 17.

2 Kanaaf, yeroo tokko tokko “simbirroota qilleensa keessa balaliʼaniifi]” ‘daraarota bakkee ilaaluuf’ sagantaa baafachuun ykn sochiiwwan gaarii kan biraarratti hirmaachuudhaan gammaduun dogoggora akka taʼetti yaaduu hin qabnu. (Mat. 6:26, 28; Far. 8:3, 4) Jireenyi gaariin gammachuu qabu “kennaa Waaqayyooti.” (Lal. 3:12, 13) Yeroon itti bohaarru kennaa Waaqayyoo keessaa tokko waan taʼeef karaa isa gammachiisuun itti fayyadamuu qabna. *

Bohaartii Ilaalchisee Murtoo Gaarii Godhaa

3. Namoonni bohaartii garaagaraa filachuu akka dandaʼan beekuu kan qabnu maaliifi?

3 Namoonni tokko tokko haala madaalliisaa eegeen wantoota garaagaraatti kan bohaaran taʼus, daangaa itti gochuun barbaachisaa taʼuusaa hubataniiru. Akkas kan godhan maaliifi? Deebiisaa argachuuf, mee bohaartii nyaataa wajjin walbira qabnee haa ilaallu. Nyaanni baayʼee jaallatamaa taʼe biyyaa gara biyyaatti garaagaradha. Nyaanni namoonni naannoo tokko jiran jaallatan, warra naannoo garabiraa jiran biratti jaallatamuu dhiisuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, bohaartiin Kiristiyaanota naannoo tokko jiran gammachiisu, warra iddoo biraa jiraatan hin gammachiisu taʼa. Kiristiyaanonni naannoo tokko jiraatanillee bohaartiirratti ilaalcha garaagaraa qabaachuu dandaʼu; wanti isa tokko gammachiisu (kitaaba gaarii dubbisuu taʼuu dandaʼa) isa kaanimmoo nuffisiisuu dandaʼa; wanti isa tokko bohaarsisu (saaykiliidhaan bakka biraa deemuu taʼuu dandaʼa) isa kaanimmoo dadhabsiisuu dandaʼa. Kanaaf, nyaataafi bohaartii ilaalchisee namoonni filannaa garaagaraa akka godhan beekamaadha.—Rom. 14:2-4.

4. Bohaartii filannu daangessuu kan qabnu maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

4 Bohaartii garaagaraa filachuu dandeenya jechuun garuu, wanta hundumaatti bohaaruu dandeenya jechuu miti. Asirrattis mee nyaata akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Nyaata garaagaraa nyaachuu kan barbaannu taʼus, arganne jennee nyaata mancaʼe hin nyaannu. Nyaata akkasii nyaachuun sirriitti yaaduu akka hin dandeenye argisiisa; akkasumas fayyaa keenya balaarra buusuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, wantoota garaagaraatti kan bohaarru taʼus, kanneen balaadhaaf nu saaxilan, hammeenya jajjabeessan ykn karaa amalaa mancaʼaa taʼanitti bashannanuu hin qabnu. Wantoota akkasiitti bashannanuun, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal faallessu taʼuusaarrayyuu, karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa miidhaa nurraan gaʼa. Wantoota ittiin bohaarru daangessuuf, bashannanni jaallannu tokko faayidaa qabaachuufi dhiisuusaa duraan dursinee yaaduudhaan murteessuu qabna. (Efe. 5:10) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Bohaartiin filanne ulaagaa Waaqayyoo wajjin kan walsimu taʼuusaa beekuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Bohaartiin akka nu fayyaduufi Yihowaa duratti fudhatama akka qabaatu yoo barbaanne, ulaagaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamee wajjin walsimuu qaba. (Far. 86:11) Bohaartiin filattu sirrii taʼuufi dhiisuusaa murteessuuf gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuu dandeessa. Isaanis qabiyyeen bohaartichaa maalidha?, yeroo hangamiin irratti dabarsa?, akkasumas kanan wajjin bohaaru eenyufaʼi? kan jedhanidha. Mee gaaffiiwwan kana tokko tokkoon haa ilaallu.

Qabiyyeen Bohaartichaa Maalidha?

6. Bohaartii akkamiirraa fagaachuu qabna? Maaliif?

6 Bohaartii tokko filachuu keenya dura, ‘Wantin ittiin bohaaruu barbaadu kun qabiyyeensaa maalidha?’ jennee of gaafachuu qabna. Yommuu gaaffii kanaaf deebii barbaaddanitti, bohaartiin gosti lama jiraachuusaa beekuun keessan barbaachisaadha. Bohaartii isa jalqabaa matumaa hin filannu; isa lammaffaa garuu filachuu dandeenya taʼa. Inni jalqabaa maalidha? Biyya lafaa hamaa taʼe kana keessatti bohaartii hedduun gocha kallattiidhaan seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu ykn seera Waaqayyoo wajjin wal faallessuun kan guutamedha. (1 Yoh. 5:19) Kiristiyaanonni dhugaan matumaa bohaartii akkasii hunda hin filatan. Bohaartiin akkasii warra kaanirratti gidiraa geessisuu, hafuura xuraaʼummaa, saalqunnamtii namoota saala wal fakkaatan qaban gidduutti raawwatamu, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluu ykn hammeenya ykn wanta yeellaasisaafi gochi gadheen yommuu raawwatamu argisiisu kan dabalatudha. (1 Qor. 6:9, 10; Mulʼata 21:8 dubbisi.) Eessayyuu yoo jiraanne bohaartii akkasii filachuu dhiisuudhaan, ‘waan hamaa akka jibbinu’ Yihowaatti argisiisuu dandeenya.—Rom. 12:9; 1 Yoh. 1:5, 6.

7, 8. Wanti bohaartiin tokko gaarii taʼuusaa murteessuuf nu gargaaru maalidha? Fakkeenyaan ibsi.

7 Bohaartii inni lammaffaan gochawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti kallattiidhaan dhowwaman kan of keessaa qabu miti. Yeroo akkasiitti bohaartii sana filachuu keenya dura, bohaartichi ilaalcha Yihowaa isa seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamee wajjin kan walsimu taʼuusaa of eeggannoodhaan walbira qabnee ilaaluu qabna. (Fak. 4:10, 11) Achiis murtoo yaada garaa nu hin ceephaane qabaachuuf nu gargaaru gochuu qabna. (Gal. 6:5; 1 Xim. 1:19) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Mee waaʼee kanaa yaadaa: Nyaata haaraa tokko nyaachuu keenya dura wanta nyaanni sun irraa hojjetame beekuu barbaanna. Haaluma wal fakkaatuun bohaartii tokko filachuu keenya dura, maalirratti akka xiyyeeffatu gamaaggamuu qabna.—Efe. 5:17.

8 Fakkeenyaaf, akkuma namoota kaanii tapha ispoortii ni jaallattu taʼa. Taphni ispoortii kan nama gammachiisuufi kan nama hawwatu akka taʼe beekamaadha. Haataʼu malee, ispoortii wal morkii hammeenyaan guutame qabu, balaa ykn miidhaa guddaa geessisu, jeequmsaan guutameefi miira sabboonummaa babalʼisu ykn yaada kanaa wajjin wal fakkaatan ‘qabate’ ilaaluun kan isin gammachiisu yoo taʼe maal gootu? Wantoota bohaartii kanarratti darbanirratti yommuu yaaddan, bashannanni akkasii yaada Yihowaa, akkasumas ergaa waaʼee nagaafi jaalalaa nuyi namootaaf lallabnuu wajjin kan wal hin simne akka taʼe murteessuun keessan hin oolu. (Isa. 61:1; Gal. 5:19-21) Karaa garabiraammoo, bohaartiin tokko wanta Yihowaa duratti gaarii taʼe kan ‘qabate’ yoo taʼe, bashannanni akkasii kan isin fayyaduufi kan isin haaromsu taʼuu dandaʼa.—Gal. 5:22, 23; Filiphisiiyus 4:8 dubbisi.

Yeroo Hangamiin Irratti Dabarsa?

9. Deebiin ‘Yeroo hangamii?’ jedhuuf kenninu maal argisiisa?

9 Gaaffiin inni lammaffaan of gaafachuu qabnu, bohaartii kanarratti ‘Yeroo hangamiin dabarsa?’ kan jedhudha. Deebiin gaaffii maal? jedhuuf kenninu waan fudhatama qabuufi waan fudhatama hin qabne ilaalchisee isa kamiif xiyyeeffannaa guddaa akka kenninu argisiisa. Haataʼu malee deebiin gaaffii yeroo hangamii? jedhuuf kenninu, waan barbaachisaa taʼeefi waan barbaachisaa hin taane ilaalchisee isa kamiif dursa kennaa akka jirru argisiisa. Maarree, bohaartiidhaaf bakka sirrii kennaa akka jirru mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti?

10, 11. Yaanni Yesus Maatewos 6:33⁠rratti dubbate yeroo bohaartiirratti dabarsinu murteessuuf kan nu gargaaru akkamitti?

10 Yesus Kiristos bartootasaatiin, “Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa!” jedheera. (Mar. 12:30) Kanaaf jireenya keenya keessatti Yihowaa jaallachuuf bakka guddaa kennuu qabna. Gorsa Yesus, “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuudhaan Yihowaadhaaf dursa akka laannu argisiisna. (Mat. 6:33) Yaanni kun bohaartiirratti yeroo hangamii dabarsuufi iddoo akkamii kennuu akka qabnu murteessuuf kan nu gargaaru akkamitti?

11 Yesus, ‘duraan dursaatii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhaa!’ jedhe malee, mootummaa Waaqayyoo qofa barbaadaa’ akka hin jenne hubadhaa. Yesus Mootummicha malees jireenya keenya keessatti wantoonni hedduun akka nu barbaachisan akka beeku ifadha. Mana, nyaata, uffata, barumsa buʼuuraa, hojii, bashannanaafi kanneen biroos nu barbaachisu. Haataʼu malee wantoota barbaannu hunda caalaa, dursi kennamuufii kan qabu dhimmoota Mootummichaa wajjin wal qabataniif qofadha. (1 Qor. 7:29-31) Dhugaa kana akka gaariitti hubachuun keenya, bohaartii dabalatee sochiiwwan sadarkaa lammaffaatti ilaalaman hundi, dhimmawwan Mootummichaa isa sadarkaa tokkoffaa kenninuuf raawwachuuf akka itti fayyadamnu kan nu kakaasu taʼuu qaba. Akkas kan goonu taanaan bohaartiin daangaan itti godhame faayidaa qabaachuu dandaʼa.

12. Seera buʼuuraa Luqaas 14:28⁠rra jiru bohaartiirratti hojiirra ooluu kan dandaʼu akkamitti?

12 Kanaaf, bohaartiirratti yeroo hangamii akka dabarsinu duraan dursinee shallaguun keenya gaariidha. (Luq. 14:28) Bohaartii tokkorratti yeroo hangamii dabarsuu akka qabnu shallagnee murteessuu qabna. Achiis, bohaartichi yeroon hammanaa kan isaaf malu taʼuusaa murteessuu qabna. Bohaartiin tokko, wantoota barbaachisoo kanneen akka, Macaafa Qulqulluu dubbisuu, waaqeffannaa maatii gochuu, walgaʼii Kiristiyaanaarratti argamuu ykn misraachoo Mootummichaa lallabuu akka hin dandeenye kan nu godhu taanaan yeroo hammanaa irratti dabarsuun kan isaaf malu miti jechuudha. (Mar. 8:36) Haataʼu malee, darbee darbee yeroon bashannanaan dabarsinu, fedhii Mootummichaa dursuu keenya itti fufuuf humna kan nuu kennu yoo taʼe, bohaartii kanarratti yeroo hammanaa dabarsuun kan isaaf maludha jennee murteessuu dandeenya.

Kanan Bohaaru Eenyufaa Wajjini?

13. Namoota wajjin bohaarru of eeggannoodhaan filachuu kan qabnu maaliifi?

13 Gaaffii sadaffaan of gaafachuu qabnu, ‘Kanan bohaaru eenyufaa wajjini?’ kan jedhudha. Bohaartii ilaalchisee gaaffii kanaaf xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha. Maaliif? Amalli namoonni wajjin bohaarru qaban, bohaartii filannurratti dhiibbaa guddaa geessisuu waan dandaʼuufidha. Hiriyoota gaarii wajjin nyaachuun yeroo baayʼee akkuma nama gammachiisu, yeroo baayʼee bashannanarrattis namoota gaarii wajjin hirmaachuun gammachuu argamsiisa. Kanaaf, baayʼeen keenya keessumaammoo dargaggoonni gareedhaan bashannanuun kan isaan gammachiisu maaliif akka taʼe tilmaamuun nama hin rakkisu. Haataʼu malee wanti itti bohaarru gaarii akka taʼu yoo barbaanne, namoota wajjin bohaaruuf filannu ykn filachuu hin qabne dursinee murteessuun keenya gaariidha.—2 Sen. 19:2; Fakkeenya 13:20 dubbisi; Yaq. 4:4.

14, 15. (a) Michoota gaarii filachuu ilaalchisee Yesus fakkeenya akkamii nuuf taʼa? (b) Michoota keenya ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?

14 Michoota filachuu ilaalchisee fakkeenya Yesus hordofuun baayʼee gaariidha. Yesus, yeroo uumamanii kaasee ilmaan namootaa ni jaallata. (Fak. 8:31) Yommuu lafarra turettis namoota hundumaaf akka yaadu argisiiseera. (Mat. 15:29-37) Haataʼu malee, Yesus namoota jaallachuufi michuu isaan godhachuu gidduu garaagarummaan akka jiru beeka ture. Yesus namoota hundatti jaalala argisiisaa kan ture taʼus, michootasaa akka taʼan kan filate warra ulaagaa murtaaʼe guutan qofa ture. Yesus ergamootasaa warra amanamoo taʼan 11n, “Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota koo ti [“michootakooti,” hiika bara 1899]” jedheera. (Yoh. 15:14; akkasumas Yohannis 13:27, 30 ilaali.) Namoonni Yesus michuusaa godhate warra isa duukaa buʼaniifi Yihowaa tajaajilan qofa ture.

15 Kanaaf, nama tokko michuu godhachuu ykn dhiisuu yeroo yaaddan, wanta Yesus dubbate yaadatti qabachuun keessan gaariidha. Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Namni kun qajeelfama Yihowaafi Yesusiif akka abboomamu dubbiisaafi gochasaatiin argisiisaa jiraa? Akkumakoo amala gaarii Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe qabaa? Nama kanaa wajjin yeroo dabarsuunkoo Mootummicha dursuufi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf na kakaasaa?’ Deebiin gaaffiiwwan kanaaf kennitan, ‘Eeyyee’ kan jedhu yoo taʼe michuu gaarii wajjin bashannantan argattaniittu jechuudha.—Faarfannaa 119:63 dubbisi; 2 Qor. 6:14; 2 Xim. 2:22.

Wanti Ittiin Bohaarru Qorumsicha Ni Darbaa?

16. Bohaartii ilaalchisee maal murteessuu qabna?

16 Mataduree kana keessatti bohaartii ilaalchisee qabxii sadii jechuunis, qulqullina, baayʼinaafi namoota wajjin bohaarru gabaabaatti ilaalleerra. Bohaartii tokkorraa faayidaa argachuuf, bohaartichi guutummaatti gama kana sadaniin seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimuu qaba. Kanaaf, bohaartii tokkorratti hirmaachuu keenya dura gamaaggamuun barbaachisaadha. Qulqullinaa wajjin haala wal qabateen gaaffiiwwan, ‘Qabiyyeen bohaartichaa maalidha? Gaariidhamoo gadheedha?’ jedhaniif deebii argachuu qabna. (Fak. 4:20-27) Baayʼinaa wajjin haala wal qabateenimmoo gaaffiiwwan, ‘Yeroo hangamiin irratti dabarsa? Yeroon hammanaa kan isaaf maludhamoo kan isaaf hin malledha?’ jedhaniif deebii argachuu qabna. (1 Xim. 4:8) Namoota wajjin bashannannu ilaalchisees gaaffiiwwan, ‘Kanan bohaaru eenyufaa wajjini? Namoonni kun hiriyoota gaariimoo gadheedha?’ jedhaniif deebii argachuu qabna.—Lal. 9:18; 1 Qor. 15:33.

17, 18. (a) Wanti itti bohaarru seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimu taʼuusaa qoruu kan dandeenyu akkamitti? (b) Bohaartii filachuu ilaalchisee maal gochuuf murteessiteetta?

17 Bohaartiin tokko kallattii kana sadan keessaa isa tokkoonillee ulaagaalee Macaafa Qulqulluu hin guunne taanaan qorumsicha hin darbine jechuudha. Karaa biraammoo bohaartiin nuyi filanne kallattii kana sadaniin ulaagaalee Macaafa Qulqulluu kan guutu yoo taʼe, bohaartichi Yihowaadhaaf kabaja fida; nuufis faayidaa qabaata.—Far. 119:33-35.

18 Kanaaf, bohaartii sirrii haa filannu, yeroo isaaf malu haa murteessinu, akkasumas namoota gaarii wajjin bohaaruuf carraaqqii haa goonu. Eeyyee hundi keenya gorsa Macaafa Qulqulluu, “Yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!” jedhu garaadhaa hojiirra oolchuuf fedhii haa qabaannu.—1 Qor. 10:31.

[Miiljalee]

^ key. 2 Mataduree kana keessatti, yeroo boqonnaa itti gammadnu argisiisuuf jechoota “bashannanaa” fi “bohaartii” jedhanitti fayyadamneerra.

Ibsuu Dandeessaa?

Bohaartii ilaalchisee seera buʼuuraa caqasoota armaan gadii hojiirra oolchuu kan dandeessu akkamitti?

Filiphisiiyus 4:8

Maatewos 6:33

Fakkeenya 13:20

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Diyaagraamii fuula 9⁠rra jiru]

(Odeeffannoo guutuu argachuuf, barreeffamicha ilaali)

Maal

[Diyaagraamii fuula 10⁠rra jiru]

(Odeeffannoo guutuu argachuuf, barreeffamicha ilaali)

Yeroo hangamii

[Diyaagraamii fuula 12⁠rra jiru]

(Odeeffannoo guutuu argachuuf, barreeffamicha ilaali)

Eenyufaa

[Diyaagraamii fuula 10⁠rra jiru]

Michootaafi bohaartii filachuu ilaalchisee fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?