Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hiriyoonni Gaaʼelaa Namoota Hafuuraa Taʼuuf Carraaqaa!

Hiriyoonni Gaaʼelaa Namoota Hafuuraa Taʼuuf Carraaqaa!

Maatii Gammachuu Qabu

Hiriyoonni Gaaʼelaa Namoota Hafuuraa Taʼuuf Carraaqaa!

Fireediriik *: “Yommuu gaaʼela godhanne, Macaafa Qulqulluu akka waliin qayyabannuuf haadha manaakoo dirqisiisaan ture. Yeroo qayyabannaa goonutti yaadashee sassaabbattee akka hordoftu gochuuf murteesseen ture. Liyaan garuu xiyyeeffannaadhaan kan hordoftu hin fakkaattu. Ennaan gaaffii ishee gaafadhu ‘eeyyee!’ ykn ‘lakki!’ jettee naaf deebisti. Deebiinshee ilaalcha ani qayyabannaa Macaafa Qulqulluutiif qabuu wajjin tokko miti.”

Liyaan: “Yeroon Fireediriikitti heerume umriinkoo waggaa 18 ture. Yeroo mara Macaafa Qulqulluu kan waliin qayyabannu taʼus, yommuu qayyabannaa goonutti dogoggora koofi karaan itti haadha manaa gaarii taʼuu dandaʼu natti himuuf carraa kanatti fayyadama. Kun abdii na kutachiisee, akkasumas baayʼee na miidhee ture!”

RAKKOON Fireediriikiifi Liyaan maal sitti fakkaata? Lamaanuu ilaalcha gaarii qabu. Waaqayyoon ni jaallatu. Macaafa Qulqulluu waliin qayyabachuunis barbaachisaa taʼuusaa hubataniiru. Haataʼu malee wanti tokkummaa akka qabaatan isaan gargaaruu qabu, garaagarummaan gidduusaanii akka jiraatu godheera. Waliin qayyabachaa kan turan taʼus, akka hiriyaa gaaʼelaatti dhimma hafuuraatiif ilaalcha wal fakkaatu hin qaban turan.

Nama hafuuraa taʼuu jechuun maal jechuudha? Hiriyoonni gaaʼelaa nama hafuuraa taʼuuf carraaqqii gochuu kan qaban maaliifi? Rakkoon akkamii isaan mudachuu dandaʼa? Rakkoo kana moʼuu kan dandaʼanoo akkamitti?

Nama Hafuuraa Taʼuu Jechuun Maal Jechuudha?

Macaafa Qulqulluu keessatti jechi nama ‘hafuuraa’ jedhu ilaalcha namni tokko jireenyaaf qabu argisiisuuf itti hojjetameera. (Yihudaa 18, 19) Fakkeenyaaf, Phaawulos garaagarummaa ilaalcha nama hafuuraafi nama foonii gidduu jiru ibseera. Namoonni ilaalcha foonii qaban warra kaanirratti utuu hin taʼin, caalaatti ofirratti akka xiyyeeffatan ibseera. Namoonni kun ulaagaalee Waaqayyoo wajjin walsimanii jiraachuu mannaa wanta sirrii isaanitti fakkaate raawwatu.—1 Qorontos 2:14; Galaatiyaa 5:19, 20.

Faallaa kanaatiinimmoo, namoonni ilaalcha hafuuraa qaban ulaagaalee Waaqayyootiif bakka guddaa kennu. Yihowaa akka Michuusaaniitti ilaalu, amala inni qabu calaqqisiisuufis ni carraaqu. (Efesoon 5:1) Kanaaf, hariiroo namoota kaanii wajjin qabaniin jaalala akka qaban, garraamii akka taʼaniifi obsa akka qaban argisiisu. (Baʼuu 34:6) Yeroo mijaaʼaa isaaniif hin taanettillee Waaqayyoof ni abboomamu. (Faarfannaa 15:1, 4) Daaran inni Kaanaadaa jiraatuufi erga gaaʼela godhatee waggaa 35 taʼe, “Namni hafuuraa yeroo hunda dubbiinsaafi gochisaa hariiroo Yihowaa wajjin qabu akkamitti akka jalaa tuqu yaada” jedheera. Haati manaasaa Jeenis, “Dubartiin nama hafuuraa taate, nama guyyaa hundumaa ija hojii hafuuraa horachuuf carraaqqii guddaa gootudha jedheen yaada” jetteetti.—Galaatiyaa 5:22, 23.

Taʼus, namni tokko ilaalcha hafuuraa qabaachuuf dirqama gaaʼela godhachuu qaba jechuu miti. Macaafni Qulqulluun, namni hundi waaʼee Waaqayyoo barachuufi fakkeenyasaa hordofuuf itti gaafatamummaa akka qabu barsiisa.—Hojii Ergamootaa 17:26, 27.

Hiriyoonni Gaaʼelaa Nama Hafuraa Taʼuuf Carraaquu Kan Qaban Maaliifi?

Hiriyoonni gaaʼelaa nama hafuuraa taʼuuf waliin carraaquu kan qaban maaliifi? Mee fakkeenya kana hubadhu: Namoonni lama lafa qabeenya lamaansaanii taʼerratti kuduraalee oomishuu barbaadan haa jennu. Inni tokko yeroo murtaaʼe tokkotti dhaabuu kan barbaade siʼa taʼu, inni kaan garuu yeroo garabiraa dhaabuuf murteesse. Inni tokko xaaʼootti fayyadamuu kan barbaadu siʼa taʼu, inni kaan garuu kuduraaleen xaaʼoo hin barbaadan jedhee yaaduudhaan cimsee isa morme. Inni tokko guyyaa hunda dhamaʼee maasii sana keessa hojjechuu barbaada. Inni kaan garuu hojjechuurra harka maratee taaʼa. Bakki ashaakiltii fakkeenya kana keessatti ibsame hamma tokko oomisha kennuu kan dandaʼu taʼus, hamma utuu namoonni kun wanta hojjetanirratti walii galaniifi galmasaaniirra gaʼuuf tokkummaadhaan hojjetanii argamsiisuu dandaʼu hin kennu.

Haati manaafi abbaan manaa namoota kana lamaanitti fakkeeffamuu dandaʼu. Hiriyaan gaaʼelaa inni tokkollee nama hafuuraa taʼuuf kan carraaqu yoo taʼe, hariiroon isaan gidduu jiru hamma tokko ni fooyyaʼa. (1 Phexros 3:1, 2) Taʼus hiriyoonni gaaʼelaa lamaan ulaagaalee Waaqayyoo wajjin haala walsimuun yoo jiraataniifi Yihowaa waliin tajaajiluuf carraaqqii godhanirratti yoo wal deggeran faayidaa kana caalu argamsiisaaf! Solomoon Mootichi inni ogeessa ture, “Lama taʼuun kophaa taʼuu irra in wayya” jedhee barreesseera. Maaliif? Sababiinsaa ‘wanti lama taʼanii itti dadhabanii hojjetan gatii gaarii qaba. Inni tokko yoo kufe, hidhanni isaa lafaa isa in kaasa.ʼ—Lallaba 4:9, 10.

Atis hiriyaa gaaʼelaakee wajjin nama hafuuraa taʼuuf akka hawwitu hin shakkisiisu. Akkuma fakkeenya olitti ibsamee garuu, hawwii qabaachuun qofti buʼaa hin argamsiisu. Mee rakkina si mudachuu dandaʼu lamaafi karaa itti rakkina kana hiikuu dandeessu ilaali.

RAKKOO 1: Yeroo argachuu hin dandeenye. Suu isheen dhiheenya gaaʼela godhatte akkas jetti: “Abbaan manaakoo bakka hojiidhaa galgala keessaa saʼaatii 1:00⁠tti dhufee na fuudha. Yeroo mana geenyu, hojiin mana keessaa hundi nu eeggata. Sammuun keenyaafi qaamni keenya qabsoo godhu; jechuunis sammuun keenya waliin waaʼee Waaqayyoo barachuu akka qabnu kan nu yaadachiisu taʼus, qaamni keenya boqonnaa argachuuf hawwa.”

Yaada furmaataa: Haala keessan wanta isin mudatee wajjin walsimsiisuufi wal deggeruuf carraaqqii godhaa. Suun akkas jetti: “Aniifi abbaan manaakoo ganama kaanee gara hojii dhaquu keenya dura kutaa Macaafa Qulqulluu guyyaa sanaaf ramadame dubbisuufi irratti mariʼachuuf murteessine. Abbaan manaakoo yeroo waliin dabarsinu akkan argadhuuf hojii mana keessaa tokko tokko na gargaara.” Carraaqqii dabalataa kana gochuunsaanii buʼaa akkamii isaaniif argamsiiseera? Eed inni abbaa manaa Suu taʼe akkas jedha: “Aniifi Suun waaʼee hafuuraa yeroo waliin mariʼannu hundatti, rakkoo nu mudatu akka gaariitti akka hiiknu, akkasumas wanta nu yaaddessu akka hirʼisnu hubadheera.”

Waliin haasaʼuu malees, guyyaa keessatti daqiiqaa muraasaaf waliin kadhannaa dhiheessuun keessan baayʼee barbaachisaadha. Kunoo isin gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Raayan inni erga gaaʼela godhatee waggaa 16 taʼe akkas jedha: “Yeroo muraasa dura, hariiroon anaafi haadha manaakoo gidduu jiru baayʼee rakkisaa taʼee ture. Haataʼu malee yeroo hundumaa galgala wanta nu yaaddessu kadhannaadhaan Waaqayyotti himanna turre. Waliin kadhachuun rakkoo nu mudate hiikuufi gaaʼela keenya gammachiisaa gochuuf akka nu gargaare natti dhagaʼama.”

AKKAS GOCHUUF YAALI: Yeroo hunda galgala galgala wanta isin gammachiiseefi Waaqayyoon akka galateeffatan isin godhurratti daqiiqaa muraasaaf irratti mariʼachuuf yeroo ramadaa. Rakkina isin mudatuufi gargaarsa Waaqayyootiin moʼuu dandeessanirrattis waliin mariʼadhaa. Hubachiisa: Yeroo kanatti dogoggora hiriyaa gaaʼelaa keessanii dubbachuuf itti hin fayyadaminaa. Kanaa mannaa, yeroo waliin kadhattan dhimma lamaan keessaniyyuu irratti hojjechuu qabdan qofa caqasaa. Haala kadhannaa keessanii wajjin walsimuunis tarkaanfii fudhachuuf carraaqqii cimaa godha.

RAKKOO 2: Dandeettiin keenya garaagaradha. Tooniin, “Gad taaʼee kitaaba dubbisuun matumaa na rakkisa” jedha. Haati manaasaa Naataaliin akkas jetti: “Dubbisuu nan jaalladha; wantan dubbise namatti himuunis baayʼee na gammachiisa. Al tokko tokko Tooniin yaada Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe yeroo waliin mariʼannu hamma tokko kan sodaatu natti fakkaata.”

Yaada furmaataa: Wal deggeraa malee wal hin morkatinaa ykn walitti hin faradinaa. Cimina hiriyaan gaaʼelaa keessan qabu caqasuudhaan jajjabeessaa. Tooniin akkas jedha: “Al tokko tokko yaadawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanirratti yeroo mariʼannu haati manaakoo miira hoʼaadhaan kan dubbattu taʼuunshee na sodaachisa; kanaan dura ishee wajjin dhimma hafuuraa kaasee haasaʼuurraa ofan qusadha ture. Taʼus, Naataleen deggersa guddaa anaaf gooti. Amma yeroo hundumaa yaadawwan hafuuraarratti kan waliin mariʼannu siʼa taʼu, wanti na sodaachisu tokkoyyuu akka hin jirre hubadheera. Yaadawwan hafuuraa kanarratti ishee wajjin haasaʼuun na gammachiisa. Hiriyoota gaaʼelaa caalaatti tasgabbiifi nagaa qaban akka taanu nu gargaareera.”

Hiriyoonni gaaʼelaa hedduun, torban torbaniin Macaafa Qulqulluu waliin dubbisuufi qayyabachuuf yeroo ramaduunsaanii gaaʼelasaanii akka isaaniif fooyyesse hubataniiru. Hubachiisa: Yeroo gorsa Caaffata Qulqullaaʼoorratti mariʼattan hiriyaa gaaʼelaa keessan utuu hin taʼin, ofii keessanii akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessan dubbadhaa. (Galaatiyaa 6:4) Rakkina gaaʼela keessatti isin mudatan yeroo qayyabannaa gootanitti utuu hin taʼin yeroo kan biraa irratti mariʼadhaa. Maaliif?

Mee kana yaadi: Utuu maatiikee wajjin nyaata nyaachaa jirtuu, qaama garmalee madaaʼe ni qulqulleessitaa? Akkas akka hin goone beekamaadha. Akkas kan gootu yoo taʼe maatiikee fedhii isaan nyaataaf qaban cufta. Yesus waaʼee Waaqayyoo barachuufi jaalala Abbaasaa raawwachuu nyaataa wajjin wal fakkeesseera. (Maatewos 4:4; Yohannis 4:34) Yeruma Macaafni Qulqulluun banamu hundatti waaʼee madaa miiraakee kan dubbattu taanaan, hiriyaan gaaʼelaakee fedhii nyaata hafuuraa akka dhabu gochuu dandeessa. Rakkina keessanirratti mariʼachuu akka isin barbaachisu beekamaadha. Haataʼu malee, yeroo kaayyoo kanaaf ramadametti dhimmicharratti mariʼadhaa.—Fakkeenya 10:19; 15:23.

AKKAS GOCHUUF YAALI: Amala hiriyaa gaaʼelaakee caalaatti dinqisiifattu lama ykn sadii barreessi. Dhimma hafuuraa amala sanaa wajjin wal qabate yeroo waliin mariʼattanittis, akkaataa hiriyaan gaaʼelaakee amala kana itti argisiisu hangam akka dinqisiifattu itti himi.

Waanuma Facaaftan Galfattu

Akka abbaa manaafi haadha manaatti nama hafuuraa taʼuuf yoo waliin facaastan ykn carraaqqii yoo gootan, yeroo booda caalaatti nagaafi eebba galfattu. Dubbiin Waaqayyoo, “Namni tokko waanuma facaafate galfata” jedha.—Galaatiyaa 6:7.

Fireediriikiifi Liyaan, warri jalqaba mataduree kana keessatti caqasaman, dhugaa seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu barataniiru. Erga gaaʼela godhatanii waggoonni 45 darbaniiru; waliin nama hafuuraa taʼuuf carraaqqii walirraa hin cinne gochuunsaanii faayidaa guddaa akka qabu hubataniiru. Fireediriik, “Yeroo hundumaa haati manaakoo anaa wajjin hin haasoftu jedheen ishee komadha ture. Yeroo booda garuu gama kootiin carraaqqii gochuu akkan qabun hubadhe” jedheera. Liyaanis akkas jetti: “Wanti yeroo rakkisaa taʼe hundatti nu gargaare inni guddaan Yihowaadhaaf jaalala qabaachuu keenyadha. Waggoota kana hundumaa keessatti, yeroo mara waliin qayyabanna, waliin kadhannas turre. Fireediriik amala Kiristiyaanaa calaqqisiisuuf carraaqqii gochaa jiraachuunsaa isa jaallachuun akka natti salphatu godheera.”

[Miiljalee]

^ key. 3 Maqaawwan jijjiiramaniiru.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

▪ Yeroo dhumaatiif kadhannaa kan waliin dhiheessine yoom ture?

▪ Hiriyaan gaaʼelaakoo waaʼee hafuuraa anaa wajjin haasaʼuuf caalaatti fedhii akka qabaatu jajjabeessuuf maal gochuun dandaʼa?