Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seerawwan Waaqayyoo Kan Nu Fayyadan Akkamitti?

Seerawwan Waaqayyoo Kan Nu Fayyadan Akkamitti?

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Seerawwan Waaqayyoo Kan Nu Fayyadan Akkamitti?

Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Waaqayyoof abboomamuu kan qabnu maaliifi?

Waaqayyo Uumaa keenya waan taʼeef isaaf abboomamuu qabna. Yesusiyyuu yeroo hunda Waaqayyoof abboomamaa ture. (Yohannis 6:38; Mulʼata 4:11) Seerawwan Waaqayyoo akka isa jaallannu argisiisuuf carraa nuu banu.—1 Yohannis 5:3 dubbisi.

Seerawwan Yihowaa hundi nu fayyadu. Amma jireenya gaarii akka jiraannu nu barsiisu; gara fuulduraattis eebba barabaraa akkamitti akka argannu nuu ibsu.—Faarfannaa 19:7, 11; Isaayaas 48:17, 18 dubbisi.

2. Seerawwan Waaqayyoo fayyaa keenyaaf kan nu fayyadan akkamitti?

Seerri Waaqayyoo machii dhowwuudhaan dhukkubaafii balaa duʼaatiif saaxilamuurraa nu eega. Alkoolii garmalee dhuguun araada namatti taʼa; gara gocha gadhee raawwachuuttis nama geessa. (Fakkeenya 23:20, 29, 30) Yihowaan dhugaatii alkoolii akka dhugnu heyyamus garmalee dhuguu ni dhowwa.—Faarfannaa 104:15; 1 Qorontos 6:10 dubbisi.

Kana malees Yihowaan, hinaaffaa, aarii toʼannaadhaa ala taʼeefi amalawwan nama miidhan garabiraa ilaachisee akeekkachiisa nuuf kenneera. Hammuma gorsasaa hojiirra oolchine, haalli fayyaa keenyaas gaarii taʼaa deema.—Fakkeenya 14:30; 22:24, 25 dubbisi.

3. Seerri Waaqayyoo kan nu eegu akkamitti?

Seerri Waaqayyoo saalqunnamtii gaaʼelaan ala raawwatamu ni dhowwa. (Ibroota 13:4) Hiriyoonni gaaʼelaa seera kana hordofuunsaanii tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamu godha; ijoolleensaaniis haala gaarii keessatti akka guddatan carraa isaaniif bana. Karaa biraammoo, saalqunnamtiin gaaʼelaan ala raawwatamu yeroo baayʼee, dhukkubaan qabamuu, wal hiikuu, hammeenyaafi jeequmsa miiraa geessisa, akkasumas ijoolleen abbaa ykn haadhaan qofa akka guddatan godha.—Fakkeenya 5:1-9 dubbisi.

Haala gaaʼelaan ala saalqunnamtii akka raawwannu nu godhurraa fagaachuudhaan, hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu eegna. Warra kaan miidhuurraas of qusanna.—1 Tasaloniiqee 4:3-6 dubbisi.

4. Jireenyaaf ulfina kennuun kan nu fayyadu akkamitti?

Namoonni jireenya Waaqayyo kenneef ulfina qaban, araada tamboo xuuxuufi araada lubbuu namaa balaadhaaf saaxilan kaan yeroo dhiisanitti faayidaa haalli fayyaa gaariin argamsiisu argatu. (2 Qorontos 7:1) Waaqayyo lubbuu mucaa gadameessa keessa jiruufillee bakka guddaa kenna. (Baʼuu 21:22, 23) Kanaaf taʼe jennee mucaa gadameessa keessa jiru ajjeesuu hin qabnu. Akkasumas, namoonni jireenyaaf ilaalcha akka Waaqayyoo qaban bakka hojiitii, mana keessattiifi konkolaataa wajjin haala wal qabateen of eeggannoo godhu. (Keessa Deebii 22:8) Kana malees, lubbuun kennaa Waaqayyo biraa argame waan taʼeef ispoortii balaadhaaf nama saaxilu hin hojjetan.—Faarfannaa 36:9 dubbisi.

5. Dhiigni qulqulluu taʼuunsaa kan nu fayyadu akkamitti?

Waaqayyo, dhiigni jireenya ykn lubbuu akka bakka buʼu waan dubbateef, dhiigni qulqulluudha. (Uumama 9:3, 4) Seerri Waaqayyoo inni dhiigni jireenyaa wajjin qixxee akka taʼe ibsu faayidaa nuuf argamsiisu qaba. Faayidaa maalii argamsiisa? Dhiifama cubbuu nuuf argamsiisa.—Lewwoota 17:11-13; Ibroota 9:22 dubbisi.

Keessumaa dhiigni Yesus isa cubbuurraa walaba ture gatii guddaa qaba. Yesus wanta jireenyasaa bakka buʼu jechuunis dhiigasaa Waaqayyoof dhiheesseera. (Ibroota 9:12) Dhiignisaa inni dhangalaʼe jireenya barabaraa akka argannu karaa nuuf baneera.—Maatewos 26:28; Yohannis 3:16 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 12⁠fi 13 ilaali.