Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abbootiin Ilmaansaaniitti Caalaatti Dhihaachuu Kan Dandaʼan Akkamitti?

Abbootiin Ilmaansaaniitti Caalaatti Dhihaachuu Kan Dandaʼan Akkamitti?

Abbootiin Ilmaansaaniitti Caalaatti Dhihaachuu Kan Dandaʼan Akkamitti?

“ABBAYYE kana hundumaa akkamitti beekuu dandeesse?” Ilmikee dinqisiifannaadhaan akkas jedhee si gaafatee beekaa? Yeroo kanatti abbaa taʼuu keetiin koorri sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Ilmikee gorsa gaarii ati kenniteef hojiirra oolchuudhaan faayidaa yeroo argatus, caalaatti garaankee gammachuu guddaadhaan akka guutamu beekamaadha. *Fakkeenya 23:15, 24.

Ilmikee guddachaa ennaa deemu dinqisiifannaa inni siif qabu akkuma isa duraatii? Moo waggoonni darbaa ennaa deeman ilaalchi inni siif qabu hirʼachaa jira? Ilmikee guddachaa ennaa deemutti hariiroon keessan caalaatti jabaachaa akka deemu gochuu kan dandeessu akkamitti? Mee jalqaba rakkina abbootii mudatu tokko tokko haa ilaallu.

Rakkoowwan Beekamoo Taʼan Sadii

1. YEROO DHABUU: Biyyoota hedduutti wanta maatiif barbaachisu irra jireessaan kan dhiheessan abbootiidha. Yeroo baayʼee hojiinsaanii guyyaa guutuu qeʼeerraa kan isaan fageessudha. Biyyoota tokko tokkottimmoo abbootiin yeroon isaan ijoolleesaanii wajjin dabarsan baayʼee muraasa taʼuunsaa kan nama dhibudha. Fakkeenyaaf qorannoon dhiheenya Faransaayitti geggeeffame, biyyichatti abbootiin guyyaatti ijoolleesaanii kunuunsuuf giddu galeessaan daqiiqaa 12 gad akka dabarsan ibseera.

WANTOOTA IRRATTI YAADAMUU QABAN: Ilmakee wajjin yeroo hangamii dabarsita? Torban tokko ykn lamaaf guyyaa guyyaan yeroo hangamii akka isaa wajjin dabarsitu waraqaarratti barreessuuf yaali. Saʼaatii ilmakee wajjin dabarsitu yommuu hubattu akka ajaaʼibsiifattu beekamaadha.

2. FAKKEENYA GAARII DHABUU: Dhiironni tokko tokko abbootiisaanii wajjin hamma kanaatti kan walitti hin dhihaanne turan. Jeen Maariin Faransaay keessa kan jiraatu yommuu taʼu, “Aniifi abbaankoo walitti dhiheenya cimaa hin qabnu turre” jedheera. Kun dhiibbaa akkamii isarratti geessise? Akkas jedha: “Rakkina ani matumaa yaadee hin beekne narraan geessiseera. Fakkeenyaaf, ilmaankoo wajjin akka gaariitti mariʼachuu akkan hin dandeenye na godheera.” Warri tokko tokkommoo abbootiisaanii akka gaariitti kan beekan taʼus, walitti dhufeenya gaarii hin qaban. Filiippi inni umrii waggaa 43, “Abbaankoo akka na jaallatu natti himuun isatti ulfaata ture. Kanaan kan kaʼe, ani ilmakoo akkan jaalladhu argisiisuuf carraaqqii guddaa gochuun na barbaachiseera” jedheera.

WANTOOTA IRRATTI YAADAMUU QABAN: Walitti dhufeenyi ati abbaakee wajjin qabdu akkaataa itti ilmakee qabdurratti dhiibbaa akka qabu sitti dhagaʼamaa? Gaariis taʼe gadhee fakkeenya abbaakee hordofaa akka jirtuhoo sitti dhagaʼamaa? Taanaan akkamitti?

3. GORSA GAARII ARGACHUU DHABUU: Aadaa tokko tokko keessatti gaʼee abbaan ijoollee guddisuurratti qabu akka laayyootti ilaalama. Luukaa inni biyya Baha Awurooppaa tokko, “Namoonni naannoo ani guddadhe keessatti argaman ijoollee kunuunsuun hojii haadha manaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama” jedheera. Aadaa kaan keessattimmoo abbootiin seera itti cimsanii ijoollee adabuudhaan ala mana keessatti gaʼeesaanii akka raawwatan irraa hin eegamu. Fakkeenyaaf, Joorji biyya Afriikaatti argamtu tokko keessatti kan guddate ennaa taʼu, “Aadaa koo keessatti ijoollee wajjin taphachuun kabaja nama dhabsiisa jedhamee waan sodaatamuuf, abbootiin ijoolleesaanii wajjin hin taphatan. Kanaaf ilmakoo wajjin taphachuun yeroo hunda na rakkisa” jedheera.

WANTOOTA IRRATTI YAADAMUU QABAN: Naannoo keetti abbootiin gaʼee akkamii akka raawwatan irraa eegama? Ijoollee guddisuun gaʼee dubartootaa akka taʼetti yaadamaa? Abbootiin jaalala ilmaansaaniitiif qaban akka ibsan jajjabeeffamumoo, akkas gochuun sirrii akka hin taanetti ilaalama?

Rakkoowwan olitti caqasaman keessaa tokko ykn isaa ol si mudachaa jira taanaan, ilmakee wajjin akka gaariitti walitti siquu kan dandeessu akkamitti? Mee qabxiiwwan armaan gad jiran hubadhu.

Ilmikee Xinnoo Taʼee Yommuu Jirutti Jalqabi

Ijoolleen dhiiraa abbaasaanii fakkaachuuf fedhii waan qaban fakkaata. Kanaaf, ilmikee xinnoo taʼee yommuu jirutti fakkeenya isaaf taʼuuf carraaqqii godhi. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Yeroo isaa wajjin dabarsitu argachuu kan dandeessuhoo akkamitti?

Carraa argatte hundatti, ilmikee sochii guyyaa guyyaan gooturratti sii wajjin akka hirmaatu godhi. Fakkeenyaaf, hojii mana keessaa yommuu hojjettu akka si gargaru godhi. Mana qulqulleessita taanaan, harataa xinnoo; lafa soqaa jirta taanaanimmoo gasoo xinnoo kenniif. Ilmikee si fakkaachuu waan barbaaduuf sii wajjin taʼuunsaa akka isa gammachiisu hin shakkisiisu! Yommuu ilmakee wajjin hojjettu, hojicha daftee akka hin xumurre si gochuu dandaʼus, haalli kun caalaatti akka walitti dhihaattaniifi hojii ilaalchisee naamusa gaarii akka qabaatu isa leenjisuuf si gargaara. Macaafni Qulqulluun baroota dheeraa dura, abbootiin sochii guyyaa guyyaan godhanirratti ijoolleesaanii wajjin akka hirmaataniifi carraa kanatti fayyadamaniis akka waliin haasaʼan, akkasumas akka isaan barsiisan jajjabeessee ture. (Keessa Deebii 6:6-9) Gorsi kun yeroo harʼaattis ni hojjeta.

Ilmakee wajjin hojjechuu qofa utuu hin taʼin, waliin taphachuufis yeroo ramadi. Taphni waliin bohaaruuf carraa argamsiisuu caalaa gaʼee guddaa raawwatu qaba. Qorannoon geggeeffame akka argisiisutti, abbootiin ijoolleesaanii wajjin yommuu taphatan, ijoolleensaanii wanta haaraa taʼe hojjechuuf kakaʼumsaafi ija jabina akka qabaatan gargaara.

Abbaafi ilmi waliin taphachuunsaanii faayidaa kana caalu garabiraas qaba. Qorataan Miishel Feez jedhaman, “Ilmi tokko abbaasaa wajjin akka gaariitti haasaʼuu kan dandaʼu yeroo waliin taphatanittidha” jedhaniiru. Yeroo waliin taphatan, abbaan ilmasaa akka jaallatu jechaanis taʼe gochaan argisiisuu dandaʼa. Akkas gochuudhaan jaalala argisiisuu akkamitti akka dandaʼu ilmasaa barsiisa. Abbaan Andiree jedhamuufi Jarman jiraatu tokko, “Ilmikoo xinnoo yommuu turetti yeroo baayʼee waliin taphanna turre. Isan hammadha; innis akka na jaallatu naa ibsu barateera” jedheera.

Yeroon irribaa carraa garabiraa abbaan tokko jaalala ilmasaatiif qabu itti ibsuufidha. Rafuusaa dura yeroo hunda seenaa tokko dubbisiif; gammachuu guyyaa sana argateefi rakkina isa mudate yommuu dubbatu dhaggeeffadhu. Akkas kan gootu taanaan, ilmikee guddachaa ennaa deemus sii wajjin haasaʼuun isatti hin ulfaatu.

Wanta Isin Gammachiisurratti Waliin Hirmaachuu Keessan Itti Fufaa

Ijoolleen dhiiraa umrii waggoota kurnanii keessatti argaman tokko tokko abbootiisaanii wajjin haasaʼuu waan hin barbaanne fakkaachuu dandaʼu. Ilmikee yommuu ati gaaffii dhiheessituuf deebii kan sii hin kennine fakkaatus, matumaa sii wajjin haasaʼuu akka hin barbaanne gootee hin fudhatin. Haala itti isaa wajjin haasoftu yoo jijjiirte waan garaasaa sii wajjin haasaʼuuf caalaatti fedhii qabaachuu dandaʼa taʼa.

Abbaan Jaak jedhamuufi Faransaay keessa jiraatu ilmasaa Jeroom wajjin haasaʼuun yeroo tokko tokko isa rakkisa ture. Haataʼu malee ilmisaa dirqiidhaan akka isaa wajjin dubbatu gochuu mannaa, akkaataa itti isatti dhihaatu jijjiiruudhaan kubbaa miillaa wajjin taphata ture. Jaak akkas jedha: “Yeroo hunda erga taphannee booda margarra teenya. Yeroo kanatti siʼa baayʼee ilmikoo waan garaasaa natti hima. Kophaa keenya taanee yeroo waliin dabarsuun, hariiroo addaa akka qabaannu godheera.”

Ilmikee ispoortii hin jaallatu yoo taʼehoo? Andireen inni amma ilmisaa guddate ennaa xinnoo turetti, yeroo itti isaa wajjin urjiiwwan ilaalaa turan akka gaariitti yaadata. Akkas jedha: “Galgala galgala barcuma ala baafannee, uffata hoʼa kennu uffachuudhaan shaahii dhugaa qilleensa qorru keessa teenyee samii ilaalla. Yeroo kanatti waaʼee Isa urjii uumeefi waaʼee dhimma dhuunfaas ni haasofna. Dimshaashumatti waanuma hundumaa waliin haasofna jechuun ni dandaʼama.”—Isaayaas 40:25, 26.

Wantoota ilmikee jaallatu keessaa kan sitti hin tolle yoo jiraatanoo maal goota? Yeroo akkasiitti filannoo dhuunfaakee aarsaa gochuuf dirqamta taʼa. (Filiphisiiyus 2:4) Iyaan inni Afriikaa Kibbaa keessa jiraatu akkas jedha: “Ani ispoortii baayʼeen jaalladha. Ilmikoo Voon garuu xiyyaaraafi kompiitara jaallata. Kanaaf wantoota inni jaallatu jaallachuuf carraaqqii gochuun eegale; bakka doʼiin agarsiisa xiyyaaraa godhamutti isa geessuufi tapha kompiitaraa xiyyaarri ennaa balaliʼu argisiisu wajjin taphachuun jalqabe. Sochii gammachiisaa akkasiirratti waliin hirmaachuu keenyaan, Voon sodaa malee garaasaarraa naa wajjin akka haasaʼu akka isa godhe natti dhagaʼama.”

Amanannaa Ofirratti Qabu Akka Guddifatu Godhi

“Abbayye, kana ilaali! Kana ilaali!” Ilmikee wanta haaraa taʼe tokko yommuu hojjetu akkas siin jedhee beekaa? Umrii waggoota kurnanii keessa jira yoo taʼe, ammayyuu wanta inni hojjete akka ati ilaaltuuf si gaafataa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo guddatu ofiisaatiif ilaalcha gaarii akka qabaatu yoo barbaadde garuu, dinqisiifannaa isaaf qabdu ibsuufii qabda.

Mee Yihowaan walitti dhufeenya ilmaansaa keessaa isa tokkoo wajjin qabuun fakkeenya akkamii akka taʼe hubadhu. Yommuu Yesus jireenyasaa isa lafaarratti sochii addaa jalqabuuf jedhe, Waaqayyo, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhee jaalala isaaf qabu ifatti dubbateera. (Maatewos 3:17; 5:48) Ilmakee adabuufi barsiisuuf itti gaafatamummaan akka sirra jiru beekamaadha. (Efesoon 6:4) Taʼus, wanta gaarii inni dubbatuufi raawwatuuf carraa argattetti isa ni dinqisiifattaa?

Dhiironni tokko tokko dinqisiifannaafi jaalala qaban ibsuun isaan rakkisa. Namoonni akkasii maatii warrisaanii wanta gaarii hojjetamerratti utuu hin taʼin, dogoggorarratti xiyyeeffatan keessatti guddatan taʼa. Maatii akkasii keessatti guddatte taanaan, ilmikee ofitti amantaa akka qabaatu isa gargaaruuf carraaqqii guddaa gochuu qabda. Haataʼu malee kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Luukaan inni olitti caqasame, ilmasaa Maanuweel jedhamuufi umriinsaa waggaa 15 taʼee wajjin yeroo hunda hojii mana keessaa waliin hojjetu. Luukaan akkas jedha: “Yeroo tokko tokko Maanuweel hojii tokko ofumasaatiin akka jalqabun godha; gargaarsa yoo barbaades akka na waamun itti hima. Innis yeroo baayʼee, hojicha ofumasaatiin raawwata. Hojiisaa akka gaariitti raawwachuunsaa isa gammachiisa, amanannaa ofirratti qabus isaaf cimseera. Yommuu inni hojiisaa raawwatu isan galateeffadha. Hojicha akka yaadetti hin raawwatin ennaa hafuttis carraaqqii inni godheef isan galateeffadha.”

Karaan ilmikee amanannaa ofirratti qabu akka jabeeffatu itti gochuu dandeessu garabiraan, galmawwan gurguddaarraa akka gaʼu isa gargaaruudha. Yeroo ati yaadde keessatti galma kanarra gaʼuu yoo dadhabehoo? Yookiin galmi inni baafate gadhee taʼuu baatus, isa ati filtuufirraa adda yoo taʼe maal goota? Yeroo kanatti wanta isarraa eegdu ilaalchisee deebitee irratti yaaduu qabda. Jaak inni olitti caqasame akkas jedha: “Ilmikoo galma irra gaʼamuu dandaʼu akka baafatu isa gargaaruufan yaala. Taʼus galma ofiin baafate akka taʼetti malee, galmakoo akka taʼetti godhee akka hin yaanne gochuufan carraaqa. Galmasaarra gaʼuuf carraaqqii yommuu godhuttis saffisa isaaf dandaʼameen kan adeemu taʼuusaa yaadachuufan yaala.” Ilmikee yommuu dubbatu kan dhaggeeffattu, cimina inni argisiisuuf kan isa galateeffattuufi dadhabinasaa akka moʼu kan isa jajjabeessitu yoo taʼe, galmasaarra akka gaʼu isa gargaaraa jirta jechuudha.

Lamaan keessan gidduutti walitti buʼiinsiifi rakkinni uumamuu akka dandaʼu beekamaadha. Taʼus yeroo booda ilmikee walitti dhufeenyi keessan akka itti fufu barbaaduunsaa hin oolu. Hunda caalaa nama waan gaariirra akka gaʼu isa gargaarutti dhihaachuu kan hin barbaanne jiraa?

[Miiljalee]

^ key. 2 Matadureen kun walitti dhiheenya addaa abbaafi ilma gidduu jiru kan ibsu taʼus, seerri buʼuuraasaa hariiroo abbaafi intala gidduu jirurrattis ni hojjeta.