Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Hubannaa Ofii Keetiitti Hin Hirkatin!”

“Hubannaa Ofii Keetiitti Hin Hirkatin!”

“Hubannaa Ofii Keetiitti Hin Hirkatin!”

“Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!”—FAK. 3:5.

1, 2. (a) Haalli akkamii nu mudachuu dandaʼa? (b) Yeroo haalli dhiphisaan nu mudatu, yeroo murtoo gochuun nu barbaachisu ykn qorumsa moʼuuf yommuu yaallu eenyuutti amanamuu qabna? Maaliif?

HOGGANAAN Sinteeniyaa * kubbaniyaasaa keessaa muraasa waan cufeef hojjettoota hedduu hojiirraa ariʼeera. Sinteeniyaan ittaansuudhaan hojiirra kan ariʼamu ishee akka taʼe itti dhagaʼama. Haataʼu malee yoo hojiishee dhabde maal gooti? Qarshii baasiishee kaffaluuf barbaachisu argachuu kan dandeessu akkamitti? Obboleettiin Paameelaa jedhamtu bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqxee tajaajiluu barbaaddi; garuu dhaquumoo dhiisuu qabdi? Dargageessi Saamuʼel jedhamummoo wanta isa yaaddessu kan biraa qaba. Umrii ijoollummaarra utuu jiruu fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluuf saaxilameera. Amma umrii waggoota 20mmannii keessatti kan argamu siʼa taʼu, amala sanatti deebiʼuuf baayʼee qorama. Dhiibbaa kana moʼuu kan dandaʼu akkamitti?

2 Isinoo haalli nama dhiphisu yeroo isin mudatu, murtoo gurguddaa gochuun yommuu isin barbaachisu ykn qorumsa moʼuuf yommuu yaaltan eenyuutti amanamtu? Ofitti amanamtumoo, ‘wanta yaada isinitti taʼu Waaqayyotti gattanii dhiistu?’ (Far. 55:22) Macaafni Qulqulluun, “Iji Waaqayyoo gara warra qajeelotaa in ilaala, gurri isaas gara iyya isaanii in dhaggeeffata” jedha. (Far. 34:15) Kanaaf, hubannaa keenyatti hirkachuu mannaa, garaa keenya guutuu Yihowaatti amanamuun keenya baayʼee barbaachisaadha!—Fak. 3:5.

3. (a) Yihowaatti amanamuun maalfaa dabalata? (b) Namoonni tokko tokko hubannaasaaniitti kan amanaman maaliif taʼuu dandaʼa?

3 Garaa guutuudhaan Yihowaatti amanamuun, karaa fedhasaa wajjin walsimuun waa raawwachuu dabalata. Karaan kana itti gochuu dandeenyu inni guddaan, kadhannaadhaan isatti dhihaachuufi qajeelfamasaa akka nuu kennu isa gaafachuu keenya itti fufuudha. Haataʼu malee, namoota hedduudhaaf garaa guutuudhaan Yihowaatti amanamuun rakkisaadha. Fakkeenyaaf obboleettiin Liin jedhamtu, “Garaa guutuudhaan Yihowaatti amanamuun qabsoo walirraa hin cinne gochuu na gaafateera” jechuudhaan dhugaasaa dubbatteetti. Maaliif? Akkas jetti: “Abbaakoo wajjin walitti dhufeenya kanan hin qabne taʼuu koorrayyuu, haatikoos karaa miiraafi karaa qaamaa kunuunsa naaf hin gootu turte. Kanaaf waaʼee mataakoo yaaduu kanan jalqabe ijoollummaa kootii kaaseeti.” Akkaataan guddinaa Liin, eenyuttiyyuu guutummaatti amanamuun rakkisaa akka isheetti taʼu godheera. Dandeettiin namni tokko qabuufi milkaaʼinni inni argates, ofitti akka amanamu isa gochuu dandaʼa. Jaarsi gumii muuxannoo qabutti amanamu tokko, dhimmawwan gumii wajjin wal qabatan ilaalchisee Waaqayyootti kadhannaa utuu hin dhiheessin hiikuuf yaaluu jalqabuu dandaʼa.

4. Mataduree kana keessatti maalirratti mariʼanna?

4 Yihowaan kadhannaa akka goonuufi fedhasaa wajjin haala walsimuun jiraachuuf carraaqqii cimaa akka goonu barbaada. Maarree, wanta yaaddoo nutti taʼu Yihowaarratti gatuu kan qabnu yoom akka taʼeefi rakkina ulfaataa nu mudate ofuma keenyaan hiikuuf carraaqqii gochuu kan qabnu yoom akka taʼe beekuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo murtoo goonu of eeggannoo akkamii gochuu qabna? Qorumsa nu mudate moʼuuf yeroo carraaqnutti kadhannaa gochuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Fakkeenyawwan Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼuudhaan gaaffiiwwan kanarratti mariʼanna.

Yeroo Haalli Dhiphisaan Nu Mudatu

5, 6. Hisqiyaas yeroo mootiin Asor isa doorsisetti maal godhe?

5 Hisqiyaas Mooticha Yihudaa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun, “Inni Waaqayyoof amanamee in jiraate, isaaf amanamuu isaa irraas hin kufne; abboommii Waaqayyo Museetti kennes in eege” jedha. Eeyyee inni, ‘Waaqayyoon goofticha Israaʼel amanateera.’ (2 Mot. 18:5, 6) Senaaheriib Mootiin Asor, Rabshaaqee dabalatee bakka buutotasaafi loltoota hedduu Yerusaalemitti yeroo erge Hisqiyaas maal godhee ture? Loltoonni Asor humna guddaa qaban mandaroota Yihudaa dallaawwaniin marfaman hedduu qabatanii turan; ammammoo Senaaheriib ijasaa Yerusaalemirra buufateera. Hisqiyaas yeroo kanatti gara mana qulqullummaa Yihowaa dhaqee, “Yaa Waaqayyo, mootummoonni lafa irraa hundinuu Waaqayyo gooftaan si duwwaa akka taʼe akka beekanitti, harka isaanii jala galuu ati akka nu oolchitu si kadhanna” jedhee kadhate.—2 Mot. 19:14-19.

6 Hisqiyaas haala kadhannaasaa wajjin walsimuun tarkaanfii fudhateera. Kadhannaadhaaf mana qulqullummaa dhaquusaa durayyuu, doorsisa Rabshaaqeetiif deebii akka hin kennine Israaʼeloota abboomee ture. Hisqiyaas, Isaayaas raajichatti namoota erguudhaanis gorsa isa gaafatee ture. (2 Mot. 18:36; 19:1, 2) Tarkaanfii sirrii fudhachuu dandaʼus fudhateera. Yeroo kanatti, haala fedha Yihowaa wajjin wal faallessuun Gibxii ykn saboota ollaa jiranirraa gargaarsa gaafachuuf yaalii hin goone. Hisqiyaas hubannaasaatti utuu hin taʼin Yihowaatti amanameera. Ergamaan Yihowaa loltoota Senaaheriib 185,000 erga ajjeesee booda, Senaaheriib gara biyyasaa Nanawweetti “deebiʼe.”—2 Mot. 19:35, 36.

7. Kadhannaa Haannaafi Yoonaas dhiheessanirraa jajjabina akkamii argachuu dandeenya?

7 Haadha manaa Elqaanaa kan taate Haannaanis, yeroo dhabduu taʼuusheetiin gadditee turtetti Yihowaatti amanamteetti. (1 Sam. 1:9-11, 18) Akkasumas Yoonaas raajichi garaa qurxummii keessaa kan baʼe erga akkas jedhee kadhatee booda ture: “Yaa Waaqayyo, ani rakkina koo keessatti si nan waammadhe, ati yommus ana jalaa in owwaatte; garaa iddoo lafa jalaa keessaa sitti nan iyyadhe, ati immoo sagalee koo anaaf in dhageesse.” (Yon. 2:1, 3, 10) Haalli keessa jiru hangam dhiphisaa taʼuyyuu, “himata” keenya Yihowaatti dhiheessuu akka dandeenyu beekuun baayʼee kan nama jajjabeessudha!—Faarfannaa 55:1, 16 dubbisi.

8, 9. Kadhannaan Hisqiyaas, Haannaafi Yoonaas dhiheessan wanta isaan yaaddessu ilaalchisee maal argisiisa? Nutoo kanarraa barumsa akkamii arganna?

8 Kana malees, fakkeenyi Hisqiyaas, Haannaafi Yoonaas haala dhiphisaa keessa jirruun kan kaʼe yeroo kadhannaa dhiheessuuf dirqamnutti, wanta barbaachisaa dagachuu hin qabne tokko nu barsiisa. Sadanuu haala rakkisaa keessa yeroo turanitti baayʼee gaddaniiru. Taʼus, kadhannaansaanii waaʼee ofiisaanii kan dhiphataniifi rakkinasaanii keessaa baʼuuf qofa kan yaadan akka hin turre argisiisa. Wanti hunda caalaa isaan yaaddessu maqaa Waaqayyoo, waaqeffannaasaafi fedhasaa raawwachuu ture. Hisqiyaas maqaan Yihowaa arrabsamuusaatti baayʼee gaddee ture. Haannaanis ilma argachuuf hawwite sana, mana qulqullummaa isa Shiiloo jirutti akka tajaajilu kennuuf waadaa galtee turte. Akkasumas Yoonaas, “Wanta ani wareeges nan baasa” jedheera.—Yon. 2:10.

9 Haala rakkisaa keessaa baʼuuf yeroo kadhannaa dhiheessinu, wanta kadhannaa sana dhiheessuuf nu kakaase qoruun keenya baayʼee gaariidha. Maarree rakkina keenya keessaa baʼuu qofa yaannamoo, Yihowaaniifi kaayyoonsaas nu yaaddessa? Rakkinni nurra gaʼu haala keenyarratti qofa akka xiyyeeffannu gochuudhaan, salphaadhumatti dhimmawwan hafuuraa akka dagannu nu gochuu dandaʼa. Waaqayyo akka nu gargaaru yeroo kadhannu, Yihowaarratti, maqaansaa qulqulluu taʼee eegamuusaarratti, akkasumas olaantummaansaa mirkaneeffamusaarratti haa xiyyeeffannu. Akkas gochuun keenya furmaanni abdanne argamuu baatullee ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaara. Deebiin kadhannaa keenyaaf argannu gargaarsa Waaqayyootiin haala sana dandeenyee akka jiraannu taʼuu dandaʼa.—Isaayaas 40:29; Filiphisiiyus 4:13 dubbisi.

Yeroo Murtoo Goonu

10, 11. Yoshaafaax yeroo haalli rakkisaan inni hiikuu hin dandeenye isa mudatetti maal godhe?

10 Jireenya keessan keessatti murtoo gurguddaa kan gootan akkamitti? Tarii jalqaba murtoo gootanii, achiis murtoo gootan sana Yihowaan akka isiniif eebbisu kadhattuu? Loltoonni Moʼaabotaafi Amoonotaa waliin taʼanii Yoshaafaax mootii Yihudaarratti lola banuu yeroo dhufan maal akka godhe akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yihudaan isaanii wajjin wal loluuf humna hin qabdu turte. Maarree yeroo kanatti Yoshaafaax tarkaanfii akkamii fudhate?

11 Macaafni Qulqulluun, “Yoshaafaax mootichi sodaatee Waaqayyoon kadhachuudhaaf murtoo in godhe” jedha. Guutummaa biyya Yihudaa keessatti soomii kan labse taʼuusaarrayyuu, “Waaqayyo akka isaan gargaaruuf, isa kadhachuudhaaf” namoota walitti qabe. Achiis namoota Yihudaafi Yerusaalem warra walitti qabaman gidduu dhaabatee kadhachuu jalqabe. Kadhannaasaa keessaa muraasni, “Yaa Waaqayyo keenyaa! Ati isaanitti hin faradduu ree? Nuyi waraana danuu isa nu rukutuuf jedhu kana loluuf humna hin qabnu, waan goonus hin beeknu, garuu gargaarsaaf gara kee in ilaalla” kan jedhu ture. Waaqayyo kadhannaa Yoshaafaax dhagaʼee karaa dinqii taʼeen isaan oolcheera. (2 Sen. 20:3-12, 17) Nutoo, keessumaa yeroo murtoo haala hafuuraa keenya tuqu goonutti, hubannaa keenyattimoo Yihowaatti amanamuu qabna?

12, 13. Murtoo gochuu ilaalchisee Daawit Mootichi fakkeenya akkamii taʼa?

12 Rakkinni salphaadhumatti hiikuu dandeenyu fakkaatu yoo nu mudate, tarii kanaan dura haalli akkasii nu mudatee keessa waan darbineef battalumaan furmaata kennuu dandeenya jennee yaannaa? Gama kanaan seenaan Daawit Mootichaa hubannaa argachuuf nu gargaara. Amaaleqoonni mandara Siiqlaag weeraruudhaan, haadhotii manaafi ijoollee Daawit, akkasumas kan namoota isaa wajjin turanii boojiʼanii sokkan. Yeroo kanatti Daawit, “Jarreen saamtota kana hordofee qaqqabuu?” jedhee Yihowaa gaafate. Yihowaanis, “Dhuguma qaqqabdee gad in dhiisiftaatii isaan hordofi!” jedhee deebiseef. Daawitis isaan qaqqabee, “wanta Amaaleqoonni fudhatan hundumaa . . . in deebifate.”—1 Sam. 30:7-9, 18-20.

13 Amaaleqoonni isaan weeraranii yeroo muraasa boodammoo, warri Filisxeem Israaʼeliin loluu dhufan. Daawit ammas Yihowaa gaafatee deebii ifa taʼe argateera. Waaqayyo, “Ani raawwadhee Filisxeemota harka kee keessa buuseeraatii, itti duuli!” jedhe. (2 Sam. 5:18, 19) Utuma baayʼee hin turin, warri Filisxeem ammas Daawitirratti lola banuu dhufan. Yeroo kanatti maal godha laata? ‘Haalli akkasii al lama na mudateera. Akkuman kanaan dura godhe mee kaʼeen diinota Waaqayyootti duula’ jedhee yaadamoo, qajeelfama akka isaaf kennu Waaqayyoon gaafata laata? Daawit muuxannoo kanaan dura qabutti hin amanamne. Yeroo kanattis kadhannaadhaan Yihowaa gaafateera. Akkas gochuusaatiinis gammachuu argatee taʼuu akka qabu hin shakkisiisu! Qajeelfamni inni yeroo kanatti argate garuu adda ture. (2 Sam. 5:22, 23) Haalli ykn rakkinni isa kanaan dura nu mudatee wajjin wal fakkaatu yeroo nu mudatu, muuxannoo kanaan dura qabnu qofatti akka hin amanamne of eeggannoo gochuu qabna.—Ermiyaas 10:23 dubbisi.

14. Wanta Iyaasuufi jaarsoliin Israaʼel warra Giibeʼon wajjin godhanirraa maal barana?

14 Jaarsolii muuxannoo qaban dabalatee, hundi keenya cubbuu kan dhaalle waan taaneef, yeroo murtoo goonu qajeelfama Yihowaa gaafachuurraa duubatti akka hin jenne of eeggannoo gochuu qabna. Namoonni Giibeʼon gamnoota taʼan namoota fagootii dhufan fakkaachuudhaan garasaanii yommuu dhufan, Iyaasuun inni Musee bakka buʼeefi jaarsoliin Israaʼel maal akka godhan ilaalaa. Iyaasuufi jaarsoliin sun, Yihowaa utuu hin gaafatin warra Giibeʼon wajjin nagaadhaan jiraachuuf isaaniif kakatan. Yihowaan booda kakuu isaan godhan kan deggere taʼullee, qajeelfamasaa gaafachuu dhiisuunsaanii sirrii akka hin turree barumsa akka nuu taʼuuf jecha Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti akka galmeeffamu godheera.—Iya. 9:3-6, 14, 15.

Yeroo Qorumsa Moʼuuf Carraaqnu

15. Kadhannaan qorumsa moʼuuf baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ibsi.

15 ‘Seerri cubbuu’ buusaa qaamaa keenya keessa waan jiruuf fedhii cubbuu raawwachuuf qabnuu wajjin qabsoo cimaa gochuu qabna. (Rom. 7:21-25) Taʼus qabsoo kanarratti moʼuu ni dandeenya. Akkamitti? Yesus qorumsa moʼuuf kadhannaan baayʼee barbaachisaa akka taʼe duuka buutotasaatti himeera. (Luqaas 22:40 dubbisi.) Waaqayyootti kadhannaa erga dhiheessinee boodas, fedhiiniifi yaanni gadheen gara sammuu keenyaa dhufee kan nu rakkisu taanaan, ogummaa qorumsa kana moʼuuf nu gargaaru akka nuuf kennu ‘Waaqayyoon kadhachuu’ keenya itti fufuu qabna. Yihowaanis ‘nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan akka kennu’ waadaa nuuf galeera. (Yaq. 1:5) Yaaqoob akkas jedhees barreesseera: “Isin keessaa namni [karaa hafuuraa] dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii waldaa kristiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif. Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa.”—Yaq. 5:14, 15.

16, 17. Qorumsa nurra gaʼu moʼuuf gargaarsa yommuu barbaannu, yoom kadhachuu keenyatu baayʼee gaariidha?

16 Qorumsa nurra gaʼu moʼuurratti kadhannaan barbaachisaa taʼus, yeroo sirrii taʼetti kadhannaa gochuu akka qabnu hubachuu qabna. Dargaggeessa Fakkeenya boqonnaa 7:6-23⁠rratti caqasame akka fakkeenyaatti ilaalaa. Gara dimimmisa galgalaa, karaa naannoo dubartiin ejjituun tokko jiraatutti geessurra deema ture. Achiis dubbiisheefi haxxummaasheetiin gowwomfamee, akkuma sangaa qalamuuf oofamuutti ishee duukaa buʼe. Dargaggeessi kun bakka sana kan dhaqe maaliifi? Nama “qalbii hin qabne,” jechuunis nama muuxannoo hin qabne waan taʼeef, fedhii dogoggoraa qabuu wajjin qabsoo gochaa ture taʼa. (Fak. 7:7) Gurbaan kun kadhannaa dhiheessuun caalaatti kan isa gargaaru yoom ture? Yeroo qorumsi isarra gaʼu kamittiyyuu kadhachuunsaa faayidaa akka qabu beekamaadha. Haataʼu malee yeroon kadhachuunsaa caalaatti gaarii ture, yeroo yaanni karaa mana dubartittiitti geessurra akka deemu gara sammuusaatti dhufedha.

17 Yeroo harʼaa, namni tokko fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluu dhiisuuf qabsoo cimaa gochaa jira taʼa. Haataʼu malee, namni kun teessoo Intarneetii fakkiifi viidiyoon fedhii saalqunnamtii kakaasu itti argamu ilaalaa jira haa jennu. Namni kun haala dargaggeessa Fakkeenya boqonnaa 7⁠rratti caqasamee wajjin wal fakkaatu keessatti argama mitiiree? Karaa akkasiirra deemuu jalqabuun balaa guddaa qaba! Namni tokko miira fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluuf isa qoru moʼuu yoo barbaade, teessoo Intarneetii fakkiiwwan kun irratti argaman banuusaa dura Yihowaa kadhachuu qaba.

18, 19. (a) Qorumsa moʼuun ulfaataa taʼus, karaa buʼa qabeessa taʼeen moʼuu kan dandeessu akkamitti? (b) Maal gochuuf murteessiteetta?

18 Qorumsa ykn barsiifata gadhee moʼuun salphaa akka hin taane beekamaadha. Phaawulos ergamaan, “Fedhi foonii hafuuraan in morma; hafuurris fooniin in morma” jedhee barreesseera. Kanaaf, ‘nuyi waanuma jaallannu hin goonu.’ (Gal. 5:17) Qorumsa kana moʼuu yoo barbaanne, yeruma yaadni gadheen gara sammuu keenyatti dhufu ykn miirri gocha gadhee akka raawwannu nutti dhagaʼamu, kadhachuufi tarkaanfii kadhannaa keenyaa wajjin walsimu fudhachuu qabna. ‘Qoramni namatti dhufee hin beekne waan nutti hin dhufneef,’ gargaarsa Yihowaatiin isaaf amanamoo taanee jiraachuu dandeenya.—1 Qor. 10:13.

19 Wanti nama dhiphisu ykn dhimmi murtoo cimaa gochuu barbaadu tokko nu mudatee ykn qorumsa tokko moʼuuf qabsoo gochaa jirra taʼa. Haalli keessa jirru maaliyyuu yoo taʼe Yihowaan kennaa dinqisiisaa nu gargaaruu dandaʼu, jechuunis kadhannaadhaan isatti dhihaachuuf mirga guddaa nuuf kenneera. Kadhannaa Yihowaatti dhiheessinuun akka isatti amanamnu argisiisna. Kana malees, Waaqayyo nu geggeessuufi nu jabeessuuf hafuura qulqulluu akka nuuf kennu yeroo hundumaa kadhachuu qabna. (Luq. 11:9-13) Kanaaf karaa kamiiniyyuu hubannaa keenyatti utuu hin taʼin Yihowaatti haa amanamnu.

[Miiljalee]

^ key. 1 Maqaawwan jijjiiramaniiru.

Ni Yaadattaa?

• Yihowaatti amanamuu ilaalchisee Hisqiyaas, Haannaafi Yoonaasirraa maal baratte?

• Fakkeenyi Daawitiifi Iyaasuu murtoo gochuu ilaalchisee of eeggannoo gochuun barbaachisaa akka taʼe kan ibsu akkamitti?

• Qorumsa moʼuuf keessumaa yoom kadhachuu qabna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 9⁠rra jiru]

Qorumsa moʼuuf kadhannaa dhiheessuun caalaatti gaarii kan taʼe yoomi?