Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Macaafni Qulqulluun Waaʼee Gara Fuulduraa Ni Dubbataa?

Macaafni Qulqulluun Waaʼee Gara Fuulduraa Ni Dubbataa?

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Macaafni Qulqulluun Waaʼee Gara Fuulduraa Ni Dubbataa?

Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu waaʼee gara fuulduraa balʼinaan ni ibsuu?

Wanta gara fuulduraatti taʼu dursee balʼinaan dubbachuu kan dandaʼu, Waaqa Hundumaa Dandaʼu qofadha. (Amos 3:7) Fakkeenyaaf, bara duriitii jalqabee Masiihiin ykn Kiristos akka dhufu raajii dubbatee ture. Masiihichi sanyii Abrahaam isa abbaa amantii taʼerraa dhufuu qaba. Mootii, namoonni ajajamoo taʼan jireenya mudaa hin qabneefi dhukkubarraa walaba taʼe deebisanii akka argatan gochuu dandaʼu taʼuu qaba. (Uumama 22:18; Isaayaas 53:4, 5) Inni Abdachiifame kun Betlihemitti dhalachuu qaba.​—Miikiyaas 5:2 dubbisi.

Yesus Masiihicha taʼuusaa mirkaneesseera. Waggoota 700 dura Macaafni Qulqulluun Masiihiin durbarraa akka dhalatuufi akka tuffatamu raajii dubbateera. Lubbuusaa cubbuu namoota baayʼeetiif dabarsee kennuufi sooressootaa wajjin awwaalamuu qaba ture. (Isaayaas 7:14; 53:3, 9, 12) Kana malees, ilmoo harreerra taaʼee Yerusaalemiin akka galuufi meetii guroo 30n dabarfamee akka kennamu waggoota 500 dura raajii dubbateera. Wanti dubbatame hundis raawwatameera.​—Zakaariyaas 9:9; 11:12 dubbisi.

2. Waaqayyo guyyaa wanti tokko itti raawwatu ilaalchisee raajii ni dubbataa?

Waggoota 500 dura, Macaafni Qulqulluun Masiihiin waggaa kamitti akka mulʼatu raajii dubbatee ture. Waggoonni kun 7 siʼa 7fi 7 siʼa 62 yeroo taʼan walitti waggoota 483 taʼu. Waggaan kun lakkaaʼamuu kan jalqabu yoomi? Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, waggaan kun kan jalqabu yeroo Nahimiyaan Yerusaalemiin dhaqee magaalittii ijaaruu eegaluttidha. Seenaan warra Faares guyyaan kun Dh.K.D. bara 455⁠tti akka taʼe dubbata. (Nahimiyaa 2:1-5) Yesusis yeruma jedhametti, waggoota 483 booda, jechuunis Dh.K.B. bara 29⁠tti cuuphamee Masiihii taʼe.​—Daaniʼel 9:25 dubbisi.

3. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti dubbataman raawwatamaa jiruu?

Yesus wantoota gurguddaa yeroo keenyatti raawwataman dubbateera. Raajii inni dubbate keessaa tokko, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo isa namoota Waaqayyoon jaallatan hundumaaf boqonnaa argamsiisudha. Mootummaan kun guutumaa sirna hamaa amma jiruu ni balleessa.​—Maatewos 24:14, 21, 22 dubbisi.

Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu yeroo sirni kun itti xumuramu balʼinaan ibsu. Macaafni Qulqulluun, ilmaan namootaa qaroomina isaan irra gaʼanirraa haala faallaa taʼeen biyya lafaa akka balleessan raajii dubbateera. Rakkoon sababa waraanaa, hanqina nyaataa, sochoʼa lafaafi dhukkuboota daddarbootiin gaʼu dabalaa adeema. (Luqaas 21:11; Mulʼata 11:18) Amalli namaas ni mancaʼa. Yeroo rakkisaa taʼe kana keessatti, duuka buutonni Yesus misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo saba hundumaatiif ni labsu.​—Maatewos 24:3, 7, 8; 2 Ximotewos 3:1-5 dubbisi.

4. Gara fuulduraatti jireenyi ilmaan namootaa maal fakkaata?

Waaqni Hundumaa Dandaʼu ilmaan namootaa amanamoo taʼaniif waan qopheesse qaba. Yesus Kiristos inni Masiihii taʼe, namoota 144,000 taʼaniifi lafarraa filatamanii wajjin samiirraa lafa kana bulcha. Isaanis Mootummaa waggaa kuma tokkoof bulchu hundeessu. Warri duʼan duʼaa kaafamanii carraa barabaraaf lafarra jiraachuu argatu. Kana malees, Mootummaan kun namoonni sana booda jiraatan hundi fayyaa guutuu akka qabaatan godha. Dhukkubniifi duuti hin jiraatu.​—Mulʼata 5:10; 20:6, 12; 21:4, 5 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba asirratti suuraasaa argituufi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu

kana fuula 23-25⁠fi 198-201 ilaali.