Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Deebii Gaaffiiwwan Kanaa Beekuun Barbaachisaadhaa?

Deebii Gaaffiiwwan Kanaa Beekuun Barbaachisaadhaa?

Deebii Gaaffiiwwan Kanaa Beekuun Barbaachisaadhaa?

“Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa.”​—YOHANNIS 8:32.

MACAAFNI QULQULLUUN, dhugaa amantiiwwan dogoggoraa waaʼee Yesus ibsanirraa birmaduu nu baasu qabateera. Haataʼu malee, wanti waaʼee Yesus amannu jijjiirama fidaa? Eeyyee ni fida. Yesusiin ilaalchisee wanti nuyi amannu, Yihowaafi Yesusiif jijjiirama kan fidu yommuu taʼu, nuufis jijjiirama fiduu qaba.

Yihowaadhaaf jijjiirama kan fidu maaliifi? Gabaabaadhumatti, “Waaqayyo jaalala waan taʼeef[idha].” (1 Yohannis 4:8) Yihowaan barabaraaf gammachuudhaan akka jiraannu barbaada. Yesus, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa [ilmaan namootaa] jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf[idha]” jedheera. (Yohannis 3:16) Waaqayyo Ilmasaa kan erge, akka cubbuurraa nu fayyisuufi kaayyoosaa isa jalqabaa wajjin haala walsimuun lafa Jannata taaturra barabaraaf akka jiraannuufidha. (Uumama 1:28) Waaqayyo, namoota dhugaa waaʼee Ilmasaa ibsu barataniifi wanta baratan hojiirra oolchaniif, jireenya barabaraa kennuuf ni hawwa.—Roomaa 6:23.

Yesusiif jijjiirama kan fidu maaliifi? Yesusis ilmaan namootaa ni jaallata. Fedhasaatiin lubbuusaa nuu kennuudhaan, jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiiseera. (Yohannis 15:13) Fayyina nuu argamsiisuu kan dandaʼu karaa kanaan qofa akka taʼe beeka ture. (Yohannis 14:6) Maarree, Yesus aarsaa furee inni dhiheesserraa hamma dandaʼametti namoonni hedduun akka fayyadaman barbaaduunsaa nu dinqisiisuu qabaa? Duuka buutonnisaa, waaʼee fedhaafi kaayyoo Waaqayyoo namoota addunyaa maratti argaman akka barsiisan kan ajaje kanaafidha.—Maatewos 24:14; 28:19, 20.

Nuufoo jijjiirama fiduu kan qabu maaliifi? Mee waaʼee wantoota siif bakka guddaa qabanii, jechuunis waaʼee fayyaakeetiifi maatii keetii yeroo muraasaaf yaadi. Ofiifis taʼe namoota jaallattuuf fayyaa gaariifi jireenya fooyyaʼaa ni hawwitaa? Yihowaan, atis taate namoonni jaallattu addunyaa haaraa waraansaafi dhiphinarraa walaba taʼe keessatti, fayyaa guutuufi jireenya dhuma hin qabne akka argattan karaa Yesus qophii godheera. (Faarfannaa 37:11, 29; Mulʼata 21:3, 4) Addunyaa kana fakkaatu keessa jiraachuu barbaadaa? Taanaan, wanta tokko gochuun sirraa barbaadama.

Caqasa matadureerratti caqasameefi “Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhu irra deebiʼii ilaali. Dhugaan waaʼee Yesusiifi gaʼee inni kaayyoo Waaqayyoo galmaan gaʼuurratti qabu ibsu, garbummaa isa guddaa, jechuunis garbummaa cubbuufi duʼaa jalaa birmaduu nu baasuu dandaʼa. Birmadummaa akkasii argachuuf garuu ‘dhugicha hubachuun’ si barbaachisa. Waaʼee dhugaa kanaa, akkasumas atis taate namoonni jaallattu akkamitti dhugaa kanarraa fayyadamuu akka dandeessan maalif hin barattu? Dhugaa Baatonni Yihowaan gama kanaan si gargaaruuf qophaaʼoodha.