Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiristiyaanonni Kan Cuuphaman Maaliifi?

Kiristiyaanonni Kan Cuuphaman Maaliifi?

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Kiristiyaanonni Kan Cuuphaman Maaliifi?

Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Cuuphaan Kiristiyaanaa hiika maalii qaba?

Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii uumuuf cuuphaan barbaachisaadha. Kanaaf, Kiristiyaanni tokko cuuphamuu kan qabu mucummaasaatti utuu hin taʼin, yeroo waaʼee Waaqayyoo barachuudhaan duuka buutuu Yesus taʼuuf gaʼeessa taʼuttidha. (Hojii Ergamootaa 8:12; 1 Phexros 3:21) Duuka buutuu Yesus taʼuu kan dandeenyu yommuu abboommiisaa barachuudhaan hojiirra oolchinuttidha.—Maatewos 28:19, 20 dubbisi.

Namoonni yeroo ergamoonni Yesus jiraatanitti turan, waaʼee Waaqayyoofi waaʼee Yesus barachuuf yeroodhuma sana tarkaanfii fudhataniiru. Fakkeenyaaf namichi tokko duuti Yesus fayyinaaf karaa akka bane Yemmuu dhagaʼe battaluma sanatti bartuu taʼeera. Yeroo harʼaas, namoonnii garaadhaa dhugaa barbaadan duuka buutuu Yesus taʼuu filataniiru.—Hojii Ergamootaa 8:26-31, 35-38 dubbisi.

2. Yesus kan cuuphame maaliifi?

Yesus yemmuu Yohannis cuuphaan Laga Yordaanos keessatti isa cuuphe umriinsaa waggaa 30 ture. Cuuphamuunsaa fedha Waaqayyoo raawwachuuf murteessuusaa kan argisiisu ture. (Ibroota 10:7) Kunis cubbuu ilmaan namootaatiif jecha duʼa aarsaa duʼuusaa kan dabalatudha. Yesus utuu gara lafaa hin dhufin durayyuu, Abbaasaa Yihowaa ni jaallata, akkasumas ni abboomamaaf ture.—Maarqos 1:9-11; Yohannis 8:29; 17:5 dubbisi.

3. Kiristiyaanni tokko cuuphamuu kan qabu maaliifi?

Cubbamoota taanee waan dhalanneef haalli keenya kan Yesusii wajjin tokko miti. Taʼus Yesus aarsaa taʼee duʼuunsaa, Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii akka qabaannu godheera. (Roomaa 5:10, 12; 12:1, 2) Miseensota maatii Waaqayyoo keessaa tokko taʼuu ni dandeenya. (2 Qorontos 6:18) Maarree mirga addaa kana argachuu kan dandeenyu akkamitti? Jireenya keenya guutuudhaan fedha Yihowaa raawwachuuf, dhuunfaatti kadhannaadhaan waadaa galuu qabna. Waadaa akkasii erga gallee booda, kana gochuu keenya uummata duratti cuuphamuudhaan argisiisna.—Maatewos16:24; 1 Phexros 4:2 dubbisi.

4. Cuuphaadhaaf qophaaʼuu kan dandeessu akkamitti?

Dhugaa Baatonni Yihowaa nama Waaqayyotti dhihaachuu barbaadu kamiyyuu Macaafa Qulqulluu ni qayyabsiisu. Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi walgaʼii Kristiyaanaarratti argamuunkee jaalala Waaqayyoof qabduufi amantii isarratti qabdu sii jabeessa. Amalaafi ilaalcha gaarii horachuufis si gargaara. Jaalalaafi amantii dabalatee amaloota Waaqayyoon gammachiisan kaan guddifachuuf carraaqqii gochuunkee, barabaraaf Yihowaa tajaajiluuf waadaa galte eegdee jiraachuuf si gargaara.—Yohannis 17:3; Ibroota 10:24, 25 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 18⁠ffaa ilaali.