Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wangeelonni Dabalataa Yesusiin Ilaalchisee Dhugaawwan Dhokatan Qabataniiruu?

Wangeelonni Dabalataa Yesusiin Ilaalchisee Dhugaawwan Dhokatan Qabataniiruu?

Wangeelonni Dabalataa Yesusiin Ilaalchisee Dhugaawwan Dhokatan Qabataniiruu?

“KUN argama guddaadha. Namoota baayʼees aarsuu dandaʼa.” “Hubannaa Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa ilaalchisee qabnu kan jijjiirudha.” Yaadawwan kana kan dubbatan, hayyoota barreeffamni “Wangeela Yihudaa” jedhamuufi erga badee waggoota 1,600 ol taʼeera jedhamee yaadamu argamuusaatti gammadanidha (fakkiinsaa olitti argama).

Appookiriifaan, jechuunis wangeelonni dabalataa akkasii xiyyeeffannaa namoota hedduu harkisaa jiru. Namoonni tokko tokko, barreeffamoonni kun wantoota gurguddaa Yesus raawwateefi barumsawwansaa yeroo dheeraadhaaf dhokatanii turan kan ifa baasan akka taʼan dubbatu. Haataʼu malee, appookiriifaan ykn wangeelonni dabalataa maalidha? Dhuguma barreeffamoonni kun, Yesusiifi Kiristiyaanummaa ilaalchisee dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti hin argamne nu barsiisuu dandaʼuu?

Wangeelota Fudhatama Argataniifi Wangeelota Dabalataa

Maatewos, Maarqos, Luqaasiifi Yohannis Dh.K.B. bara 41 hanga 98 gidduutti “seenaa Yesus Kiristos” barreessaniiru. (Maatewos 1:1, NW) Seenaawwan kun yeroo tokko tokko, “wangeela” jechuunis misiraachoo waaʼee Yesus Kiristos dubbatu jedhamu.—Maarqos 1:1.

Seenaawwan afaaniin darbaniifi barreeffamoonni waaʼee Yesus dubbatan jiraachuu dandaʼanillee, geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman Wangeelota arfan kana qofadha. Wangeelonni kun wanti waaʼee Yesus dubbatame “dhugaa dhaa fi amanamaa taʼuu isaa” waan mirkaneessaniif, kutaa Caaffata Qulqullaaʼoo akka taʼanitti ilaalamuunsaanii sirriidha. (Luqaas 1:1-4; Hojii Ergamootaa 1:1, 2; 2 Ximotewos 3:16, 17) Wangeelonni arfan kun, tarree Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii warra durii hunda keessatti caqasamaniiru. Wangeelonni kun dhugaa taʼuunsaanii, jechuunis kutaa Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamee taʼuunsaanii hin shakkisiisu.

Yeroo booda garuu barreeffamoonni kaanis mulʼachuu jalqaban. Wangeelonni garabiraan kun appookiriifaa, jechuunis wangeelota dabalataa jedhamanii moggaafamaniiru. *

Dhuma jaarraa lammaffaatti nama magaalaa Liyoon kan taʼe Iraaniyas, namoonni amantii Kiristiyaanummaa ganan, “wangeelota dabalataa sammuu gowwootaa joonjessuuf ofiisaaniitiif qopheessan” dabalatee, “barreeffamoota dabalataafi warra dhugaa hin taane heddumminaan” akka qaban barreesseera. Kanaan kan kaʼes, wangeelota dabalataa kana dubbisuu qofa utuu hin taʼin, qabaachuunillee balaadhaaf akka nama saaxilutti ilaalamuu jalqabe.

Haataʼu malee, monoksoonniifi garagalchitoonni jaarraa giddu galeessaatti turan, barreeffamoota kana dhoksaatti baayʼisuusaanii itti fufan. Jaarraa 19⁠ffaatti xiyyeeffannaan namoonni dhimma kanaaf kennan garmalee kan guddate siʼa taʼu, wangeelota dabalataa hayyoonni yaada irratti kennan dabalatee wangeelonni hedduun argamaniiru. Yeroo ammaatti barreeffamoonni kun afaanota gurguddaadhaan maxxanfamanii argamu.

Wangeelonni Dabalataa Yesusiin Ilaalchisee Seenaawwan Dhugaa Hin Fakkaanne Qabataniiru

Wangeelonni dabalataa, yeroo baayʼee namoota Wangeela fudhatama argate keessatti seenaansaanii balʼinaan ykn tasumaa hin ibsamnerratti xiyyeeffatu. Yookiin jireenya Yesus ijoollummaasaatti jiraatee taʼuu dandaʼa jedhamee yaadamu ibsu. Fakkeenya tokko tokko ilaali.

◼ ‘Wangeelli Yaaqoob barreesseera jedhamee yaadamu,’ akkasumas wangeelli “Dhaloota Maariyaam” jedhamu, waaʼee dhaloota Maariyaam, waaʼee jireenya ijoollummaasheefi Yoseefitti heerumuushee ibsa. Dhugumayyuu seenaan kun akka asoosama amantiifi akka sheekkootti ibsamuunsaa sirriidha. Barreeffamni kun Maariyaam hamma dhumaatti durba akka turte kan ibsu taʼuusaarrayyuu, isheedhaaf ulfina guddaa kennuuf kan barreeffame akka taʼe ifadha.—Maatewos 1:24, 25; 13:55, 56.

◼ “Wangeela Toomaas” kan jedhamummoo, jireenya daaʼimummaa Yesusirratti jechuunis umriisaa waggaa 5 hanga 12⁠rratti kan xiyyeeffatu siʼa taʼu, dinqiiwwan dhugaa hin fakkaanne hedduu akka raawwate ibsa. (Yohannis 2:11 ilaali.) Wangeelli kun, Yesus mucaa hamaa aariisaa hin toʼanne, akkasumas humna dinqii raawwachuuf qabutti fayyadamee barsiistota, ollaawwansaafi ijoollee kaanirratti haaloo baʼuudhaan isaan keessaa tokko tokko jaamsu, naaffisuufi ajjeesu akka taʼe godhee ibsa.

◼ Wangeelonni dabalataa kan akka “Wangeela Phexros” jiran, dhiphina, duʼaafi duʼaa kaʼuu Yesusirratti xiyyeeffatu. Barreeffamoonni akka “Hojii Philaaxos” [kutaa “Wangeela Niqoodemos”] jiran kaanimmoo, namoota wantoota Yesusirra gaʼan kanaa wajjin walitti dhufeenya qabu jedhamanirratti xiyyeeffatu. Haataʼu malee, barreeffamoonni kun seenaawwan dhugaa hin taaneefi waaʼee namoota lubbuudhaan jiraatanii hin beeknee waan dubbataniif dharadha. Barreeffamni “Wangeela Phexros” jedhamu, Phonxos Philaaxosiin yakkarraa walaba kan godhu siʼa taʼu, duʼaa kaʼuu Yesus ilaalchisees yaada sammuun namaa maddisiise ibsa.

Wangeelota Dabalataafi Gantummaa

Bara 1945 jiʼa Muddeetti, Gibxii Isa Gara Olii naannoo ganda Naag Haamaadii jedhamutti, qonnaan bultoonni paappiirasii barreeffamoota 52 qabate 13 akkuma tasaa argatan. Barreeffamoonni jaarraa arfaffaa kun, sochiin amantiifi sochiin falaasamaa Ginoostisiizim jedhamu akka uumamu gochuunsaanii ni dubbatama. Sochiin kun, hooda, amantii namoota Waaqayyo malee jiraatanii, falaasama Giriikii, amantii Yihudootaafi Kiristiyaanummaa walitti makuudhaan, namoota Kiristiyaana ofiin jedhan tokko tokkorratti dhiibbaa gadhee geessiseera.—1 Ximotewos 6:20, 21.

Barreeffamoonni “Wangeela Toomaas,” “Wangeela Filiphos,” akkasumas “Wangeela Dhugaa” jedhamaniifi “Kuusaa Kitaabaa Naag Haamaadii” keessatti argaman, yaadawwan Ginoostikii addaddaa akka waan Yesus dubbatetti ibsu. ‘Wangeelli Yihudaa’ inni dhiheenyatti argames, wangeelota Ginoostik keessaa akka tokkootti ilaalama. Wangeelli kun Yihudaan nama gaarii akka taʼeefi bartuun sirriitti Yesusiin beeku isa qofa akka taʼe ibsa. Hayyuun wangeela kanarratti yaada kennan tokko, Yesus “fayyisaa cubbuu biyya lafaatiif duʼe utuu hin taʼin, barsiisaa, akkasumas nama ogummaafi beekumsa mulʼisu akka taʼe” godhanii ibsaniiru. Wangeelonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman garuu, Yesus cubbuu biyya lafaatiif aarsaa taʼuuf akka duʼe barsiisu. (Maatewos 20:28; 26:28; 1 Yohannis 2:1, 2) Kanaafuu, wangeelonni Ginoostik, amantii Macaafa Qulqulluurratti qabnu cimsuuf utuu hin taʼin, laaffisuuf kan qophaaʼanidha.—Hojii Ergamootaa 20:30.

Caalmaa Wangeelonni Fudhatama Argatan Qaban

Waaʼee wangeelota dabalataa gadi fageenyaan qorachuun keenya, barreeffamoonni kun soba taʼuusaanii nu hubachiisa. Wangeelota kana Wangeelota fudhatama argatanii wajjin wal bira qabnee ilaaluun keenya, geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka hin barreeffamne hubachuuf nu gargaara. (2 Ximotewos 1:13) Barreeffamoonni kun namoota Yesusiinis taʼe bartootasaa hin beekneen waan barreeffamaniif, waaʼee Yesusis taʼe waaʼee Kiristiyaanummaa, dhugaawwan dhokatan mulʼisuu hin dandaʼan. Kanaa mannaa, yaada sirrii hin taane, yaada sammuun namaa uume, akkasumas dhugaa hin fakkaanneefi Yesusiinis taʼe barumsawwansaa hubachuuf nama hin gargaarre kan qabatanidha.—1 Ximotewos 4:1, 2.

Karaa garabiraammoo Maatewosiifi Yohannis ergamoota Yesus kudha lamaan keessaa kan turan siʼa taʼu, Maarqosiifi Luqaasimmoo michuuwwan Phexrosiifi Phaawulos turan. Namoonni kun Wangeelotasaanii geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreessan. (2 Ximotewos 3:14-17) Kanaan kan kaʼes, Wangeelonni arfan kun, odeeffannoo namni tokko “Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo taʼuu isaa” akka amanu isa gargaaru hunda qabataniiru.—Yohannis 20:31.

[Miiljalee]

^ key. 7 Jechi “appookiriifaa” jedhu, jecha afaan Giriikii “dhoksuu” jedhurraa kan dhufedha. Jalqabarratti jechi kun, barreeffama tuuta namootaa ilaalcha wal fakkaatu qabaniif qofa qophaaʼe kan argisiisu siʼa taʼu, namoota miseensa tuuta kanaa hin taaneef barreeffamni kun dhoksaa ture. Yeroo booda garuu jechi kun, barreeffamoota tarree Caaffata Qulqullaaʼoo fudhatama qabanii keessatti hin dabalamne argisiisuuf itti hojjetamuu jalqabe.

[Fakkii fuula 18⁠rra jiru]

Kenneth Garrett/National Geographic Stock