Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maatiisaa Eegeera, Kunuunseera, Itti Gaafatamummaasaa Baʼeera

Maatiisaa Eegeera, Kunuunseera, Itti Gaafatamummaasaa Baʼeera

Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa

Maatiisaa Eegeera, Kunuunseera, Itti Gaafatamummaasaa Baʼeera

YOSEEF miʼa hedduu harreetti feʼateera. Yommuu inni utuu lafti hin bariʼin magaalaa Betlihem keessa garagalee milʼachaa harree ishee miʼa itti feʼee jiru oofu yaada qalbiitiin ilaali. Waaʼee adeemsa dheeraa gara Gibxiitti gochuuf jedhuu yaadaa akka jiru hin shakkisiisu. Kan inni deemaa jiru gara namoota ormaa afaaniifi aadaa adda taʼe qabanittidha. Maatiinsaa jijjiirama guddaa kanaa wajjin akkamitti wal baruu dandaʼa laata?

Yoseef oduu gaddisiisaa kana Maariyaam haadha manaasaa jaallatamtuu taatetti himuun baayʼee isatti ulfaatus, akkuma fedhetti ija jabaatee isheetti himeera. Herodis mootichi mucaasaanii ajjeesuuf akka barbaadu ergamaan Waaqayyoo abjuudhaan akka isatti himeefi dafanii bakka sanaa deemuu akka qaban ibseef. (Maatewos 2:13, 14) Dhimmi kun Maariyaamiin baayʼee yaaddesse. Namni tokko mucaa xinnoo hamaafi gaarii gargar baasuu hin dandeenye ajjeesuuf kan barbaadu maaliifi? Kun Yoseefiifis taʼe Maariyaamiif ifa hin turre. Taʼus Yihowaatti amanamuudhaan baqachuuf qophaaʼaniiru.

Jiraattonni Betlihem biyyi nagaadha jedhanii utuu rafaa jiranii Yoseefiifi Maariyaam dukkana keessa Yesusiin fudhatanii magaalattiidhaa baʼanii sokkan. Adeemsa kallattii kibbaatiin godhan kana yeroo itti fufaniifi lafti bariʼaa yeroo deemutti, Yoseef wanti fuulduraan isaanitti dhufu isa hin yaaddessin hin oolu. Namni hojii mukaa hojjetuufi jireenya gadaanaa jiraatu, namoota humna guddaa qabanirraa maatiisaa eeguu kan dandaʼu akkamitti? Yeroo hunda maatiisaa kunuunsuu ni dandaʼaa? Mucaa adda taʼe kana akka guddisuuf itti gaafatamummaa guddaa Yihowaan isatti kenne amanamummaadhaan raawwachuu dandaʼaa laata? Yoseef rakkoowwan ciccimoon isa mudataniiru. Haalawwan rakkisaa isa mudatan akkamitti akka moʼe ilaaluun keenya, abbootiin yeroo harʼaa jiranis taʼe hundi keenya amantii Yoseef qabu hordofuun kan nu barbaachisu maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaara.

Yoseef Maatiisaa Eegeera

Kun taʼuusaa gara waggaa tokkoo dura Yoseef magaalaa Naazireet bakka jiraatutti intala Eelii erga naqatee booda jireenyasaa keessatti jijjiirama guddaa tokkotu isa mudate. Yoseef, Maariyaam durba qulqulluufi amanamtuu akka taate beeka ture. Booda garuu akka isheen ulfoofte bare. Kanaaf, Yoseef akka isheen hin yeellaaneef dhoksaatti ishee dhiisuuf yaade. * Haataʼu malee, ergamaan tokko abjuudhaan dhufee Maariyaam kan ulfoofte hafuura Yihowaatiin akka taʼe isatti hime. Itti dabalees ergamichi ilmi isheen deessu ‘sabasaa cubbuu isaaniittii kan fayyisu’ taʼuusaa isatti hime. ‘Maariyaam kaadhimakee of biratti fudhachuu hin sodaatin!’ jedhees Yoseefiin gorseera.—Maatewos 1:18-21.

Yoseef inni qajeelaafi ajajamaa taʼe akkuma jedhame godheera. Ilmasaa taʼuu baatus, mucaa Waaqayyoof gatii guddaa qabu guddisuufi kunuunsuuf itti gaafatamummaa cimaa fudhateera. Yeroo boodas Yoseef ajaja mootiin baaseef abboomamuudhaan haadha manaasaa ishee ulfaa wajjin galmeeffamuuf gara Betlihem dhaqe. Mucichis achitti dhalate. *

Yoseef maatiisaa fuudhee gara Naazireetitti hin deebine. Kanaa mannaa magaalaa Betlihem ishee Yerusaalemirraa kiilomeetira muraasa fagaattu keessa jiraachuutti kaʼe. Hiyyeeyyii taʼanis Yoseef, Maariyaamiifi Yesusiif wanta barbaachisu guutuuf waan isaa dandaʼame hunda godheera. Achiis mana xinnoo tokko keessa jiraachuutti kaʼan. Boodas wanti jireenya maatichaa jijjiiru tokko akka tasaa kan uumame siʼa taʼu, yeroo kanatti Yesus mucaa waggaa tokkoo taʼuu hin oolu.

Gareen namoota ogeeyyii urjii lakkaaʼan qabate tokko kallattii Bahaatii Baabilonii taʼuu hin ooluu garasaanii dhufan. Jarri kun mucaa fuulduraatti mootii Yihudootaa taʼu arguu waan barbaadaniif urjii tokkoon geggeeffamuudhaan gara mana Yoseefiifi Maariyaam dhufan. Namoonni kun maatichatti kabaja guddaa argisiisaniiru.

Beekaas taʼe beekuu baatan, ogeeyyiin urjii lakkaaʼan kun Yesus mucaa xinnoo kana balaa guddaadhaaf saaxilaniiru. Urjiin isaan arganii ittiin dhufan jalqaba gara Betlihemitti utuu hin taʼin gara Yerusaalemitti isaan geesse. Achittis mucaa mootii Yihudootaa taʼu barbaadaa akka jiran Herodis Mooticha isa hamaa taʼetti himan. Mootichis kana gaafa dhagaʼu hinaafuudhaan aaree bobaʼe.—Mataduree “Gaaffii Dubbistootaa . . . ‘Urjicha’ Kan Erge Eenyu?” jedhuufi fuula  29⁠rra jiru ilaali.

Kan nama gammachiisu garuu qaamni Herodis caalaa humna qabu dhimma kana hordofaa ture. Kana haala armaan gadiirraa hubachuu dandeenya. Ogeeyyiin urjii lakkaaʼan kun kennaa kan geessaniif taʼus, wanti garabiraan akka isaaniif kennamu hin gaafanne. Yoseefiifi Maariyaam miʼa gati jabeessa “warqee, ixaana fi qumbii” yommuu argatan baayʼee gammadaniiru taʼa. Ogeeyyiin urjii lakkaaʼan sun mucaa barbaadaa turan sana eessatti akka argatan Herodisitti himuuf yaadanii turan. Haataʼu malee Yihowaan yeroo kanatti dhimmicha gidduu gale. Namoonni sun karaa biraatiin gara biyyasaaniitti akka deebiʼan abjuudhaan isaan ajaje.—Maatewos 2:1-12.

Ogeeyyiin urjii lakkaaʼan sun deemanii baayʼee utuu hin turin, ergamaan Yihowaa tokko dhufee, “Kaʼii, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii biyya Gibxiitti baqadhu! Herodis mucicha ajjeesuudhaaf waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti achuma turi!” jedhee Yoseefiin akeekkachiise. (Maatewos 2:13) Kanaaf, akkuma jalqabarratti ilaalle Yoseef ajajamuudhaan hatattamaan tarkaanfii fudhateera. Hunda caalaa nageenya mucaasaatiif bakka guddaa waan kennuuf maatiisaa fudhatee gara Gibxii dhaqe. Ogeeyyiin urjii lakkaaʼaniifi waaqayyolii tolfamoo waaqeffatan sun kennaa gati jabeessa waan isaanii kennaniif, wanta karaarratti isaan barbaachisu guuttachuuf qarshii gaʼaa qabu turan.

Yeroo booda mammaaksi appookiriifaafi afoolli dubbataman adeemsa Gibxiitti godhame ilaalchisee, Yesus mucichi dinqiidhaan karicha akka gabaabse, shiftoonni miidhaa akka isarraan hin geenye gochuusaa, mukkeetiin meexxii akka gadi jedhan gochuudhaan haatisaa firii akka funaannattu gochuusaa dubbatu. * Dhugaansaa garuu kanarraa adda siʼa taʼu, adeemsi maatichi gara biyya ormaatti godhe dheeraafi dadhabsiisaa ture.

Warra kan taʼan Yoseefirraa waan hedduu barachuu dandaʼu. Yoseef maatiisaa balaarraa oolchuuf jecha hojiisaa dhiiseera; jireenya qannoo isa dhabsiisu jiraachuufis of kenneera. Maatiisaa kunuunsuun hojii guddaa Yihowaan adaraadhaan isatti kenne akka taʼe isatti dhagaʼamee akka ture ifadha. Yeroo harʼaa warra kan taʼan addunyaa sodaachisaa, humnoota balaa geessisaniin guutame, mancaʼaa taʼeefi lubbuu dargaggootaa galaafachuu dandaʼu keessatti ijoollee guddisu. Haadhotiiniifi abbootiin, balaa kanarraa ijoolleesaanii eeguuf akkuma Yoseef carraaqqii guddaa godhaniifi tarkaanfii fudhatan galateeffamuu qabu.

Yoseef Maatiisaa Kunuunseera

Maatichi Gibxi dhaqee yeroo dheeraa utuu hin turin, ergamichi Herodis akka duʼe Yoseefitti waan himeef, maatiinsaa biyyicha keessa waan ture hin fakkaatu. Yoseef maatiisaa fudhatee gara biyyasaatti deebiʼe. Raajiin bara durii dubbatame tokko Yihowaan ilmasaa “biyya Gibxii” akka waamu ibsa. (Maatewos 2:15) Yoseef raawwii raajii kanaarratti gumaacha kan godhe taʼus, maatiisaa eessatti geessa laata?

Yoseef nama abshaala ture. Arkelaawos bakka Herodis akka buʼe yommuu dhagaʼe sodaatee ture; inni akkuma abbaasaa hamaafi kan nama ajjeesu ture. Yoseef qajeelfama Yihowaan kenne fudhachuudhaan, balaa Yerusaalemitti isarra gaʼuu dandaʼu jalaa fagaachuuf, Naazireet ishee Galiilaatti argamtuufi kallattii kaabaatiin jirtutti maatiisaa fuudhee deeme. Achitti inniifi Maariyaam ijoolleesaanii guddisan.—Maatewos 2:19-23.

Jireenya salphaa jiraachaa kan turan taʼus, akka laayyootti maaticha bulchaa hin turre. Macaafni Qulqulluun Yoseef hojii mukaa kan hojjetu taʼuusaa kan ibsu ennaa taʼu, jechi kun hojii mukaa wajjin wal qabate hedduu hojjechaa akka ture argisiisa. Kunis muka muruufi guuruu, achiis muka sana sirreessuudhaan mana, bidiruu, riqicha xixinnoo, gaarii, gommaa mukarraa hojjetamu, waanjoofi meeshaalee qonnaa tolchuu dabalata. (Maatewos 13:55) Hojiin kun humna guddaa kan gaafatu ture. Bara durii namoonni hojii mukaa hojjetan yeroo baayʼee manasaanii fuulduratti ykn kutaa manasaanii cina jiru keessatti hojjetu turan.

Yoseef hojii kana hojjechuuf meeshaa garaagaraatti fayyadamaa kan ture yommuu taʼu, isaan keessaa tokko tokko abbaasaarraa kan dhaale taʼuu hin oolu. Tarii iskuwaadiraa, tumbii, boronqii ittiin sararan, qottoo, nyaata muraa, qottoo sooffaa, burruusa sibiilaa, burruusa mukaa, qirixii, urtuu, haphee garaagaraafi mismaaratti (miʼaa taʼus) fayyadamee taʼuu dandaʼa.

Yesus xinnoo yeroo turetti hojii abbaansaa inni isa guddise hojjetu xiyyeeffannaadhaan siʼa hordofu yaada qalbiitiin ilaali. Utuu ijasaa irraa hin buqqifatin sochii abbaasaa hunda yommuu ilaalu, irree abbaasaa isa furdaa, siʼaayina harkasaafi hojii inni malaan hojjetuun akka dinqisiifamu shakkii hin qabu. Tarii Yoseef hojii sasalphaa kan akka gogaa quxummii gogetti fayyadamee muka duugee sirreessuu mucaasaatti argisiiseera taʼa. Garaagarummaa gosa mukeetii hedduu inni itti fayyadamu kanneen akka odaa, qilxuu ykn ejersa gidduu jirus Yesusiin hin barsiisin hin oolu.

Kana malees Yesus, Yoseef irreesaa cimaa sanaan muka muruu, jirma gurguddaa falaxee qopheesse walitti qabsiisuudhaan miʼa garaagaraa hojjechuu qofa utuu hin taʼin, isaafi obbolootasaa akka baatu, akkasumas haadhasaa akka kunuunsu beeka ture. Yeroo booda miseensi maatii Yoseefiifi Maariyaam kan baayʼate siʼa taʼu yoo xinnaate Yesusiin utuu hin dabalatin ijoollee jaʼa qabu turan. (Maatewos 13:55, 56) Kanaaf Yoseef wanta ijoolleesaatiif barbaachisu guutuuf isa kanaan duraa caalaa jabaatee hojjechuu qaba ture.

Haataʼu malee Yoseef hunda caalaa wanti inni dursa kennuufii qabu, wanta karaa hafuuraa maatiisaatiif barbaachisu guutuu akka taʼe beeka ture. Kanaaf waaʼee Yihowaafi seerasaa ijoolleesaa barsiisuuf yeroo ni ramada ture. Yoseefiifi Maariyaam yeroo hunda bakka Seerichi itti dubbifamuufi ibsamu, jechuunis mana sagadaa naannoosaanii jirutti ijoolleesaanii geessu turan. Yesus yommuu achii deebiʼu gaaffii hedduu gaafachuu hin oolu. Kanaaf, Yoseef gaaffiisaa deebisuudhaan fedhii hafuuraa mucaa kanaa guutuuf waan dandaʼe hunda godheera taʼa. Ayyaana waggaa waggaadhaan godhamurratti argamuuf maatiisaa fuudhee gara Yerusaalem dhaqa ture. Yoseefiifi maatiinsaa Ayyaana Faasikaa waggaa waggaadhaan godhamurratti argamanii deebiʼuuf karaa kiilomeetira 113 fagaatu deemuu kan qaban siʼa taʼu, kunis torban lama isaanitti fudhata.

Yeroo harʼaas Kiristiyaanonni mataa maatii taʼan wanta kanaa wajjin wal fakkaatu raawwatu. Ijoolleesaaniitiif guutummaatti kan of kennan yommuu taʼu, wanta jireenyaaf barbaachisu guutuu dabalatee, wanti hunda caalaa bakki guddaan kennamuuf ijoolleesaanii karaa hafuuraa leenjisuu akka taʼe beeku. Ijoolleensaanii walgaʼii torban torbaniin godhamurrattis taʼe, walgaʼii gurguddaarratti akka argaman gochuuf karaa dheeraa deemu. Akkuma Yoseef, warra kan taʼan wanti gaariin kana caaluufi isaan ijoolleesaaniitiif godhan akka hin jirre beeku.

“Baayʼee Yaaddofne”

Yesus yommuu umriinsaa waggaa 12 turetti, akkuma dur godhu Yoseef maatiisaa gara Yerusaalemitti geesse. Yeroonsaa Ayyaanni Faasikaa yeroo itti kabajamu siʼa taʼu, waqtii birraa kanatti maatiiwwan hedduun naannoo baadiyyaa magariisa taʼe keessa waliin deemu turan. Yommuu naannoo Yerusaalem ishee gaararra jirtutti dhihaatan faarfannaa jaallatamaa isa ol baʼuu jedhamu faarfachaa kan turan taʼuu hin oolu. (Faarfannaa 120-134) Yeroo akkasiitti magaalattiin namoota kuma dhibba hedduutti lakkaaʼamaniin kan guutamtu taʼuu hin oolu. Ayyaanicha booda maatiiwwan hundi wal duukaa gara manasaaniitti deebiʼuu jalqabu. Yoseefiifi Maariyaam wanti isaan xiyyeeffannaa kennuufii qaban hedduu waan tureef, Yesus namoota kaanii wajjin tariimmoo miseensota maatiisaanii duukaa waan jiru isaanitti fakkaate. Yerusaalemirraa deemsa guyyaa tokkoo erga deemanii booda Yesus akka hin jirre hubatan.—Luqaas 2:41-44.

Yoseefiifi Maariyaam naasuudhaan yeruma sana gara Yerusaalemitti deebiʼan. Daandii Yerusaalem isa namni irra hin jirrerra mucaasaanii waamaa yommuu asiifi achi fiigan waan isaanitti dhagaʼamu tilmaamuu dandeessa. Mucichi eessa jira laata? Guyyaa sadiif barbaadaa oolanis argachuu dhabuunsaanii, Yoseef adaraa guddaa Yihowaan isatti kenne akka dagate isatti dhagaʼameeraa laata? Dhumarrattis gara mana qulqullummaa dhaqan. Mana qulqullummaa keessa barbaadaa erga turanii booda, kutaa tokko keessatti barsiisota Seericha beekan gidduu utuu taaʼee jiruu argan. Yeroo kanatti gammachuu Yoseefiifi Maariyaamitti dhagaʼame tilmaami!—Luqaas 2:45, 46.

Yesus barsiisota seeraa kana dhaggeeffachaafi gaaffii isaan gaafachaa ture. Namoonni kun dandeettii mucichaafi deebii inni kennutti baayʼee dinqisiifamaniiru. Maariyaamiifi Yoseef garuu baayʼee naʼanii turan. Wanta galmeeffamerraa akkuma arginu Yoseef waayyuu hin dubbanne. Haataʼu malee yaanni Maariyaam, “Yaa ilma ko, maaliif akkana nu goote? Kunoo, abbaan kee anis baayʼee yaaddofnee si barbaadaa turre” jechuudhaan dubbatte yaada lamaansaanii akka gaariitti ibsa.—Luqaas 2:47, 48.

Yaanni gabaabaan Dubbii Waaqayyoo keessa jiru kun, warra taʼuun itti gaafatamummaa guddaa taʼuusaa ibsa. Mucaa mudaa hin qabne guddisuunillee dhiphina fiduu dandaʼa. Addunyaa sodaachisaa taʼe kana keessatti warra taʼuun ‘yaaddoo’ guddaa fiduu dandaʼus, wanti akkasii isaan mudachuu akka dandaʼu Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamuunsaa warraaf jajjabina taʼa.

Gaarummaansaa, Yesus iddoo kamiyyuu caalaa bakka itti Yihowaa Abbaasaa isa samiitti caalaatti akka dhihaatu isa godhu keessatti hawwiidhaan beekumsa horachaa ture. Kanaaf, “Maali, attamitti na barbaaddan? Mana abbaa koo keessatti argamuun akka ana irra jiru hin beektan turtanii?” jechuudhaan gaarummaadhaan warrasaatiif deebii kenneera.—Luqaas 2:49.

Yoseef yeroo baayʼee jechoota Yesus dubbate kana yaadachaa akka ture hin shakkisiisu. Tarii yommuu inni deebii akkasii kennu Yoseef keessasaatti boonuun isatti dhagaʼameera taʼa. Kana malees mucaan adaraadhaan isatti kenname kun waaʼee Yihowaa akkas akka isatti dhagaʼamu gochuuf dhamaʼee barsiisaa tureera. Yesus yeroo sanatti baayʼee xinnoo taʼus “abbaa” jechuun maal jechuu akka taʼe hubateera; akkas akka isatti dhagaʼamuuf Yoseef gumaacha guddaa akka godhe ifadha.

Atoo abbaa yoo taate ijoolleenkee abbaan jaalala qabeessiifi maatiisaa eegu abbaa akkamii akka taʼe akka hubatan isaan gargaaruuf mirga akka qabdu sitti dhagaʼamaa? Akkasumas abbaa buddeenaa ykn ijoollee guddifachaa qabda taanaan, fakkeenya Yoseef yaadachuudhaan tokkoon tokkoon ijoollee adda akka taʼaniifi gatii guddaa akka qaban godhii ilaali. Yihowaa abbaasaanii isa samiitti caalaatti akka dhihaatan isaan gargaari.

Yoseef Amanamummaadhaan Itti Gaafatamummaasaa Baʼeera

Macaafni Qulqulluun kana booda waaʼee Yoseef waan baayʼee ibsuu baatus, warruma arganne kana gad fageenyaan qoruun keenya barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun Yesus ‘isaaniif abboomamaa jiraate’ jechuudhaan nutti hima. Akkasumas, “Yesus immoo Waaqayyoo fi namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaa fi ogummaatti in guddata ture” jedha. (Luqaas 2:51, 52) Jechoonni kun waaʼee Yoseef maal ibsu? Waan hedduu nuu ibsu. Mucaansaa inni mudaa hin qabne aboo Yoseef qabu kan kabajuufi kan isaaf bitamu taʼuunsaa waan ibsameef, Yoseef mataa maatii taʼuudhaan maatiisaa geggeessaa akka ture hubanna.

Yesus ogummaadhaan guddachaa akka deemes caqasa kanarraa ni hubanna. Yoseef gama kanaan gumaacha olaanaa akka godhe hin shakkisiisu. Bara sanatti Yihudoonni ogeeyyii taʼuu dandaʼan namoota jireenya gaarii jiraatan qofa akka taʼan argisiisuuf mammaaksa beekamaa tokko qabu. Namoonni hojii muka hojjetan, qonnaan bultoonni, namoonni sibiila tumaniifi k.k.f. “waaʼee haqaafi murtoo dubbachuu hin dandaʼan; bakka mammaaksi dubbatamanitti akka isaan hin argamne” dubbatama ture. Yeroo booda yaanni kun sirrii akka hin taane Yesus saaxileera. Abbaansaa nama hojii mukaa hojjetuufi jireenya gadaanaa jiraatu taʼus, “haqaafi murtoo” Yihowaa ilaalchisee yommuu Yoseef akka gaariitti barsiisu siʼa baayʼee dhagaʼee akka ture hin shakkisiisu.

Guddina qaamaa Yesusirrattis Yoseef gumaacha akka godhe hubanna. Yesus ijoollummaasaatti kunuunsa gaarii waan argateef gaafa guddatu cimaafi fayya buleessa taʼuu dandaʼeera. Kana malees Yoseef ilmasaa ogummaa harkaatiin akka gaariitti leenjiseera. Yesus, ilma nama muka soofuu qofa utuu hin taʼin “muka soofticha” jedhamee waamameera. (Maarqos 6:3) Kanaaf Yoseef akka gaariitti isa leenjiseera jechuudha. Mataa maatii kan taʼan ijoolleensaanii fayya buleessa taʼanii akka guddataniifi of dandaʼanii akka jiraatan godhanii isaan leenjisuuf fakkeenya Yoseef hordofuunsaanii gaariidha.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Yesus waggaa 30⁠tti akka cuuphame ibsu booda Yoseefiin ilaalchisee wanti barreeffame hin jiru. Ragaa jirurraa hubachuun akka dandaʼamu Yesus tajaajilasaa siʼa jalqabetti Maariyaam haadha hiyyeessaa turte. (Saanduqa, “Yoseef Kan Duʼe Yoomi?” jedhu fuula 27⁠rraa ilaali.) Haataʼu malee Yoseef nama maatiisaa balaarraa eege, isaan kunuunseefi hanga dhumaatti amanamummaadhaan itti gaafatamummaasaa baʼuudhaan fakkeenya gaarii taʼuusaa argisiisedha. Abbaa, mataan maatii ykn Kiristiyaanni kamiyyuu amantiisaatiin fakkeenya Yoseef hordofuuf carraaqqii gochuu qaba.

[Miiljaleewwan]

^ key. 7 Yeroo sanatti wal naqachuun akkuma gaaʼela dhaabbatanitti ilaalama ture.

^ key. 8 Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 2008 mataduree, “Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa—‘Garaasheetti Qabattee, Itti Yaaddi Turte’” jedhu ilaali. (Amaariffa)

^ key. 14 Macaafni Qulqulluun Yesus dinqii isa jalqabaa kan raawwate erga cuuphamee booda akka taʼe ifatti dubbata. (Yohannis 2:1-11) Seenaa wangeelaa appookiriifaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mataduree, “Wangeelonni Dabalataa—Yesusiin Ilaalchisee Dhugaawwan Dhokatan Qabataniiruu?” jedhu fuula 18 ilaali.

[Saanduqa fuula 27⁠rra jiru]

Yoseef Kan Duʼe Yoomi?

Yommuu Yesus umriinsaa waggaa 12 ture Yoseef lubbuudhaan akka ture beekna. Umrii kanarratti dargaggoonni Yihudootaa hedduun ogummaa abbaasaanii barachuufi waggaa 15 siʼa guutanimmoo hojicha hojjechuu dandaʼu turan. Yoseef, Yesusiin ogummaa hojii mukaa akka gaariitti barsiisuuf waggaa dheeraa akka jiraate haalasaarraa hubachuu dandeenya. Yommuu Yesus waggaa 30⁠tti tajaajilasaa jalqabe Yoseef lubbuudhaan jira turee? Afaan guunnee kana jechuun rakkisaadha. Yeroo sanatti haati Yesus, obboloonnisaafi obboleettonnisaa lubbuudhaan kan turan taʼus, Yoseef garuu hin caqasamne. Yeroo tokko Yesus, ilma Yoseef utuu hin taʼin “ilma Maariyaam” jedhamee waamamee ture. (Maarqos 6:3) Maariyaam gargaarsa abbaa manaa utuu hin qabaatin kophaashee dhimma maatii ilaallaturratti murtoo gochaa akka turte ibsameera. (Yohannis 2:1-5) Dubartiin tokko haadha hiyyeessaa yoo taate malee kana gochuun bara duriitti baramaa hin turre. Dhumarrattis, Yesus yommuu duʼuuf jedhu, haadhasaa akka kunuunsuuf Yohannis ergamaatti adaraa kenne. (Yohannis 19:26, 27) Yoseef utuu lubbuudhaan jira taʼee Yesus akkas gochuun isa hin barbaachisu ture. Kanaaf Yoseef, Yesus hanga tokko umrii dardarummaa keessa utuu jiruu akka duʼe kanarraa hubachuun ni dandaʼama. Yesus ilma angafaa waan taʼeef, hanga gaafa cuuphameetti hojii mukaa hojjechuudhaan maaticha kunuunsaa akka ture hin shakkisiisu.

[Fakkii fuula 24⁠rra jiru]

Yoseef ilmasaa eeguuf ija jabinaafi haala ofittummaarraa bilisa taʼeen tarkaanfii fudhateera

[Fakkii fuula 25⁠rra jiru]

Yoseef maatiisaa kunuunsuuf jabaatee hojjeteera

[Fakkii fuula 26⁠rra jiru]

Yoseef mana qulqullummaa Yerusaalem jirutti Yihowaa waaqeffachuuf yeroo hunda maatiisaa fuudhee deema ture

[Fakkii fuula 28⁠rra jiru]

Yoseef ilmasaa hojii mukaa barsiiseera