Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Urjicha” kan erge eenyu?

“Urjicha” kan erge eenyu?

Gaaffii Dubbistootaa . . .

“Urjicha” kan erge eenyu?

▪ Yeroo ayyaana qilleetti, diraamaa ykn fakkii mootonni ykn ogeeyyiin sadii Yesus isa reefuu dhalate siree horiin irraa nyaatan keessa ciisee utuu jiruu yommuu daawwatan argisiisu argitee beektaa? Namoonni baayʼeen jara kana gara Betlihemitti qajeelchuuf urjiitti kan fayyadame Waaqayyo akka taʼe dubbatu. Biyyoota tokko tokkotti, ijoolleen maqaa mootota sadanii Meelkiyor, Gaaspaariifi Baaltaazaar jedhamu akka qabatanillee ni leenjifamu. Haataʼu malee, seenaan beekamaa taʼe kun wanta Macaafni Qulqulluun jedhu wajjin walsimaa? Wal hin simu. Seenaan kun dogoggora hedduu qaba.

Tokkoffaa, namoonni kun eenyu? Macaafni Qulqulluun afaan Giriikii isa jalqabaatiin barreeffame, namoonni kun moototas taʼe ogeeyyii akka taʼan hin dubbatu. Kanaa mannaa, sabaa sagal ykn namoota urjii lakkaaʼan turan. Haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti, namoonni kun sochii urjootaarratti hundaaʼanii ogummaa namoota Waaqayyoon hin beeknee hordofuudhaan hojii qaallummaa hojjetu turan. Macaafni Qulqulluun maqaas taʼe lakkoofsa namoota kanaa hin ibsu.

Lammaffaa, namoonni kun Yesusiin daawwachuu kan dhufan yoomi? Yeroo Yesus daaʼima taʼee siree horiin irraa nyaatan keessa jirutti hin turre. Kana akkamitti beekna? Barreessaa Wangeelaa kan taʼe Maatewos, “Manatti lixaniis mucicha haadha isaa Maariyaamii wajjin argatan” jedheera. (Maatewos 2:11) Yeroo sana Yesus daaʼima reefu dhalate utuu hin taʼin, ‘mucaa’ akka ture hubadhu. Maariyaamiifi Yoseefis, mooraa loonii keessa utuu hin taʼin mana keessa jiraachaa turan.

Sadaffaa, “urjichi” namoota urjii lakkaaʼan sana akka qajeelchu kan erge eenyu? Geggeessitoonni amantii, “urjicha” kan erge Waaqayyo akka taʼe barsiisu. Kun dhugaadhaa? “Urjichi” jalqabarratti namoota urjii lakkaaʼan sana gara Betlihemitti akka hin qajeelchine yaadadhu. Kanaa manaa, gara Herodis Mootichaa isa Yerusaalem keessa tureetti isaan qajeelche. Isaanis mootii hinaaffaa qabuufi lubbuu namaa balleessu sanatti, Yesus dhalachuusaafi yaada mucaa gara fuulduraatti “mootii Yihudootaa” taʼu kana akka jibbu isa godhu itti himan. (Maatewos 2:2) Herodis, innis mucichaaf sagaduu akka barbaadu ibsuudhaan bakka mucichi itti argamu deebiʼanii akka itti himan malaan isaan gaafate. Achiis, “urjichi” gara Maariyaamiifi Yoseefitti isaan qajeelche. Namoonni urjii lakkaaʼan kun, utuu Waaqayyo isaan dhowwuu baatee mucicha ajjeesisuuf turan. Kan nama gammachiisu garuu Waaqayyo isaan dhowweera. Herodis, namoonni urjii lakkaaʼan sun garasaatti waan hin deebineef baayʼee aaruudhaan, ijoolleen dhiiraa Betlihemiifi naannoosheetti argaman umriinsaanii waggaa lamaafi isaa gadi taʼan hundi akka ajjeefaman ajaje.—Maatewos 2:16.

Yeroo booda Yihowaan, “Ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jechuudhaan waaʼee Yesus dubbateera. (Maatewos 3:17) Mee yaadi, Abbaan jaalala qabeessaafi qajeelaa taʼe kun, namoota urjii lakkaaʼaniifi gocha qaallummaa isa Seerasaa keessatti dhowwame raawwatan akka ergamootasaatti itti fayyadamaa? (Keessa Deebii 18:10) Yihowaan, jibba Herodis isa nama hamaa taʼeefi nama ajjeesuu barbaadu sanaa kakaasuuf, urjiitti fayyadamee namoota sana qajeelchaa? Waaqayyo, urjii kanaafi namoota urjii lakkaaʼan sanatti fayyadamee bakka ilmisaa inni balaarraa of eeguu hin dandeenye jiru ni beeksisaa?

Fakkeenyaaf, ajajaan loltootaa gaarii taʼe tokko, loltuu cimaa taʼe filatee gara naannoo diinaatti erge haa jennu. Ajajaan kun loltuunsaa eessatti akka argamu diinotatti ni himaa? Gonkumaa hin himu! Haaluma walfakkaatuun, Yihowaanis Ilmasaa gara biyya lafaa hamaa taʼe kanaatti ergeera. Maarree bakka Ilmisaa inni balaarraa of eeguu hin dandeenye kun jiru, Herodis Mooticha isa hamaatti ni himaa? Matumaa akkas hin godhu!

“Urjicha” ykn wanta urjii fakkaatu sana kan erge eenyuree? Yesus guddatee kaayyoo gara lafaatti itti ergame akka hin raawwanne gochuuf, daaʼimummaasaatti isa ajjeesisuu kan barbaadu eenyu ture? Qaamni, namoota dogoggorsiisuu, akkasumas soba, gooliifi ajjeechaa babalʼisuu barbaadu eenyu? Yesus, qaamni ‘sobduufi abbaa sobaa’ taʼe inni ‘jalqabumaa jalqabee nama ajjeesaa ture’ kun Seexana akka taʼe ibseera.—Yohannis 8:44.