Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Eeyyeen Keessan Eeeyyee Haataʼu

Eeyyeen Keessan Eeeyyee Haataʼu

“Dubbii keessan keessatti eyyeen keessan eyyee haa taʼu, waawuun keessanis waawuu [“Lakkiin keessan Lakki,” NW] haa taʼu!”—MAT. 5:37.

1. Kakachuu ilaalchisee Yesus maal jedhe? Maaliif?

KIRISTIYAANONNI dhugaan gorsa Yesus, “Dubbii keessan keessatti eyyeen keessan eyyee haa taʼu!” jedheef waan abboomamaniif hin kakatan. Yesus yommuu akkas jedhu namni tokko wanta dubbate raawwachuu qaba jechuusaa ture. Abboommii kana kennuusaa dura, “Raawwattanii hin kakatinaa!” jedheera. Yesus akkas kan jedhe, barsiifanni namoonni hedduun wanta tokko raawwachuuf utuu itti hin yaadin irra deddeebiʼanii yeroo hunda kakatan sirrii akka hin taane argisiisuuf ture. Namoonni akkasii yaadasaanii ibsuuf, Eeyyee ykn Lakki jechuurra darbanii waan kakataniif, kan hin amanamneefi dhiibbaa “isa hamaa” jala kan jiran akka taʼan argisiisu.​—Maatewos 5:33-37 dubbisi.

2. Kakachuun yeroo hundumaa dogoggora kan hin taane maaliif akka taʼe ibsi.

2 Yesus, kakachuun yeroo hundumaa dogoggoradha jechuusaa turee? Akkas jechuusaa akka hin taane akkamitti beekna? Akkuma mataduree darberratti baranne, Yihowaanis taʼe tajaajilaasaa kan taʼe Abrahaam yeroo barbaachisaa taʼetti kakataniiru. Seerri Waaqayyoos dhimmawwan tokko tokkoof furmaata kennuun kakachuu akka gaafatu ni ibsa. (Bau. 22:10, 11; Lak. 5:21, 22) Kanaaf, Kiristiyaanni tokko mana murtiitti dhihaachuudhaan waaʼee waan tokkoo dhugaa dubbachuuf, kakachuunsaa barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Darbee darbeemmoo, Kiristiyaanni tokko wanta tokko gochuuf akka yaade ykn rakkina uumame tokko ilaalchisee dhugaa jiru dubbachuuf kakachuun barbaachisaa akka taʼe yaaduu dandaʼa. Yesus yommuu angafa lubootaatiin kaksiifametti guutummaa yaaʼii warra Yihudootaa duratti dhugaasaa dubbate malee hin mormine. (Mat. 26:63, 64, hiika bara 1899) Yesus garuu eenyuufiyyuu kakachuun isa hin barbaachisu ture. Taʼus, yeroo baayʼee wanti inni dubbatu dhugaa taʼuusaa jabeessee ibsuuf, “Dhuguma, dhuguman isinitti hima” jedha ture. (Yoh. 1:51; 13:16, 20, 21, 38) Mee Yesus, Phaawulosiifi namoota Eeyyeensaanii Eeyyee taʼe kaanirraa barumsa barachuu dandeenyu garabiraa haa ilaallu.

YESUS—ISA FAKKEENYA HUNDA CAALU

Yesus guyyaa itti cuuphamee kaasee hanga guyyaa duʼeetti, waadaa Abbaasaatiif gale amanamummaadhaan raawwateera

3. Yesus kadhannaasaarratti maal akka raawwatu Abbaasaatiif waadaa gale? Abbaansaahoo maal jedhee deebiseef?

3 “Yaa Waaqayyo, kunoo, ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera.” (Ibr. 10:7) Yesus jechoota hiika guddaa qaban kana dubbachuudhaan, raajii Sanyicha isa abdachiifame ilaalchisee dubbatame hunda raawwachuuf, hanga Seexanaan ‘koomeensaa iddamutti’ dabarsee of kennuuf qophaaʼaa akka ture ibseera. (Uma. 3:15) Ilmaan namootaa keessaa itti gaafatamummaa guddaa akkasii fudhachuuf fedhiidhaan kan of kennu hin jiru. Yihowaan wanti Yesus dubbatu dhugaa taʼuusaa mirkaneessuuf kan isa hin kakachiisne taʼus, guutummaatti akka isatti amanamu samiirraa dubbateera.—Luq. 3:21, 22.

4. Yesus Eeyyeensaa Eeyyee akka taʼu kan godhe hanga maaliitti ture?

4 Yesus yeroo hunda wanta lallabu raawwachuudhaan Eeyyeensaa Eeyyee akka taʼe argisiiseera. Wanti tokkollee itti gaafatamummaa inni Abbaasaarraa fudhate, jechuunis misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuufi namoota Waaqayyo gara Yesusitti harkisu hunda bartoota gochuurraa akka isa gufachiisu hin heyyamne. (Yoh. 6:44) Macaafni Qulqulluun, waaʼee amanamummaa Yesus jechoota xiyyeeffannaa namaa harkisaniin yommuu ibsu, “Abdiin Waaqayyoo hundinuu karaa Kristos ‘Haa taʼu’ [“Eeyyee,” NW] jedhamanii in raawwatamu” jedha. (2 Qor. 1:20) Dhugumayyuu, Yesus wanta Abbaasaatiif nan godha jedhee waadaa gale raawwachuudhaan fakkeenya hunda caaludha. Ittaansuudhaan, waaʼee nama fakkeenya Yesus hordofuuf hanga isaaf dandaʼame godhe tokkoo ilaalla.

PHAAWULOS—NAMA WAAN DUBBATE HOJIIRRA OOLCHU

5. Phaawulos fakkeenya akkamii nuuf taʼeera?

5 “Maal godhu gooftaa?” (HoE. 22:10) Phaawulos inni yeroo sana Saaʼol jedhamee waamamu, jecha garaadhaa madde kana kan dubbate yeroo Yesus inni ulfina gonfate Saaʼol bartootasaa ariʼachuu akka dhiisu mulʼataan isatti dubbatetti ture. Kanaan kan kaʼes Saaʼol gochasaa duriitiif yaada garaa geddaratee kan cuuphame yommuu taʼu, itti gaafatamummaa addaa sabootaaf waaʼee Yesus dhugaa akka baʼu itti kenname fudhateera. Yeroo sanaa kaasee Phaawulos, Yesus “gooftaa” isaa akka taʼe labsuudhaan hanga xumura jireenyasaa isa lafaarratti wanta dubbatee wajjin haala walsimuun jiraateera. (HoE. 22:6-16; 2 Qor. 4:5; 2 Xim. 4:8) Phaawulos, akka namoota Yesus, “Maaliif waanan isinitti himu utuu hin godhin, yaa gooftaa, yaa gooftaa naan jettu?” jechuudhaan waaʼeesaanii dubbatee hin turre. (Luq. 6:46) Eeyyee, Yesus namoonni akka Gooftaasaaniitti isa ilaalan hundi, akkuma Phaawulos wanta dubbatan akka raawwatan isaanirraa barbaada.

6, 7. (a) Phaawulos sagantaa gumii Qorontos deebiʼee daawwachuuf baafate kan jijjiire maaliifi? Namoonni tokko tokko Phaawulos amanamaa akka hin taane dubbachuunsaanii sirrii kan hin taane maaliifi? (b) Namoota gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

6 Phaawulos, ergaa Mootummichaa guutummaa Asiyaa Ishee Xinnoottiifi Awurooppaatti hinaaffaadhaan lallabeera; gumii hedduu hundeesseera; deddeebiʼees isaan gaafateera. Yeroo tokko, wanti inni barreesse dhugaa taʼuusaa jabeessee ibsuuf kakachuun isa barbaachisee ture. (Gal. 1:20) Qorontositti namoonni tokko tokko amanamummaasaa shakkuudhaan yommuu isa himatan, Phaawulos, “Akka amanamummaan Waaqayyoo dhugaa taʼe, akkasuma dubbiin ani isinitti dubbadhu ‘Eyyee,’ ‘Waawuu’ jechuudhaan kan garagaggalu miti” jedhee barreesseera. (2 Qor. 1:18) Phaawulos yeroo kana barreesse Efesoonii baʼee karaa Maqedooniyaa gara Qorontositti deemaa ture. Jalqabarratti, Maqedooniyaa dura Qorontosiin daawwachuuf karoorfatee ture. (2 Qor. 1:15, 16) Taʼus, akkuma daawwattoota olaanaa yeroo harʼaa, al tokko tokko haala jirurratti hundaaʼuudhaan sagantaa jijjiiruun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Jijjiiramni akkasii kan godhamu sababa hin taaneen ykn sababa ofittummaarratti hundaaʼeen utuu hin taʼin, wanti cimaan akka tasaa yeroo uumamuttidha. Phaawulos Qorontosiin daawwachuuf sagantaasaa kan jijjiire faayidaa gumichaatiif ture. Akkamitti?

7 Phaawulos, sagantaa erga baafatee yeroo muraasa booda, gumiin Qorontos tokkummaa akka dhabeefi ejja raawwatamu akka laayyootti ilaalaa akka jiru dhagaʼe. (1 Qor. 1:11; 5:1) Haala kana sirreessuuf ergaa warra Qorontosiif erge isa duraarratti gorsa cimaa barreessee ture. Kanaaf, daawwannaansaa caalaatti kan isaan jajjabeessu akka taʼu gochuuf, yeruma sana Efesoonii gara Qorontos deemuu mannaa, gorsa kenneef hojiirra akka oolchaniif obbolootasaatiif yeroo kennuuf murteesse. Sababa sagantaasaa itti jijjiire sirrii taʼuusaa isaanii mirkaneessuuf ergaasaa isa lammaffaarratti, “Ani garuu isin qusachuudhaaf gara Qorontos dhufuu dhiisuu koo Waaqayyo in beeka; kanas Waaqayyo dhugaa ana irratti haa baasu!” jedhee barreesseera. (2 Qor. 1:23) Akka namoota Phaawulosiin ceephaʼanii taʼuu mannaa, warra gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaniif kabaja guddaa akka qabnu haa argisiisnu. Akkuma Phaawulos fakkeenya Kiristos hordofe, nuyis fakkeenyasaa hordofuun keenya baayʼee barbaachisaadha.—1 Qor. 11:1; Ibr. 13:7.

NAMOOTA FAKKEENYA GAARII TAʼAN GARABIRAA

8. Ribqaan fakkeenya akkamii nuuf taati?

8 “Eeyyee nan dhaqa.” (Uma. 24:58) Ribqaan yaada gabaabaa kana dubbachuudhaan, guyyuma sana nama hin beekne duukaa karaa kiilomeetira 800 deemtee, haadha manaa Yisihaq taʼuuf fedhii akka qabdu haadhasheefi obboleessasheetti himte. (Uma. 24:50-58) Ribqaan, Yisihaqiif haadha manaa Waaqayyoon sodaattuufi amanamtuu taʼuudhaan, Eeyyeenshee Eeyyee akka taʼe mirkaneessiteetti. Jireenyashee gara caalaasaa biyya ormaatti, jechuunis Biyyattii Abdachiifamtetti dunkaana keessa jiraatteetti. Amanamummaa argisiisteenis abaabilii Sanyii abdachiifame kan taʼe Yesus Kiristos taʼuudhaan eebba argatteetti.—Ibr. 11:9, 13.

9. Ruut wanta dubbatte kan raawwatte akkamitti?

9 “Nuyi sii wajjin gara saba kee in dhaqna.” (Rut. 1:10) Ruutiifi Orphaa warri dubartoota Moʼaab taʼaniifi abbootiin manaasaanii irraa duʼan, jecha kana kan dubbatan amaatiisaanii Naaʼomii ishee Moʼaabii gara Betlihemitti deebiʼaa jirtutti ture. Xumurarratti Orphaan, Naaʼomiin waan ishee dirqisiisteef gara biyyasheetti deebite. Lakkiin Ruut garuu Lakki ture. (Ruut 1:16, 17 dubbisi.) Maatiisheefi waaqeffannaa sobaa Moʼaabotaa dhiistee, Naaʼomiirraa utuu gargar hin baʼin amanamummaadhaan wajjin jiraatteetti. Ruut amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuushee kan itti fufte ennaa taʼu, dubartoota abaabilii Yesus akka taʼan Maatewos caqase shanan keessaa tokko taʼuudhaan eebba argatteetti.—Mat. 1:1, 3, 5, 6, 16.

10. Isaayaas fakkeenya gaarii kan nuuf taʼu maaliifi?

10 “Kunoo, ani jira, ana ergi!” (Isa. 6:8) Isaayaas kana dubbachuusaa dura, Yihowaan mana qulqullummaa Israaʼel gararraa teessoosaarra taaʼee utuu jiruu mulʼataan argee ture. Wanta dinqisiisaa taʼe kana utuu ilaalaa jiruu yommuu Yihowaan, “Eenyunan erga? Eenyutus ergaa nuuf dhaqa?” jedhu dhagaʼe. Kun waamicha Yihowaan nama ergaa inni sabasaa warra mata jabeeyyii taʼaniif dabarsu raawwachuuf fedhii qabuuf dhiheesse ture. Isaayaas wanta dubbate raawwachuudhaan Eeyyeensaa Eeyyee akka taʼe mirkaneesseera. Isaayaas waggaa 46 oliif, raajii Waaqayyoo taʼee amanamummaadhaan tajaajileera; badiisa dhufuuf jiru ilaalchisee ergaa cimaa labseera; abdii dinqisiisaa waaqeffannaan dhugaan deebiʼee akka ijaaramu ibsus dubbateera.

11. (a) Wanta dubbanne raawwachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Namoonni amanamoo hin taaneefi akeekkachiisa nuuf taʼan tokko tokko eenyufaʼi?

11 Yihowaan fakkeenyonni armaan olii Macaafa Qulqulluu keessatti akka nuuf barreeffaman kan godhe maaliifi? Eeyyeen keenya Eeyyee akka taʼu gochuun hangam barbaachisaadha? Macaafni Qulqulluun, namni ‘waan dubbate hin eegne’ warra ‘duuti isaaniif taʼu’ keessatti akka ramadamu akeekkachiisa. (Rom. 1:31, 32) Faraʼoon Mootiin Gibxii, Zedeqiiyaan Mootiin Yihudaa, akkasumas Anaaniyaasiifi Safiiraan namoota fakkeenya gadhee taʼaniifi Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman yommuu taʼan, namoonni kun Eeyyeensaanii Eeyyee utuu hin taʼin hafeera. Hundisaaniiyyuu adabbii cimaa kan adabaman yommuu taʼu, fakkeenya akeekkachiisaa nuuf taʼu.—Bau. 9:27, 28, 34, 35; His. 17:13-15, 19, 20; HoE. 5:1-10.

12. Wanta dubbanne raawwachuuf kan nu gargaaru maalidha?

12 “Guyyoota gara dhumaa” keessa waan jiraannuuf namoota “amanamoo hin taane, NW” akkasumas ‘bakkeedhaan nama Waaqayyoo fakkaataniifi humnasaa garuu gananiin’ marfamneerra. (2 Xim. 3:1-5) Hanga nuu dandaʼame michoota gadhee akkasiirraa fagaachuu qabna. Namoota Eeyyeensaanii Eeyyee taʼee wajjin yeroo hunda walgaʼiirratti argamuu qabna.—Ibr. 10:24, 25.

EEYYEE HUNDA CAALAA BARBAACHISAA TAʼE

13. Waadaan hunda caaluufi namni duuka buutuu Yesus Kiristos taʼe ‘Eeyyee’ jechuudhaan galu maalidha?

13 Waadaa namni tokko galu keessaa inni hunda caalu, waadaa Waaqayyoof of murteessuudhaan inni galudha. Namoonni bartoota Yesus taʼuuf of murteessuu barbaadan, wanta isaanirraa eegamu raawwachuuf dhugumaan fedhii akka qaban mirkaneessuuf ‘Eeyyee’ akka jedhan gaaffii sadii gaafatamu. (Mat. 16:24) Jaarsoliin lama, nama babalʼisaa hin cuuphamne taʼuu barbaadu yeroo haasofsiisanitti gaaffii, “Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuu dhugumaan ni barbaaddaa?” jedhu isa gaafatu. Namni kun karaa hafuuraa guddina argisiisaa deemuudhaan cuuphamuuf fedhii akka qabu yommuu ibsuttimmoo, “Of murteessuukee kadhannaadhaan Yihowaatti himteettaa?” jedhanii isa gaafatu. Dhumarrattis kaadhimamtoonni cuuphaa guyyaa itti cuuphamanitti, “Aarsaa furii Yesus Kiristositti amanuudhaan, cubbuu keessanirraa yaada garaa geddarattanii, fedha Yihowaa raawwachuuf of murteessitaniittuu?” jedhamanii gaafatamu. Achiis, namoonni haaraan kun dhugaa baatota duratti, waadaa barabaraaf Waaqayyoon tajaajiluuf galan ‘Eeyyee’ jechuudhaan mirkaneessu.

Waadaa hunda caaluufi “Eeyyee” jechuudhaan galte raawwachaa jirtaa?

14. Yeroo yeroodhaan of qoruuf gaaffii akkamii of gaafachuu qabna?

14 Dhihoo kan cuuphamtes taʼe waggoota hedduudhaaf Waaqayyoon tajaajilaa kan turte, of qoruuf yeroo yeroodhaan gaaffiiwwan akka armaan gadii of gaafachuunkee barbaachisaadha. ‘Fakkeenya Yesus Kiristos hordofuudhaan waadaa ‘Eeyyee’ jechuudhaan galeefi hunda caalaa barbaachisaa taʼe eeguukoo itti fufeeraa? Jireenyakoo keessatti hojii lallabaatiifi bartoota gochuutiif iddoo guddaa kennuudhaan Yesusiif abboomamuukoo itti fufeeraa?’—2 Qorontos 13:5 dubbisi.

15. Karaawwan Eeyyeen keenya Eeyyee akka taʼu gochuun barbaachisaa itti taʼe kamfaʼi?

15 Waadaa of murteessuudhaan galleef amanamoo taʼuu jechuun, wantoota barbaachisaa taʼan garabiraarrattis amanamoo taʼuu jechuudha. Fakkeenyaaf: Gaaʼela godhatteettaa? Taanaan, waadaa hiriyaa gaaʼelaakee jaallachuufi kunuunsuuf galte eeguukee itti fufi. Waliigaltee daldalaa mallatteessiteettaa? Yookiin, mirgawwan tiʼookraasii wajjin haala wal qabateen foorimii guutteettaa? Taanaan, waadaa galte eeguunkee barbaachisaadha. Namni harka qalleessa taʼe tokko afeerrii nyaata akka waliin nyaattan sii dhiheesse fudhatteettaa? Taanaan, afeerraan kanarra caalu akkamiillee yoo siif dhihaate waadaa galte eegi. Yookiin, nama tajaajila manaa gara manaarratti argatte tokkoon yeroo garabiraatti deebitee dhaquudhaan ibsa dabalataa isaaf kennuuf waadaa galteettaa? Yeroo hunda, Eeyyeenkee Eeyyee akka taʼu carraaqqii yoo goote Yihowaan tajaajilakee siif eebbisa.—Luqaas 16:10 dubbisi.

ANGAFA LUBAAFI MOOTII KEENYARRAA FAAYIDAA ARGACHUU

16. Waadaa galle tokko utuu hin raawwatin yoo hafne maal gochuu qabna?

16 Macaafni Qulqulluun, cubbamoota waan taaneef keessumaa arrabaa wajjin haala wal qabateen ‘hundumti keenya baayʼee irraa akka kaannu’ dubbata. (Yaq. 3:2) Wanta dubbanne tokko utuu hin raawwatin akka hafne yoo hubanne maal gochuu qabna? Seera Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne keessatti, namni “yaada malee afaan isaatiin dubbate” tokko balleessaasaatiif dhiifama akka argatu qophiin godhameefii ture. (Lew. 5:4-7, 11) Kiristiyaana cubbuu akkasii raawwateefis qophiin godhameera. Cubbuu hojjenne tokko adda baasnee Yihowaatti himuudhaan yaada garaa yoo geddaranne, karaa Yesus Kiristos isa Angafa Lubaa taʼeen dhiifama nuu godha. (1 Yoh. 2:1, 2) Taʼus, surraa Waaqayyoo argannee jiraachuu keenya itti fufuuf, dhugumaan yaada garaa geddarachuufi miidhaa wanti utuu itti hin yaadin dubbanne sun geessise sirreessuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna. (Fak. 6:2, 3) Dhugaadha, wanta fiixaan baasuu hin dandeenyeef waadaa galuu keenya dura, of eeggannoodhaan irratti yaaduun keenya barbaachisaadha.—Lallaba 5:2 dubbisi.

17, 18. Namoonni Eeyyeensaanii Eeyyee akka taʼu carraaqan gara fuulduraatti abdii dinqisiisaa akkamii qabu?

17 Tajaajiltoonni Yihowaa warri Eeyyeensaanii Eeyyee akka taʼuuf carraaqqii godhan hundi, gara fuulduraatti wanta gammachiisaatu isaan eeggata. Kana jechuun, dibamtoonni 144,000 taʼan samiirratti jireenya hin badne argatanii Mootummaasaa keessatti Yesusii “wajjin waggaa kuma tokkoof moʼu” jechuudha. (Mul. 20:6) Namoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamaniifimmoo, lafa jannata taaturratti Mootummaa Kiristosirraa faayidaa argachuu jechuudha. Yeroo sanatti ilmaan namootaa qaamaafi sammuudhaan sadarkaa mudaa hin qabnerra gaʼu.—Mul. 21:3-5.

18 Qorumsa dhumaa, xumura Bulchiinsa Barkumee Yesus keessa amanamummaadhaan erga darbinee booda, dubbii namni kaan dubbatu kamiyyuu shakkuun nu hin barbaachisu. (Mul. 20:7-10) Namoonni hundi Eeyyeensaanii Eeyyee, Lakkiinsaaniis Lakki taʼa. Namoonni yeroo sana jiraatan hundi, guutummaatti ‘Waaqa amanamaa’ kan taʼe Abbaa keenya Yihowaa hordofu.—Far. 31:5.