Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkoowwan Yeroo Harʼaa Jiran Jabinaan Moʼuu

Rakkoowwan Yeroo Harʼaa Jiran Jabinaan Moʼuu

Rakkoowwan Yeroo Harʼaa Jiran Jabinaan Moʼuu

“Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaaraa taʼuun isaa beekameera.”—FAR. 46:1.

DEEBISUU DANDEESSAA?

Haalawwan nama dhiphisaniin moʼamuurraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

Sababiiwwan ija jabina itti argisiisnu kamfaa qabna?

Yihowaan rakkoowwan akka moonu nu gargaaruuf qophiiwwan akkamii nuu godheera?

1, 2. Namoonni baayʼeen rakkoowwan akkamii isaanirra gaʼaniiru? Haataʼu malee tajaajiltoonni Waaqayyoo maal gochuu barbaadu?

YEROO rakkinni itti baayʼate keessa jiraanna. Lafti balaa hedduudhaan kan guutamedha. Kirkirri lafaa, sunaamiin, balaan ibiddaa, lolaan hamaan, dhoʼinsi volkaanoo, obomboleettiin lafarraafi galaanarraa kaʼu, ilmaan namootaarratti miidhaa guddaa geessisaa jiru. Akkasumas rakkoowwan maatii keessattis taʼe dhuunfaatti namoota mudachaa jiran, sodaafi gadda geessisaa jiru. ‘Yerooniifi walitti dhufuun’ hunda keenya akka mudatu beekamaadha.—Lal. 9:11, hiika bara 1899.

2 Tajaajiltoonni Waaqayyoo gareedhaan, haalawwan nama dhiphisan akkasii akka gaariitti moʼaniiru. Taʼus, rakkoowwan sirna gara dhumaatti dhihaachaa jiru kana keessatti gara fuulduraatti nu mudachuu dandaʼan kamiifiyyuu qophaaʼuu barbaanna. Utuu hin jeeqamin rakkoowwan kana moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Rakkoowwan yeroo harʼaa jiran jabinaan moʼuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

NAMOOTA RAKKINA JABINAAN MOʼANIRRAA BARACHUU

3. Akkuma Roomaa 15:4⁠rratti ibsame yommuu haalli rakkisaan nu mudatu jajjabina argachuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Haalawwan rakkisaa taʼan yeroo kamiyyuu caalaa namoota hedduurra gaʼaa kan jiran taʼus, ilmaan namootaatiif rakkinni waan haaraa miti. Mee tajaajiltoota Waaqayyoo durii rakkoowwan jireenyaa jabinaan moʼuurratti milkaaʼina argatanirraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu.—Rom. 15:4.

4. Daawit rakkoowwan akkamii dandaʼee dabarseera? Rakkoowwan kana akka moʼu kan isa gargaarehoo maalidha?

4 Fakkeenya Daawit ilaalaa. Daawit, mootiin tokko kan isatti dheekkame, diinonnisaa waraana kan isarratti banan, haadhotiin manaasaa kan boojiʼaman, namoonni hidhatasaa taʼan kan isa gananiifi dhiphinni kan isarra gaʼe siʼa taʼu, kana hundumaa dandaʼuun isa barbaachisee ture. (1 Sam. 18:8, 9; 30:1-5; 2 Sam. 17:1-3; 24:15, 17; Far. 38:4-8) Seenaan Macaafa Qulqulluu waaʼee jireenya Daawit dubbatu dhiphina cimaa rakkoowwan kun isarraan geessisan akka gaariitti ibsa. Taʼus rakkoowwan kun karaa hafuuraa miidhaa isarraan hin geessisne. Daawit amantii guutuudhaan, “Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti, eenyu durattan pherpherama ree?” jedheera.—Far. 27:1; Faarfannaa 27:5, 10 dubbisi.

5. Abrahaamiifi Saaraan rakkina isaan mudate akka moʼan kan isaan gargaare maalidha?

5 Abrahaamiifi Saaraan jireenyasaanii gara caalaa dunkaana keessa biyya ormaatti galaa taʼanii jiraataniiru. Taʼus, jireenyi yeroo hundaa salphaa isaaniif hin turre. Beela, akkasumas balaa saboonni naannoosaanii jiran isaanirraan geessisan dandaʼanii jiraataniiru. (Uma. 12:10; 14:14-16) Kana gochuu kan dandaʼan akkamitti? Dubbiin Waaqayyoo, Abrahaam “mandara hundee jabaa qabu, isa Waaqayyo akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare in eeggata ture” jechuudhaan nutti hima. (Ibr. 11:8-10) Abrahaamiifi Saaraan saboota naannoosaanii jiranii fakkaatanii jiraachuu manaa, wantoota gara fuulduraarratti xiyyeeffataniiru.

6. Fakkeenya Iyoob hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Iyoob dhiibbaa guddaan isarra gaʼee ture. Wantoonni jireenyasaa keessatti isa mudatan hundi furmaata kan hin qabne yommuu fakkaatanitti wanta isatti dhagaʼame yaadaa! (Iyo. 3:3, 11) Wantoonni sun maaliif akka isarra gaʼan utuu hin beekin hafuunsaammoo haallisaa caalaatti ulfaataa akka taʼu godheera. Taʼus Iyoob abdii hin kutanne. Amanamummaafi amantii Waaqayyorratti qabus eegee jiraateera. (Iyoob 27:5 dubbisi.) Kun fakkeenya gaarii hordofuu qabnudha.

7. Phaawulos yommuu Waaqayyoon tajaajilutti maaltu isa mudate? Ija jabina kan isaaf kennehoo maal beekuusaati?

7 Fakkeenya Phaawulos ergamaas ilaalaa. ‘Mandaraafi lafa onaa keessatti, akkasumas galaanarratti doorsifamni’ isarra gaʼee ture. Waaʼee ‘beelaa, dheebuufi qullaa taʼuu’ caqasee ture. Tarii yeroo markabni jalaa cabetti taʼuu hin oolu, ‘guyyaa tokkoofi halkan tokko galaana keessa’ akka tures ibseera. (2 Qor. 11:23-27) Kun hundi isarra gaʼus, Waaqayyoon tajaajiluusaatiin kan kaʼe wanti duʼaaf isa saaxilu erga isarra gaʼee booda maal akka jedhe hubadhaa: “Nuyi, Waaqayyo isa warra duʼan kaasu duwwaa malee, ofii keenya akka hin amananneef kun taʼe. Waaqayyo sodaachisa duʼaa, isa akkasii keessaa nu oolcheera, nu oolchuufis jira.” (2 Qor. 1:8-10) Namoonni baayʼeen haalli rakkisaan Phaawulosirra gaʼe isaanirra hin geenye. Taʼuyyuu, baayʼeen keenya wanti isatti dhagaʼame nutti dhagaʼamuu waan dandaʼuuf, ija jabina argisiisuudhaan fakkeenyasaarraa jajjabina argachuu dandeenya.

RAKKOOWWANIIN MOʼAMUURRAA OF EEGAA

8. Rakkoowwan yeroo harʼaa jiran dhiibbaa nurraan gaʼuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

8 Yeroo harʼaa biyya lafaa isa dhiphina, rakkinaafi dhiibbaadhaan guutame kana keessatti, namoonni baayʼeen wanti hundi humnasaaniitii ol akka taʼe itti dhagaʼama. Kiristiyaanonni tokko tokkollee akkas isaanitti dhagaʼama. Laaniin, * isheen abbaa manaashee wajjin Awustiraaliyaatti tajaajila yeroo guutuu keessa turte, dhibee kaansarii harmaatiin akka qabamte yommuu bartetti akka nama bakakkaan rukutee akka naate dubbatteetti. “Yaaliin fayyaa naa godhamu baayʼee kan na dhukkubsu yommuu taʼu, kabajan ofiif qabus dhabeen ture” jetteetti. Kana malees, abbaan manaashee yaaliin lafee dugdaa baqaqsanii hodhuun waan isaa godhameef isas kunuunsuu qabdi turte. Haalli akkasii utuu nurra gaʼee maal gochuu dandeenya?

9, 10. (a) Seexanni maal akka godhu heyyamuu hin qabnu? (b) Rakkina Hojii Ergamootaa 14:22⁠rratti caqasame moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Seexanni rakkina nurra gaʼutti fayyadamee amantii keenya laaffisuu akka barbaadu yaadachuun keenya gaariidha. Haataʼu malee, karaa kanaan gammachuu keenya akka nu dhabsiisu heyyamuu hin qabnu. Fakkeenyi 24:10, “Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa” jedha. Fakkeenyota Macaafa Qulqulluu kan akka olitti ilaallerratti xiinxaluun keenya, rakkina moʼuuf jabina nuu kenna.

10 Rakkina hundarraa walaba of gochuu akka hin dandeenye yaadachuun keenyas gaariidha. Kanaa mannaa rakkinni akka nurra gaʼu eeguu dandeenya. (2 Xim. 3:12) Hojiin Ergamootaa 14:22, “Gidiraa baayʼee keessa darbuudhaan mootummaa Waaqayyootti galuun nuuf in taʼa” jedha. Kanaaf, abdii kutachuu mannaa, rakkoowwan kun, dandeettii Waaqayyo nu gargaaruuf qaburratti amantii qabaachuudhaan ija jabina argisiisuuf carraa akka nuu banutti ilaaluu dandeenya.

11. Rakkoowwan nu mudataniin moʼamuurraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

11 Wantoota gaarii taʼanirratti xiyyeeffachuu nu barbaachisa. Dubbiin Waaqayyoo, “Nama garaan isaa gammade fuulatu ifa, namni garaan isaa gadda qabu garuu yaadni isaa cabaa dha” jedha. (Fak. 15:13) Ogeessonni fayyaa, namni dhukkubsate tokko akka fayyu yaaduudhaan ilaalacha gaarii qabaachuunsaa fayyuuf isa gargaaruu akka dandaʼu ni beeku. Yeroo baayʼee, nama dhukkubsate tokkoof kan isaaf kenname qoricha sobaa taʼuyyuu, qorichichi akka isa gargaru amaneera taanaan, akka isa fayyise itti dhagaʼama. Haataʼu malee, namni dhukkubsate tokko qorichi inni fudhachaa jiru isa miidhaa akka jiru godhee yoo yaade, dhibeensaa itti caaluu dandaʼa. Fakkeenyi kun, haala jijjiiruu hin dandeenyerratti yeroo hunda xiinxaluun keenya abdii akka nu kutachiisu argisiisa. Yihowaan gargaarsa sirrii taʼe waan nuu kennuuf baayʼee isa galateeffanna. Yeroo balaan gaʼuttillee, jajjabina Dubbiisaa keessatti argamutti, obboloota keenya warra nu deggeraniifi jabina hafuurri qulqulluun kennutti fayyadamee gargaarsa sirrii nuu kenna. Wantoota kanarratti xiyyeeffachuun keenya nu cimsa. Haalawwan gadhee taʼanirratti xiinxaluu mannaa, rakkina hunda moʼuuf wanta gochuu dandeessan godhaa; akkasumas wanta gaarii jireenya keessan keessatti qabdanirratti xiyyeeffadhaa.—Fak. 17:22.

12, 13. (a) Tajaajiltoonni Waaqayyoo miidhaa balaan geessise moʼuuf kan isaan gargaare maalidha? Fakkeenyaan ibsi. (b) Wanti jireenya keessatti baayʼee barbaachisaa taʼe maal akka taʼe yeroo rakkinaatti kan mulʼate akkamitti?

12 Dhiheenyatti biyyoota tokko tokkorra balaa cimaan gaʼee ture. Obboloonni biyyoota kana keessa jiraatan hedduun haala dinqisiisaa taʼeen bayyanataniiru. Kana jechuun garuu haallisaa salphaa ture jechuu miti. Sochoʼi lafaa guddaafi sunaamiin jalqaba 2010⁠tti biyya Chiiliirra gaʼe, obboloonni keenya hedduun manasaaniifi qabeenyasaanii akka dhaban kan godhe siʼa taʼu, iddoo tokko tokkottimmoo waan ittiin jiraatan isaan dhabsiiseera. Taʼus, obboloonni sochii karaa hafuuraa godhan itti fufanii turan. Saamuʼel inni mannisaa guutummaatti jalaa barbadaaʼe, “Yeroo haallisaa baayʼee rakkisaa taʼe kanattillee, aniifi haati manaakoo walgaʼiirratti hirmaachuufi lallabuu keenya hin dhiisne. Barsiifata akkasii qabaachuun keenya, abdii akka hin kutanne nu gargaaruusaa nan amana” jedheera. Akkuma obboloonni hedduun godhan, isaanis waaʼee balaa sanaa yaaduu dhiisanii Yihowaa tajaajiluusaanii itti fufaniiru.

13 Fulbaana 2009⁠tti biyya Filippiinsitti magaalaan Maanilaa harki 80 ol lolaa bokkaa cimaan geessiseen uwwifamee ture. Dureessi qabeenyasaa hedduu dhabe tokko, “Lolaan kun sooressaafi hiyyeessa utuu hin jedhin rakkinaafi dhiphina geessisuudhaan lamaanuu kan wal qixxeesse ture” jedheera. Haalli kun gorsa gaarii Yesus, “Badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti iddoo biliin yookiis daanaʼoon hin nyaannetti, hattuunis cabsitee iddoo hin hannetti walitti qabadhaa!” jechuudhaan dubbate nu yaadachiisa. (Mat. 6:20) Qabeenya isa dafee badurratti xiyyeeffachuun yeroo baayʼee abdii nama kutachiisa. Naannoo keenyatti wanti fedheyyuu raawwatamus, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu isa itti fufiinsa qaburratti xiyyeeffachuun keenya ogummaa guddaadha!—Ibroota 13:5, 6 dubbisi.

SABABA IJA JABINA ITTI ARGISIISNU

14. Ija jabina argisiisuuf sababii akkamii qabna?

14 Yesus, yeroo inni argamutti rakkinni akka jiraatu kan dubbate taʼus, “hin sodaatinaa!” jedhee ture. (Luq. 21:9) Yesus inni Mootii keenya taʼeefi Uumaan uumama cufaa waan nu deggeraniif, amanannaa qabaachuuf sababii gaʼaa qabna. Phaawulos, “Waaqayyo hafuura humnaa, kan jaalalaa fi kan of qabuu malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne” jechuudhaan Ximotewosiin jajjabeesseera.—2 Xim. 1:7.

15. Fakkeenyota amanannaa tajaajiltoonni Waaqayyoo qaban mulʼisan caqasi. Akkasaanii ija jabina qabaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsi.

15 Tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko amantii cimaa qaban akkamitti akka ibsan hubadhaa. Daawit, “Waaqayyo aangoo koo ti, gaachana koo tis, garaan koo isa in amanata; ani gargaarsa argadheera, kanaafis garaan koo in ililcha” jedheera. (Far. 28:7) Phaawulos, “Waan nu irra gaʼe hundumaatti garuu, karaa isa nu jaallatee moʼicha guddaa arganna” jechuudhaan amanannaa cimaa qabu ibseera. (Rom. 8:37) Haaluma walfakkaatuun, Yesus haalli rakkisaan yommuu isarra gaʼuuf turetti, “Ani garuu kophaa koo miti, abbaan anaa wajjin jira” jechuudhaan, Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa akka qabu namoota isa dhaggeeffataniif mirkaneesseera. (Yoh. 16:32) Yaadawwan kanarraa maal hubachuu dandeenya? Hundisaanii Yihowaarratti amanannaa cimaa akka qaban argisiisaniiru. Nuyis Waaqayyorratti amanannaa akkasii qabaachuun keenya, jabina rakkoowwan yeroo harʼaa nu mudatan moʼuuf nu barbaachisu qabaachuuf nu gargaara.—Faarfannaa 46:1-3 dubbisi.

QOPHII IJA JABINA QABAACHUUF GODHAMERRAA FAYYADAMAA

16. Dubbii Waaqayyoo qayyabachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

16 Kiristiyaanotaaf ija jabina qabaachuu jechuun ofitti amanamuu jechuu miti. Kanaa mannaa, ija jabinni akkasii Waaqayyoon beekuufi isatti amanamuurraa kan maddudha. Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan amanannaa akkasii qabaachuu dandeenya. Obboleettiin dhiphina sammuu qabdu tokko, “Keessumaa yaadawwan nama jajjabeessan irra deddeebiʼee nan dubbisa” jechuudhaan wanta ishee gargaaru ibsiteetti. Waaqeffannaa maatiitiif sagantaa dhaabbataa akka qabaannu qajeelfama nuu kenname hojiirra oolchineerraa? Kana gochuun keenya, ilaalcha Faarfatichaa isa, “Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebiʼee itti nan yaada” jedhee qabaachuuf nu gargaara.—Far. 119:97.

17. (a) Qophiin ija jabina qabnu eeguuf nu gargaaru maalidha? (b) Seenaa jireenyaa barreeffama keenyarraa dubbisteefi si gargaare tokko dubbadhu.

17 Akkasumas barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼaniifi barumsa amanannaa Yihowaarratti qabnu cimsachuuf nu gargaaran qabatan qabna. Obboloonni hedduun seenaawwan jireenyaa barruulee keenyarratti baʼan faayidaa akka qaban hubataniiru. Obboleettiin Eeshiyaa keessa jiraattuufi dhukkuba sammuu ‘baaypoolaar muud disoordar’ jedhamu qabdu tokko, muuxannoo obboleessa duraan misiyoonii tureefi dhibee akkasii akka gaariitti moʼee dubbisuudhaan jajjabina argattee turte. “Muuxannoon kun rakkinakoo akkan hubadhuufi abdii akkan qabaadhu na gargaareera” jechuudhaan barreessiteetti.

18. Qophii kadhannaatti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?

18 Kadhannaan haala hundumaa keessatti nu gargaaruu dandaʼa. Phaawulos, faayidaa kadhannaan qaburratti akka xiyyeeffannu akkas jechuudhaan nu jajjabeesseera: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.” (Filp. 4:6, 7) Rakkina keessatti gargaarsa argachuuf qophii kanatti guutummaatti ni fayyadamnaa? Obboleessi Biritaaniyaa keessa jiraatu, Aleeksi jedhamuufi dhiphina sammuu yeroo dheeraadhaaf ture qabu, “Kadhannaadhaan Yihowaatti dubbachuufi Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan isa dhaggeeffachuunkoo baayʼee na gargaareera” jedheera.

19. Walgaʼiirratti argamuu ilaalchisee ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

19 Qophiin barbaachisaan nu gargaaruuf godhame kaan walgaʼiidha. Faarfataan tokko, “Lubbuun koo oobdii mana Waaqayyoo yaaddee in gaggabdi!” jedhee barreesseera. (Far. 84:2) Nuhoo akkas nutti dhagaʼamaa? Laaniin, isheen olitti caqasamte, ilaalcha walgaʼii Kiristiyaanaatiif qabdu yommuu ibsitu, “Walgaʼiirratti argamuun filannaaf kan dhiifame miti. Yihowaan rakkinakoo moʼuuf akka na gargaaru yoon barbaade, achitti argamuu akkan qabu beekan ture” jetteetti.

20. Tajaajilarratti hirmaachuun kan nu gargaaru akkamitti?

20 Akkasumas yeroo hunda hojii lallabaarratti dammaqinaan hirmaachuudhaan jajjabina argachuu dandeenya. (1 Xim. 4:16) Obboleettiin Awustiraaliyaa jiraattuufi rakkina hedduu qabdu tokko, “Lallabuun waanan hin jaallanne keessaa isa guddaa kan ture taʼus, jaarsi gumii tokko akkan isaa wajjin tajaajilu na afeere. Anis isa duukaan deeme. Yeroon tajaajila baʼu hundatti gammachuu guddaan waan natti dhagaʼamuuf, Yihowaan na gargaaree taʼuu qaba.” (Fak. 16:20) Obboloonni baayʼeen, Yihowaatti akka amanan namoota kaan gargaaruudhaan, amantii ofiisaanii cimsachuu akka dandaʼan hubataniiru. Kana gochuudhaan rakkinasaanii yaaduu dhiisanii wantoota caalaatti barbaachisaa taʼanirratti xiyyeeffachuusaanii itti fufaniiru.—Filp. 1:10, 11.

21. Rakkoowwan nurra gaʼan ilaalchisee maal mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

21 Yihowaan rakkoowwan yeroo harʼaa jiran jabinaan akka moonu nu gargaaruuf qophii hedduu nuu godheera. Qophiiwwan kana hundatti fayyadamuudhaan, akkasumas fakkeenya tajaajiltoota Waaqayyoo ija jabeeyyii taʼanirratti xiinxaluufi fakkeenyasaanii hordofuudhaan, rakkoowwan akka gaariitti akka moonu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Dhumni sirna kanaa dhihaachaa yommuu deemutti rakkoowwan hedduun nurra gaʼuu kan dandaʼan taʼus, akkuma Phaawulos nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Akkas jedheera: “Lafaan dhaʼamna, garuu achumatti hin hafnu. . . . Nuyi matumaa abdii hin kutannu.” (2 Qor. 4:9, 16) Gargaarsa Yihowaatiin rakkoowwan yeroo harʼaatti nu mudatan jabinaan moʼuu ni dandeenya.—2 Qorontos 4:17, 18 dubbisi.

[Miiljaleewwan]

^ key. 8 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 7⁠rra jiru]

[Fakkii fuula 10, 11⁠rra jiru]

Yommuu rakkinni sirra gaʼu qophii Yihowaan si gargaaruuf godhetti fayyadami