Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hafuura Akkamii Argisiistu?

Hafuura Akkamii Argisiistu?

“Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa taʼu.”​—FILM. 25.

1. Phaawulos namoota hidhata amantiisaa taʼaniif yommuu barreessu abdii akkamii akka qabu ibse?

PHAAWULOS namoota hidhata amantiisaa taʼaniif yommuu barreessu, Waaqayyoofi Kiristos, hafuura gumiiwwan argisiisan akka deggeran abdii qabu irra deddeebiʼee ibseera. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanota Galaatiyaatti argamaniif, “Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa taʼu, yaa obboloota ko. Ameen” jechuudhaan barreesseera. (Gal. 6:18) Phaawulos “hafuura keessanii wajjin haa taʼu” yommuu jedhu maal jechuusaa ture?

2, 3. (a) Phaawulos jecha “hafuura” jedhu yeroo tokko tokko maal argisiisuuf itti fayyadame? (b) Hafuura argisiisnu ilaalchisee gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu dandeenya?

2 Phaawulos asirratti jecha “hafuura” jedhutti kan fayyadame, humna cimaa wanta tokko karaa taʼe tokkoon dubbachuuf ykn raawwachuuf nu kakaasu argisiisuuf ture. Namni tokko gaarummaa kan qabu, kan namaa yaadu, kan gad of deebisu, arjaa ykn dhiifama kan namaa godhu taʼuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, waaʼee “hafuura garraamummaa fi gabii,” akkasumas ‘hafuura ofii dhowwuu’ ni dubbata. (1 Phe. 3:4; Fak. 17:27, hiika bara 1899) Karaa garabiraammoo namni tokko dubbiidhaan kan nama waraanu, kan qabeenya jaallatu, kan dafee aaru ykn yaada mataasaatiin kan geggeeffamu taʼuu dandaʼa. Kan kanarra hammaatummoo, namoonni amala gadhee qaban, hin abboomamneefi fincila kaasanis jiru.

3 Kanaaf, Phaawulos yommuu yaadawwan akka “gooftaan hafuura kee wajjin haa taʼu!” jedhanitti fayyadamu, obboloonnisaa hafuura fedha Waaqayyoofi amala Kiristosii wajjin walsimu akka argisiisan jajjabeessuusaa ture. (2 Xim. 4:22; Qolosaayis 3:9-12 dubbisi.) Akkas jennee of gaafachuun keenya gaaridha: ‘Hafuura akkamiin argisiisaa jira? Hafuura Waaqayyoon gammachiisu caalaatti argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti? Hafuura gaarii gumii keessa jiruuf gumaacha gochuurratti fooyyaʼiinsa gochuu nan dandaʼaa?’ Fakkeenyaaf, tokkoon tokkoon abaaboo suufii maasii keessa jiruu, bareedina guutummaa maasichaatiif gumaacha guddaa godha. Nuhoo akka “abaaboo” maasii keessa jiran sanaa bareedina gumiitiif dhuunfaadhaan gumaacha gochaa jirraa? Abaabota sana keessaa akka isa tokkoo taʼuuf carraaquu akka qabnu beekamaadha. Mee hafuura Waaqayyoon gammachiisu argisiisuuf maal gochuu akka dandeenyu haa ilaallu.

HAFUURA BIYYA LAFAARRAA FAGAADHAA

4. ‘Hafuurri biyya lafaa’ maalidha?

4 Caaffanni Qulqullaaʼoon, “Nuyi . . . hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe fudhanne malee, hafuura biyya lafa kanaa hin fudhanne” jechuudhaan nutti himu. (1 Qor. 2:12) ‘Hafuurri biyya lafaa’ maalidha? Hafuurri kun, hafuura Efesoon 2:2⁠rratti caqasamee wajjin tokkodha. Caqasichi akkas jedha: “Yeroo sanatti isin toora biyya lafaa kanaa duukaa buutanii deddeebiʼaa, aboo qilleensa keessa jiru irratti isa gooftummaa qabuuf abboomamaa turtan; hafuurichi hamaan amma namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jira.” ‘Qilleensi’ asirratti ibsame kun, hafuura ykn ilaalcha biyya lafaa kan argisiisu siʼa taʼu, akkuma qilleensaa nu marsee jira. Qilleessni kun iddoo hundaatti kan argamudha. Ilaachi, ‘Maal gochuu akkan qabu eenyuyyuu natti hin himu’ ykn ‘Mirga keetiif qabsaaʼi’ jedhuufi namoonni yeroo harʼaa jiran baayʼeen qaban kana kan mulʼisudha. Namoonni akkasii, warra biyya lafaa Seexanni bulchu keessa jiraniifi “Waaqayyoof hin abboomamne” jedhaman keessatti ramadamu.

5. Israaʼeloonni tokko tokko hafuura gadhee akkamii argisiisanii turan?

5 Ilaalchi akkasii durumaa kaasee kan turedha. Bara Museetti, Qoraahiin namoota gumii Israaʼel keessatti aboo qabanirratti kaʼee ture. Qoraahi keessumaa kan xiyyeeffate Aaroniifi ilmaansaa warra luboota taʼanii tajaajilanirratti ture. Tarii dogoggorasaanii argee taʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo, Museen aboosaatti fayyadamee mirgoota kana firootasaatiif kenneera jedhee falmee taʼuu hin oolu. Sababiinsaa maaliyyuu yoo taʼe, Qoraahi ilaalcha namaarratti hundaaʼuudhaan, namoota Yihowaan muuderratti kaʼee, tuffiidhaan, “Isin amma dubbii baayʼiftaniittu! . . . isin garuu maaliif waldaa Waaqayyoo irratti ol of qabduree?” jedheera. (Lak. 16:3) Haaluma walfakkaatuun, Daataaniifi Abiiram, “Nu irratti moʼuu barbaaddaa ree?” jechuudhaan Museerratti guungumanii turan. Museen yommuu isaan waametti of tuulummaadhaan, “Lakkii, nuyi hin dhufnu!” jedhanii deebisan. (Lak. 16:12-14) Yihowaan hafuura isaan argisiisanitti akka hin gammanne ifadha. Finciltoota sana hunda ajjeeseera.—Lak. 16:28-35.

6. Namoonni jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko ilaalcha gadhee akka qaban kan argisiisan akkamitti? Kana kan godhan maaliif taʼuu dandaʼa?

6 Namoonni gumii jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokkos, “gooftummaa” tuffachuudhaan namoota aboo qabanirratti kaʼanii turan. (Yih. 8) Namoonni kun tarii mirgi argatan akka isaanitti xinnaate yaaduudhaan, warri kaan dhiirota itti gaafatamummaa Waaqayyo isaanii kenne akka gaariitti raawwachaa jiranirratti akka kaʼan dhiibbaa gochuuf yaalanii taʼuu dandaʼa.—3 Yohannis 9, 10 dubbisi.

7. Yeroo harʼaa gumii keessatti karaawwan kamiin of eeggannoo gochuu qabna?

7 Hafuurri akkasii gumii Kiristiyaanaa keessatti iddoo akka hin qabne beekamaadha. Gama kanaan of eeggannoo gochuun barbaachisaa kan taʼe kanaafidha. Akkuma jaarsolii warra bara Museefi bara Yohannis ergamaatti turanii, jaarsoliin yeroo harʼaas mudaa kan qabanidha. Jaarsoliin dogoggora dhuunfaatti nu miidhu raawwachuu dandaʼu. Wanti akkasii yoo uumame, miseensi gumii kamiyyuu akka hafuura biyya lafaatti “murtoo” argachuuf ykn “obboleessa sanarratti tarkaanfiin tokko akka fudhatamu” gochuuf yaaluunsaa dogoggora guddaadha. Yihowaan dogoggora xixinnoo bira darbuuf filachuu dandaʼa. Nuhoo akkas gochuu ni dandeenyaa? Namoonni gumii keessatti cubbuu cimaa raawwatan tokko tokko, hirʼina jaarsoliirratti argan sababa godhachuudhaan koree jaarsolii isaan gargaaruuf dhaabbate duratti dhihaachuu didaniiru. Haalli kun dhukkubsataa doktoorichi hirʼina akka qabu yaaduudhaan dhaqee isa biratti yaalamuu diduutti fakkeeffamuu dandaʼa.

8. Caqasoonni namoota gumii keessatti geggeessitoota taʼaniif ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaaran kamfaʼi?

8 Yesus Macaafa Qulqulluu keessatti, “harka isaa mirgaa keessaa urjoota torba” akka qabutti fakkeeffamuusaa yaadachuun keenya hafuura akkasiirraa fagaachuuf nu gargaara. ‘Urjoonni’ kun, adda durummaadhaan Kiristiyaanota dibamoo ilaaltota olaanaa taʼan kan argisiisan siʼa taʼu, ilaaltota olaanaa gumii keessatti tajaajilan kaanis kan bakka buʼanidha. Yesus “urjoota” harkasaa keessa jiran sana, kallattii sirrii akka taʼe isatti dhagaʼamu kamittiyyuu isaan qajeelchuu dandaʼa. (Mul. 1:16, 20) Kanaaf, Yesus Mataa gumii Kiristiyaanaa waan taʼeef, qaama jaarsolii guutummaatti toʼata. Qaama kana keessaa namni tokko dhugumaan sirreeffamni kan isa barbaachisu yoo taʼe, Yesus inni ‘ijisaa akka barbadaa ibiddaa’ taʼe, yeroofi karaa barbaadeen tarkaanfiin akka fudhatamu godha. (Mul. 1:14) Hammasitti garuu, gorsa Phaawulos namoota hafuura qulqulluudhaan muudamaniif kabaja akka laannu nuu kenne hordofuu qabna. Akkas jedheera: “Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waaʼee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf! Kanas gaddaan utuu hin taʼin, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif baʼeessa miti.”—Ibr. 13:17.

Gaʼee Yesusirratti xiinxaluunkee akkaataa gorsa itti fudhatturratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

9. (a) Kiristiyaanni tokko yommuu sirreeffamni ykn adabni isaa kennamu kan qoramu akkamitti? (b) Adabaa wajjin haala wal qabateen maal gochuu keenyatu gaariidha?

9 Kiristiyaanni tokko yommuu sirreeffamni kennamuuf ykn yommuu mirga gumii keessatti qabu dhabu, hafuura akkamii akka qabu mulʼachuu dandaʼa. Jaarsi tokko, tapha viidiyoo hammeenya argisiisu ilaaluu ilaalchisee dargaggeessa tokkoof malaan gorsa kenne. Kan nama gaddisiisu, dargaggeessi kun gorsa kana fudhachuu diduudhaan ulaagaa Caaffata Qulqullaaʼoo utuu hin guutin waan hafeef, mirga tajaajilaa gumii taʼuudhaan qabu dhabe. (Far. 11:5; 1 Xim. 3:8-10) Sana booda obboleessi kun, murtoo godhame kanatti akka walii hin galle, xalayaa jaarsolii ceephaʼu irra deddeebiʼee waajjira dameetti barreessuufi obboloonni gumii keessa jiran kaanis akkasuma akka godhan dhiibbaa isaanirratti gochuudhaan dhimmi sun balʼinaan akka beekamu godhe. Haataʼu malee, gochi keenya sirrii taʼuusaa mirkaneessuuf jecha sochiin nuyi goonu, nagaa guutummaa gumichaa booressuudhaan haala gadhee uumuu dandaʼa. Kanaafuu, adabni dadhabina keenya isa duraan utuu hin hubatin hafne akka hubannuufi dadhabina kana sirreessinuuf carraa kan nuu banu akka taʼetti ilaaluun keenya baayʼee gaariidha.—Faaruu 3:28, 29 dubbisi.

10. (a) Yaaqoob 3:16-18⁠rraa hafuura gaariifi hafuura gadhee ilaalchisee maal barachuu akka dandeenyu ibsi. (b) ‘Ogummaa waaqarraa’ qabaachuun buʼaa maalii argamsiisa?

10 Yaaqoob 3:16-18 wanta gumii keessatti hafuura gaarii ykn hafuura gadhee argisiisuun dabalatu ilaalchise qajeelfama nuu kenna. Caqasichi akkas jedha: “Lafa hinaaffaanii fi ofittummaan jiru, hammacamni, wanti hamaan hundinuus jira. Ogummaan waaqa irraa garuu, hundumaa dura qullaaʼaa dha, akkasumas naga-qabeessa, garraamii dha, of kennaa dha; ooʼaan, ija gaariidhaanis guutuu dha; garaa hirʼuun, of arguu dhabuunis keessa hin jiru. Karaa isaa warra nagaa buusaniif, sanyiin ija qajeelummaa kennu nagaadhaan in facaafama.” ‘Ogummaa waaqarraa’ wajjin haala walsimuun deddeebiʼuu keenya yommuu itti fufnu, amalli gaariin qabnu hafuura gaarii obboloota gidduu jiruuf gumaacha guddaa godha.

GUMII KEESSATTI KABAJA ARGISIISAA

11. (a) Hafuura sirrii qabaachuun maalirraa fagaachuuf nu gargaara? (b) Fakkeenya Daawitirraa maal baranna?

11 Yihowaan jaarsolii kan muude, ‘karra hoolota Waaqayyoo akka eeganiif’ taʼuusaa yaadachuu qabna. (HoE. 20:28; 1 Phe. 5:2) Kanaaf, jaarsa taanee tajaajiluuf mirga qabaannus qabaachuu baannus, ilaalchi sirriin qophii Waaqayyoo kabajuu akka taʼe ni hubanna. Hafuura gaarii qabaachuun keenya aboo qabnuuf xiyyeeffannaa guddaa akka hin kennine nu gargaaruu dandaʼa. Saaʼol Mootichi, Daawit mootummaasaatiif sodaachisaa akka taʼe yeroo itti dhagaʼametti, “ija hinaaffaatiin Daawitin in ilaala ture.” (1 Sam. 18:9) Hafuurri gadheen mooticha keessatti guddate, Daawitiin ajjeesuufillee isa kakaaseera. Akka Saaʼol godhe aboo qabnurratti garmalee xiyyeeffachuu mannaa, Daawitiin fakkaachuun keenya baayʼee gaariidha. Dargaggeessi kun jalʼinni hedduun kan isarratti raawwatame taʼus, aboo namni Waaqayyo muude qabuuf kabaja argisiiseera.—1 Saamuʼel 26:23 dubbisi.

12. Wanti tokkummaa gumiitiif gumaacha godhu maalidha?

12 Hundi keenya ilaalcha garaagaraa waan qabnuuf yeroo tokko tokko walitti buʼiinsi uumamuu dandaʼa. Walitti buʼiinsi akkasii jaarsolii gidduuttillee uumamuu dandaʼa. Gorsi Macaafni Qulqulluun, “Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” Akkasumas ‘Nuyi ogeessota ofiin hin jedhinaa’ jedhu gama kanaan nu gargaaruu dandaʼa. (Rom. 12:10, 16) Nuti sirrii akka taane falmuu mannaa, yeroo baayʼee karaan wanta tokkoof furmaata itti kennan tokkoo ol akka jiru amannee fudhachuu qabna. Ilaalcha warra kaanii hubachuuf yaalii yoo goone, tokkummaa gumichaatiif gumaacha gochuu dandeenya.—Filp. 4:5.

13. Yaada dhuunfaa keenyaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu kana ibsuhoo kamidha?

13 Kana jechuun gumii keessatti wanta sirreeffamuu akka qabu nutti dhagaʼame tokko ilaalchisee yaada kennuun dogoggoradha jechuudhaa? Lakki. Jaarraa jalqabaatti dhimmi falmii guddaa kaase tokko uumamee ture. Kanaaf obboloonni, “morkii kana ergamootaa fi jaarsolii achi jiran biraan gaʼuudhaaf, Phaawulosii fi Baarnaabaas, amantoota keessaas namoonni tokko, Yerusaalemitti akka ol baʼaniif murtoo” godhan. (HoE. 15:2) Obboloonni kun hundi dhimma kanarratti ilaalcha mataasaanii akka qaban, akkasumas dhimmichi akkamitti furmaata argachuu akka qabu ilaalchisee yaada mataasaanii qabaachuu akka dandaʼan hin shakkisiisu. Haataʼu malee, hundisaanii ilaalchasaanii erga ibsaniifi geggeessaa hafuura qulqulluutiin murtoon erga godhamee booda, obboloonni yaada mataasaanii ibsuusaanii itti hin fufne. Xalayaan waaʼee murtoo sanaa ibsu gumiiwwan erga gaʼee booda, “dubbii gorsa isaatti in gammadan”; akkasumas “amantichatti in cimu” turan. (HoE. 15:31; 16:4, 5) Haaluma walfakkaatuun yeroo harʼaas, waaʼee dhimma tokkoo obboloota itti gaafatamummaa qabanitti erga himnee booda, kadhannaadhaan akka irratti yaadaniif isaaniif dhiisuu qabna.

HARIIROO WARRA KAANII WAJJIN QABDANIRRATTI HAFUURA GAARII ARGISIISAA

14. Dhuunfaatti hafuura gaarii argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Dhuunfaatti hafuura gaarii argisiisuuf carraa hedduu qabna. Hundi keenya yommuu warri kaan nu mufachiisan dhiifama gochuudhaan waan gaarii raawwachuu dandeenya. Dubbiin Waaqayyoo, “Waliif dandaʼaa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa!” jechuudhaan nutti hima. (Qol. 3:13) Yaanni “namni tokko isa kaan yoo komate” jedhu namoota kaanitti aaruuf sababii gaʼaan jiraachuu akka dandaʼu argisiisa. Haataʼu malee, dadhabinasaaniirratti xiyyeeffachuudhaan nagaa gumichaa booressuu mannaa, dhiifama gochuu ilaalchisee fakkeenya Yihowaa hordofuuf yaaluudhaan, waliin tajaajiluu keenya itti haa fufnu.

15. (a) Dhiifama gochuu ilaalchisee Iyoobirraa maal barachuu dandeenya? (b) Kadhannaan hafuura gaarii argisiisuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

15 Dhiifama gochuu ilaalchisee Iyoobirraa barumsa argachuu dandeenya. Jajjabeessitoonnisaa rakkina dabalan sadii, dubbii gaarii hin taane hedduu dubbachuudhaan isa aarsanii turan. Iyoob garuu nama dhiifama godhu ture. Akkamitti? ‘Iyoob michootasaatiif kadhatee’ ture. (Iyo. 16:2; 42:10, hiika bara 1899) Warra kaaniif kadhachuun keenya ilaalcha isaaniif qabnu jijjiiruu dandaʼa. Obboloota keenya hundaaf kadhachuun keenya, amala Kiristos horachuuf nu gargaara. (Yoh. 13:34, 35) Obboloota keenyaaf kadhachuu malees, hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu qabna. (Luq. 11:13) Hafuurri Waaqayyoo, amala Kiristiyaanota dhugaarraa eegamuufi obboloota keenyaa wajjin jiraachuuf nu fayyadu akka horannu nu gargaara.—Galaatiyaa 5:22, 23 dubbisi.

HAFUURA GAARII JAARMIYAA WAAQAYYOO KEESSA JIRUUF GUMAACHA GODHAA

16, 17. “Hafuura” argisiisnuu wajjin haala wal qabateen gama keetiin maal gochuuf murteessiteetta?

16 Miseensi gumii hundi hafuura gaarii gumii keessa jiruuf gumaacha gochuuf galma yoo baafate buʼaa gaariin argamuu dandaʼa. Tokkoon tokkoon keenya dhimma kana erga qorree booda, hafuura gaarii argisiisuurratti fooyyaʼiinsa gochuuf murteessuu dandeenya. Kanaaf, Dubbii Waaqayyootti fayyadamnee of qoruurraa dubbatti jechuu hin qabnu. (Ibr. 4:12) Phaawulos inni waaʼeen sochiisaa gumii keessaa baayʼee isa yaaddessu, “Ani waan tokko iyyuu of irratti hin qeeqqadhu; garuu kanaan, ‘Yakka hin qabu jedhamee anaaf faradame’ jechuu koo miti, gooftaatu anatti farada jechuu koo ti malee” jedheera.—1 Qor. 4:4.

17 Ofii keenyaaf ykn aboo keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu mannaa, ogummaa waaqarraa wajjin haala wal walsimuun jiraachuuf yommuu carraaqii goonu hafuura gaarii gumii keessa jiruuf gumaacha goona. Dhiifama kan goonuufi waaʼee warra kaanii waan gaarii kan yaadnu yoo taʼe, namoota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin nagaa qabaanna. (Filp. 4:8) Kana yoo goone, Yihowaafi Yesus “hafuura” nuti argisiisnutti akka gammadan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Film. 25.