Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waggaa 60f Michoota Kan Turan Taʼus Reefuu Kan Wal Baran Fakkaatu

Waggaa 60f Michoota Kan Turan Taʼus Reefuu Kan Wal Baran Fakkaatu

Seenaa Jireenyaa

Waggaa 60f Michoota Kan Turan Taʼus Reefuu Kan Wal Baran Fakkaatu

Bara 1951 tibba bonaa galgala tokkotti, dargaggoonni afur umriinsaanii jalqaba waggoota 20manii keessatti argamu, Niiwu Yoorki, Itaakaa bakka bilbilli itti bilbilamu dhaabatanii, Michigaan, Aayiwaafi Kaalifoorniyaatti bilbilu turan. Oduu gammachiisaa dubbatan qabu turan!

GURAANDHALA darbe qajeelchitoonni 122 taʼan, Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 17⁠ffaarratti hirmaachuuf Niiwu Yoork, Saawuz Laansiingi gaʼan. Obboloota gara fuulduraa misiyoona taʼan kana keessaa, Loowal Tarnar, Wiiliyaam (Biil) Kaastan, Riichaard Kalsiifi Raamaan Tempaaltan ni argamu turan. Loowaliifi Biil Michigaanirraa, Riichaard Aayiwaarraa, Raamaanimmoo Kaalifoorniyaarraa kan dhufan siʼa taʼu hundisaanii yeroo gabaabaa keessatti akka gaariitti wal baraniiru.

Jiʼa shan booda, Obboleessi keenya Naataan Noor waajjira muummeetii dhufee barattootaaf haasaa akka kennu yommuu beeksifamu hundisaanii baayʼee gammadanii turan. Obboloonni arfan kun yoo dandaʼaame, biyya tokko keessatti waliin tajaajiluu akka barbaadan ibsanii turan. Maarree waaʼee biyya misiyoona taʼanii itti ramadamanii caalaatti beekuu dandaʼuu? Eeyyee!

Yommuu Obboleessi keenya Noor ramaddiisaanii biyya alaa beeksisuu jalqabu abdiinsaanii ni guddate. Jalqaba gara waltajjiitti kan waamaman dargaggoota arfan naʼanii turaniifi booda tasgabbaaʼan kana yommuu taʼu, dhumarratti waliin akka ramadaman beekaniiru! Garuu eessatti? Jarmanitti akka ramadaman yommuu beeksifamu obboloonni isaanii wajjin baratan baayʼee dinqisiifatanii harka walitti rukutan.

Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya kamittiyyuu argaman, seenaa amanamummaa Dhugaa Baatonni Jarmanitti argaman bara 1933 jalqabee bulchiinsa Hiitlar jalatti argisiisan baayʼee dinqisiifatu. Barattoonni baayʼeen Waraana Addunyaa Lammaffaa booda obbolootasaanii Awurooppaatti argamaniif uffataafi wantoota isaan barbaachisan addaddaa qopheessuudhaan ergaa akka turan ni yaadatu. Sabni Waaqayyoo Jarman keessatti argaman amantii cimaa, gara kuteenya, jabinaafi Yihowaarratti amanannaa qabaachuudhaan fakkeenya guddaa taʼaniiru. Loowal, ‘Amma obbolootaafi obboleettota jaallatamoo kana dhuunfaadhaan beekuuf jenna’ jechuusaa ni yaadata. Hundisaanii baayʼee waan gammadaniif, maatiisaaniifi michootasaaniitti bilbilanii waaʼee kanaa himuu barbaaduunsaanii kan nama dinqisiisu miti!

GARA JARMAN DEEMUU

Adoolessa 27, bara 1951⁠tti, dooniin Hoomlaand jedhamtuufi huurkaan hojjettu buufata Niiwu Yoorki, Eesti Riivar jedhamuu kan kaate siʼa taʼu, michoonni arfanis deemsa guyyaa 11f gara Jarmanitti godhamu jalqaban. Obboleessi keenya Albart Shiruudar inni Giilʼaaditti isaan barsiisaa tureefi yeroo booda miseensa Qaama Olaanaa taʼe, yeroo jalqabaatiif afaan Jarman isaan barsiise. Amma doonicharra namoonni Jarman hedduun waan jiraniif, tarii caalaatti isaanirraa barachuu dandaʼu. Haataʼu malee namoonni kun, loqoda afaan Jarman addaddaa dubbatu turan. Kun baayʼee kan nama dhiphisudha!

Obboloonni kun, adeemsa galaanarratti godhaniin kan kaʼe erga dhukkubsatanii booda, Hagayya 7 Kibxata ganama Jarman magaalaa Haambargi gaʼan. Bakki ilaalan hundi godaannisa waraanni erga dhaabatee reefu waggaa jaʼa taʼu dhiisee darbe kan argisiisudha. Wanta gaddisiisaa sana erga ilaalanii booda, halkan sana gara magaalaa Viisbaadan bakka waajjirri damee itti argamu baaburaan deeman.

Roobii ganama Dhugaa Baatuu maqaa afaan Jarmaniin baramaa taʼe qabuu wajjin wal argan! Haansi bakka buufata baaburaatii gara Betʼelitti konkolaataadhaan isaan geessee, obboleettii maanguddoo Ingiliffa dubbachuu hin dandeenyetti isaan kennee deebiʼe. Obboleettiin kun sagaleeshee ol kaastee dubbachuunshee garaagarummaa sababii afaaniitiin gidduusaaniitti uumame akka hambisu yaaddee taʼuu hin oolu. Haataʼu malee, utuu walirraa hin kutin sagaleeshee ol kaastee dubbachuunshee, ishees taʼe obboloota arfan sana caalaatti aarse. Dhumarratti Obboleessi keenya Eeriik Firoosti, inni waajjira damee keessatti tajaajilu dhufee Ingiliffaan hoʼisee nagaa isaan gaafate. Kun jijjiirama guddaa ture.

Naannoo dhuma Hagayyaatti arfanuu yeroo jalqabaatiif Jarmanitti walgaʼii guddaa mataduree, “Waaqeffannaa Qulqulluu” jedhuun magaalaa Firaankifarti aam Meeyinitti godhamerratti argaman. Namoonni 47,432 walgaʼicharratti argamuunsaaniifi 2,373 kan taʼan cuuphamuunsaanii hinaaffaa obboloonni kun misiyoonii taʼanii tajaajiluuf qaban haaresseeraaf. Haataʼu malee, guyyoota muraasa booda Obboleessi keenya Noor obboloonni kun arfan Betʼelitti waan ramadamaniif achuma akka turan beeksise.

Raamaan misiyoona taʼuuf fedhii waan qabuuf, afeerrii yeroo tokko Betʼel, Yuunaayitid Isteetis galee akka tajaajilu isaaf dhihaate fudhachuu didee ture. Riichaardis taʼe Biil waaʼee Betʼelitti tajaajiluu yaadanii hin beekan. Haataʼu malee, ramaddiisaaniitti gammaduunsaanii, Yihowaan yeroo hunda wanta isaaniif wayyu akka beeku isaan hubachiiseera. Dhugumayyuu fedhii ofii hordofuu mannaa qajeelfama Yihowaa hordofuun ogummaa guddaadha. Namni barumsa kana hubate, bakkaafi hojii Yihowaan itti isa ramade kamittiyyuu tajaajiluun isa gammachiisa.

FARBOOTAN!

Miseensoonni maatii Betʼel Jarman hedduunsaanii namoota Ingiliffa waliin haasaʼuudhaan shaakaluu dandaʼaniifi lammii Ameerikaa qaban argachuusaaniitti baayʼee gammadaniiru. Haataʼu malee, gaaf tokko kutaa nyaata itti nyaatan keessatti abdiinsaanii kun akka tasaa jalaa fashalaaʼe. Obboleessi keenya Firoosti, miira hoʼaadhaan wanta baayʼee barbaachisaa fakkaatu tokko afaan Jarmaniitiin dubbachuu jalqabe. Yeroo kanatti maaticha keessaa baayʼeensaanii callisanii akka gad jedhanitti hafan. Obboloonni haaraan kun wanti jedhamaa jiru kan isaanii hin galle taʼus, booda garuu waaʼeesaanii dubbatamaa akka jiru hubachuu jalqaban. Kanaaf Obboleessi keenya Firoosti sagaleesaa ol kaasee karaa xiyyeeffannaa harkisuun, “FARBOOTAN!” (“Dhowwamaadha!”) jedhee yommuu dubbatu ni dhiphatan. Akkas akka dheekkamu kan isa godhe balleessaa maalii waan raawwataniifidha?

Akkuma nyaanni xumurameen hundisaanii ariitiidhaan gara kutaasaanii deeman. Achiis obboleessi tokko: “Nu gargaaruu akka dandeessaniif afaan Jarman dubbachuu qabdu. Obboleessi keenya Firoosti, hamma afaanicha dandeessanitti Ingiliffa isinii wajjin dubbachuun ‘FARBOOTAN!’ kan jedhe kanaafidha.”

Miseensonni maatii Betʼel ajajamuuf qophaaʼoo turan. Kun, obboloota haaraa kana afaan Jarman akka baratan kan gargaare qofa utuu hin taʼin, gorsi obboleessa jaalatamaa taʼe kanarraa isaanii kenname jalqabarratti ulfaataa fakkaatus faayidaasaaniitiif akka taʼe isaan barsiiseera. Gorsi Obboleessi keenya Firoosti isaanii kenne, nageenya jaarmiyaa Yihowaatiif akka yaaduufi obbolootasaatiif jaalala akka qabu kan argisiisu ture. * Arfanuu booda isa jaallachuunsaanii nama hin dinqisiisu!

MICHOOTA KEENYARRAA BARACHUU

Michoota Waaqayyoon sodaatanirraa barumsa faayida qabeessa taʼe argachuu kan dandeenyu siʼa taʼu, kunis caalaatti michoota Yihowaa taʼuuf nu gargaara. Obboloonni arfan kun, obboloota amanamoo Jarmanitti argaman hedduurraa waan baayʼee kan baratan taʼus waliisaaniirraas barumsa argataniiru. Riichaardi, “Loowal afaan Jarman hamma tokko kan beeku taʼus, warri hafne garuu afaanichaa wajjin qabsaaʼaa turre. Inni angafa hunda keenyaa waan taʼeefis, afaanichi yommuu nu rakkisu isa gaafanna; kan nu geggeessus isa ture” jedheera. Raamaan wanta yaadatu akkas jechuudhaan dubbata: “Jarman keessa waggaa tokko erga turree booda, obboleessi lammii Siwiiz taʼe tokko manasaa isa Siwiizarlaanditti argamu boqonnaadhaaf akka itti fayyadamnu yommuu nuu heyyamu baayʼee gammanne! Afaan Jarman dubbachuun utuu nu hin barbaachisin torban lamaaf turre! Wanta Loowal gochaa ture garuu hin hubanne. Loowal guyyaa hunda caqasa guyyaa afaan Jarmaniin akka dubbisnuufi akka irratti mariʼannu nu dirqisiisa ture! Kan na aarsummoo, yeroo achi turre hundatti akka akkas goonu dhiibbaa nurratti gochuusaati. Taʼus kanarraa barumsa guddaa arganneerra. Yeroo tokko tokko kan irratti walii hin galle taʼullee, qajeelfama michoota waan gaarii nuu hawwanii hordofuu akka qabnu baranneerra. Ilaalchi kun waggoota hedduudhaaf nu fayyadeera; qajeelfamawwan tiʼokraasiitiif bitamuunis akka nutti hin ulfaanne nu gargaareera.”

Michoonni arfan kun, akkuma Filiphisiiyus 2:3⁠rratti, “Gad of deebisuudhaan warra kaan of irra caalchisaa lakkaaʼaa” jechuudhaan ibsame wanta gaarii qabaniin wal dinqisiifachuus barataniiru. Kanaaf sadansaanii yeroo baayʼee wanta Biil isaan caalaa hojjechuu akka dandaʼu irratti walii galan akka hojjetu isaaf kennu turan. Loowal, “Dhimmawwan rakkisaa taʼan raawwachuuf tarkaanfii nama hin gammachiisne fudhachuun yeroo nu barbaachisu Biiliin gaafanna. Inni mala haalawwan gammachiisaa hin taane karaa nuyi irratti walii galluun itti raawwatu hin dhabu; nuyi garuu akkas gochuuf humnaafi dandeettisaa hin qabnu” jechuudhaan wanta yaadatu dubbata.

GAAʼELA GAMMACHUU QABU

Yeroo booda arfanuu gaaʼela godhachuuf murteessan. Michummaansaanii jaalala Yihowaafi tajaajila yeroo guutuutiif qabanirratti kan hundaaʼe waan taʼeef, hiriyaa gaaʼelaa Yihowaadhaaf iddoo guddaa kennu barbaaddachuuf murteessanii turan. Tajaajilli yeroo guutuu, kennuun fudhachuu caalaa akka nama gammachiisuufi fedhii Mootummichaa fedhii dhuunfaasaaniirra dursuu akka qaban isaan barsiiseera. Kanaaf obboleettota fedhii ofiitiin kakaʼanii tajaajila yeroo guutuu keessa jiran filataniiru. Arfanuu gaaʼela gaariifi gammachuu qabu dhaabbataniiru.

Michummaanis taʼe gaaʼelli tokko akka itti fufu Yihowaan keessa jiraachuu qaba. (Lal. 4:12) Biiliifi Raamaan booda haadhotii manaasaanii duʼaan dhabuudhaan gaddi kan isaanirra gaʼe taʼus, gammachuufi gargaarsa haati manaa amanamtuu taate kennitu argataniiru. Loowaliifi Riichaardi gargaarsa akkasii argachuusaanii kan itti fufan siʼa taʼu, Biil inni lammata gaaʼela godhates ogummaadhaan waan filannaa godheef tajaajila yeroo guutuu itti fufuu dandaʼeera.

Obboloonni kun, yeroo booda biyyoota garaagaraatti, keessumaa Jarman, Ostiriyaa, Luksambargi, Kaanaadaafi Yuunaayitid Isteetisitti ramadamaniiru. Kunimmoo, michoonni arfan kun akka barbaadanitti yeroo hedduu akka waliin hin dabarsine isaan daangesseera. Fageenyi gidduusaanii jiru kan addaan isaan baase taʼullee, yeroo hunda wal gaafatu; gammachuusaaniirratti waliin gammadu; yeroo gaddasaaniittis waliin booʼu turan. (Rom. 12:15) Michoonni akkasii gatii guddaa waan qabaniif akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Kennaa gati jabeessa Yihowaa biraa argamanidha. (Fak. 17:17) Yeroo ammaa, biyya lafaa keessatti michoota dhugaa argachuun baayʼee rakkisaadha! Haataʼu malee, Kiristiyaanonni dhugaan hundi michoota akkasii hedduu qabaachuu dandaʼu. Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, namoota addunyaa maratti hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin, hunda caalaammoo Yihowaafi Yesusii wajjin michummaa uumuu dandeenyeerra.

Akkuma hunda keenya muudatu, michoonni arfan kunis rakkinni addaddaa isaan mudateera. Fakkeenyaaf gaddi hiriyaa gaaʼelaa duʼaan dhabuun geessisu, dhiphinni dhukkubni cimaan, warrasaanii dullooman kunuunsuun, tajaajila yeroo guutuu keessa utuu jiranii ijoollee guddisuuniifi ramaddii tiʼookraasii haaraa fudhachuun gessisu isaanirra gaʼeera. Yeroo ammaammoo rakkina dullumni fiduu wajjin qabsaaʼaa jiru. Haataʼu malee, michoonni nutti dhihoo jiranis taʼe nurraa fagoo jiran, namoonni Yihowaa jaallatan rakkina hunda karaa milkaaʼina qabuun akka moʼan gargaaruu akka dandaʼan muuxannoosaaniirraa barataniiru.

BARABARAAF MICHOOTA TAʼUU

Loowal, Raamaan, Biiliifi Riichaardi, wal duraa duubaan umrii waggaa 18, 12, 11fi 10⁠tti Yihowaadhaaf kan of murteessan siʼa taʼu, umriisaanii waggaa 17fi 21 gidduuttimmoo gara tajaajila yeroo guutuutti galaniiru. Akkuma Lallabni 12:1 “bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!” jechuudhaan jajjabeessu godhaniiru.

Kiristiyaana umrii dargaggummaarratti argamtuufi haallikee sii mijaaʼu taanaan, afeerrii Yihowaan gara tajaajila yeroo guututti akka galtu sii dhiheesse fudhadhu. Atis akkuma michoonni arfan kun godhan mirga, aanaarratti, koonyaarrattiifi zooniirratti hojjechuuf, Koree Waajjira Damee dabalatee Betʼelitti tajaajiluuf, Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaafi Tajaajila Qajeelchitootaatti barsiisuuf, akkasumas walgaʼiiwwan gurguddaas taʼe xixiqqaarratti haasaa dhiheessuuf argachuu dandeessu hundaaf Yihowaa galateeffadhu. Obboloonni arfan kun namoonni kuma kudhaniin lakkaaʼaman tajaajilasaaniirraa akka fayyadaman beekuusaaniitti baayʼee gammadu! Kana hunda gochuu kan dandaʼan afeerrii Yihowaan dargaggummaasaaniitti garaa guutuudhaan akka isa tajaajilan isaanii dhiheesse waan fudhataniif ture.—Qol. 3:23.

Yeroo ammaa Loowal, Riichaardiifi Raamaan, waajjira damee Jarman, magaalaa Seeltarsitti argamu keessatti waliin tajaajilaa jiru. Kan nama gaddisiisu Biil Yunaayitid Isteetisitti qajeelchaa addaa taʼee tajaajilaa utuu jiruu bara 2010⁠tti duʼeera. Michummaan addaa gara waggaa 60 ture duʼaan addaan cite! Haataʼu malee Waaqni keenya Yihowaan michootasaa gonkumaa hin irraanfatu. Bulchiinsa Mootummaasaa jalatti michummaan Kiristiyaanotaa duʼaan addaan cite hundi akka bakkatti deebiʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

Biil duʼuusaa yeroo muraasa dura akkas jedhee barreesseera: “Waggoota 60 michummaadhaan dabarsine keessatti yeroo itti wal gaddisiisne tokkoyyuu yaadachuu hin dandaʼu. Anaaf michummaan keenya yeroo hunda wanta adda taʼedha.” Michummaansaanii yeroo gabaabaa booda addunyaa haaraa keessatti akka itti fufu yaaduudhaan, michootasaa sadaniin “Reefuu jalqabuu keenyadha” jedheera.

[Miiljalee]

^ key. 17 Seenaan jireenyaa nama gammachiisuufi waaʼee Obboleessa keenya Firoosti dubbatu, Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 1961, fuula 244-249⁠rratti baʼeera. (Ingiliffa)

[Fakkii fuula 17⁠rra jiru]

Bitaadhaa gara mirgaatti: Riichaardi, Loowal, Raamaaniifi Biil Giilʼaaditti michoota taʼan

[Fakkii fuula 18⁠rra jiru]

Raamaan Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa yommuu geggeessu

[Fakkii fuula 18⁠rra jiru]

Riichaardi Betʼel Viisbaadanitti argamu keessatti maashinii adreesoograafii jedhamuun utuu hojjetuu

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 18⁠rra jiru]

Ramaddiisaaniitti gammaduunsaanii, Yihowaan wanta isaaniif wayyu akka beeku isaan hubachiiseera

[Fakkii fuula 19⁠rra jiru]

Obboleessa keenya Firoosti (mirga) fi obboloota kan biraa yommuu Obboleessi keenya Noor (bitaa) isaan daawwatu

[Fakkii fuula 19⁠rra jiru]

Bara 1952⁠tti Siwiizarlaanditti boqonnaarra utuu jiranii

[Fakkii fuula 20⁠rra jiru]

Bitaadhaa gara mirgaatti: Riichaardi, Biil, Loowaliifi Raamaan, yommuu waajjirri damee haaraan Seeltarsitti argamu bara 1984⁠tti murteeffamu

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 21⁠rra jiru]

“Waggoota 60 michummaadhaan dabarsine keessatti yeroo itti wal gaddisiisne tokkoyyuu yaadachuu hin dandaʼu”

[Fakkii fuula 21⁠rra jiru]

Bitaadhaa gara mirgaatti: Raamaan, Riichaardiifi Loowal