Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Afaan Mucoolii” Keessaa Jajjabina Argachuu

“Afaan Mucoolii” Keessaa Jajjabina Argachuu

Muddee 2009, Manni Murtii Olaanaa Ruusiyaa jaarmiyaan amantii Dhugaa Baatota Yihowaa Taaganroog, Ruusiyaa keessatti argamu akka cufamu, Galmi Mootummaa akka fudhatamu, akkasumas barreeffamoonni keenya 34 cimsitoota taʼuu kan jajjabeessan akka taʼanitti akka ilaalaman murtoo godhame raggaasisee ture. Murtoon nama rifachiisu kun, suuraa ijoolleefi suuraa namoota murtoon kun miidhaa irraan geessisee wajjin Weeb saayitii Dhugaa Baatota Yihowaarratti baʼee ture.

Ijoollee Awustiraaliyaa jiran

Wiirtuun Bulchiinsa Dhugaa Baatota Yihowaa Ruusiyaa keessa jiru, jiʼoota muraasa booda saanduqni tokkoofi xalayaan yaada armaan gadii qabate tokko, maatii Awustiraaliyaa, Kuwiinsilaandi jiraatuufi murtoo Manni Murtii kun dabarse dhagaʼe kan gaʼe siʼa taʼu, xalayichi akkas jedha: “Obboloota jaallatamo, amantiin michoonni keenya Ruusiyaa keessa jiran qabaniifi qorumsi isaanirra gaʼe ijoollee keenya Koodiifi Laarisaniin baayʼee tuqeera. Ijoolleen isaanirraa fagoo jiraatan akkumasaanii amanamummaadhaan Yihowaa akka tajaajilaniifi akka isaaniif yaadan akka hubataniif jecha kaardiifi xalayaa ijoolleen keenya barreessan, kennaa muraasaa wajjin ijoollee Taaganroog keessa jiraataniif ergineerra. Jaalala guddaa akka isaaniif qabanis dhaamaniiru.”

Ijoolleen Taaganroog keessa jiraatan kennaan kun yommuu isaan gaʼetti, xalayaa galateeffannaa fakkiidhaan miidhagfame maatii Awustiraaliyaa jiru kanaaf erganiiru. Obboleessi waajjira damee Ruusiyaa keessatti tajaajilu tokko jecha nama jajjabeessuufi “afaan mucoolii” keessaa baʼe kanaan kakaʼuudhaan Koodiifi Laarisaaf akkas jedhee barreesseera: “Ijoolleenis taʼan gaʼeessonni balleessaa utuu hin qabaatin adabamuun hangam akka nama gaddisiisu tilmaamuu dandeessu. Obboloonni keenya Taaganroog keessa jiran balleessa kan hin raawwanne taʼanis, Galmi Mootummaasaanii jalaa fudhatameera. Kunis baayʼee isaan gaddisiiseera. Taʼus, biyyoota addunyaa garaagaraa keessaa namoonni isaaniif yaadan akka jiran beekuunsaanii isaan jajjabeessa. Jaalala hoʼaafi arjummaa nutti argisiistaniif isin galateeffanna!”—Far. 8:2.

Ijoollee Ruusiyaa, warra kennaa ijoollee Awustiraaliyaarraa ergameef fudhatan

Kutaa obbolummaa addunyaa maraa waan taaneef, jaalalli waliif qabnu hundi keenya qorumsaafi rakkina jireenya keenya keessatti nu mudatu moʼuuf nu gargaara. Manneen murtii, barreeffamoonni Dhugaa Baatota Yihowaa jibba kan kakaasan taʼuufi dhiisuusaaniirratti kan wal falman taʼus, ijoolleen keenya garaagarummaan daangaafi aadaa biyya addaddaa utuu dhiibbaa isaanirratti hin godhin nageenya waliisaaniitiif akka yaadan argisiisaa jiru. Kunis yaada Yesus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jechuudhaan dubbate dhugaa taʼuusaa kan mirkaneessudha.—Yoh. 13:35.