Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Fedha Kee Gochuu Na Barsiisi!”

“Fedha Kee Gochuu Na Barsiisi!”

“Fedha Kee Gochuu Na Barsiisi!”

“Ati Waaqayyo koo ti, egaa fedha kee gochuu na barsiisi!”—FAR. 143:10.

QABXIIWWAN IJOO YAADACHUU QABNU

Daawit ilaalcha Yihowaatiif iddoo guddaa akka kennu wantoota jireenyasaa keessatti isa mudatan kamfaatu argisiisa?

Daawit fedha Yihowaa akka hubatu kan isa gargaare maalidha?

Yihowaa duratti fudhatama argannee jiraachuuf maaltu nu gargaara?

1, 2. Fedha Waaqayyoo xiyyeeffannaa keessa galchuun nu fayyaduu kan dandaʼu akkamitti? Gama kanaan Daawit Mooticharraa maal barachuu dandeenya?

NAANNOO gaarreen hedduu qabu keessa deemaa utuu jirtuu karaan gara lamatti jalʼatu si mudate haa jennu. Yeroo kanatti karaa isa kamirra deemuu filatta? Tarii dhagaa guddaa sitti dhihoo jirurra baatee daandiiwwan sun garamitti akka geessan ilaalta taʼa. Achirra dhaabattee ilaaluunkee karaa isa kam filachuu akka qabdu murteessuuf si gargaaruu dandaʼa. Mala kanaa wajjin wal fakkaatutti fayyadamuun keenya, yommuu murtoo barbaachisaa taʼe goonu nu gargaaruu dandaʼa. Wanta tokkoof ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuun keenya, ‘karaa’ isa duratti fudhatama qabuun deddeebiʼuuf nu gargaara.​—Isa. 30:21.

2 Daawit Mootichi Israaʼel durii, jireenyasaa keessatti yeroo baayʼee fedha Waaqayyoo xiyyeeffannaa keessa galchuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya guddaa nuu taʼa. Mee amala nama Yihowaa duratti garaa guutuudhaan deddeebiʼe kanarraa barachuu yaadatti qabachuudhaan, haalawwan jireenyasaa keessatti Daawitiin mudatan tokko tokko haa qorru.​—1 Mot. 11:4.

DAAWIT MAQAA YIHOWAATIIF KABAJA GUDDAA QABA TURE

3, 4. (a) Daawit Goliyaadiin akka lolu kan isa kakaase maalidha? (b) Daawit maqaa Waaqayyootiif ilaalcha akkamii qaba ture?

3 Wanta yeroo Daawit Goliyaad Filisxeemicha isa goota taʼe loluuf kaʼetti raawwatame haa ilaallu. Nama miʼa lolaa guutummaatti hidhate, dhundhuma jaʼaafi taakkuu tokko ykn gara meetira 2.9 dheeratu kana akka mormuuf Daawit dargaggeessicha kan kakaase maalidha? (1 Sam. 17:4) Ija jabina qabaachuusaa turee? Amantii Waaqayyorratti qabu turee? Haalawwan kun lamaanuu gocha gootummaa akkasii akka raawwatu gumaacha guddaa godhaniiru. Haataʼu malee, Daawit keessumaa nama garmalee guddaa taʼe kana akka lolu kan isa kakaase, kabaja Yihowaadhaafi maqaasaa isa hundarra caaluuf qabu ture. Daawit aariidhaan, “Filisxeemichi dhagna hin qabatin, inni loltoota Waaqayyo isa jiraataatti gaʼisu kun eenyu inni?” jedhee gaafateera.​—1 Sam. 17:26.

4 Daawit dargaggeessichi, “Ati illee billaa, eeboodhaa fi bodee keetiin anatti dhuftaa, ani garuu maqaa Waaqayyoo gooftaa maccaa, Waaqayyo loltoota Israaʼel isa ati itti gaʼifte sanaan sitti nan dhufa” jechuudhaan dhaadate. (1 Sam. 17:45) Daawit Waaqa dhugaatti amanamuudhaan, Filisxeemicha goota taʼe sana furrisaadhaan dhagaa tokkittii darbatee isa ajjeeseera. Daawit yeroo kana qofatti utuu hin taʼin, jireenyasaa hunda keessatti Yihowaatti amanameera; maqaa Waaqayyootiifis iddoo guddaa kenneera. Daawit, “Maqaa isaa isa qulqulluudhaan of jajaa” jedhee Israaʼeloota hidhatasaa taʼan jajjabeessuunsaa sirrii ture.​—1 Seenaa 16:8-10 dubbisi.

5. Haalli sossodaachisa Goliyaadii wajjin wal fakkaachuu dandaʼu akkamii si mudachaa jira?

5 Yihowaan Waaqa keessan taʼuusaatti ni koortuu? (Er. 9:24) Olloonni keessan, namoonni wajjin hojjettan, wajjin barattan ykn firoonni keessan, Yihowaa wajjin haala wal qabateen waan hin taane yommuu dubbataniifi Dhugaa Baatota Yihowaatti yommuu qoosan maal gootu? Yommuu maqaan Yihowaa arrabsamu deggersa inni isinii godhutti amanamtanii ija jabinaan ni dubbattuu? Dhugaadha, “calluma jechuun yeroo qaba”; taʼus, Dhugaa Baatota Yihowaafi duuka buutota Yesus taʼuu keenyatti qaanaʼuu hin qabnu. (Lal. 3:1, 7; Mar. 8:38) Akkaataa namoota ilaalcha gaarii hin qabne itti qabnurratti mala qabeeyyii taʼuufi kabaja argisiisuu kan qabnu taʼus, akka Israaʼeloota yommuu sossodaachisa Goliyaad dhagaʼanitti ‘naʼaniifi baayʼisanii sodaatanii’ taʼuu hin qabnu. (1 Sam. 17:11) Kanaa mannaa, maqaan Yihowaa qulqulluu taʼee akka eegamu gochuuf gara kuteenyaan tarkaanfii haa fudhannu. Fedhiin keenya namoonni Yihowaan Waaqa dhugumaan jiru taʼuusaa akka beekan gargaaruudha. Namoonni Waaqayyotti dhihaachuunsaanii barbaachisaa taʼuusaa akka hubatan gargaaruudhaan kaayyoo kana galmaan gaʼuuf, Dubbii Waaqayyootti fayyadamna.​—Yaq. 4:8.

6. Daawit Goliyaadiin loluudhaan maal raawwachuu barbaadee ture? Wanti caalaatti nu yaaddessuu qabu maalidha?

6 Daawit Goliyaadii wajjin haala wal qabateen wanti isa mudate barumsa guddaa gara biraas nu barsiisa. Daawit gara dirree waraanaatti fiigaa yommuu dhufu, “Nama Filisxeemicha kana ajjeesee, arrabsamuu kana Israaʼeloota irraa fageessuuf maaltu godhama?” jedhee gaafate. Namoonni sunis akkuma duraan jedhan, “Nama [Goliyaadiin] ajjeese mootiin in badhaasa; akkasuma immoo intala isaa itti in heerumsiisa” jedhanii isaaf deebisan. (1 Sam. 17:25-27) Haataʼu malee, kaayyoon Daawit inni guddaan badhaasa qabeenyaa argachuu hin turre. Kaayyoo kana caalu qaba ture. Daawit Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼeef ulfina kennuu barbaadee ture. (1 Saamuʼel 17:46, 47 dubbisi.) Nuhoo? Wanti baayʼee nu yaaddessu, qabeenya horachuudhaan biyya lafaa keessatti beekamummaa argachuudhaa? Akka Daawit isa, “Anaa wajjin guddina Waaqayyoo odeessaa, kottaa walii wajjinis maqaa isaa ol in kaafnaa!” jechuudhaan faarfatee taʼuu akka barbaannu beekamaadha. (Far. 34:3) Kanaaf, maqaa Waaqayyoo ulfina keenyarra caalchisuudhaan isatti haa amanamnu.​—Mat. 6:9.

7. Yommuu namoonni ilaalcha gaarii hin qabne nu mudatan, amantii cimaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Daawit ija jabinaan Goliyaadiin loluuf guutummaatti Yihowaatti amanamuun isa barbaachiseera. Daawit dargaggeessichi amantii cimaa qaba ture. Karaan inni amantiisaa guddifachuu itti dandaʼe tokko, yeroo tiksee turetti Waaqayyotti amanamuusaa ture. (1 Sam. 17:34-37) Nuyis keessumaa yeroo namoonni ilaalcha gaarii hin qabne nu mudatanitti tajaajila keenya itti fufuuf amantii cimaa qabaachuun nu barbaachisa. Sochii guyyaa guyyaadhaan goonuun Waaqayyotti amanamuudhaan amantii akkasii horachuu dandeenya. Fakkeenyaaf yommuu geejjibaan deemnu, nama nu maddii taaʼuu wajjin waaʼee dhugaa Macaafa Qulqulluu maree jalqabuu dandeenya. Kana malees, manaa gara manaatti deemnee namoota haasofsiisuu kan qabnu erga taʼee, namoota karaarratti argannu haasofsiisuurraa maaliif duubatti jenna?​—HoE. 20:20, 21.

DAAWIT YIHOWAA EEGGATEERA

8, 9. Daawit, Saaʼol Mootichaa wajjin haala wal qabateen, fedha Yihowaatiif iddoo guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti?

8 Daawit Saaʼol mootii Israaʼel jalqabaa wajjin haala wal qabateenis Yihowaatti amanamuuf fedhii akka qabu argisiiseera. Saaʼol inni hinaafu, Daawitiin al sadii eeboodhaan keenyanitti maxxansuuf yaalee kan ture taʼus, Daawit haaloo baʼuu manaa yeroo kana hundatti jalaa miliqeera. Dhumarrattis, Saaʼoliin baqatee deeme. (1 Sam. 18:7-11; 19:10) Achiis Saaʼol guutummaa Israaʼel keessaa loltoota foʼamoo 3,000 fudhatee lafa onaa keessa Daawitiin barbaacha deeme. (1 Sam. 24:2) Booda Saaʼol utuu hin beekin holqa Daawitiifi namoonnisaa keessa jiran keessa lixe. Daawit carraa kanatti fayyadamee mootii lubbuusaa barbaadu kana ajjeesuu dandaʼa ture. Kana malees, Waaqayyo bakka Saaʼol, Daawitiin mootii gochuuf fedhii qaba ture. (1 Sam. 16:1, 13) Daawit gorsa loltoonnisaa isaaf kennan utuu fudhateera taʼee, mootichi ni ajjeefama ture. Inni garuu, “Waaqayyo waan akkasii gooftaa koo isa Waaqayyo dibe irratti hojjechuu anattii haa fageessu!” jedheera. (1 Saamuʼel 24:4-7 dubbisi.) Saaʼol yeroo sanattis mootii Waaqayyo dibedha. Yihowaan Saaʼoliin mootummaasaarraa waan hin buusneef, Daawit mootummaa Saaʼol irraa fudhachuu hin barbaanne. Fiixee uffata Saaʼol qofa kutuudhaan, miidhaa isarraan geessisuuf fedhii kan hin qabne taʼuusaa argisiiseera.​—1 Sam. 24:11.

9 Daawit yeroo dhumaatiif mooticha yommuu argettis nama Waaqayyo dibe kanaaf kabaja akka qabu argisiiseera. Yeroo kanatti Daawitiifi Abiishaayi bakka Saaʼoliifi loltoonnisaa buufatan dhaqanii utuu inni rafee jiruu argan. Abiishaayi, Waaqayyo diinicha harka Daawititti dabarsee akka kenne yaaduudhaan, Saaʼoliin eeboodhaan lafatti maxxansuuf Daawitiin kan gaafate taʼus, Daawit garuu akka inni akkas godhu hin heyyamneef. (1 Sam. 26:8-11) Nama yeroo hunda qajeelfama Waaqayyoo barbaadu waan tureef, Abiishaayi isa gorsuyyuu, ejjennoo fedha Yihowaarratti hundaaʼuudhaan tarkaanfii fudhachuuf qabu hin laaffisne.

10. Haalli rakkisaan akkamii nu mudachuu dandaʼa? Jabaannee dhaabachuuf maaltu nu gargaara?

10 Nuyis michoonni keenya fedha Yihowaa raawwachuurratti nu deggeruu mannaa ilaalchasaanii akka hordofnu dhiibbaa nurratti gochuuf yaaluudhaan, haala rakkisaa keessa akka gallu nu gochuu dandaʼu. Akkuma Abiishaayi namoonni tokko tokko, dhimma taʼerratti fedha Waaqayyoo utuu xiyyeeffannaa keessa hin galchin tarkaanfii akka fudhannu nu jajjabeessuu dandaʼu. Yeroo kanatti jabaannee dhaabachuuf, ilaalcha Yihowaan dhimmichaaf qabu sirriitti hubachuufi karaa inni waan tokko itti raawwatu hordofuuf murteessuun keenya barbaachisaadha.

11. Fedha Waaqayyootiif iddoo guddaa kennuu ilaalchisee Daawitirraa maal baratte?

11 Daawit, “Fedha kee gochuu na barsiisi!” jechuudhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera. (Faarfannaa 143:5, 8, 10 dubbisi.) Yaadasaatti amanamuu ykn dhiibbaa namni kaan isarratti godhuun moʼamuu mannaa, Waaqayyo akka isa barsiisu fedhii guddaa qaba ture. ‘Wanti Waaqayyo hojjete hundinuu yaadasaa keessa ture; hojii harka Waaqayyoos irra deddeebiʼee yaadeera.’ Nuyis Caaffata Qulqullaaʼoo qoruufi seenaa Yihowaan ilmaan namootaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka godhe ibsu hedduurratti xiinxaluudhaan fedhasaa hubachuu dandeenya.

DAAWIT SEERA BUʼUURAA SEERICHI IRRATTI HUNDAAʼE HUBATEERA

12, 13. Daawit bishaan namoonnisaa sadan isaa fidan kan dhangalaase maaliifi?

12 Daawit seera buʼuuraa Seerri Musee irratti hundaaʼe kan beeku waan tureef, fedhii inni seera buʼuuraa kana eegee jiraachuuf qabu hordofuun keenyas barbaachisaadha. Wanta yeroo Daawit “boolla karra kellaa Betlihem bukkee jiru keessaa bishaan dhugaatii” argachuu hawwetti raawwatame hubadhaa. Namoonni Daawit sadii mandara Filisxeemotaan qabamtee jirtu keessa darbuudhaan bishaan isaaf fidanii dhufan. “Daawit garuu bishaanicha akka kennaatti Waaqayyoof dhangalaase malee, dhuguu hin barbaanne.” Maaliif? Daawit, “Waaqayyoon koo kana gochuu ana irraa haa fageessu! Jarri kun lubbuu isaanii gurguranii waan fidaniif, ani immoo dhiiga namoota lubbuu isaanii gurguranii bishaan kana fidanii dhuguu ree?” jechuudhaan sababiisaa ibseera.​—1 Sen. 11:15-19.

13 Daawit, dhiigni Yihowaadhaaf lafarratti dhangalaʼuu akka qabu malee nyaatamuu akka hin qabne Seericharraa baratee ture. Sababii kun itti taʼuu qabus hubateera. Daawit “lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa” akka jiru beeka ture. Taʼus kun bishaan malee dhiiga hin turre. Maarree Daawit dhuguu kan dide maaliifi? Seera buʼuuraa Seerichi irratti hundaaʼe waan hubateefidha. Bishaanichi Daawitiif akka dhiiga namoota sadan sanaa, iddoo guddaa kan qabu ture. Kanaaf, isaaf bishaanicha dhuguun waan hin yaadamnedha. Daawit bishaanicha dhuguu mannaa lafarratti dhangalaasuuf murteesseera.—Lak. 17:11; Kes. 12:23, 24.

14. Daawit ilaalcha Yihowaan dhimma tokkoof qabu akka qabaatu kan isa gargaare maalidha?

14 Daawit seera Waaqayyoorratti guutummaatti xiyyeeffachuuf yaala ture. “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira” jedhee faarfateera. (Far. 40:8) Daawit seera Waaqayyoo ni qayyabata; akkasumas gad fageenyaan irratti xiinxala ture. Ogummaa abboommiin Yihowaa qabutti amanameera. Kanaan kan kaʼes, Daawit jechoota Seerichaa qofa utuu hin taʼin, ergaa Seera Musee keessa jiru eeguufis fedhii qaba ture. Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabannu, haala nu mudachuu dandaʼu tokko keessatti murtoo Yihowaa gammachiisu gochuuf akka nu gargaarutti, wanta dubbisnerratti xiinxaluufi yaadatti qabachuun keenya baayʼee gaariidha.

15. Solomoon Seera Waaqayyoo utuu hin kabajin kan hafe karaa kamiinidha?

15 Ilma Daawit kan taʼe Solomoonis Yihowaa duratti baayʼee jaallatamaa ture. Taʼus, Solomoon yeroo booda Seera Waaqayyootiif kabaja utuu hin argisiisin hafeera. Abboomii Yihowaan mootiin Israaʼel tokko ‘dubartoota baaʼifachuu’ akka hin qabne kenne hin eegne. (Kes. 17:17) Solomoon dubartoota ormaa hedduu fuudheera. Yeroo inni dulloometti, “dubartoonni isaa yaada isaa gara waaqayyolii kan biraatti in jalʼisan.” Sababiin inni kana itti godhe maaliyyuu yoo taʼe, “Solomoon fuula Waaqayyoo duratti wanta hamaa hojjete malee, akka abbaa isaa Daawit guutummaatti Waaqayyo duukaa hin buune.” (1 Mot. 11:1-6) Seeraafi seera buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessa jiruu wajjin walsimnee jiraachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, yommuu gaaʼela dhaabbachuuf yaannutti kana gochuun keenya barbaachisaadha.

16. Obboloonni gaaʼela dhaabbachuu barbaadan, seera buʼuuraa “nama amane” qofa filachuu akka qabnu kenname hubachuunsaanii dhiibbaa kan irratti godhu akkamitti?

16 Namni Dhugaa Baatuu hin taane tokko jaalalasaatiin akka qabamnu yoo yaalii godhe, deebiin nuti kenninu ilaalcha Daawitmoo ilaalcha Solomoon akka qabnu argisiisa? Waaqeffattoonni dhugaan, ‘nama amanee’ wajjin qofa gaaʼela akka dhaabbatan gorfamaniiru. (1 Qor. 7:39) Kiristiyaanni tokko gaaʼela dhaabbachuu yoo filate, nama Dhugaa Baatuu taʼee wajjin qofa gaaʼela dhaabbachuu qaba. Kana malees, seera buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo keessa jiru kan hubannu yoo taʼe, nama Dhugaa Baatuu hin taanee wajjin gaaʼela godhachuu dhiisuu qofa utuu hin taʼin, carraaqqii namni akkasii jaalala nu qabsiisuuf godhus callisnee hin ilaallu.

17. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluurraa fagaachuuf kan nu gargaaru maalidha?

17 Fakkeenyi Daawit qajeelfama Waaqayyoo garaa guutuudhaan barbaaduudhaan nuu taʼe, qorumsa fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluurratti nu mudatu moʼuuf akkamitti akka nu gargaarus hubadhaa. Caqasoota armaan gadii dubbisi; seera buʼuuraa isaan qabatanirratti yaadi; dhimma kanarratti fedhiin Yihowaa maal akka taʼes hubachuuf yaali. (Faarfannaa 119:37; Maatewos 5:28, 29; Qolosaayis 3:5 dubbisi.) Seera Yihowaa warra sadarkaa olaanaa qabanirratti xiinxaluun keenya, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluurraa fagaachuuf nu gargaara.

YEROO HUNDA ILAALCHA WAAQAYYOO QABAADHAA

18, 19. (a) Cubbuu kan dhaale taʼus Daawit Yihowaa duratti fudhatama akka argatu kan isa gargaare maalidha? (b) Maal gochuuf murteessiteetta?

18 Daawit karaa baayʼeedhaan fakkeenya taʼus, cubbuu cimaa hedduu raawwateera. (2 Sam. 11:2-4, 14, 15, 22-27; 1 Sen. 21:1, 7) Haataʼu malee, Daawit yeroo cubbuu hojjete hundatti yaada garaa kan geddaratu taʼuusaa argisiiseera. Waaqayyo duratti ‘amanamummaasaa’ eegee jiraateera. (1 Mot. 9:4) Akkas kan jennu maaliifi? Daawit nama akka fedha Yihowaatti jiraachuuf yaalu waan tureefidha.

19 Cubbamoota taanuyyuu Yihowaa duratti fudhatama argachuu ni dandeenya. Dhugaa kana yaadachuudhaan, Dubbii Waaqayyoo dhimminee haa qayyabannu; wanta barannerratti gad fageenyaan haa xiinxallu; akkasumas barumsa arganne kanarratti hundaaʼuudhaan gara kuteenyaan tarkaanfii haa fudhannu. Akkas gochuun keenya, akkuma faarfatichi “Fedha kee gochuu na barsiisi!” jedhee gad of deebisuudhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessee akka nutti dhagaʼamu argisiisa.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 3⁠rra jiru]

[Fakkii fuula 5⁠rra jiru]

Daawit Saaʼoliin ajjeesuuf carraa argatee yommuu turetti tarkaanfii akka hin fudhanne maaltu isa dhowwe?

[Fakkii fuula 6⁠rra jiru]

Daawit bishaan loltoonnisaa isaa fidan dhuguu diduusaarraa maal baranna?