Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Gad Of Deebisuudhaan Fakkeenya Taʼeera

Yesus Gad Of Deebisuudhaan Fakkeenya Taʼeera

Yesus Gad Of Deebisuudhaan Fakkeenya Taʼeera

“Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif taʼeera.”—YOH. 13:15.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

Ilmi Waaqayyo nama taʼee lafarratti dhalachuusaa dura amala gad of deebisuu kan argisiise akkamitti?

Yesus yeroo lafarra turetti amala gad of deebisuu kan argisiise akkamitti?

Yesus amala gad of deebisuu argisiisuunsaa faayidaa akkamii argamsiiseera?

1, 2. Yesus galgala dhuma jireenyasaa isa lafaarratti barumsa guddaa akkamii ergamootasaa barsiise?

GUYYAANSAA halkan xumura jireenya Yesus isa lafarraa yommuu taʼu, yeroo kanatti Yesus ergamootasaa wajjin kutaa fooqii Yerusaalem keessa jiru tokko keessa ture. Yeroo irbaataatti, Yesus kaʼee wayyaasaa isa irra keessaa ofirraa baasuudhaan waan akka fooxaa mudhiitti hidhate. Achiis, qodaa miilla itti dhiqatanitti bishaan naqatee miilla bartootasaa dhiqee fooxaadhaan qoorsuu jalqabe. Boodas wayyaasaa isa irra keessaa fuudhee uffate. Yesus gocha gad of deebisuu argisiisu kana kan raawwate maaliifi?​—Yoh. 13:3-5.

2 Yesus, “Waanan isiniif godhe hubattuu ree? . . . Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in taʼa. Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif taʼeera” jechuudhaan ibseera. (Yoh. 13:12-15) Yesus hojii gadaanaa hojjechuuf of dhiheessuudhaan, ergamoonnisaa barumsa guddaa sammuusaanii keessaa hin badneefi gara fuulduraatti akka gad of deebisan isaan gargaaru isaan barsiiseera.

3. (a) Yesus gad of deebisuun barbaachisaa taʼuusaa yeroo lama akka gaariitti kan ibse akkamitti? (b) Mataduree kana keessatti waaʼee maalii qorra?

3 Yesus yeroo kanatti miilla ergamootasaa dhiquudhaan gad of deebisuun barbaachisaa taʼuusaa kan barsiise taʼus, sana duras waaʼee gad of deebisuu isaan barsiiseera. Yommuu ergamoonnisaa amala wal dorgommii argisiisan, Yesus mucaa xinnoo of maddii teessisee, “Mucaa kana maqaa kootiin kan simu ana sima, kan na simus isa na erge sima; isin keessaa hundumaa irra kan xinnaatu, inni guddaa in taʼa” jechuudhaan isaanitti dubbatee ture. (Luq. 9:46-48) Yesus yeroo booda yommuu tajaajilutti, Fariisonni iddoo guddaa akka barbaadan hubachuudhaan, “Ol kan of qabu hundinuu gad in deebifama, gad kan of deebisus hundinuu ol in qabama” jedheera. (Luq. 14:11) Yesus duuka buutonnisaa akka gad of deebisan, jechuunis kooraafi of tuulummaarraa walaba akka taʼan barbaadee akka ture ifadha. Mee fakkeenyasaa hordofuu yaadatti qabachuudhaan, Yesus gad of deebisuudhaan akkamitti fakkeenya akka nuu taʼe xiyyeeffannaadhaan haa qorru. Amalli kun nama amala kana argisiisu qofa utuu hin taʼin, warra kaanis akkamitti akka fayyadu ni ilaalla.

‘ANI ISARRAA HIN GARAGALLE’

4. Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi nama taʼuusaa dura akka gad of deebisu kan argisiise akkamitti?

4 Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi gara lafaa dhufuusaa durallee akka gad of deebisu argisiiseera. Yesus nama taʼee lafarratti dhalachuusaa dura, Abbaasaa isa samii wajjin waggoota hangana hin jedhamne jiraateera. Kutaa Macaafa Qulqulluu kan taʼe macaafni Isaayaas hariiroo cimaa Ilmiifi Abbaan qaban ilaalchisee akkas jedha: “Ani warra dadhabanitti dubbadhee akkan isaan jajjabeessuuf, Waaqayyo gooftaan dubbii barbaachisu dubbachuu na barsiise; ganama ganama na dammaqsa, akka warra isa irraa baraniis isa inni jedhu akkan dhaggeeffadhuuf gurra koo anaaf in bana; Waaqayyo gooftaan gurra koo in bane, anis isaaf abboomamuu hin dinne, isa irraas gara hin galle.” (Isa. 50:4, 5) Ilmi Waaqayyoo gad of deebisuudhaan barumsa Yihowaan isaa laatuuf xiyyeeffannaa guddaa kenna ture. Waaqa dhugaarraa barachuuf hawwiifi fedhii guddaa qaba ture. Yesus fakkeenya Yihowaan gad of deebisee ilmaan namootaa cubbamoo taʼanitti ooʼa argisiisuudhaan taʼe akka gaariitti hubatee taʼuu qaba!

5. Seexanaa wajjin haala wal qabateen, Yesus Mikaaʼel angafa ergamootaa taʼuyyuu, gad of deebisuufi iddoosaa beeku ilaalchisee fakkeenya kan nuu taʼe akkamitti?

5 Amala akka Ilma Waaqayyoo isa tokkichaa kan qaban, uumamawwan samii keessa jiran hunda hin turre. Ergamaan yeroo booda Seexana taʼe, Yihowaarraa barachuuf fedhii qabaachuu mannaa, of gurguddisuufi koorri dhiibbaa akka isarratti godhu heyyamuudhaan, amala faallaa gad of deebisuu taʼe kan argisiise siʼa taʼu, kunis Yihowaarratti akka kaʼu isa godheera. Haala kanarraa adda taʼeen, Yesus iddoon inni samii keessatti qabu akka isatti xinnaate itti hin dhagaʼamne; aboosaattis karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuuf hin kakaane. Yesus “yeroo reeffa Musee irratti Seexanaa wajjin walitti falman” aboo Mikaaʼel angafa ergamootaa taʼuudhaan qabutti karaa sirrii hin taaneen hin fayyadamne. Kanaa mannaa, Ilmi Waaqayyoo akka gad of deebisuufi akka iddoosaa beeku argisiiseera. Yesus, Yihowaan inni Abbaa Firdii uumama cufaa taʼe, wanta tokko karaafi yeroo ofiisaatiin murteessetti akka raawwatu fedhii qaba ture.​—Yihudaa 9 dubbisi.

6. Yesus hojii Masiihii taʼuudhaan raawwatu fudhachuudhaan amala gad of deebisuu kan argisiise akkamitti?

6 Wantoonni Yesus yeroo samiirra ture barate, raajiiwwan jireenya inni Masiihii taʼuudhaan lafarratti dabarsu ilaalchisee dubbataman akka dabalatan hin shakkisiisu. Kanaaf, haalawwan nama hin gammachiisne lafarratti akka isa mudatan dursee kan beeku taʼuu hin oolu. Taʼus, Yesus itti gaafatamummaa lafarra akka jiraatuufi Masiihii abdachiifame taʼee akka duʼu isaaf kenname fudhateera. Maaliif? Phaawulos amala gad of deebisuu Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi qabu ilaalchisee akkas jedhee barreesseera: “[“Bifa Waaqayyootiin jiraachaa kan ture taʼus, Waaqayyoo wajjin qixxee taʼuu akka waan saamee fudhachuun isaaf taʼutti hin yaadne,” NW] Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama taʼee argame.”​—Filp. 2:6, 7.

“GAD OF DEEBISEE” NAMA TAʼE

7, 8. Yesus yeroo ijoollee ture, akkasumas yeroo lafarratti tajaajilaa turetti amala gad of deebisuu kan argisiise karaawwan kamiini?

7 Phaawulos, Yesus “waan hundumaanis nama taʼee argame. Inni gad of deebisee, hamma duʼaatti, hamma fannifamee duʼutti iyyuu abboomamaa taʼe” jechuudhaan barreesseera. (Filp. 2:7, 8) Yesus ijoollummaasaatii kaasee gad of deebisuudhaan fakkeenya nuu taʼeera. Warrisaa, jechuunis Yoseefiifi Maariyaam cubbamoota kan turan taʼus, gad of deebisuudhaan “isaaniif abboomama” ture. (Luq. 2:51) Kun, dargaggoota fedhiidhaan warrasaaniitiif abboomamuudhaan eebba Waaqayyoo argachuu barbaadaniif fakkeenya gaarii taʼa.

8 Yesus yommuu gaʼeessa turetti, fedhiisaa caalaa fedhii Yihowaatiif dursa kennuudhaan amala gad of deebisuu akka qabu argisiiseera. (Yoh. 4:34) Yesus Kiristos, yeroo lafarratti tajaajilaa turetti maqaa Waaqayyotti fayyadameera; akkasumas namoonni garaa qajeelaa qaban amalawwan Yihowaafi kaayyoo inni ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee beekumsa sirrii akka argatan gargaareera. Yesus wanta waaʼee Yihowaa barsiisee wajjin haala walsimuunis jiraateera. Kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiiserratti, jalqaba “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu” jedheera. (Mat. 6:9) Kanaaf Yesus, duuka buutoonnisaa maqaan Yihowaa qulqulluu taʼee akka eegamu gochuudhaaf xiyyeeffannaa akka kennan isaan barsiiseera. Innis haala kanaa wajjin walsimuun jiraateera. Yesus kadhannaa yommuu tajaajilasaa isa lafarraa xumuruu jala gaʼe dhiheesserratti, ‘Maqaankee ergamootakoo biratti akka beekamu godheera; ammas akka beekamu nan godha’ jechuu dandaʼeera. (Yoh. 17:26) Kana malees, Yesus yeroo lafarratti tajaajilaa ture hundatti waan hundumaa kan raawwate gargaarsa Yihowaatiin akka taʼe ibseera.​—Yoh. 5:19.

9. Zakaariyaas, Masiihicha ilaalchisee raajii akkamii dubbate? Raajiin kunoo Yesusirratti kan raawwatame akkamitti?

9 Zakaariyaas, Masiihicha ilaalchisee raajii akkas jedhu barreessee ture: “Isin yaa namoota Xiyoon, guddaa gammadaa! Isin yaa namoota Yerusaalem, guddisaatii sagalee gammachuu dhageessisaa! Kunoo, mootiin keessan inni qajeelaan, inni moʼaan, gad of deebisee, harree yaabbii keessaa ilmoo harree irra taaʼee gara keessan in dhufa.” (Zak. 9:9) Raajiin kun Dh.K.B. bara 33 guyyaa Faasikaa, Yesus gara Yerusaalemitti galuusaa dura raawwatameera. Tuutni namootaa uffatasaanii isa irra keessaafi damee mukaa baala qabu karaarra afan. Yeroo inni mandarichatti seenu guutummaan mandarichaa ni raafame. Yeroo namoonni akka inni Mootii taʼe ifatti dubbatanittillee Yesus gad of deebiseera.—Mat. 21:4-11.

10. Yesus hamma duʼaatti abboomamaa taʼuuf fedhii qabaachuudhaan maal mirkaneesse?

10 Amalli gad of deebisuufi abboomamuu Yesus Kiristos lafarratti argisiise, hamma mukarratti fannifamee duʼuttillee mulʼateera. Kanaaf namoonni yeroo garmalee qoramanittillee Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu akka dandaʼan guutummaatti mirkaneesseera. Kana malees Yesus, falmiin Seexanni namoonni fedhii ofittummaatiif jedhanii Yihowaa akka tajaajilan kaase soba taʼuusaa mirkaneesseera. (Iyo. 1:9-11; 2:4) Seenaan Kiristos guutummaatti amanamaa taʼuudhaan galmeessise, olaantummaan Yihowaan uumama cufarratti qabu sirriifi qajeelaa taʼuusaas mirkaneesseera. Yihowaan yommuu Ilmisaa inni gad of deebisu amanamummaasaa jabeessee eeggatu arguusaatti gammadee akka ture hin shakkisiisu.​—Fakkeenya 27:11 dubbisi.

11. Aarsaan furii Yesus Kiristos ilmaan namootaa isatti amananiif carraa akkamii baneera?

11 Yesus mukarratti fannifamee duʼuudhaan ilmaan namootaatiif aarsaa furiis kaffaleera. (Mat. 20:28) Kunis ulaagaa seerri Waaqayyoo gaafatu guutuudhaan, ilmaan namootaa cubbamoota taʼan barabaraaf lafarra akka jiraatan carraa baneera. Phaawulos, “Qajeelchuun nama tokkoo immoo namoota hundumaa firdii qajeelummaa argachiisee in jiraachisa” jedhee barreesseera. (Rom. 5:18) Duuti Yesus, Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman samiirratti jireenya hin banne, warri “hoolota kan biraa” taʼanimmoo lafarratti jireenya barabaraa akka argatan carraa baneera.​—Yoh. 10:16; Rom. 8:16, 17.

ANOO ‘KANAN GAD OF DEEBISEDHA’

12. Yesus ilmaan namootaa cubbamoo taʼanii wajjin haala wal qabateen, garraamummaafi gad of deebisuu kan argisiise akkamitti?

12 Yesus, namoonni ‘dhamaʼanii dadhaban, baʼaanis kan isaanitti ulfaate’ hundi garasaa akka dhufan afeereera. “Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu” jedheera. (Mat. 11:28, 29) Yesus amala gad of deebisuufi garraamummaa qabaachuunsaa, ilmaan namootaa cubbamoo taʼanitti gaarummaa akka argisiisuufi akka hin loogne isa godheera. Wanta humnasaaniitii ol taʼe bartootasaarraa hin eegne. Yesus isaan galateeffateera; akkasumas isaan jajjabeesseera. Gaʼumsa ykn gatii akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu hin goone. Yesus hamaa ykn kan nama hacuucu akka hin turre beekamaadha. Faallaa kanaatiin waanjoonsaa kan nama hin dhibne, baʼaansaas salphaa waan taʼeef, duuka buutonnisaa garasaatti dhihaachuufi barumsasaa hojiirra oolchuudhaan boqonnaa akka argatan isaanii mirkaneesseera. Dubartoonnis taʼan dhiironni, akkasumas namoonni umrii garaagaraa qaban isaa wajjin taʼuun isaanitti hin ulfaanne.​—Mat. 11:30.

13. Yesus namoota hiyyeeyyii taʼanitti ooʼa kan argisiise akkamitti?

13 Yesus namoota Israaʼel hiyyeeyyii taʼaniifi iddoo guddaa hin qabneef ooʼeera; wanta isaan barbaachisuufis xiyyeeffannaa kenneera. Yesus yeroo tokko, qaro dhabeeyyii kan taʼan, akkasumas kadhatanii kan jiraatan Barxiimewosiifi michuusaa wajjin Yerikoo maddiitti wal arge. Yesus akka isaan gargaaru cimsanii kan kadhatan siʼa taʼu, namoonni baayʼeen Yesus duukaa turan garuu akka callisan isaan ifatan. Kadhata namoota qaro dhabeeyyii taʼan kanaa jalaa callisuun baayʼee salphaa ture. Yesus garuu garasaatti akka isaan fidan gochuudhaan, gaarummaadhaan kakaʼee ijasaanii fayyiseef. Eeyyee, Yesus gad of deebisuudhaan, akkasumas namoota cubbamoo iddoo guddaa hin qabnetti gaarummaa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa Abbaasaa isa samii hordofeera.​—Mat. 20:29-34; Mar. 10:46-52.

‘NAMNI GAD OF DEEBISU OL IN QABAMA’

14. Jireenyi Yesus gad of deebisuudhaan jiraate faayidaa akkamii argamsiiseera?

14 Jireenyi Yesus gad of deebisuudhaan jiraate madda gammachuu kan taʼuufi faayidaa guddaa kan argamsiisudha. Yihowaan Ilmisaa inni jaallatamaan gad of deebisuudhaan fedhasaatiif yommuu bitamu arguutti ni gammada. Amalli Yesus garraamii taʼuufi gad of deebisuudhaan argisiise ergamootasaafi bartootasaatiif boqonnaa argamsiiseera. Fakkeenyisaa, barumsisaafi garaadhaa isaan galateeffachuunsaa karaa hafuuraa akka guddatan isaan kakaaseera. Namoonni iddoo guddaa hin qabne gargaarsa inni isaaniif godhe, barumsasaafi jajjabina inni kennu waan argataniif, amala gad of deebisuu Yesus argisiiserraa fayyadamaniiru. Ilmaan namootaa hundi aarsaa furii Yesusirraa faayidaa barabaraa argachuu akka dandaʼan beekamaadha.

15. Yesus kan gad of deebisu taʼuunsaa kan isa fayyade akkamitti?

15 Yesus hoo, gad of deebisuunsaa faayidaa isaaf argamsiiseeraa? Eeyyee! Yesus, “Namni gad of deebisus ol in qabama” waan jedheef, gad of deebisuunsaa isas fayyadeera. (Mat. 23:12) Yaanni kun isarratti raawwatameera. Phaawulos akkas jechuudhaan ibseera: “Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf. Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe. Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka taʼe beeksisuuf jiru.” Yihowaan amala gad of deebisuufi amanamummaa Ilmisaa lafarratti argisiiseen kan kaʼe, uumamawwan samiifi lafarra jiranirratti Yesusiif aboo kennuudhaan ol ol isa godheera.​—Filp. 2:9-11.

YESUS ‘DHUGAAFI GAD OF DEEBISUUDHAAF FEʼATEE KAʼA’

16. Ilmi Waaqayyoo amala gad of deebisuu qabaachuusaa akka itti fufu maaltu mirkaneessa?

16 Ilmi Waaqayyoo amala gad of deebisuu argisiisuusaa itti fufa. Faarfatichi, ‘Guddina keetiin baʼi, dubbii dhugaaf, [“gad of deebisuufi,” NW] qajeelinaaf feʼadhuu kaʼi!’ jechuudhaan Yesus akkamitti samiirraa diinotasaarratti tarkaanfii akka fudhatu raajiidhaan dubbateera. (Far. 45:4) Yesus Armaagedoonitti dhugaafi qajeelummaadhaaf, akkasumas gad of deebisuudhaaf feʼatee kaʼa. Dhuma Bulchiinsa Waggaa Kumaatti, yeroo Yesus Masiihichi inni Mootii taʼe, “gooftummaa hundumaa, aboo hundumaa, humna hundumaas golgoleess[utti]” maaltu raawwatama? Yeroo sanattis Yesus amala gad of deebisuu ni argisiisaa laata? ‘Mootummicha deebisee Waaqayyo abbaatti in kenna’ waan jedhameef, eeyyee ni argisiisa.​—1 Qorontos 15:24-28 dubbisi.

17, 18. (a) Tajaajiltoonni Yihowaa fakkeenya Yesus gad of deebisuudhaan taʼe hordofuunsaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii qorra?

17 Nuhoo? Fakkeenya Yesus hordofuudhaan amala gad of deebisuu ni argisiisnaa? Yommuu Yesus Kiristos Mootichi Armaagedoonitti tarkaanfii fudhachuuf dhufu firdii akkamii arganna laata? Kaayyoon inni itti feʼatee kaʼu, namoota gad of deebisaniifi qajeeloo taʼan qofa oolchuudha. Kanaaf, badiisa dhufu jalaa ooluuf, amala gad of deebisuu horachuun keenya barbaachisaadha. Kana malees, akkuma jireenyi Yesus Kiristos gad of deebisuudhaan jiraate, isaafis taʼe warra kaaniif faayidaa argamsiise, gad of deebisuun keenyas karaa hedduu faayidaa nuuf argamsiisa.

18 Fakkeenya Yesus gad of deebisuudhaan argisiise hordofuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate gad of deebisuuf carraaqqii gochuu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffiiwwan kana mataduree ittaanurratti qorra.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 12⁠rra jiru]

Fakkeenyi Yesus gad of deebisuudhaan taʼe nu fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

[Fakkii fuula 13⁠rra jiru]

Yesus ooʼa argisiisuudhaan fakkeenya taʼeera