Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hundumaarra Kan Xinnaattan Taʼuuf Carraaqaa

Hundumaarra Kan Xinnaattan Taʼuuf Carraaqaa

“Isin keessaa hundumaa irra kan xinnaatu, inni guddaa in taʼa.”​—LUQ. 9:48.

1, 2. Yesus ergamootasaatiif gorsa akkamii kenne? Kana kan godhehoo maaliifi?

YEROONSAA Dh.K.B. bara 32⁠ttidha. Yesus yeroo haalli rakkisaa taʼe tokko uumametti naannoo Galiilaa ture. Ergamootasaa keessaa muraasni, isaan keessaa kan caalu eenyu akka taʼe wal falmaa turan. Barreessaa Wangeelaa kan taʼe Luqaas akkas jedhee gabaaseera: “Bartoota gidduutti yaadni tokko kaʼee, isaan keessaa eenyutu caalinna laataa? jedhanii wal gaafatan. Yesus garuu yaada garaa isaanii beekee, mucaa tokko ofitti waamee, ofii isaa bukkee dhaabachiise. Isaaniin immoo, ‘Mucaa kana maqaa kootiin kan simu ana sima, kan na simus isa na erge sima; isin keessaa hundumaa irra kan xinnaatu, inni guddaa in taʼa.’” (Luq. 9:46-48) Yesus, gad of deebisuun barbaachisaa taʼuusaa ergamoonnisaa akka hubatan gargaaruuf obsaan taʼus cimsee itti dubbateera.

2 Yesus hundumaarra kan xinnaattan taʼaa yommuu jedhu, barsiifata Yihudoonni jaarraa tokkoffaa hordofaa turan akka argisiisan moo ilaalcha isaanirraa faallaa taʼe akka qabaatan gorsuusaa ture? Tiʼooloojikaal Dikshinarii oov za Niiwu Teestaamant, aadaa yeroo sana ture ilaalchisee ibsa akkas jedhu kenneera: “Waan hundumaarratti eenyu akka caalu gaaffii kaasu; nama tokkoof kabaja isaaf malu kennuunis yeroo hunda isaan yaaddessa.” Dimshaashumatti Yesus ergamoonnisaa namoota kaanirraa adda akka taʼan isaan gorsuusaa ture.

3. (a) Hundumaarra xinnaa taʼuu jechuun maal jechuudha? Amala akkasii qabaachuun ulfaataa nutti taʼuu kan dandaʼu maaliifi? (b) Hundumaarra xinnaa of gochuu ilaalchisee gaaffiiwwan akkamiitu kaʼa?

3 Jechi afaan Giriikii “hundumaa irra kan xinnaatu” jedhamee hiikame, nama humnasaa beeku, nama gad of deebisu, iddoo guddaa ykn aboo hin qabne kan argisiisudha. Yesus mucaa xinnootti fayyadamee, ergamoonnisaa kan gad of deebisaniifi iddoosaanii kan beekan taʼuu akka qaban isaanii ibseera. Gorsi kun akkuma Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaa gargaare, Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniifis ni hojjeta. Hundumaarra xinnaa taʼuun, haala tokko tokko keessatti ulfaataa taʼuu dandaʼa. Cubbuu dhaalleen kan kaʼe koorri iddoo guddaa akka barbaannu dhiibbaa nurratti gochuu dandaʼa. Addunyaa wal morkiin itti babalʼate keessa kan jiraannu taʼuun keenyaafi hafuurri biyya lafaa, ofittoo, kan aarru ykn namoota kaan toʼachuu kan barbaannu akka taanu dhiibbaa nurratti godha. Ilaalcha hundumaarra xinnaa of gochuu ykn gad of deebisuu horachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? ‘Nu keessaa hundumaarra kan xinnaatu guddaa kan taʼu’ akkamitti? Hafuura gad of deebisuu argisiisuuf carraaquu kan qabnu kallattii jireenya keenyaa kamfaa keessattidha?

‘BADHAADHUMMAAN WAAQAYYOO, OGUMMAANSAAFI BEEKUMSISAA HAMMAM GAD FAGAATA!’

4, 5. Amala gad of deebisuu horachuuf kan nu kakaasuu dandaʼu maalidha? Fakkeenyaan ibsi.

4 Karaan amala gad of deebisuu horachuu itti dandeenyu tokko, Yihowaan nuu wajjin yommuu walbira qabamu hammam guddaa akka taʼe xiinxaluudha. “Hubannaa isaas namni qoree bira hin gaʼu.” (Isa. 40:28) Phaawulos kallattii Yihowaan guddaa itti taʼe tokko tokko ilaalchisee, “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin gaʼu! Karaa isaas namni faana dhaʼee hin hubatu!” jedheera. (Rom. 11:33) Phaawulos yaada kana erga barreessee gara waggaa 2000 kan taʼeefi beekumsi ilmaan namootaa wantoota hedduurratti qabanis baayʼee kan dabale taʼus, yaanni kun ammayyuu dhugaadha. Beekumsa hammamiiyyuu yoo qabaanne, waaʼee Yihowaa, hojiisaafi karaasaa wanti barannu dhuma kan hin qabne taʼuusaa beekuun keenya akka gad of deebisnu nu gochuu qaba.

5 Fakkeenyaaf, Liyoon * karaawwan Waaqayyoo baree fixuun humnasaatii ol akka taʼe beekuunsaa, hundumaarra akka xinnaatu godhee akka of ilaalu isa gargaareera. Yeroo dargaggeessa turetti saayinsii jaallata ture. Waaʼee hawaa hamma dandaʼe beekuu waan barbaadeef, barumsa kana barachuudhaan xumura barbaachisaa tokkorra gaʼe. Akkas jedheera: “Wantan baradherratti hundaaʼuudhaan, barumsi saayinsii yeroo ammaa jiru qofti ilmaan namootaa waaʼee uumama cufaa guutummaatti akka beekan gargaaruu akka hin dandeenyen hubadhe. Kanaaf waaʼee seeraa barachuufan murteesse.” Sana booda Liyoon abukaatoo aanaa kan taʼe siʼa taʼu, achiis abbaa alangaa taʼeera. Yeroo booda, inniifi haati manaasaa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan dhugaa kan fudhatan siʼa taʼu, of murteessanii tajaajiltoota Waaqayyoo taʼaniiru. Akkaataan guddinasaa maaliyyuu yoo taʼe Liyoon hundumaarra xinnaa akka taʼetti akka of ilaalu kan isa gargaare maalidha? “Waaʼee Yihowaafi waaʼee uumama cufaa hammamiyyuu yoo beekne, ammayyuu wanti barannu hedduun akka jiru hubachuukooti” jechuudhaan afaan guutee deebiseera.

Yihowaan misiraachicha akka lallabnu mirga nuu kennuudhaan nu kabajeera

6, 7. (a) Yihowaan amala gad of deebisuu argisiisuurratti fakkeenya guddaa akkamii taʼeera? (b) Waaqayyo kan gad of deebisu taʼuunsaa nama tokko “guddaa” kan godhu akkamitti?

6 Wanti gad of deebisuuf nu gargaaru garabiraanimmoo, Yihowaaniyyuu amala kana kan argisiisu taʼuusaati. ‘Waaqayyoo wajjin kan hojjennu’ taʼuu keenyas yaadadhaa! (1 Qor. 3:9, hiika bara 1899) Mee yaadaa! Yihowaan inni homtinuu isaan hin qixxaanne, Dubbiisaa kan taʼe Macaafa Qulqulluutti fayyadamnee tajaajila keenya akka raawwannu carraa nuu kennuudhaan nu kabajeera. Sanyii facaasnus taʼe bishaan obaasnu kan guddisu Yihowaa taʼus, isaa wajjin akka hojjennu gochuudhaan kabaja guddaa nuu kenneera. (1 Qor. 3:6, 7) Kun Waaqayyo gad of deebisuurratti fakkeenya guddaa akka taʼu kan argisiisudha. Fakkeenyi Yihowaan gad of deebisuudhaan taʼe, hundumaarra xinnaa akka of goonu jajjabina guddaa akka nuu kennu beekamaadha!

7 Fakkeenyi Waaqayyo gad of deebisuudhaan taʼe, Daawit faarfaticharratti dhiibbaa gaarii godheera. “Gargaarsa kee gaachana gootee anaaf laatte, anatti gad dhiʼaachuun kees na guddise” jechuudhaan Yihowaadhaaf faarfateera. (2 Sam. 22:36) Daawit Israaʼel keessatti iddoo guddaa argachuu kan dandaʼe, Yihowaan gad of deebisuudhaan xiyyeeffannaa waan isaa kenneef akka taʼe ibseera. (Far. 113:5-7) Nuhoo haalli keenya kanarraa addadhaa? Amala, dandeettiifi mirga qabnu dabalatee wanti Yihowaan ‘nuuf hin kennine’ maalidha? (1 Qor. 4:7) Namni hundumaarra akka xinnaatti of ilaalu Yihowaa biratti bakka guddaa in qabaata; jechuunis “guddaa” in taʼa. (Luq. 9:48) Mee kun akkamitti taʼuu akka dandaʼu haa ilaallu.

‘ISIN KEESSAA HUNDUMAARRA KAN XINNAATU GUDDAA IN TAʼA’

8. Gad of deebisuun ilaalcha jaarmiyaa Yihowaatiif qabnu kan tuqu akkamitti?

8 Jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti gammadoo taʼuufi qophii gumii keessa jiru deggeruuf gad of deebisuun barbaachisaadha. Fakkeenya Peetraa ishee maatii Dhugaa Baatota taʼan keessatti guddattee ilaalaa. Wantoota tokko tokko karaa mataashee raawwachuu waan barbaaddeef, gumiirraa fagaatte. Waggoota hedduu booda garuu, deebitee gumiirratti argamuu jalqabde. Yeroo ammaa jaarmiyaa Yihowaa keessa taʼuusheetti ni gammaddi; qophii gumiis gammachuudhaan deggerti. Yeroo kanatti ilaalchasheerratti jijjiirama akkamii goote? “Jaarmiyaa Waaqayyoo keessa yommuun taʼu, akkan manakoo keessa jirutti natti dhagaʼama. Amala gad of deebisuufi humna ofii beekuu hubachuun, akkasumas horachuun na barbaachisee ture” jechuudhaan barreessiteetti.

9. Namni gad of deebisu nyaata hafuuraa argannuuf ilaalcha akkamii qaba? Kana gochuunsaa iddoo guddaa isaaf argamsiisa kan jennu maaliifi?

9 Namni gad of deebisu tokko, nyaata hafuuraa dabalatee qophiiwwan Yihowaa hundaaf galateeffannaa guddaa qaba. Kanaaf namni akkasii Macaafa Qulqulluu dhimmee barata; barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! hawwii guddaadhaan dubbisa. Akkuma tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan kaanii, barreeffamoota haaraa hunda yeruma sana dubbisa malee akkasumatti hin kaaʼu. Barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan dubbisuufi qayyabachuudhaan amala gad of deebisuu yommuu argisiisnu, karaa hafuuraa waan guddannuuf, Yihowaan tajaajilasaatiif caalaatti nutti fayyadamuu dandaʼa.​—Ibr. 5:13, 14.

10. Gumii keessatti hundumaarra xinnaa goonee akka of ilaallu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Karaan namni hundumaarra xinnaa of godhu, “guddaa” itti taʼuu dandaʼu garabiraanis jira. Gumiin hundi, dhiirota gaʼumsa qabaniifi qajeelfama hafuura qulqulluutiin jaarsolii taʼanii muudamuudhaan tajaajilan qaba. Jaarsoliin, dhimmoota hafuuraa kan akka walgaʼii gumii, tajaajilaafi obboloota dhuunfaatti jajjabeessuuf qophii godhu. Hundumaarra xinnaa akka taanetti of ilaaluudhaan qophii kana fedhiidhaan yommuu deggerru, gammachuu, nagaafi tokkummaa gumichaatiif gumaacha goona. (Ibroota 13:7, 17 dubbisi.) Jaarsa ykn tajaajilaa gumii taatee hojjechaa kan jirtu yoo taʼe, mirga tajaajilaa guddaa taʼe kana sii kennuusaatti gad of deebisuudhaan Yihowaa hin galateeffattuu?

11, 12. Amalli jaarmiyaa Yihowaa keessatti bakka guddaa akka qabaannu nu godhu isa kami? Akkas kan jennu maaliifi?

11 Amalli gad of deebisuu namni hundumaarra xinnaa godhee of ilaalu tokko qabu, nama gaarii akka taʼuufi tajaajila Yihowaarratti buʼa qabeessa akka taʼu waan isa godhuuf, “guddaa” ykn jaarmiyaa Yihowaa keessatti barbaachisaa in taʼa. Yesus ilaalchi yeroo sana babalʼatee jiru bartootasaarratti dhiibbaa waan godheef, isaan keessaa tokko tokko hundumaarra xinnaa akka taʼanitti akka of ilaalan gorsuun isa barbaachisee ture. Luqaas 9:46, “Bartoota gidduutti yaadni tokko kaʼee, isaan keessaa eenyutu caalinna laataa? jedhanii wal gaafatan” jedha. Nuhoo karaa taʼe tokkoon namoota hidhata amantii keenya taʼan ykn dimshaashumatti namoota akka caallu nutti dhagaʼamaa? Namoonni biyya lafaa hedduun, wanta tokko kan raawwatan kooraafi ofittummaadhaan kakaʼaniiti. Kanaaf gad of deebisnee jiraachuudhaan, koorarraa haa fagaannu. Akkas gochuudhaan fedha Yihowaatiif yommuu dursa kenninu, obboloota keenyaaf caalaatti michuu gaarii taana.

12 Gorsi Yesus hundumaarra xinnaa goonee akka of ilaallu nuu kenne dhugumaan kan nama jajjabeessudha. Maarree, kallattii jireenya keenya hunda keessatti amala kana argisiisuuf carraaquu hin qabnuu? Mee kallattii kana gochuu itti dandeenyu sadii haa ilaallu.

HUNDUMAARRA KAN XINNAATTAN TAʼUUF CARRAAQAA

13, 14. Abbaan manaa ykn haati manaa tokko hundumaarra xinnaa akka taʼanitti of ilaaluu kan qaban akkamitti? Kunoo gaaʼelarratti dhiibbaa akkamii qaba?

13 Gaaʼela keessatti. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun, mirgasaaniitiif baayʼee kan yaadan yommuu taʼu, mirga warra kaaniitiif garuu dhimma hin qaban. Haataʼu malee, namni hundumaarra xinnaa akka taʼetti of ilaalu, amala Phaawulos akka qabaannu nu jajjabeesse qabaachuuf carraaqa. Ergaa warra Roomaatiif barreesserratti, “Kottaa wanta nagaaf taʼu, waan ittiin jireenya tokkummaa waliif ijaarru duukaa in buunaa!” jedheera. (Rom. 14:19) Namni hundumaarra xinnaa akka taʼetti of ilaalu, namoota hunda keessumaammoo hiriyaa gaaʼelaasaa wajjin nagaadhaan jiraachuu barbaada.

14 Mee bashannana akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Bohaartii wajjin haala wal qabateen hiriyoonni gaaʼelaa filannaa garaagara taʼe qabaachuu dandaʼu. Tarii abbaan manaa yeroo boqonnaasaatti mana taaʼee kitaaba dubbisuu jaallata taʼa. Haati manaammoo, hoteelaa nyaachuu ykn michootashee gaafachuu barbaaddi taʼa. Abbaan manaa filannaasaa qofarratti xiyyeeffachuu mannaa, gad of deebisuudhaan waan isheen jaallattuuf, akkasumas fedhasheetiif xiyyeeffannaa guddaa kennuunsaa, haati manaasaa isa kabajuun akka isheetti salphatu godha. Akkasumas abbaan manaa, haati manaasaa wanta tokko karaa barbaaddeen raawwachuuf yaaluu mannaa, fedhiisaa xiyyeeffannaa keessa kan galchitu taʼuushee beekuunsaa baayʼee akka ishee jaallatuufi akka ishee dinqisiifatu godha. Hiriyoonni gaaʼelaa hundumaarra xinnaa akka taʼanitti yommuu of ilaalan gaaʼellisaanii caalaatti cima.​—Filiphisiiyus 2:1-4 dubbisi.

15, 16. Daawit Faarfannaa 131⁠rratti amala akkamii akka qabaannu gorseera? Kunoo gumii keessatti amala argisiisnurratti dhiibbaa akkamii gochuu qaba?

15 Gumii keessatti. Namoonni biyya lafaa hedduun wanta barbaadan yeruma sana argachuu fedhu. Obsa qabaachuu waan hin dandeenyeef, waa eeggachuun qorumsa isaanitti taʼa. Nuyi garuu hundumaarra xinnaa akka taanetti of ilaaluun keenya Yihowaa eeggachuuf nu gargaara. (Faarfannaa 131:1-3 dubbisi.) Gad of deebisuufi Yihowaa eeggachuun, nageenya, eebba, jajjabinaafi gammachuu nuuf argamsiisa. Daawit, Israaʼeloonni hidhatasaa taʼan Waaqasaanii obsaan akka eeggatan jajjabeessuunsaa nama hin dinqisiisu!

16 Atis gad of deebisuudhaan Yihowaa yoo eeggatte jajjabina akkasii argachuu dandeessa. (Far. 42:5) Tarii ‘hojii baʼeessa taʼe hawwuudhaan,’ “ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa taʼuu” barbaadda taʼa. (1 Xim. 3:1-7) Hafuurri qulqulluun amala ilaaltuu olaanaa taʼuuf si barbaachisu horachuuf akka si gargaaru, wanta sii dandaʼame hunda gochuu akka qabdu beekamaadha. Haataʼu malee, obboloonni kaan dafanii jaarsa taʼaniyyuu, ati garuu utuu hin taʼin yoo turtehoo? Namni hundumaarra xinnaa akka taʼetti of ilaalu mirga tajaajilaa obsaan kan eeggatu siʼa taʼu, gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluusaa itti fufa; akkasumas hojii isaaf kennamu hunda gammachuudhaan raawwata.

17, 18. (a) Dhiifama gaafachuunis taʼe warra kaaniif dhiifama gochuun keenya faayidaa maalii argamsiisa? (b) Fakkeenya 6:1-5⁠rratti gorsi akkamii kennameera?

17 Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnurratti. Namoonni hedduun dhiifama gaafachuun isaanitti ulfaata. Tajaajiltoonni Waaqayyoo garuu, dogoggorasaanii amananii dhiifama gaafachuudhaan hundumaarra xinnaa akka taʼanitti akka of ilaalan argisiisu. Balleessaa warra kaaniitiif dhiifama gochuufis fedhii qabu. Koorri, gargar baʼuufi falmii kan jajjabeessu siʼa taʼu, dhiifama gochuun garuu gumii keessa nagaan akka jiraatu godha.

18 Yommuu haala humna keenyaa ol taʼeen kan kaʼe waadaa galle raawwachuu dadhabnuttis ‘gad of deebisuudhaan’ garaadhaa dhiifama gaafachuun keenya barbaachisaadha. Kiristiyaanni gad of deebisu tokko, rakkina uumameef namni garabiraan gumaacha akka godhe kan beeku taʼus, hirʼina ofiisaarratti xiyyeeffata; akkasumas gad of deebisuudhaan haala sana amanee fudhata.​—Fakkeenya 6:1-5 dubbisi.

Hundumaarra xinnaa akka taatetti akka of ilaaltu argisiisuuf carraa akkamii qabda?

19. Hundi keenya gorsa Macaafa Qulqulluu hundumaarra xinnaa akka taanetti akka of ilaallu nuu kennameef galateeffachuu kan qabnu maaliifi?

19 Gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo hundumaarra xinnaa akka taanetti akka of ilaallu nuu kennameef baayʼee galateeffanna. Amala kana argisiisuun yeroo tokko tokko ulfaataa taʼus, Uumaa keenyaa wajjin yommuu walbira qabamnu iddoo qabnuuf ilaalcha sirrii qabaachuudhaan amala gad of deebisuu inni qabu hubachuun keenya, amala kana horachuuf nu gargaara. Kana gochuudhaan tajaajiltoota Yihowaa isa duratti iddoo guddaa qabnu akka taane argisiisna. Kanaaf hundi keenya hundumaarra xinnaa akka taanetti of ilaaluu keenya haa argisiisnu.

^ key. 5 Maqaawwan jijjiiramaniiru.