Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Yaadni Yesus Maatewos 19:10-12⁠rratti dubbate, namoonni qeentee taʼanii jiraachuu filatan kennaa kana uumamaan akka argatan ibsaa?

Mee jalqaba, Yesus waaʼee qeentee taʼanii jiraachuu kan dubbate haala akkamii keessatti akka taʼe haa ilaallu. Fariisonni garasaa dhufanii waaʼee wal hiikuu yommuu isa gaafatanitti, Yesus seera Yihowaan gaaʼela ilaalchisee baase isaaniif ibse. Seerri Musee, namni tokko “wanta namatti hin tolle” haadha manaasaarratti yoo arge, caaffata ittiin ishee hiiku kenneefii hiikuu akka dandaʼu kan heyyamu taʼus, jalqabarratti garuu haallisaa akkas hin turre. (Kes. 24:1, 2) Kanaaf Yesus, “Yoo isheen ejjite malee, namni haadha manaa isaa baasee kan biraa fuudhe in ejja” jedhe.​—Mat. 19:3-9.

Bartoonnis kana dhagaʼanii, “Seerri abbaa manaa haadha manaa isaatti hidhu akkas yoo taʼe, fuudhuu hin wayyu” jedhan. Yesusis deebisee, “Dubbii kana warra isaaniif kenname duwwaatu mataatti fudhata malee, namni hundinuu dandaʼee mataatti hin fudhatu. Dhalachuu isaaniitii jalqabanii xuʼaashii kan taʼan jiru; warri harka namaatti xuʼaashii taʼanis jiru; mootummaa waaqaatiif jedhanii warri akka xuʼaashii of godhanis jiru. Namni kana mataatti fudhachuu dandaʼu haa fudhatu!” jedhee deebise.​—Mat. 19:10-12.

Namni tokko rakkina dhalootaan qabuun ykn balaa tasaatiin ykn harka namaatiin xuʼaashii taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee namoonni filannaasaaniitiin xuʼaashii taʼanis jiru. Namoonni kun gaaʼela dhaabbachuu kan dandaʼan taʼaniyyuu, “mootummaa waaqaatiif jedhanii” of qabuu barataniiru. Akkuma Yesus, hojii Mootummichaarratti caalaatti hirmaachuuf qeentee taʼanii jiraachuu filataniiru. Namoonni kun kennaa kana kan argatan dhalootaan ykn karaa garabiraatiin miti. Qeentee taʼanii jiraachuu waan filataniif kennaa kana fedhiisaaniitiin fudhataniiru.

Phaawulos ergamaan yaada Yesus kennerratti hundaaʼuudhaan, Kiristiyaanonni qeenteenis taʼan gaaʼela godhatan hundi karaa isa duratti fudhatama qabuun Waaqayyoon tajaajiluu kan dandaʼan taʼus, warri qeentee taʼan ‘yaada garaasaanii dhaabbataa’ taʼeen caalaatti wanta ‘baʼeessa gochuu’ akka dandaʼan ibseera. Akkamitti? Namoonni gaaʼela godhatan hiriyaa gaaʼelaasaanii gammachiisuuf, akkasumas kunuunsuuf yeroofi humnasaanii ramaduu qabu. Kiristiyaanonni qeentee taʼan garuu dirqamni akkasii utuu isaanirra hin jiraatin tajaajila Gooftaatiif of dhiheessuu dandaʼu. Haalasaanii kana “kennaa” Waaqayyo biraa argatan akka taʼetti ilaalu.​—1 Qor. 7:7, 32-38.

Kanaafuu, Caaffanni Qulqullaaʼoon Kiristiyaanni tokko uumamaan kennaan qeentee taʼanii jiraachuu akka kennamuuf hin dubbatan. Kanaa mannaa, namni tokko yaadnisaa utuu hin hiramin fedhii Mootummichaatiif dursa kennuuf jecha qeentee taʼee jiraachuu filachuu dandaʼa. Yeroo harʼaa namoonni hedduun qeentee taʼanii jiraachuuf kan murteessan siʼa taʼu, warri kaanis ejjennoo isaan gama kanaan fudhataniif isaan jajjabeessu.