Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Maqaan Waaqayyoo eenyudha?

Miseensonni maatii keenyaa hundi maqaa dhuunfaa qabu. Sareef adurreenillee maqaa ittiin waamaman qabu. Maarree Waaqayyo maqaa qabaachuunsaa sirrii mitii? Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqayyo maqaa ulfinaa hedduu kanneen akka Waaqayyo Hundumaa Dandaʼu, Waaqayyo Gooftaafi Uumaa jedhamaniin kan waamame taʼus, maqaa dhuunfaa qaba.​Isaayaas 42:8 dubbisi, NW.

Hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduun Faarfannaa 83:18⁠rratti maqaa Waaqayyoo qabu. Fakkeenyaaf, caqasni kun Caaffata Qulqullaaʼoo Hiika Addunyaa Haaraarratti, “Ati, maqaankee Yihowaa kan taʼe, lafarratti Hundumaa Gararraa kan jiru si qofa” jedha.

Maqaa Waaqayyootti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?

Waaqayyo maqaasaa kanaan akka isa waamnu barbaada. Hiriyoota baayʼee walitti dhihaannu dabalatee, namoota jaallannuu wajjin yommuu haasofnu, maqaasaaniitiin akka isaan waamnu yoo nutti himan maqaasaaniitiin isaan waamna. Maarree Waaqayyotti yommuu dubbannu akkas gochuu hin qabnuu? Kana malees, Yesus Kiristos maqaa Waaqayyootti akka fayyadamnu nu barsiiseera.​Maatewos 6:9; Yohannis 17:26 dubbisi.

Michuu Waaqayyoo taʼuuf garuu maqaasaa beekuu qofti gaʼaa miti. Fakkeenyaaf, Waaqayyo amala akkamii qaba? Waaqayyotti dhihaachuun ni dandaʼamaa? Deebii gaaffii kanaa Macaafa Qulqulluu keessaa argachuu dandeessa.