Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kun Dhaala Hafuuraa Keenyadha

Kun Dhaala Hafuuraa Keenyadha

‘Dhaalli tajaajiltoota Waaqayyoo isa kanadha.’​—ISA. 54:17, Hiika bara 1899.

1. Yihowaan jaalalaan kakaʼee ilmaan namootaatiif maaltu eegamee akka turu godheera?

 YIHOWAAN, ‘inni jiraataa taʼeefi akka jirutti hafu,’ ergaansaa inni jireenya kennu ilmaan namootaatiif eegamee akka turu godheera. Macaafni Qulqulluun, “Dubbiin gooftichaa garuu, hafee bara baraan in jiraata” waan jedhuuf ergaansaa akka hin jijjiiramne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (1 Phe. 1:23-25) Yihowaan jaalalaan kakaʼee barumsi barbaachisaa taʼe Macaafa Qulqulluu keessatti eegamee akka turu gochuusaatti baayʼee galateeffanna.

2. Waaqayyo Dubbiisaa keessatti sabasaatiif maaltu eegamee akka turu godheera?

2 Waaqayyo, maqaan inni ofiisaatiif filate Dubbiisaa keessatti sabasaatiif eegamee akka turu godheera. Macaafni Qulqulluun maqaa ‘Yihowaa’ jedhu yeroo jalqabaatiif kan caqasu, ‘Seenaa uumamuu waaqaafi lafaa’ keessattidha. (Uma. 2:4, NW) Maqaan Waaqayyoo dhagaawwan Abboommii Kurnan dinqiidhaan barreeffaman qabatanirratti iddoo baayʼeetti argama. Fakkeenyaaf, abboommiin jalqabaa, ‘Ani Yihowaa Waaqa keeti’ jedha. (Bau. 20:1-17, NW) Seexanni balleessuuf carraaqqii hedduu yoo godheyyuu, Yihowaan inni Gooftaa Uumama Cufaa taʼe Dubbiinsaafi maqaansaa hanga harʼaatti eegamee akka turu godheera.​—Far. 73:28.

3. Gama amantiitiin dogoggorri hedduun jiraatus, Waaqayyo maaltu eegamee akka turu godheera?

3 Yihowaan, dhugaan Dubbiisaa keessa jirus eegamee akka turu godheera. Gama amantiitiin dogoggorri hedduun addunyaa maratti babalʼatee kan jiru taʼus, Waaqayyo ifa hafuuraafi dhugaa nuu kennuusaatti baayʼee galateeffanna. (Faarfannaa 43:3, 4 dubbisi.) Ilmaan namootaa hedduun dukkana keessa kan jiran taʼanis, ifa Waaqayyo nuu kenneen gammachuudhaan deddeebiʼuu keenya itti fufna.​—1 Yoh. 1:6, 7.

DHAALA GATII GUDDAA QABU QABNA

4, 5. Bara 1931 kaasee mirga addaa akkamii arganneerra?

4 Kiristiyaanota waan taaneef, dhaala gati jabeessa taʼe qabna. Wiirtuun Qorannoofi Qoʼannoo afaanii Itoophiyaa, galmee jechootaa afaan Amaariffaatiin qopheesse tokkorratti, “Odeeffannoo dhaabbataa seenaafi aadaa biyya tokkoo argisiisan; dhalootaa dhalootatti darbaa turaniifi darbaa jiran kan argisiisudha” jedha. Dhaalli hafuuraa keenya, waaʼee Macaafa Qulqulluu, waaʼee Waaqayyoofi waaʼee kaayyoosaa beekumsa sirrii qabaachuu kan dabalatudha. Mirga adda taʼe tokkos ni dabalata.

Walgaʼii koonyaa bara 1931 godhamerratti maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamuun waamamuu keenyatti baayʼee gammannee turre

5 Mirgi kun walgaʼii koonyaa bara 1931⁠tti Kolombos, Ohaayoo Yu.Ees.Eetti godhamerratti dhaala hafuuraa keenya taʼeera. Waraqaa sagantaa walgaʼichaarratti qubeewwan “JW” jedhan maxxanfamanii turan. Obboleettiin tokko, “Namoonni, ‘JW jechuun Jast Weeyt, Jast Waach, akkasumas Jehoovaas Wiitinasis jechuudha’ jedhanii tilmaamanii turan” jetteetti. Sanaan dura Barattoota Macaafa Qulqulluu jedhamaa kan turre taʼus, Dilbata Adoolessa 26, 1931 Dhugaa Baatota Yihowaa akka jedhamnu murteeffame. Maqaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe kanaan waamuun gammachuu guddaa ture. (Isaayaas 43:12, NW dubbisi. a) Obboleessi tokko, “Sagalee gammachuufi harka walitti rukutuu bakka walgaʼichaa ture matumaa hin irraanfadhu” jechuudhaan dubbateera. Biyya lafaarratti namni maqaa kana barbaadu tokkollee kan hin jirre taʼus, Waaqayyo waggaa saddeettamaa oliif akka itti fayyadamnu gochuudhaan nu eebbiseera. Dhugumayyuu Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuun mirga guddaadha.

6. Dhaalli hafuuraa keenya barumsa gati jabeessa taʼe akkamii kan dabalatudha?

6 Dhaalli hafuuraa keenya seenaa duriirraa barumsa sirriifi gati jabeessa taʼe argachuus kan dabalatudha. Fakkeenyaaf, Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoobiin ilaalaa. Abbootiin amantii kun akkamitti Yihowaa gammachiisuu akka dandaʼan maatiisaanii wajjin mariʼachaa akka turan hin shakkisiisu. Kanaaf, Yoseef inni qajeelaa taʼe ‘Waaqayyoon akka hin yakkineef’ jecha ejja raawwachuu diduunsaa kan nama dinqisiisu miti. (Uma. 39:7-9) Aadaan Kiristiyaanotaa isaan ittiin geggeeffamanis, afaaniin ykn fakkeenya taʼuudhaan dhalootaa dhalootatti darbaa tureera. Wantoota kana keessaa tokko yaada Phaawulos Irbaata Gooftaa ilaalchisee gumiiwwaniif dabarsedha. (1 Qor. 11:2, 23) Yeroo harʼaa, akkaataan nuti Yihowaa “hafuuraa fi dhugaadhaan” itti waaqeffachuu dandeenyu Macaafa Qulqulluu keessatti nuu galmeeffameera. (Yohannis 4:23, 24 dubbisi.) Macaafni Qulqulluun ilmaan namootaa hundaaf ifa kan argamsiisu taʼus, nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu macaafa kanaaf bakka guddaa kennina.

7. Dhaalli hafuuraa keenya abdii guddaa kam kan dabalatudha?

7 Dhaalli hafuuraa keenya muuxannoowwan Yihowaan ‘gara keenya’ taʼuusaa ibsaniifi dhiheenya baʼanis kan dabalatudha. (Far. 118:7) Kunimmoo yeroo ariʼatamni nurra gaʼuttillee eegumsa akka qabnu akka nutti dhagaʼamu godha. Dhaalli hafuuraa keenya gammachiisaa taʼeefi yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemu garabiraanimmoo abdii armaan gaditti kennamedha. Caqasichi akkas jedha: “‘Si balleessuudhaaf miʼi waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin dandaʼu, dubbii warra firdii duratti si hammeessaniis in busheessita; kun wanta garboonni koo ana biraa argatanii dha, [‘dhaalli garboota Waaqayyoo isa kanadha,’ hiika bara 1899], isa ani isaaniif dhugaa baasuu dhas’ jedhe; Waaqayyo isa kana dubbateera.” (Isa. 54:17) Miʼi waraanaa Seexanaa kamiyyuu miidhaa itti fufiinsa qabu nurraan geessisuu hin dandaʼu.

8. Mataduree kanaafi ittaanurratti waaʼee maalii qorra?

8 Seexanni Dubbii Waaqayyoo, maqaa Yihowaafi dhugaa balleessuuf yaalii godhee ture. Haataʼu malee, Yihowaa inni hundumaa dandaʼu carraaqqiisaa kana fashaleesseera. Mataduree kanaafi ittaanurratti (1) Waaqayyo Macaafa Qulqulluu akkamitti akka eege; (2) Yihowaan maqaasaa akkamitti akka eegeefi (3) Abbaan keenya inni samii Madda dhugaa kan taʼeefi dhugaa kana eegee kan nuuf turse akkamitti akka taʼe ilaalla.

YIHOWAAN MACAAFA QULQULLUU EEGUUDHAAN AKKA TURU GODHEERA

9-11. Fakkeenyonni Macaafni Qulqulluun yaalii balleessuuf godhame hundarraa akka oole argisiisan kamfaʼi?

9 Yihowaan yaalii Macaafa Qulqulluu balleessuuf godhame hunda fashaleesseera. Insaayikilooppiidiyaa kaatoliikaan (Kaatolik Insaayikilooppiidiyaan) akkas jedheera: ‘Bara 1229⁠tti, Manni Maree Tuuluuz yaaliin warra Albajansootaafi Woldensoota balleessuuf godhamaa ture akka milkaaʼuuf, namoonni [Macaafota Qulqulluu afaansaaniitiin argaman] akka hin dubbisne dhowwee ture. . . . Walgaʼii bara 1234⁠tti biyya Ispeen magaalaa Tarraagoonaatti, Jamsi tokkoffaan geggeesserrattis dhorkaan wal fakkaatu godhamee ture. Bara 1559⁠tti yeroo Pool afuraffaan heyyama abbootii amantii malee namni tokkoyyuu Macaafa Qulqulluu afaan namoonni dubbataniin akka hin maxxansine ykn isaan harkatti akka hin argamne dhowwetti, abbootiin amantii Roomaa yeroo jalqabaatiif dhorkama kana deggeraniiru.’

10 Macaafa Qulqulluu balleessuuf yaaliin addaddaa kan godhame taʼus eegamee tureera. Joon Wikiliifiifi michoonnisaa bara 1382⁠tti, yeroo jalqabaatiif Ingiliffaan Macaafa Qulqulluu hiikan. Namni Macaafa Qulqulluu hiike garabiraanimmoo Wiiliyaam Tiindal isa bara 1536⁠tti ajjeefamedha. Mukarratti hidhamee yommuu turetti, “Gooftaa, ija mootii Ingilaandi bani” jedhee akka iyyee dubbatama. Achiis hudhamee erga ajjeefamee booda ni gubame.

11 Macaafni Qulqulluun yaalii isa balleessuuf godhamerraa ooleera. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun Maayils Kavardeel afaan Ingiliffaatiin hiike bara 1535⁠tti baʼeera. Kavardeel hojii hiikkaa kana kan raawwate Macaafa Qulqulluu “Kakuu Haaraa,” akkasumas “Kakuu Moofaa” isa Uumamaa hanga Seenaatti jiruufi Tiindal hiiketti fayyadamee ture. Kutaawwan Macaafa Qulqulluu warra hafanimmoo kan hiike isa afaan Laatiiniin jirurraa, akkasumas isa Maartiin Luutar gara afaan Jarmanitti hiiketti fayyadamuudhaan ture. Yeroo harʼaa Caaffanni Qulqullaaʼoon Hiika Addunyaa Haaraa ifaa, yaada Macaafa Qulqulluu sirriitti kan dabarsuufi tajaajila keenyaaf kan gargaaru, akkasumas jaallatamaa kan taʼedha. Humni hafuurota hamoo ykn namootaa kamiyyuu Dubbiin Yihowaa eegamee akka hin turre gochuu waan hin dandeenyeef baayʼee gammanna.

YIHOWAAN MAQAANSAA EEGAMEE AKKA TURU GODHEERA

Namoonni akka Tiindal jiran Dubbii Waaqayyootiif jecha lubbuusaanii dabarsanii kennaniiru

12. Hiikni Addunyaa haaraa maqaan Waaqayyoo eegamee akka turu gochuurratti gaʼee akkamii qaba?

12 Yihowaan maqaansaa Macaafa Qulqulluu keessatti eegamee akka turu godheera. Gama kanaan Hiikni Addunyaa Haaraa gaʼee guddaa qaba. Koreen macaafa kana hiike yaada seensaarratti akkas jedheera: “Wanti hunda caalaa hiika Macaafa Qulqulluu kana adda godhu, maqaa Waaqayyoo afaan Ingiliffaatiin iddoo duraan turetti deebisuusaati. Maqaan kun afaan Ingiliffaatiin balʼinaan ‘Jehoovaa’ jedhamee kan beekamu siʼa taʼu, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti al 6,973, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessattimmoo al 237 itti hojjetameera.” Hiikni Addunyaa Haaraa yeroo ammaa guutummaansaa ykn gartokkoonsaa afaan 116 oliin kan argamu siʼa taʼu, koppii 178,545,862n maxxanfameera.

13. Namoonni jalqaba uumamaatii kaasanii maqaa Waaqayyoo beeku turan jechuun kan dandaʼamu maaliifi?

13 Jalqaba uumama ilmaan namootaatii kaasee namoonni maqaa Waaqayyoo beeku turan. Addaamiifi Hewwaan maqaa kana kan beekan taʼuusaaniirrayyuu, maqaan kun akkamitti akka waamamu beeku turan. Bishaan Badiisaa booda yommuu Kaam abbaasaa salphise, Nohi, “Waaqni Seem Yihowaan haa jajamu! [Ilmi Kaam] Kanaʼaan immoo garbicha Seem haa taʼu” jedhee ture. (Uma. 4:1; 9:26, NW) Waaqayyo, “Ani Yihowaadha, maqaan koo isa kana; ani ulfina koo kan biraatiif hin kennu” jedheera. Kana malees, “Yihowaan ana duwwaa dha, ana malees Waaqayyo kan biraa hin jiru” jedheera. (Isa. 42:8; 45:5, NW) Yihowaan maqaansaa eegamee turuudhaan namoonni addunyaa maratti argaman akka beekan godheera. Maqaa Yihowaa jedhutti fayyadamuufi Dhugaa Baatotasaa taanee tajaajiluuf mirga guddaa arganneerra. Kunis, “Maqaa Waaqayyo keenyaatiinis faajii keenya ol fuunee in dhaabbanna” akka jennutti kan ilaalamudha.​—Far. 20:5.

14. Maqaan Waaqayyoo Macaafa Qulqulluudhaa alatti maalirratti argama?

14 Maqaan Waaqayyoo kan argamu Macaafa Qulqulluu keessatti qofa miti. Dhagaa gabatee Moʼaabotaa bakka Diibon jedhamuufi Galaana Duʼaarraa kallattii bahaatiin kiilomeetira 21 fagaatee jirutti argame akka fakkeenyaatti ilaalaa. Dhagaa kanarratti seenaan Omrii Mootii Israaʼel, akkasumas yaanni Meshaan Mootiin Moʼaabotaa waraana Israaʼelirratti geggeesse ilaalchisee dubbate barreeffameera. (1 Mot. 16:28; 2 Mot. 1:1; 3:4, 5) Wanti Dhagaa gabatee Moʼaabotaa kana adda godhu garabiraanimmoo maqaan Waaqayyoo tetiraagiraamaataniidhaan irratti barreeffamuusaati. Caccabaa suphee Israaʼel keessatti awwaalamanii argamanirrattis, Tetiraagiraamaataniin kun Qubee Laakiishiitiin siʼa baayʼee barreeffameera.

15. Saptuujantiin maalidha? Hiikuun kan barbaachisehoo maaliifi?

15 Namoonni bara duriitti Macaafa Qulqulluu hiikan, maqaan Waaqayyoo eegamee akka turu gochuurratti gaʼee guddaa qabu. Yihudoonni hedduun Dh.K.D. bara 607 hanga Dh.K.D. bara 537 boojuudhaan Baabilonitti erga geeffamanii booda gara Yihudaafi Israaʼelitti hin deebine. Dh.K.D. jaarraa sadaffaatti Yihudoonni hedduun biyya Gibxii, Iskindiriyaa keessa turan Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Ibrootaa inni afaan Giriikii isa yeroo sana afaan addunyaa taʼeen hiikame isaan barbaachisa ture. Hiikni kun Dh.K.D. jaarraa lammaffaatti kan xumurame siʼa taʼu, Saptuujantii jedhama. Hiikawwan kana keessaa tokko tokko maqaa Yihowaa isa qubee afaan Ibraayisxiitiin barreeffame qabu.

16. Kitaaba bara 1640⁠tti jalqaba maxxanfameefi maqaa Waaqayyoo qabu ilaalchisee fakkeenya tokko caqasi.

16 Kitaabni yeroo jalqabaatiif biyyoota Ameerikaa bulchiinsa Ingiliiz jala turan keessatti maxxanfame, kitaaba Faarfannaa isa maqaa Waaqayyoo qabu ture. Kitaabni bara 1640⁠tti jalqaba maxxanfame kun, Faarfannaawwan afaan Ibraayisxiirraa gara afaan Ingiliffaa yeroo sana dubbatamaa turetti hiikame kan qabatedha. Faarfannaa 1:1, 2, bakka namni gorsa jalʼootaatiin hin deddeebine ‘eebbifamaadha’ jedhutti, “qooda kanaa isa gammadu kanatti seerri ‘Ihoovaa’ itti in tola” jedha. Waaʼee maqaa Waaqayyoo odeeffannoo dabalataa argachuuf, birooshura Maqaa Waaqayyo Isa Bara Baraaf Jiraatu jedhamu ilaali. (Amaariffa)

YIHOWAAN DHUGAAN EEGAMEE AKKA TURU GODHEERA

17, 18. (a) Dhugaan maal akka taʼe ibsi. (b) ‘Dhugaan wangeelaa’ maal kan qabatedha?

17 ‘Yihowaa isa waaqa dhugaa taʼe’ tajaajiluu keenyatti ni gammanna. (Far. 31:5, NW) Galmeen jechootaa, Kooliins Koobiild Ingilish Dikshinarii jedhamu, “Wanta tokko ilaalchisee dhugaa jiru yommuu jedhamu, wanta waaʼeesaa yaadamu ykn uumamee odeeffamu utuu hin taʼin, ragaa qabatamaa waaʼee dhimma sanaa ibsu hunda jechuudha” jedheera. Macaafa Qulqulluu afaan Ibraayisxii keessatti jechi “dhugaa” jedhu, wanta amanamaa ykn wanta ragaa qabu argisiisuuf itti hojjetameera. Jechi afaan Giriikii “dhugaa” jedhamee hiikame wanta ragaa qabu ykn sirriifi qajeelaa taʼe kan argisiisudha.

18 Yihowaan dhugaan hafuuraa eegamee akka turu kan godhe taʼuusaarrayyuu, beekumsi dhugaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka deemu gochaa jira. (2 Yoh. 1, 2) “Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittumaa ifaa ol adeemuu[ti]” waan jedhameef, beekumsi waaʼee dhugaa qabnu suutuma suuta dabalaa adeemeera. (Fak. 4:18) Yesus isa kadhannaasaarratti, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedhee wajjin guutummaatti akka walsimnu beekamaadha. (Yoh. 17:17) Dubbiin Waaqayyoo inni barreeffamaan jiru, “dhugaa wangeelaa” isa barumsa Kiristiyaanaa hunda of keessaa qabu kan qabatedha. (Gal. 2:14) Kunis waaʼee maqaa Yihowaa, waaʼee olaantummaasaa, waaʼee aarsaa furii Yesus, waaʼee duʼaa kaʼuufi waaʼee Mootummichaa dhugaa jiru kan dabalatudha. Mee ammammoo Seexanni balleessuuf yaalii kan godhe taʼus, Waaqayyo dhugaa akkamitti akka eege haa ilaallu.

YIHOWAAN CARRAAQQII DHUGAA BALLEESSUUF GODHAME FASHALEESSEERA

19, 20. Naamrud eenyudha? Kaayyoonsaa inni jalaa fashalaaʼehoo maal ture?

19 Bishaan Badiisaa booda, “Akka Naamrud isa Waaqayyo duratti iyyuu adamsaa jabaa sanaa” jedhamee dubbatama ture. (Uma. 10:9) Naamrud Yihowaa kan mormu waan tureef, Seexana waaqeffata jechuun ni dandaʼama. Haala kanaan mormitoota Yesus warra inni, “Isin kan abbaa isa tokkoo, kan Seexanaa ti; kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu in feetu. Jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne” jedhee wajjin walfakkaata.​—Yoh. 8:44.

20 Bulchiinsi Naamrud Baabeliifi mandaroota lageen Xegrosiifi Efraaxiis gidduu jiran kan dabalatu ture. (Uma. 10:10) Dh.K.D. gara bara 2269⁠tti Baabeliifi masaraa guddaa achi keessa jiru ijaaruun kan jalqabame ajajasaatiin taʼuu hin oolu. Namoonni gamoo sana ijaaran kaayyoo Yihowaan namoonni lafa akka guutan qaburraa haala faallaa taʼeen, “Kottaa, mandara riqaan isaa bantii waaqaa bira gaʼu tokko ofii keenyaaf in ijaarrannaa, nuyi guutummaa lafaa irra diidatti akka hin bittimmoofnetti ittiin maqaa in godhannaa” jedhan. Haataʼu malee Waaqayyo, “afaan guutummaa biyya lafaa waan waliin makeef” namoonni sun ijaarsicha dhiisanii tamsaʼuuf dirqaman. (Uma. 11:1-4, 8, 9) Seexanni kana kan godhe namoonni hundi amantii tokkoon akka isa waaqeffatan yaadee yoo taʼe kaayyoonsaa fashalaaʼeera. Seenaa ilmaan namootaa keessatti waaqeffannaan Yihowaa eegamee tureera; hanga harʼaattis yeroodhaa gara yerootti guddachaa dhufeera.

21, 22. (a) Amantiin sobaa waaqeffannaa dhugaa matumaa balaadhaaf saaxilee kan hin beekne maaliifi? (b) Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii qorra?

21 Amantiin sobaa waaqeffannaa dhugaa matumaa balaadhaaf saaxilee hin beeku. Maaliif? Barsiisaan keenya inni Guddaan Dubbiinsaa eegamee akka turu, akkasumas ilmaan namootaa maqaasaafi madda dhugaa hafuuraa isa dhuma hin qabne akka beekan waan godheefidha. (Isa. 30:20, 21) Dhugaa wajjin haala walsimuun Yihowaa waaqeffachuun gammachuu kan argamsiisu taʼus, kana gochuun karaa hafuuraa dammaqoo taʼuu, guutummaatti Yihowaatti amanamuufi qajeelfama hafuura qulqulluu hordofuu kan gaafatudha.

22 Mataduree ittaanurratti barumsawwan sobaa tokko tokko akkamitti akka babalʼatan ilaalla. Barumsawwan kun ifa Caaffata Qulqullaaʼootiin yommuu ilaalaman gatii kan hin qabne taʼuusaaniis ni qorra. Kana malees, Yihowaan inni dhugaa eeguurratti hunda caalu, barumsa dhugaa isa dhaala hafuuraa keenya keessaa tokko taʼe nu barsiisuudhaan akkamitti akka nu eebbise ilaalla.

a Isaayaas 43:12, (NW): “Waaqni ormaa yeroo gidduu keessaan hin turretti ani dursee isinitti himeera, isin oolcheera; akkasumas isin beeksiseera; kanaaf, ‘Ani Waaqayyodha, isinimmoo Dhugaa Baatota kooti’ jedha Yihowaan.”