Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhaala Hafuuraa Keenya Ni Dinqisiifattaa?

Dhaala Hafuuraa Keenya Ni Dinqisiifattaa?

‘Waaqayyo ormoota keessaa saba tokko maqaasaatiif fudhachuuf ilaale.’​—HOE. 15:14, Hiika bara 1899.

1, 2. (a) ‘Manni Daawit’ maalidha? Deebifamee kan ijaaramehoo akkamitti? (b) Yeroo harʼaa saba Yihowaa taʼanii waliin tajaajilaa kan jiran eenyufaʼi?

 WALGAʼII guddaa qaamni olaanaan Dh.K.B. bara 49⁠tti godherratti, Yaaqoob bartichi akkas jedhee ture: “Simoon, Waaqayyo attamitti dura warra saba isaa hin taʼin keessaa, saba ofii isaatii godhachuudhaaf akka dhimme, nutti himeera. Dubbiin raajotaas akka caafamee jirutti, kanaa wajjin wal fudhata; ‘Isa kana booddee nan deebiʼa, mana Daawit isa jiges deebisee nan ijaara, isa diigames haaressee nan dhaaba, nan qajeelchas, namoonni hafanis goofticha akka barbaadan, sabni biyya lafaa irraa maqaa kootiin waamaman hundinuus; gooftaan inni kana godhu akkas jedha.’”​—HoE. 15:13-18.

2 “Manni [ykn manni mootummaa] Daawit” kan jige yommuu Zedeqiiyaa Mootichi teessoosaarraa buufametti ture. (Amo. 9:11) Haataʼu malee, Yesus sanyiin Daawit inni Mootii barabaraa taʼe ‘mana’ kana deebisee ijaara. (His. 21:27; HoE. 2:29-36) Akkuma Yaaqoob walgaʼii seena qabeessa taʼe kanarratti ibse, raajiin Amos dubbate namoota Mootummicha dhaalan Yihudootaafi warra Yihudoota hin taane keessaa sassaabuuf hojii hojjetamurratti raawwatameera. Kiristiyaanonni dibamoon yeroo harʼaa lafarra jiraniifi hoolonni kan biraan’ warri miliyoonaan lakkaaʼaman dhugaa tokko taʼanii Macaafa Qulqulluu labsuudhaan Yihowaa tajaajilaa jiru.​—Yoh. 10:16.

RAKKINA SABA YIHOWAA MUDATE

3, 4. Sabni Yihowaa Baabilon keessatti karaa hafuuraa dammaqoo taʼanii kan jiraatan akkamitti?

3 Yihudoonni yommuu boojuudhaan gara Baabiloonitti geeffaman ‘manni Daawit’ akka jige beekamaadha. Yihudoonni Dh.K.D. bara 607 kaasee hanga Dh.K.D. bara 537⁠tti waggaa 70f yeroo boojiʼamanii turanitti, Baabilon keessatti amantiin sobaa babalʼatee waan tureef, sabni Waaqayyoo karaa hafuuraa mancaʼuu kan oolan akkamitti? Deebiinsaa, akkuma nuti biyya lafaa Seexanni bulchu kana keessatti karaa hafuuraa mancaʼuu oollettidha kan jedhudha. (1 Yoh. 5:19) Dhaalli hafuuraa hedduun isaan qaban mancaʼinni akkasii akka isaan hin mudanne isaan eegee ture.

4 Dhaala hafuuraa keenya keessaa tokko Dubbii Waaqayyoo isa barreeffamaan jirudha. Yihudoonni boojuudhaan Baabilon keessa turan guutummaa Caaffata Qulqullaaʼoo kan hin qabne taʼus, Seera Musee isa Abboommii Kurnan qabate beeku turan. “Weedduu Xiyoon” beeku, fakkeenyota hedduu yaadachuu dandaʼu, akkasumas tajaajiltoota Yihowaa isaan dura jiraachaa turanirraa barachuu dandaʼu turan. Boojiʼamtoonni kun Xiyooniin yommuu yaadatan kan booʼan siʼa taʼu, Yihowaas hin irraanfanne turan. (Faarfannaa 137:1-6 dubbisi.) Wantoonni kun Baabilon ishee barumsa sobaa hedduu qabduufi gochi gadheen keessatti raawwatamu keessatti, karaa hafuraa dammaqanii jiraachuuf isaan gargaareera.

SILLAASEEN BARUMSA HAARAA MITI

5. Ragaawwan Sillaasee waaqeffachuun Baabiloniifi Gibxii keessa akka ture argisiisan kamfaʼi?

5 Namoonni Baabilon ishee durii keessa turan, waaqolii sadan qaama tokko qaban ykn sillaasee waaqeffatu turan. Sillaasee Baabilonotaa keessaa tokko, Siin (waaqa addeessaa), Shaamaash (waaqa aduu) fi Ishitaar (waaqayyittii hormaataafi waraanaa) kan qabate ture. Namoonni Gibxii durii keessa turan yeroo baayʼee waaqni tokko waaqayyittii tokko fuudhee ilma akka godhatu amanu turan. Kunis “waaqa sadan qaama tokko qaban ykn sillaasee kan argamsiisu siʼa taʼu, abbaan yeroo hunda iddoo guddaa hin qabu, kanaa mannaa yeroo haati waaqa biyyichaa isa guddaa taatu, innimmoo isheedhaa gad of godha.” (Niiwu Laaroosi Insaayikilooppeediyaa oov Maaytoolojii) Sillaaseen warra Gibxii tokkommoo, waaqa Osiriis, waaqayyittii Ayisiisiifi ilmasaanii Hoorus kan qabatedha.

6. Sillaaseen maalidha? Dogoggora akkasii amanuurraa kan eegamne akkamitti?

6 Sabni Kiristiyaanaas Sillaasee waaqeffatan qabu. Barsiistonni amantii Abbaan, Ilmiifi hafuurri qulqulluun Waaqa tokkodha jedhu. Haataʼu malee, kun Yihowaan isa hundumaa dandaʼu, waaqa sadan keessaa gaʼee tokko qofa kan qabu waan fakkeessuuf, isa salphisuu akka taʼetti kan ilaalamudha. Sabni Yihowaa yaada, “Yaa Israaʼel dhagaʼi! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo [Yihowaa] isa tokkicha” jedhutti waan amananiif dogoggora akkasii amanuurraa eegamaniiru. (Kes. 6:4) Yesus yaada kana kan caqase siʼa taʼu, Kiristiyaanonni dhugaanis yaada kanarratti walii galu.​—Mar. 12:29.

7. Namni Sillaaseetti amanu tokko utuu jijjiirama hin godhin of murteessee cuuphamuu kan hin dandeenye maaliifi?

7 Barumsi Sillaasee ajaja Yesus, “maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa” jechuudhaan duuka buutotasaatiif kennee wajjin wal faallessa. (Mat. 28:19) Namni tokko cuuphamee Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuuf, Yihowaan inni Abbaa taʼe hunda akka caalu, akkasumas iddoofi aboo Yesus inni Ilma Waaqayyoo taʼe qabu beekuu qaba. Kana malees, hafuurri qulqulluun kutaa Sillaasee utuu hin taʼin, humna Waaqayyoo isa hojiirra jiru akka taʼe amanuu qaba. (Uma. 1:2) Namni Sillaaseetti amanu tokko, utuu jijjiirama hin godhin Waaqayyoof of murteessee cuuphamuu hin dandaʼu. Dhaalli hafuuraa keenya barumsa Waaqayyoof ulfina hin finne akkasiirraa waan nu eegeef baayʼee galateeffanna.

GOCHA HAFUUROTA XURAAʼOO

8. Baabilononni waaqayyoliifi hafuurota xuraaʼoodhaaf ilaalcha akkamii qabu?

8 Amantiin Baabilon keessa ture, barumsi sobaa, waaqayyoliin sobaafi gochi hafuurota xuraaʼoo akka babalʼatan godheera. Za Intarnaashinaal Istaandaardi Baayibil Insaayikilooppeediyaan akkas jedheera: “Waaqayyolii tolfamootti aansuudhaan wanti amantii Baabilonotaa keessatti iddoo guddaa qabu, hafuurota xuraaʼoo humna guddaa qabaniifi qaama ykn sammuu namootaa garmalee dhukkubsachiisuu dandaʼanidha. Namoota amantii sobaa kana keessa jiran keessaa garri caalaansaanii, hafuurota xuraaʼoo kanaa wajjin walʼaansoo cimaa waan godhan fakkaata. Namoonni, waaqayyolii baayʼeen bakka hundaatti argaman, hafuurota xuraaʼoo kanarraa akka isaan eeganiif kadhannaa isaanitti dhiheessu.”

9. (a) Yihudoonni hedduun Baabilonitti erga boojiʼamanii booda barumsa amantii sobaatiif kan saaxilaman akkamitti? (b) Gocha hafuurota xuraaʼoorratti hirmaachuurraa kan eegamne akkamitti?

9 Yihudoonni hedduun Baabilonitti erga boojiʼamanii booda, barumsa deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabneef saaxilamanii turan. Barumsi Giriikotaa babalʼachaa yommuu deemettimmoo, Yihudoonni hedduun ilaalcha hafuuronni xuraaʼoon hamoo ykn gaarii taʼuu dandaʼu jedhu waan fudhataniif, toʼannaa hafuurota kanaa jala galan. Waaqayyo gocha hafuurota xuraaʼoo Baabilononni raawwatan akka balaaleffate waan beeknuuf, dhaalli hafuuraa keenya taʼe jennee gocha akkasiirratti akka hin hirmaanne nu eega. (Isa. 47:1, 12-15) Kana malees, ilaalcha Waaqayyo hafuurota xuraaʼootiif qabuun geggeeffamna.​—Keessa Deebii 18:10-12; Mulʼata 21:8 dubbisi.

10. Gochaafi amantii Baabilon Guddittii ilaalchisee maal jechuutu dandaʼama?

10 Gocha hafuurota xuraaʼoo kan raawwatan Baabilonota qofa utuu hin taʼin, namoonni Baabilon Guddittii ishee bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa taate deggeranis gocha kana ni raawwatu. (Mul. 18:21-24) Kitaabni Za Intarpireetars Dikshinarii oov za Baayibil jedhamu akkas jedheera: “Baabilon [Guddittiin] mootummaa tokkoo ol bulchiti ykn aadaa tokkoo ol qabdi. Kan isheen beekamtu daangaa biyyaa qabaachuudhaan utuu hin taʼin, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuudhaanidha.” (Jildii 1, ful. 338) Baabilon Guddittiin isheen gocha hafuurota xuraaʼoo raawwachuu, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuufi cubbuu gara biraadhaan beekamtu ammayyuu kan jirtu taʼus, yeroo hundaaf kan itti fuftu miti.​—Mulʼata 18:1-5 dubbisi.

11. Hafuurota xuraaʼoo ilaalchisee barreeffamoota keenyarratti akeekkachiisa akkamiitu baʼaa ture?

11 Yihowaan “Gocha hafuurota xuraaʼoo isin raawwattan obsuu hin dandaʼu” jechuudhaan dubbatee ture. (Isa. 1:13, NW) Gochi hafuurota xuraaʼoo inni akka amantii tokkootti ilaalamaa ture jaarraa 19⁠ffaa keessatti iddoo guddaa argatee ture. Masaraan Eegumsaa Xiyoon inni Caamsaa 1885 baʼe akkas jedheera: “Amantiin namoonni duʼan addunyaa ykn iddoo gara biraa keessa jiraatu jedhu haaraa miti. Amantiin sobaa kun bara duriitii kaasee kan ture siʼa taʼu, amantii sobaa yeroo harʼaa jiran hundaaf madda kan taʼedha.” Barruun kun itti dabaluudhaan, barumsi Macaafa Qulqulluurratti hin hundoofneefi namoonni duʼan warra lubbuudhaan jiranii wajjin wal qunnamuu dandaʼu jedhu kun, “barumsi hafuurota xuraaʼoo, ‘Ekeraan lubbuu namoota duʼaniiti’ jechuudhaan nama gowwoomsan dhugaa akka fakkaatu godheera. Hafuuronni xuraaʼoon haala kanaan eenyummaasaanii dhoksuudhaan, sammuufi jireenya namoota hedduu toʼatu.” Buukleetiin jalqaba baʼeefi Caaffanni Qulqullaaʼoon Waaʼee Hafuurota Xuraaʼoo Maal Jedhu? (Ingiliffa) jedhu akkuma barreeffamoota keenya dhiheenya baʼan hedduu akeekkachiisa kennee ture.

LUBBUUN NAMOOTAA IDDOO LAFA JALAA KEESSATTI DHIPHACHAA JIRTI?

12. Solomoon hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamuudhaan haala namoonni duʼan keessa jiran ilaalchisee maal jedhee ture?

12 Namoonni “dhugaa hubatan hundinuu” gaaffii kanaaf deebii kennuu ni dandaʼu. (2 Yoh. 1) Yaada Solomoon akka armaan gadii jechuudhaan dubbatee wajjin walii galla: “Leenca duʼe irra saree jiru wayya. Warri jiran akka duʼan beeku, warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan . . . Wanta harki kee hojjechuu beeku hundumaa humna kee guutuudhaan hojjedhu! Iddoo lafa jalaa lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru.”​—Lal. 9:4, 5, 10.

13. Aadaafi amantiin Giriikotaa Yihudootarratti dhiibbaa kan godhe akkamitti?

13 Yihudoonni namoonni duʼan haala akkamii keessa akka jiran beeku turan. Haataʼu malee, Giriik bulchiinsa janaraalota Aleeksaandar Guddichaatti yommuu hihhiramte, amantiifi aadaa Giriikiitiin, Yihudaafi Sooriyaan tokko akka taʼan gochuuf yaaliin godhamee ture. Kanaan kan kaʼes, Yihudaan barumsa sobaa lubbuun hin duutu jedhuufi namoonni duʼan iddoo lafa jalaa keessatti dhiphatu jedhu fudhatte. Iddoon lafa jalaa dhiphinaan guutame jira yaada jedhu kan uuman Giriikota miti. Sababiinsaas Baabilononni, “iddoon lafa jalaa . . . dhiphinaan guutame, . . . Waaqayyoliifi hafuuronni hamoon nama sodaachisaniifi humna guddaa qaban bulchan” akka jiru ni amanu turan. (Za Riliijin oov Baabiloniyaa eend Assiiriyaa) Eeyyee, Baabilononni lubbuun hin duutu jedhanii amanu turan.

14. Iyoobiifi Abrahaam waaʼee namoota duʼaniifi waaʼee duʼaa kaʼuu maal beeka ture?

14 Iyoob inni nama qajeelaa ture Caaffata Qulqullaaʼoo kan hin qabne taʼus, waaʼee namoota duʼanii dhugaasaa beeka ture. Yihowaan Waaqa jaalala qabeessa duʼaa isa kaasuuf hawwu akka taʼes hubatee ture. (Iyo. 14:13-15) Abrahaamis duʼaa kaʼuutti ni amana ture. (Ibroota 11:17-19 dubbisi.) Nama hin duune tokko duʼaa kaasuun waan hin dandaʼamneef, namoonni Waaqayyoon sodaatan kun barumsa lubbuun hin duutu jedhutti hin amanan turan. Hafuurri Waaqayyoo, Abrahaamiifi Iyoob haala namoonni duʼan keessatti argaman akka hubataniifi duʼaa kaʼuutti akka amanan isaan gargaaree akka ture beekamaadha. Dhugaawwan kunis dhaala hafuuraa keenya keessaa tokkodha.

‘KARAA FURII WALABA TAʼUUN’​—BARBAACHISAADHA

15, 16. Cubbuufi duʼa jalaa walaba baʼuu kan dandeenye akkamitti?

15 Waaqayyo cubbuufi duʼa Addaamirraa dhaalle jalaa akkamitti akka nu baasu nu beeksisuusaatti guddaa galateeffanna. (Rom. 5:12) Yesus, ‘namootaaf hojjechuufi lubbuusaa furii namoota baayʼeetiif kennuuf akka dhufe’ beekna. (Mar. 10:45) ‘Karaa furii Yesus Kiristos walaba akka taanu’ beekuun baayʼee kan nama gammachiisudha!​—Rom. 3:22-24, NW.

16 Jaarraa tokkoffaatti, Yihudoonniifi namoonni Yihudoota hin taane, cubbuusaaniirraa yaada garaa geddarachuufi aarsaa furii Yesusitti amanuun isaan barbaachisee ture. Kana gochuu baannaan dhiifama cubbuu argachuu hin dandaʼan turan. Harʼaas haallisaa akkasumadha. (Yoh. 3:16, 36) Namni tokko barumsa sobaa kan akka Sillaaseefi lubbuun hin duutu jedhu yoo dhiisuu baate, furiirraa faayidaa argachuu hin dandaʼu. Nuti garuu, ‘Ilma Waaqayyoo isa jaallatamaadhaan, furamuu, dhiifamuu cubbuus akka arganne’ waan beeknuuf faayidaa argachuu ni dandeenya.​—Qol. 1:13, 14.

SABA MAQAA YIHOWAA BAKKA BUʼU TAʼUUDHAAN JIRAACHUU KEESSAAN ITTI FUFAA

17, 18. Waaʼee seenaa jaarmiyaa Yihowaa odeeffannoo eessaa argachuu dandeenya? Seenaa kana beekuunhoo faayidaa maalii nuu argamsiisa?

17 Barumsa dhugaa arganne, tajaajiltoota Waaqayyoo taʼuu keenyaafi karaa hafuuraas taʼe, wanta jireenyaaf barbaachisu argachuu keenya ilaalchisee wanta baayʼee jechuun ni dandaʼama. Kitaabni Waggaa keenya sochii addunyaa maratti goonu ilaalchisee waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif gabaasa nama gammachiisu baasaa tureera. Seenaan keenya viidiyoo, Amantii Isaan Hojiidhaan Argisiisan, jedhamu kutaa 1fi 2⁠rratti, akkasumas kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaa—Labsitoota Mootummichaa Taʼan jedhamurratti ibsameera. Kana malees, barreeffamoonni keenya yeroo baayʼee seenaa jireenyaa nama jajjabeessuufi obboloonni keenya dubbatan qabatanii baʼu.

18 Akkuma Israaʼeloonni akkaataa Waaqayyo garbummaa Gibxii jalaa itti isaan baaserratti xiinxaluudhaan faayidaa argatan, nutis seenaa jaarmiyaa Yihowaarratti xiinxaluudhaan faayidaa argachuu dandeenya. (Bau. 12:26, 27) Museen maanguddoo hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa arge waan tureef, akkas jechuudhaan Israaʼeloota gorseera: “Guyyoota durii yaadadhu! Waggoota dhaloota baayʼee duraas ilaali! Abbaa kee gaafadhu, innis sitti in hima; jaarsoliis gaafadhu, isaanis siif in ibsu.” (Kes. 32:7) ‘Saba Yihowaafi warra tikasaa jala jiran’ waan taaneef, hundi keenya hojiisaa gurguddaa taʼan gammachuudhaan labsuu ni dandeenya. (Far. 79:13) Kana malees, seenaa jaarmiyaa Yihowaa qoruu, isarraa barachuufi gara fuulduraatiif karoora baafachuun keenya barbaachisaadha.

19. Ifa hafuuraa keessa waan jirruuf maal gochuu qabna?

19 Dukkana keessa utuu hin taʼin, ifa hafuuraa Waaqayyo biraa dhufuun waan jiraannuuf baayʼee galateeffanna. (Fak. 4:18, 19) Kanaaf Dubbii Waaqayyoo dhimminee haa qayyabannu, akkasumas akkuma faarfatichi Yihowaa Gooftaa Uumama Cufaa galateeffate, hinaaffaadhaan waaʼee dhugaa namoota kaanitti haa himnu. Faarfatichi akkas jedheera: “Yaa Waaqayyo gooftaa, hojii aangoo kee ol fuudhuudhaaf nan dhufa; qajeelummaa isa kan keetii duwwaas jajuudhaan nan yaadadha. Yaa Waaqayyo, mucummaa kootii jalqabdee ati ana barsiifteetta; ani immoo amma iyyuu gocha kee isa dinqisiisaa nan labsa; irree kee dhaloota amma jirutti, aangoo kees dhaloota dhufu hundumaatti hamman himutti, dulloomee mataan koo harrii yoo taʼe illee, ati ana hin dhiisin, yaa Waaqayyo!”​—Far. 71:16-18.

20. Gaaffiiwwan lamaan kamtu kaʼa? Gaaffiiwwan kana ilaalchisee murtoonkee maalidha?

20 Saba Yihowaadhaaf of murteesse waan taaneef, gaaffiiwwan olaantummaa Waaqayyoofi amanamummaa ilmaan namootaa ilaalchisee kaʼan beekna. Yihowaan Uumama Cufarratti olaantummaa kan qabuufi isa waaqeffachuun keenya kan isaaf malu taʼuusaa garaa guutuudhaan ni labsina. (Mul. 4:11) Kana malees, hafuura Waaqayyoo waan qabnuuf, namoota gad of deebisanitti misiraachoo ni himna, warra garaansaanii cabe ni fayyisna, akkasumas warra gaddan ni jajjabeessina. (Isa. 61:1, 2) Carraaqqiin Seexanni saba Waaqayyoofi ilmaan namootaa hunda bulchuuf godhu waaʼee kan hin baasne waan taʼeef, dhaala hafuuraa keenya guddaa dinqisiifanna; Waaqayyoof amanamaa taʼuufi ammas taʼe barabaraaf Yihowaa isa Gooftaa Uumama Cufaa ol ol gochuuf murteessineerra.​—Faarfannaa 26:11; 86:12 dubbisi.