Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maqaa Yihowaa Isa Guddaadhaaf Ulfina Kennaa

Maqaa Yihowaa Isa Guddaadhaaf Ulfina Kennaa

“Bara baraanis maqaa keetiif ulfina nan kenna.”​—FAR. 86:12.

1, 2. Saba Kiristiyaanaarraa haala faallaa taʼeen, Dhugaa Baatonni Yihowaa maqaa Waaqayyootiif ilaalcha akkamii qabu?

SABNI Kiristiyaanaa yeroo kamiyyuu caalaa maqaa Waaqayyootti fayyadamuu dhiisaniiru. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun Rivaayizdi Istaandard Varshin jedhamu seensasaarratti, “Waaqa isa tokkicha maqaa dhuunfaatiin waamuun . . . amantii Waldaa Kiristiyaanaa addunyaa maraatiif guutummaatti sirrii miti” jedheera.

2 Haataʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa maqaa Waaqayyootiin waamamuufi isaaf ulfina kennuusaanii mirga guddaa akka taʼetti ilaalu. (Faarfannaa 86:12; Isaayaas 43:10 dubbisi.) Hiika maqaan kun qabuufi maqaan kun qulqulluu taʼee akka eegamu gochuu wajjin haala wal qabateen, gaaffii uumama cufa keessatti kaʼe hubachuu keenyas akka mirga guddaatti ilaalla. (Mat. 6:9) Taʼus, mirgi kun nurraa fudhatamuu hin dandaʼu jennee yaaduu hin qabnu. Mee gama kanaan gaaffiiwwan barbaachisaa taʼan sadii haa qorru. Maqaa Waaqayyoo beekuu jechuun maal jechuudha? Yihowaan hiika maqaansaa qabuu wajjin haala walsimuun tarkaanfii fudhachuudhaan ulfina dabalataa akka argatu kan godhe akkamitti? Nutoo maqaa Yihowaatiin deddeebiʼuu kan dandeenyu akkamitti?

MAQAA WAAQAYYOO BEEKUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

3. Maqaa Waaqayyoo beekuu jechuun maal jechuudha?

3 Maqaa Waaqayyoo beekuu jechuun, maqaa “Yihowaa” jedhu beekuu caalaa waan dabalatu qaba. Waadaa gale kan raawwatu taʼuusaa, amalawwansaa, kaayyoosaafi tajaajiltootasaa akkamitti akka qabe, akkasumas hojiiwwansaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman beekuu kan dabalatudha. Yihowaan raawwii kaayyoosaa wajjin haala walsimuun wantoota kana irraa jalaan ifa akka godhu beekamaadha. (Fak. 4:18) Yihowaan namoota jalqabaa lamaanitti maqaasaa beeksisee waan tureef, Hewwaan erga Qaayiniin deessee booda maqaa kanatti fayyadamtee turte. (Uma. 4:1, NW) Nohi, Abrahaam,  Yisihaqiifi Yaaqoob abbootiin amantii amanamummaadhaan isa tajaajilaa turan maqaa Waaqayyoo beeku turan. Kana malees, eebba Yihowaan isaanii kenne, kunuunsa inni isaanii godheefi kaayyoosaa inni isaanitti mulʼise yommuu hubatan dinqisiifannaan isaan maqaa kanaaf qaban guddatee ture. Maqaa Waaqayyoo ilaalchisee Museedhaaf hubannaan addaa kennamee ture.

Hiika maqaan Waaqayyoo qabu beekuunsaa amantii Musee jabeessee ture

4. Museen Waaqayyoon waaʼee maqaasaa kan gaafate maaliifi? Yaaddoon Musee sirrii kan turehoo maaliifi?

4 Baʼuu 3:10-15 dubbisi. Museen yommuu umriinsaa waggaa 80 taʼu Waaqayyo, “Dhaqi, saba koo Israaʼelin biyya Gibxiitii baasi!” jechuudhaan itti gaafatamummaa guddaa isaaf kenne. Museenis kabajaan gaaffii barbaachisaa taʼe tokko Yihowaa gaafate. Gaaffiin inni gaafate kun, ‘Maqaankee eenyu?’ jedhee akka gaafatetti kan ilaalamudha. Maqaan Waaqayyoo sanaan dura waggoota dheeraadhaaf beekamaa waan tureef, gaaffii kana yommuu gaafatu maal jechuusaa ture? Waaʼee qaama maqaa kanaan waamamuu caalaatti beekuu, jechuunis Waaqayyo dhuguma sabasaa akka oolchu ragaa sabasaa amansiisu argachuu barbaadee akka ture haalasaarra hubachuun ni dandaʼama. Israaʼeloonni garbummaa jala waan jiraniif Museen yaaddaʼuunsaa sirrii ture. Israaʼeloonni, Waaqni abbootasaanii isaan oolchuu dandaʼuufi dhiisuunsaa isaan shakkisiisuu dandaʼa. Isaan keessaa tokko tokko waaqayyolii warra Gibxii waaqeffachuullee jalqabanii turan.—His. 20:7, 8.

5. Yihowaan deebii Museedhaaf kennerratti hiika maqaansaa qabu caalaatti ifa kan godhe akkamitti?

5 Yihowaan gaaffii Museetiif deebii kan kenne akkamitti? Yihowaan, ‘Ijoollee Israaʼeliin, KAN TAʼUTU isinitti na erge.’ * (hiika bara 1899) “Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii . . . isinitti na ergeera” jedhi isaan jedhe. Waaqayyo, yeroo hunda wanta dubbate akka raawwatuufi kaayyoosaa galmaan gaʼuuf, waan taʼuu filate hunda akka taʼu ifa godhee ture. Kanaaf lakkoofsa 15⁠rratti, “Bara hundumaa maqaan koo isa kana, dhaloota hundumaa keessattis kanumaan yaadatama” jedheera. Museen kana beekuunsaa amantiinsaa akka cimuufi dinqisiifannaadhaan akka guutamu isa godhee taʼuu qaba.

YIHOWAAN MAQAASAA WAJJIN HAALA WALSIMUUN TARKAANFII FUDHATEERA

6, 7. Yihowaan maqaasaa isa guddaa wajjin haala walsimuun tarkaanfii kan fudhate akkamitti?

6 Yihowaan Museedhaaf itti gaafatamummaa kennee utuma baayʼee hin turin, Israaʼeloota oolchuudhaan haala maqaasaa wajjin walsimuun ‘kan taʼu’ akka taʼe argisiiseera. Faraʼooniin dabalatee waaqayyoliin warra Gibxii gatii akka hin qabne saaxileera; dhaʼichawwan kudhan isaanirratti fiduudhaanis Gibxoota qaanesseera. (Bau. 12:12) Achiis Yihowaan Galaana Diimaa gargar kutee Israaʼeloonni keessa akka darban kan godhe siʼa  taʼu, Faraʼooniifi humni waraanaasaa garuu achi keessatti akka dhidhiman godhe. (Far. 136:13-15) “Lafa onaa guddaadhaa fi sodaachisaa” taʼe keessatti sabasaa tarii miliyoona lamaa hanga miliyoona sadii ykn isaa ol taʼaniif nyaataafi bishaan kennuudhaan isaan jiraachisuu akka dandaʼu argisiiseera. Uffanniifi kopheensaanii akka hin dhumnellee godheera. (Kes. 1:19; 29:5) Eeyyee, Yihowaan hiika maqaansaa inni guddaan qabuu wajjin haala walsimuun tarkaanfii akka hin fudhanne wanti isa dhowwu hin jiru. Yeroo booda Isaayaasiin, “Ana duwwaatu Waaqayyoo dha, ana malee fayyisaan kan biraa hin jiru” jedheera.—Isa. 43:11.

7 Iyaasuun inni Musee bakka buʼes, gocha dinqisiisaa Yihowaan Gibxiifi lafa onaa keessatti raawwate argeera. Kanaaf, Iyaasuun yommuu duʼuu jala gaʼetti, Israaʼeloota hidhatasaa taʼaniin garaa guutuudhaan akkas jedheera: “Isin abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne garaa keessan hundumaan, yaada keessan hundumaanis gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa buʼee hin hafne.” (Iya. 23:14) Eeyyee, Yihowaan waadaa gale akka raawwatu, jechuunis ‘kan taʼu’ akka taʼe akka gaariitti mirkaneesseera.

8. Yeroo harʼaa Yihowaan maqaasaa wajjin haala walsimuun tarkaanfii fudhachaa kan jiru akkamitti?

8 Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaas, Yihowaan ‘kan taʼudha.’ Guyyoota gara dhumaatti ergaan Mootummichaa “saba hundumaatti” akka lallabamu, karaa Ilmasaa raajii dubbatee ture. (Mat. 24:14) Namoota ‘barumsa dheeraa hin qabne’ hedduutti fayyadamee hojii kana akka raawwatu raajii dubbachuu kan dandaʼu, Waaqa Hundumaa dandaʼuun ala eenyu taʼuu dandaʼa? (HoE. 4:13) Kanaaf, hojii kanarratti yommuu hirmaannu, raajii Macaafa Qulqulluu raawwachuurratti hirmaachaa jirra jechuudha. “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu!” jennee yommuu kadhannu, Abbaa keenyaaf ulfina akka kenninuufi wanta dubbannuu wajjin walsimnee akka jiraannu argisiisna.—Mat. 6:9, 10.

MAQAANSAA GUDDAADHA

Faraʼoon Yihowaan Waaqa taʼuusaa amanuu dide

9, 10. Yihowaan walitti dhufeenya Israaʼelootaa wajjin qabuun maqaansaa hiika dabalataa akka argatu kan godhe akkamitti? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise?

9 Israaʼeloonni Gibxii baʼanii utuma baayʼee hin turin, Yihowaan sabasaatiif wanta haaraa tokko raawwate. Yihowaan itti gaafatamummaa kakuun Seerichaa fidu hunda fedhiidhaan fudhachuudhaan isaan ‘fuudheera.’ (Er. 3:14, hiika bara 1899) Israaʼeloonnimmoo sabasaa maqaasaatiin waamaman ykn akka fakkeenyaatti haadha manaasaa taʼaniiru. (Isa. 54:5, 6) Fedhiidhaan yommuu isaaf bitamaniifi abboommiiwwansaa yommuu eegan, ‘Abbaa manaa’ gaarii taʼuusaa isaanii mirkaneessa ture. Isaan eebbisa, isaan eega, akkasumas nagaa isaanii kenna ture. (Lak. 6:22-27) Kanaan kan kaʼes, maqaan Yihowaa inni guddaan saboota gidduutti ulfina argatee ture. (Keessa Deebii 4:5-8; Faarfannaa 86:7-10 dubbisi.) Guutummaa seenaa Israaʼelootaa keessatti, namoonni Israaʼeloota hin  taane waaqeffannaa dhugaa fudhachaa turaniiru. Namoonni kun yaada Ruut isheen nama Moʼaab taate, “Sabni kee saba koo in taʼa, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in taʼa” jechuudhaan Naaʼomiitti dubbatte akka dubbatanitti kan ilaalamudha.—Rut. 1:16.

10 Walitti dhufeenyi Yihowaan gara waggaa 1,500tiif Israaʼelootaa wajjin godhe, amalawwansaa hedduun akka mulʼatan godheera. Sabichi mata jabeessa kan ture taʼus, Yihowaan “Waaqayyo isa ooʼa-qabeessaa” fi “aariitti suuta-jedhaa” taʼuusaa irra deddeebiʼee argisiiseera. Yihowaan Waaqa obsa guddaa qabudha. (Bau. 34:5-7) Haataʼu malee, obsi Yihowaa safara kan qabu siʼa taʼu, safarri kunis yeroo Yihudoonni Ilmasaa ajjeesan guuteera. (Mat. 23:37, 38) Namoonni dhalootaan Israaʼeloota taʼan saba maqaa Waaqayyootiin waamamu taʼuunsaanii ni hafe. Hunda caalaammoo, karaa hafuuraa akka muka gogee taʼan. (Luq. 23:31) Kun ilaalcha maqaa Waaqayyootiif qabanirratti dhiibbaa kan godhe akkamitti?

11. Yihudoonni maqaa Waaqayyoo waamuu kan dhiisan akkamitti?

11 Yihudoonni yeroo booda, maqaa Waaqayyootiif ilaalcha dogoggoraa qabaachuudhaan, maqaa kana waamuun sirrii akka hin taane yaaduusaanii seenaan ni ibsa. (Bau. 20:7) Yihudoonni suutuma suuta maqaa Waaqayyoo waamuu ni dhiisan. Maqaan Yihowaa garmalee tuffatamuunsaa isa miidhee taʼuu akka dandaʼu hin shakkisiisu. (Far. 78:40, 41) Haataʼu malee, Waaqayyo ‘maqaansaa hinaaffaa’ taʼe, sabni isa ganeefi Yihowaan isaan dhiise barabaraaf maqaasaatiin waamamuusaanii akka itti fufan akka hin goone ifadha. (Bau. 34:14) Haqni kun maqaa Uumaa keenyaa ulfina guddaadhaan qabuun barbaachisaa taʼuusaa nu hubachiisa.

SABA HAARAA MAQAA WAAQAYYOOTIIN WAAMAME

12. Yihowaan saba maqaasaatiin akka waamamu raajiidhaan dubbate kan hundeesse akkamitti?

12 Yihowaan saba haaraa Israaʼel hafuuraa jedhamanii wajjin “kakuu haaraa” galuuf kaayyoo akka qabu karaa Ermiyaas beeksisee ture. Ermiyaas miseensonni saba kanaa hundi “xinnaadhaa hamma isa guddaatti” ‘Yihowaa in beeku’ jechuudhaan raajii dubbateera. (Er. 31:31, 33, 34) Raajiin kun Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee yeroo Waaqayyo kakuu haaraa hundeessetti raawwiisaa argachuu jalqabeera. Yihowaan saba haaraa Yihudootaafi namoota Yihudoota hin taane qabateefi “Israaʼel Waaqayyoo” jedhamu, “saba ofii isaatii” ykn ‘saba biyya lafaarraa maqaasaatiin waamamu’ akka godhatu dubbatee ture.—Gal. 6:16; Hojii Ergamootaa 15:14-17 dubbisi; Mat. 21:43.

13. (a) Kirstiyaanonni jaarraa tokkoffaa maqaa Waaqayyootti fayyadamaa turanii? Ibsi. (b) Mirga maqaa Yihowaa tajaajila keessanirratti itti fayyadamuuf argattaniif ilaalcha akkamii qabdu?

13 Namoonni karaa hafuuraa saba haaraa taʼan kun ‘saba biyya lafaarraa maqaasaatiin waamaman’ waan taʼaniif, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaarraa yommuu caqasan maqaa Waaqayyootti akka fayyadaman beekamaadha. * Kanaaf, Phexros Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti namoota biyyoota addaddaatii dhufaniif yommuu haasaa kennu, maqaa Waaqayyoo al baayʼee caqasee taʼuu qaba. (HoE. 2:14, 20, 21, 25, 34) Kirstiyaanonni jaarraa tokkoffaa namoota maqaa Yihowaa kabajan kan turan siʼa taʼu, innis carraaqqii isaan misiraachoo lallabuuf godhan isaaniif eebbiseera. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan yommuu maqaasaa kabajaan labsinuufi dandaʼamnaan namoota fedhii qabaniif Macaafa Qulqulluusaaniirraa yommuu isaanitti argisiisnu tajaajila keenya nuu eebbisa. Kana gochuudhaan Waaqa dhugaa akka beekan isaan gargaarra. Kun nuufis taʼe isaaniif mirga guddaadha! Beekumsi akkasii Yihowaa wajjin hariiroo dinqisiisaa caalaatti guddatuufi barabaraaf itti fufu qabaachuuf gargaara.

14, 15. Gantummaan kan babalʼate taʼus, Yihowaan maqaasaa isa ittiin yaadatamu maal godhe?

14 Keessumaa ergamoonni Yesus erga duʼanii  booda, gantummaan gumii Kiristiyaanaa jaarraa tokkoffaa jeequu jalqabe. (2 Tas. 2:3-7) Barsiistonni sobaa barsiifata Yihudootaa isa maqaa Waaqayyoo waamuun dogoggora akka taʼe dubbatu fudhatan. Haataʼu malee, Yihowaan maqaansaa inni inni ittiin yaadatamu akka badu ni heyyamaa? Matumaa! Kanaa mannaa, yeroo ammaa maqaan kun akkamitti akka waamamu sirriitti beekuun kan hin dandaʼamne taʼus, eegamee harʼa gaʼeera. Baroota dheeraadhaaf hiikawwan Macaafa Qulqulluu garaagaraafi kitaabota hayyoonni Macaafa Qulqulluu barreessan keessa tureera. Fakkeenyaaf, Chaarlis Piitar bara 1757⁠tti, maqaa ulfinaa Waaqayyo ittiin waamamu hedduu caalaa, maqaan “Yihowaa” jedhu “eenyummaasaa akka gaariitti kan ibsu fakkaata” jechuudhaan barreesseera. Hoopitan Hayiniis kitaaba waaqeffannaa Waaqayyoof dhihaatu ilaalchisee bara 1797⁠tti baase boqonnaa 7 rratti, “YIHOWAAN maqaa Yihudoonni WAAQAYYOON ittiin waamanidha; akkuma Kiristosiifi ergamootasaa isaanis isa qofa waaqeffatu turan” jedheera. Henarii Giruu inni bara 1781-1862⁠tti jiraate, maqaa Waaqayyotti fayyadamuu qofa utuu hin taʼin, maqaan kun akka arrabsameefi qulqulluu taʼee eegamuu akka qabu hubatee ture. Joorji Istoorzi inni bara 1796-1879⁠tti jiraateefi michuu Raasil tures, akkuma Raasil maqaa Waaqayyootti fayyadameera.

15 Sabni Waaqayyoo yeroo sanatti Barattoota Macaafa Qulqulluu jedhaman, maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamuufi Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼeen waamamuu kan jalqaban yeroo kanatti waan taʼeef, barri 1931 iddoo guddaa kan qabudha. (Isa. 43:10-12) Kanaaf, ‘saba maqaasaa’ jajatan taʼuudhaan tajaajiltoota Waaqa dhugaa taʼuusaaniitti akka boonan biyya lafaatti beeksisan. (HoE. 15:14) Jijjiiramni kun yaada Yihowaan, Miilkiyaas 1:11⁠rratti, “Maqaan koo baʼa-biiftuutii saba biyya lafaa gidduutti guddaa in taʼa” jechuudhaan dubbate akka yaadatan isaan godheera.

MAQAA YIHOWAATIIN DEDDEEBIʼAA

16. Maqaa Yihowaatiin deddeebiʼuu akka ulfinaatti ilaaluu kan qabnu maaliifi?

16 Miikiyaas raajichi, “Sabni warri kaan hundinuu adduma addaan maqaa waaqayyolii isaaniitiin in deddeebiʼu; nuyi garuu yeroo hundumaa bara baraan maqaa Waaqayyo keenya [“Yihowaatiin,” NW] in deddeebina” jechuudhaan barreesseera. (Mik. 4:5) Yihowaan, Barattoonni Macaafa Qulqulluu maqaasaatiin akka waaman heyyamuunsaa ulfina guddaa isaanii kennuu caalaa waan dabaltu qaba. Isa biratti fudhatama argachuusaaniis kan isaanii mirkaneessu ture. (Miilkiyaas 3:16-18 dubbisi.) Haataʼu malee, atoo dhuunfaatti, ‘maqaa Yihowaatiin deddeebiʼuuf’ waan sii dandaʼame hundaa gochaa jirtaa? Kana gochuun maal akka dabalatu hubatteettaa?

17. Maqaa Waaqayyootiin deddeebiʼuun maalfaa dabalata?

17 Maqaa Waaqayyootiin deddeebiʼuun yoo xinnaate waan sadii kan dabalatudha. Tokkoffaa, badiisarraa ‘kan oolan namoota maqaa Waaqayyoo waammatan’ qofa akka taʼan hubachuudhaan, maqaa kana namoota kaanitti labsuu qabna. (Rom. 10:13) Lammaffaa, amalawwan Yihowaa keessumaammoo jaalala argisiisuu qabna. Sadaffaa, maqaan Abbaa keenyaa inni qulqulluu taʼe akka hin arrabsamneef seera qajeelinaa inni kenneef gammachuudhaan abboomamna. (1 Yoh. 4:8; 5:3) ‘Barabaraan maqaa Waaqayyo keenya gooftichaatiin deddeebiʼuuf’ murteessitaniittuu?

18. Namoonni maqaa Yihowaa isa guddaatiif ulfina kennan hundi yeroo gara fuulduraa abdiidhaan kan eeggatan maaliifi?

18 Dhiheenyatti namoonni maqaa Yihowaa tuffatan ykn xureessan hundi maqaa kana beekuuf dirqamu. (His. 38:23) Kunis namoota akka Faraʼoon, ‘Waaqayyo inni ani sagalee isaa dhagaʼu eenyu?’ jedhan kan dabalatudha. Faraʼoon yeruma sana Yihowaa beekeera. (Bau. 5:1, 2; 9:16; 12:29) Nuti garuu Yihowaa kan beekne fedhii keenyaanidha. Maqaasaatiin waamamuufi sabasaa isaaf abboomaman taʼuu keenyatti ni boonna. Kanaaf, yaada Faarfannaa 9:10⁠rratti, “Yaa Waaqayyo, warri maqaa kee beekan kooluu sitti in galu, ati warra si barbaadan hin ganneʼo” jedhutti amanuudhaan yeroo gara fuulduraa abdiidhaan eegganna.

^ စာပိုဒ်၊ 5 Maqaan Waaqayyoo afaan Ibrootaatiin hiika ‘kan taʼu’ jedhu qaba. Kanaaf, “Yihowaa” jechuun “akka taʼu godha” jechuudha.

^ စာပိုဒ်၊ 13 Caqasoonni Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa itti fayyadamaan Teetiraagiraamaatanii qabu turan. Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Ibrootaa Saptuujantii jedhamaniifi afaan Giriikiitti hiikamanis maqaa kana akka qaban ragaawwan ni argisiisu.