Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Macaafa Qulqulluu hubachuun ni dandaʼamaa?

Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyooti. Akkuma xalayaa abbaa jaalala qabeessa taʼe biraa ergameeti. (2 Ximotewos 3:16) Waaqayyo, Macaafa Qulqulluu keessatti, isa gammachiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe, rakkina kan heyyame maaliif akka taʼeefi gara fuulduraatti ilmaan namootaatiif maal akka godhu ibseera. Haataʼu malee, barsiistonni amantii barumsa Macaafa Qulqulluu waan jalʼisaniif, namoonni hedduun Macaafa Qulqulluu hubachuu hin dandeenye.—Hojii Ergamootaa 20:29, 30.

Yihowaan dhugaa waaʼeesaa dubbatu akka beeknu barbaada. Kanaafis kitaaba waaʼeesaa hubachuuf nu dandeessisu nuu kenneera.1 Ximotewos 2:3, 4 dubbisi.

Macaafa Qulqulluu hubachuu kan dandeessu akkamitti?

Yihowaan Macaafa Qulqulluu nuu kennuu qofa utuu hin taʼin, karaa isa hubachuu itti dandeenyus nuu qopheesseera. Akka nu barsiisu Yesusiin nuu ergeera. (Luqaas 4:16-21) Yesus caqasoota wal bira qabee barsiisuudhaan, dhaggeeffattoonnisaa Caaffata Qulqullaaʼoo akka hubatan gargaareera.Luqaas 24:27, 32, 45 dubbisi.

Yesus hojiin inni jalqabe akka itti fufu gumii Kiristiyaanaa hundeesseera. (Maatewos 28:19, 20) Yeroo harʼaatti duuka buutonni Yesus warri dhugaan, wanta Macaafni Qulqulluun waaʼee Waaqayyoo dubbatu akka hubatan namoota ni gargaaru. Barumsa Macaafa Qulqulluu hubachuu kan barbaaddu taanaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa si gargaaruun isaan gammachiisa.Hojii Ergamootaa 8:30, 31 dubbisi.