Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Wanta Caalaatti Barbaachisaa Taʼe Adda Baasaa Beekaa’

‘Wanta Caalaatti Barbaachisaa Taʼe Adda Baasaa Beekaa’

‘Wanta caalaatti barbaachisaa taʼe adda baasaa beekaa.’​—FILP. 1:10, NW.

1, 2. Raajii guyyoota gara dhumaa ilaalchisee dubbatame kamtu xiyyeeffannaa bartoota Yesus harkisee taʼuu hin oolu? Maaliif?

PHEXROS, Yaaqoob, Yohannisiifi Indiriyaas yeroo dhumaatiif kophaatti Gooftaasaanii wajjin turan. Yaanni Yesus manni qulqullummaa akka balleeffamu dubbatee ture baayʼee isaan yaaddesseera. (Mar. 13:1-4) Kanaaf, “Nutti himi, kun yoom taʼa? Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?” jedhanii isa gaafatan. (Mat. 24:1-3) Yesus wantoota jireenya keenyarratti jijjiirama guddaa fidan qofa utuu hin taʼin, wantoota sirna Seexanaa isa hamaa taʼe adda baasanii beeksisanis isaanitti himuu jalqabe. Keessumaa haalli addaa tokko, xiyyeeffannaa bartoota Yesus kan harkise taʼuu hin oolu. Yesus waaʼee waraanaa, hanqina nyaataafi jalʼinni babalʼachuu erga itti himee booda, haalli gaarii taʼe tokko dhuma biyya lafaa adda baasee akka beeksisu raajii dubbate. “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” isaaniin jedhe.—Mat. 24:7-14.

2 Bartoonnisaa Yesusii wajjin misiraachoo Mootummichaa lallabaa turan. (Luq. 8:1; 9:1, 2) Kanaaf, yaada Yesus, “Midhaan sassaabamu danuu dha; hojjetoonni sassaaban garuu muraasa. Kanaafis hojjetoota midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa” isaaniin jedhe yaadatanii taʼuu hin oolu. (Luq. 10:2) Haataʼu malee, “guutummaa biyya lafaatti” lallabuufi ‘saba hundumaatti dhugaa baʼuu’ kan dandaʼan akkamitti? Namoonni hojii kana hojjetan eessaa argamu? Yaada kana hubachuu kan dandaʼan yeroo Yesusii wajjin turan sana waaʼee gara fuulduraa yaaduu yoo dandaʼan qofadha. Yaanni Yesus dubbateefi Maatewos 24:14⁠rra jiru ‘balʼinaan raawwatamuu kan dandaʼu akkamitti?’ jedhanii yaadanii taʼuu hin oolu.

3. Luqaas 21:34 yeroo harʼaa raawwatamaa kan jiru akkamitti? Gaaffii akkamii of gaafachuu qabna?

3 Kan jiraannu yeroo raajiin Yesus dubbate raawwatamaa jiru keessadha. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman misiraachoo Mootummichaatiin biyya lafaa guutuuf tokkummaadhaan hojjechaa jiru. (Isa. 60:22) Haataʼu malee, Yesus namoonni tokko tokko guyyoota gara dhumaatti misiraachicharratti guutummaatti xiyyeeffachuun akka isaanitti ulfaatu ibseera. Yaannisaanii ni hihhirama; akkasumas ‘yaaddoon jireenyaa yaada garaasaaniitti baʼaa taʼa.’ (Luqaas 21:34 dubbisi.) Raajiin kun yommuu raawwatamus akka gaariitti argaa jirra. Saba Waaqayyoo keessaa tokko tokko yaannisaanii hihhirameera. Kun dhugaa taʼuusaa murtoo isaan, hojii, barumsa sadarkaa olaanaa hordofuufi qabeenya horachuurratti godhanirraa, akkasumas yeroo isaan ispoortiifi bohaartiirratti dabarsanirraa hubachuun ni dandaʼama. Kaanimmoo dhiibbaafi yaaddoon jireenya guyyaa guyyaa abdii isaan kutachiiseera. Kanaaf, ‘Maal gochaan jira? Murtoon ani godhu jireenyikoo maalirratti akka xiyyeeffate argisiisa?’ jennee of haa gaafannu.

4. (a) Phaawulos Kiristiyaanota Filiphisiiyusiif kadhannaa akkamii dhiheesse? Maaliif? (b) Mataduree kanaafi ittaanurratti waaʼee maalii qorra? Maaliif?

4 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, dhimmoota hafuuraatiif dursa kennuuf carraaqqii cimaa godhu turan. Phaawulos Kiristiyaanonni Filiphisiiyus keessa turan, ‘wantoota caalaatti barbaachisaa taʼan adda baasanii akka beekan’ kadhannaa dhiheessuun barbaachisaa taʼuusaa hubatee ture. (Filiphisiiyus 1:9-11 dubbisi.) Namoonni yeroo sanaa, akkuma Phaawulos ‘dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuuf caalaatti ija jabaatanii’ turan. (Filp. 1:12-14) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaa baayʼeen keenya Dubbii Waaqayyoo ija jabinaan lallabna. Taʼus, wanta yeroo harʼaa jaarmiyaa Yihowaa keessatti raawwatamaa jiru qoruun keenya, hojii misiraachoo labsuu isa yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa taʼerratti xiyyeeffachuuf nu gargaaruu dandaʼaa? Eeyyee ni dandaʼa! Mataduree kana keessatti qophii Yihowaan raajiin Maatewos 24:14⁠rratti dubbatame balʼinaan akka raawwatamu taasisuuf godhe qorra. Jaarmiyaan Yihowaa maalirratti xiyyeeffata? Kana beekuun keenya, nuunis taʼe maatii keenya hojichaaf kakaasuu kan dandaʼu akkamitti? Mataduree ittaanurrattimmoo jabaannee itti fufuufi jaarmiyaa Yihowaa wajjin qixxee deemuuf maaltu nu gargaaruu akka dandaʼu qorra.

KUTAAN JAARMIYAA YIHOWAA INNI SAMII SOCHIIRRA JIRA

5, 6. (a) Yihowaan kutaa jaarmiyaasaa isa samii mulʼataan kan argisiise maaliifi? (b) Hisqiʼel mulʼataan maal arge?

5 Wantoonni Yihowaan Dubbiisaa isa barreeffamaan jiru keessatti hin ibsine hedduun jiru. Fakkeenyaaf, sammuun akkamitti akka hojjetu ykn sochii hawaa keessa jiru beekuun kan nama gammachiisu taʼus, waaʼee wantoota kanaa balʼinaan hin ibsine. Kanaa mannaa, Yihowaan beekumsa kaayyoosaa hubachuufi isaa wajjin walsimnee jiraachuuf nu barbaachisu qofa nuu kenne. (2 Xim. 3:16, 17) Kanaaf, Macaafni Qulqulluun waaʼee jaarmiyaa Yihowaa isa ijaan hin argamnee wantoota muraasa qofa ibsuunsaa kan nama ajaaʼibsiisudha. Jaarmiyaa Yihowaa isa samii ilaalchisee yaada Isaayaas, Hisqiʼeliifi Daaniʼel barreessan, akkasumas mulʼata Mulʼata Yohannis keessatti ibsame dubbisuun nu gammachiisa. (Isa. 6:1-4; His. 1:4-14, 22-24; Dan. 7:9-14; Mul. 4:1-11) Kun akka Yihowaan golgaa samii saaquudhaan keessasaa akka ilaallu nuu heyyametti kan ilaalamudha. Yihowaan waaʼee wantoota kanaa kan nu beeksise maaliifi?

6 Yihowaan kutaa jaarmiyaa uumama cufaa taʼuu keenya matumaa akka nuyi hin irraanfanne barbaada. Isa nuyi arguu dandeenyu caalaa qaamonni kaayyoo Yihowaa deggeran jiru. Fakkeenyaaf Hisqiʼel kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni ijaan hin argamne, konkolaataa samii guddaa tokkotti fakkeeffamee argeera. Konkolaataan kun saffisaan deemuu, akkasumas saffisaan kallattiisaa jijjiiruu dandaʼa. (His. 1:15-21) Gommaan konkolaatichaa takkaa naannaʼuu qofaan fageenya dheeraa deemuu dandaʼa. Hisqiʼel Qaama konkolaaticha oofus hamma tokko argee ture. “Ibidda kan fakkaatuu fi ifni calaqqisaan isatti naannaʼee akka jiru nan arge; . . . kun egaa mulʼachuu fakkeenya ulfina Waaqayyoo ti” jedheera. (His. 1:25-28) Hisqiʼel mulʼata kana yommuu argu baayʼee ajaaʼibsiifamee taʼuu qaba. Yihowaan hafuura qulqulluudhaan jaarmiyaasaa guutummaatti yommuu toʼatuufi yommuu qajeelchu argeera. Kun sochii kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni samii godhu akka gaariitti kan argisiisudha.

7. Mulʼanni Daaniʼel arge, amanannaa akka qabaannu kan nu godhu akkamitti?

7 Daaniʼelis wanta amanannaa qabnu nuu cimsu hedduu argeera. Yihowaan inni “bara baayʼee dheeraa jiraate” teessoo ibiddaarra akka taaʼetti fakkeeffamee arguu dandaʼeera. Teessichi gommaa qaba ture. (Dan. 7:9) Yihowaan, jaarmiyaansaa kaayyoosaa raawwachuuf yommuu sochii godhu Daaniʼel akka argu barbaadee ture. Kana malees Daaniʼel, Yesus inni ‘ilma namaa fakkaatu’ kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarraa yommuu toʼatu argeera. Bulchiinsi Kiristos inni mudaa hin qabne waggaa muraasa qofaaf kan turu miti. Kanaa mannaa, “gooftummaan isaa kan hin darbinee dha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti.” (Dan. 7:13, 14) Mulʼanni kun Yihowaatti akka amanamnuufi wanta inni raawwachaa jiru akka hubannu nu kakaasa. Yihowaan, Ilmasaa isa qoramee amanamaa taʼuunsaa mirkanaaʼeef, ‘gooftummaa, ulfinaafi mootummaa’ kenneera. Yihowaan Ilmasaarratti amantaa qaba. Kanaaf, nutis bulchiinsa Yesusitti amanamuu ni dandeenya.

8. Mulʼata Yihowaa biraa dhufe arguunsaanii Hisqiʼeliifi Isaayaasirratti dhiibbaa akkamii godhe? Nuhoo maal akka goonu nu kakaasuu qaba?

8 Mulʼanni waaʼee jaarmiyaa Yihowaa isa ijaan hin argamnee ibsu kun maal akka goonuuf nu kakaasuu qaba? Akkuma Hisqiʼel nuyis wanti Yihowaan raawwatu akka nu dinqisiisuufi akka gad of deebisnu kan nu godhu taʼuunsaa beekamaadha. (His. 1:28) Jaarmiyaa Yihowaarratti xiinxaluun keenya akkuma Isaayaas godhe tarkaanfii fudhachuuf nu kakaasuu dandaʼa. Isaayaas wanta Yihowaan raawwachaa jiru namootatti akka himuuf carraa argate fudhachuuf boodatti hin jenne. (Isaayaas 6:5, 8 dubbisi.) Gargaarsa Yihowaatiin rakkina kamiyyuu moʼu akka dandaʼu mirkanaaʼaa taʼee ture. Haaluma wal fakkaatuun, waaʼee jaarmiyaa Yihowaa isa ijaan hin argamnee hamma tokko hubannaa argachuun keenya dinqisiifannaa akka qabaannuufi tarkaanfii akka fudhannu nu kakaasuu qaba. Dhugumayyuu jaarmiyaa yeroo hunda sochiirra jiruufi kaayyoo Yihowaa raawwachuurratti xiyyeeffate kanarratti xiinxaluun tarkaanfii fudhachuuf kan nama kakaasudha.

KUTAA JAARMIYAA YIHOWAA ISA LAFARRAA

9, 10. Kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafarraa kan barbaachise maaliifi?

9 Yihowaan karaa Ilmasaa kutaa jaarmiyaasaa isa lafarratti argamuufi jaarmiyaasaa isa ijaan hin argamee wajjin walsimee hojjetu hundeesseera. Hojii Maatewos 24:14⁠rratti ibsame raawwachuuf jaarmiyaan lafarratti argamu kan barbaachise maaliifi? Sababiiwwan sadii haa ilaallu.

10 Tokkoffaa, Yesus bartoonnisaa hojii lallabaa “hamma andaara lafaatti” akka raawwatan dubbatee ture. (HoE. 1:8) Lammaffaa, nyaata hafuuraa dhiheessuufi namoota hojicharratti hirmaatan kunuunsuuf jaarmiyaan barbaachisaadha. (Yoh. 21:15-17) Sadaffaa, namoonni misiraachicha lallaban walgaʼanii Yihowaa waaqeffachuufi hojicha akkamitti akka raawwatan barachuuf qophii gochuun barbaachisaadha. (Ibr. 10:24, 25) Kana galmaan gaʼuuf qindoominni barbaachisaadha. Duuka buutonni Yesus milkaaʼina akka argataniif, hojichi akka gaariitti gurmaaʼuu qaba.

11. Qophiiwwan karaa jaarmiyaa Yihowaa godhaman akka deggerru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Qophiiwwan karaa jaarmiyaa Yihowaa godhaman akka deggerru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni guddaan kana gochuu itti dandeenyu, hojii lallabaa keenya akka geggeessaniif namoota Yihowaafi Yesus muudanitti yeroo hunda amanamuudha. Yeroo harʼaa hojiiwwaniifi haalawwan xiyyeeffannaa namoota nu gidduutti itti gaafatamummaa qabanii hihhiruu dandaʼan hedduun biyya lafaarra jiru. Haataʼu malee, kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafarraa yeroo hunda maalirratti xiyyeeffata?

‘WANTOOTA CAALAATTI BARBAACHISAA TAʼANIRRATTI’ XIYYEEFFACHUU

12, 13. Jaarsoliin gumii itti gaafatamummaasaanii kan baʼan akkamitti? Kunoo kan si jajjabeessu maaliifi?

12 Jaarsoliin muuxannoo qaban, hojii Mootummicha labsuu biyyasaanii keessatti raawwatamu akka toʼataniifi akka geggeessaniif addunyaa maratti muudamaniiru. Obboloonni kun yommuu murtoo godhan, qajeelfama Dubbii Waaqayyoo isa ‘miillasaaniitiif ibsaa, daandiisaaniirrattis ifa’ taʼe keessa jiru ni qoru; Yihowaan qajeelfama akka isaanii kennus cimsanii kadhatu.—Far. 119:105; Mat. 7:7, 8.

13 Akkuma jaarsolii jaarraa jalqabaa, jaarsoliin yeroo harʼaa hojii lallabaa geggeessanis guutummaatti “lallaba dubbii Waaqayyoof ergamuutti” kan qabamanidha. (HoE. 6:4) Misiraachicha labsuu wajjin haala wal qabateen guddina biyyasaaniis taʼe addunyaa maratti argametti baayʼee gammadu. (HoE. 21:19, 20) Seeraafi qajeelfama hedduu hin baasan. Kanaa mannaa, hojiin lallabaa akka itti fufuuf qophii godhame deggeruuf, qajeelfama Caaffata Qulqullaaʼoofi hafuura qulqulluurraa argatan hordofu. (Hojii Ergamootaa 15:28 dubbisi.) Obboloonni itti gaafatamummaa qaban kun kana gochuudhaan warra gumii keessa jiran hundaaf fakkeenya gaarii taʼu.—Efe. 4:11, 12.

14, 15. (a) Hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamu deggeruuf qophiin akkamii godhameera? (b) Hojii Mootummicha labsuurratti hirmaannaa gootu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

14 Hojiiwwan yeroo hundaa hojjetamaniifi namootatti hin mulʼannes jiru. Isaanis, nyaata hafuraa barreeffamootarratti baasuu, akkasumas kanneen walgaʼii gumiifi walgaʼii gurguddaarratti dhihaatan qopheessuu kan dabalatanidha. Namoonni fedhiidhaan of dhiheessaniifi kumaan lakkaaʼaman, nyaata hafuuraa kana afaan 600 taʼanitti hiikuudhaan hamma dandaʼame namoonni hedduun “hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa” taʼe barachuu akka dandaʼan gochuuf dhimmanii hojjetu. (HoE. 2:7-11) Obboloonniifi obboleettonni dargaggoota taʼan, meeshaalee maxxansaa saffisa guddaa qabaniin, akkasumas meeshaalee bifa barruu ykn kitaabaa akka qabaatan godhanitti fayyadamuudhaan barreeffamoota qopheessu. Achiis barreeffamoota kana gumiiwwan naannoo fagoo jiran dabalatee bakka hundatti ergu.

15 Gumii keenya keessatti misiraachicha labsuurratti akka xiyyeeffannuuf qophiiwwan hedduun godhamaniiru. Fakkeenyaaf, namoonni kumaan lakkaaʼamaniifi fedhiidhaan of dhiheessan Galma Mootummaafi Galma Walgaʼii Gurguddaa ijaaru. Kaanimmoo namoota balaa uumamaatiin miidhaman ykn garmalee dhukkubsatan gargaaru. Warri kan biraammoo, walgaʼii addaa, aanaafi koonyaa qindeessu; akkasumas mana barumsaa tiʼookraasiitti barsiisu. Kaayyoon hojii kana hundaa maalidha? Misiraachicha labsuuf haala mijeessuu, namoota hojii kana raawwataniif nyaata hafuuraa dhiheessuufi waaqeffannaa dhugaa babalʼisuudha. Kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafarraa wantoota caalaatti barbaachisaa taʼanirratti xiyyeeffachuusaa itti fufeeraa? Eeyyee itti fufeera!

FAKKEENYA JAARMIYAA YIHOWAA HORDOFAA

16. Kophaakees taʼe maatiikee wajjin Macaafa Qulqulluu akka gaariitti qayyabachuuf qophii akkamii gochuu dandeessa?

16 Hojiiwwan jaarmiyaan Yihowaa raawwaturratti yeroo yerootti ni xiinxallaa? Obboloonni tokko tokko waaqeffannaa maatii ykn qayyabannaa dhuunfaatiif yeroo ramadanii dhimmoota kanarratti qorannaa gochuufi irratti xiinxaluu filataniiru. Mulʼata Isaayaas, Hisqiʼel, Daaniʼeliifi Yohannis argan qayyabachuun baayʼee kan nama gammachiisudha. Kitaabni Dhugaa Baatota Yihowaa—Labsitoota Mootummichaa Taʼan jedhamuufi barreeffamoonni kaan ykn DVDwwan waaʼee jaarmiyaa Yihowaa ibsan gama kanaan hubannaa guddaa nuu kennuu dandaʼu.

17, 18. (a) Mataduree kanarraa barumsa akkamii argatte? (b) Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?

17 Yihowaan hojii misiraachicha labsuu babalʼisuuf jaarmiyaasaatti akkamitti fayyadamaa akka jiru xiinxaluun keenya gaariidha. Nutis jaarmiyaa dinqisiisaa taʼe kanaa wajjin, wantoota caalaatti barbaachisaa taʼanirratti xiyyeeffachuu keenya itti haa fufnu. Kana gochuun keenya murtoo Phaawulos godhee wajjin wal fakkaatu gochuuf nu gargaara. Phaawulos, “Akkuma araara Waaqayyoo fudhannetti, hojii ergaa kanaa hojjechuudhaaf abdii hin kutannu” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 4:1) Itti dabaluudhaanis, “Yeroo isaatti humna utuu hin dhabin galfachuuf waan jirruuf, ammas kottaa wanta gaarii taʼe gochuutti hin laafnu” jechuudhaan namoota hidhata amantiisaa taʼan gorseera.—Gal. 6:9.

18 Wantoota caalaatti barbaachisaa taʼanirratti xiyyeeffachuuf, dhuunfaattis taʼe maatiidhaan jireenya keenyarratti sirreeffamani gochuun nu barbaachisu jiraa? Hojii lallabaa isa yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa taʼerratti xiyyeeffachuuf, jireenya keenya salphaa gochuu ykn wantoota yaada keenya hihhiranirraa fagaachuu ni dandeenyaa? Mataduree ittaanurratti wantoota jaarmiyaa Yihowaa qixxee deemuuf nu gargaaran shan qorra.