Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Manni qulqullummaa Yerusaalem Dh.K.B. bara 70⁠tti erga balleeffamee booda deebiʼee ijaarameeraa?

YESUS dhagaan mana qulqullummaa Yihowaa tokkollee dhaabatee akka hin hafne raajii dubbatee kan ture siʼa taʼu, kunis yommuu waraanni Roomaa Tiitoosiin geggeeffamu Dh.K.B. bara 70⁠tti Yerusaalemiin barbadeesse raawwatameera. (Mat. 24:2) Boodas Juuliyaan Mootichi mana qulqullummaa kana deebisee ijaaruuf karoora baafatee ture.

Juuliyaan mootii Roomaa Kiristiyaana hin taane isa xumuraa taʼuudhaan beekama. Namni wasiila Qosxanxinoos Guddichaa taʼe kun barumsa Kiristiyaanaa isa soba taʼe fudhateera. Dh.K.B. bara 361⁠tti mootii erga taʼee booda garuu, barumsa kana guutummaatti mormuudhaan waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuu jalqabe. Kitaabonni seenaa mootiin kun “Gantuu” akka taʼe ibsu.

Juuliyaan amantii Kiristiyaanaa garmalee jibba ture. Sababiin inni itti jibbeef tokko, mucaa umrii waggaa jaʼaa yeroo turetti geggeessitoonni amantii abbaasaafi firootasaa yommuu ajjeesan argee waan tureefidha. Akka barreessitoonni seenaa mana waldaa ibsanitti, Juuliyaan Yesus raajii sobduu taʼuusaa mirkaneessuuf jecha, Yihudoonni mana qulqullummaasaanii deebisanii akka ijaaran jajjabeesseera. *

Juuliyaan mana qulqullummaa deebisee ijaaruuf karoora baafatee akka ture hin shakkisiisu. Barreessitoonni seenaa mootiin kun hojii ijaaruu kana jalqabuusaa ykn hojicha jalqabeera yoo taʼemmoo wanta akka dhiisu isa godhe ilaalchisee wal falmu. Wanti ifa taʼe tokko garuu jira. Juuliyaan mootii taʼee waggaa lama utuu hin guutin kan ajjeefame siʼa taʼu, karoorri ijaarsaa inni baafates isa duukaa duʼeera.

Manni qulqullummaa bara Yesus iddoo kana ture

^ key. 5 Yesus manni qulqullummaa matumaa deebiʼee hin ijaaramu hin jenne; kanaa mannaa akka barbadeeffamu kan dubbate siʼa taʼu kunis bara 70⁠tti raawwatameera.