Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Firdiiwwan Waaqayyoo—Gara Jabinaan Kan Raawwatamanidhaa?

Firdiiwwan Waaqayyoo—Gara Jabinaan Kan Raawwatamanidhaa?

GAAFFII kana deebisuuf firdiiwwan Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman keessaa lama, jechuunis Bishaan Badiisaa bara Nohiifi badiisa Kanaʼaanotarra gaʼe haa ilaallu.

BISHAAN BADIISAA BARA NOHITTI GAʼE

NAMOONNI TOKKO TOKKO MAAL JEDHU? “Waaqayyo, Nohiifi maatiisaa hambisee Bishaan Badiisaatiin ilmaan namootaa kaan kan balleesse gara jabeessa waan taʼeefidha.”

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? Waaqayyo, “Namni jalʼaan karaa isaatii akka deebiʼuu fi akka jiraatu malee, ani duʼa nama jalʼaatti hin gammadu” jedheera. (Hisqiʼel 33:11) Kanaafuu, badiisni bara Nohitti hamootarra gaʼe Waaqayyoon hin gammachiisne. Kan isaan balleesse maaliifiree?

Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo bara duriitti namoota Waaqayyo malee jiraatan kan balleesse, ‘warri Waaqayyo malee jiraatan wanta dhufuuf jiru fakkeenyasaaniirraa akka argan gochuuf’ akka taʼe dubbata. (2 Phexros 2:5, 6) Maarree Waaqayyo tarkaanfii fudhachuu ilaalchisee fakkeenya akkamii kaaʼeera?

Tokkoffaa, Waaqayyo namoota balleessuun kan isa gaddisiisu taʼus, rakkina namoonni gara jabeeyyii taʼan geessisan ni hubata; gochasaaniittis isaan gaafata. Yeroo boodas jalʼinaafi dhiphina hunda ni balleessa.

Lammaffaa, tarkaanfiin Waaqayyo bara duriitti fudhachaa ture, namoota balleessuusaa dura jaalalaan kakaʼee isaan akeekkachiisaa akka ture argisiisa. Nohi namoota akeekkachiisaa kan ture taʼus, baayʼeensaanii isa hin dhageenye. Macaafni Qulqulluun, “Isaan hamma gaafa bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokketti, utuu hin beekin akka turan” dubbata.—Maatewos 24:39.

Waaqayyo akeekkachiisa kennee turee? Eeyyee! Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni sabasaa taʼan akka saboota ollootasaanii hammina kan hojjetan taanaan, diinonni biyyasaanii akka weeraran, Yerusaalemiin akka balleessaniifi boojuudhaan akka isaan fudhatan akka heyyamu isaan akeekkachiisee ture. Israaʼeloonni garuu ijoollee aarsaa gochuu dabalatee hammina raawwatan. Yihowaan yeroo kanatti tarkaanfii fudhateeraa? Eeyyee; taʼus tarkaanfii fudhachuusaa dura utuu yeroon isaanitti hin darbin jijjiirama akka godhan raajotasaa erguudhaan irra deddeebiʼee isaan akeekkachiiseera. Innumtiyyuu, “Waaqayyo gooftaan murtoo isaa isa dhokatee jiru hojjetoota isaa warra raajotatti utuu hin mulʼisin, tokko illee hojii irra hin oolchu” jedheera.—Amos 3:7.

SIIN KAN ILAALLATU AKKAMITTI? Akkaataa Yihowaan kanaan dura firdii itti kennaa ture beekuun keenya abdii nuu kenna. Rakkina namoonni gara jabeeyyii taʼan geessisan ilaalchisee, Yihowaan gara fuulduraatti tarkaanfii akka fudhatu isatti amanamuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun, “Warri jalʼoonni lafa irraa in balleeffamu . . . Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, [‘in dhaalu,’ hiika bara 1899] isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu” jedha. (Faarfannaa 37:9-11) Firdii isa namoota dhiphinarraa furu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Gocha gara jabinaatimoo tarkaanfii gaarummaadhaan fudhatamudha?

BADIISA KANAʼAANOTARRA GAʼE

NAMOONNI TOKKO TOKKO MAAL JEDHU? “Badiisni Kanaʼaanotarra gaʼe, waraana gara jabinaan raawwatame siʼa taʼu, waraanawwan sanyii balleessuuf bara keenyatti raawwatamanii wajjin kan wal gitudha.”

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Karaan [Waaqayyoo] hundinuus qajeelaa dha, inni Waaqayyo amanamaa dha, jalʼinnis isa keessa hin jiru.” (Keessa Deebii 32:4) Tarkaanfiin Waaqayyo haqa argisiisuuf fudhatu, waraana ilmaan namootaarraa addadha. Maaliif? Haala ilmaan namootaarraa adda taʼeen, Waaqayyo garaa namootaa, jechuunis keessa namummaa beekuu waan dandaʼuufidha.

Fakkeenyaaf, Waaqayyo Sodoomiifi Gomoraarratti badiisa fiduuf yeroo murteessetti nama amanamaa kan ture Abrahaam dhimmichaa wajjin haala wal qabateen firdiin Yihowaa haqa taʼuuf dhiisuunsaa isa yaaddessee ture. Abrahaam, Waaqnisaa inni haqa qabeessa taʼe “nama qajeelaa nama jalʼaa wajjin lafa irraa balleessuuf” akka hin murteessine mirkanaaʼaa ture. Waaqayyo, namoonni qajeeloo taʼan kudhanillee Sodoom keessa jiraannaan, isaaniif jedhee magaalattii badiisarraa akka oolchu obsaan mirkaneesseeraaf. (Uumama 18:20-33) Waaqayyo garaa namoota Sodoomiifi Gomoraa qoruudhaan baayʼee hamoo taʼuusaanii hubatee akka ture ifadha.—1 Seenaa 28:9.

Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo Kanaʼaanotarratti murtoo sirrii murteessuudhaan akka badan godheera. Kanaʼaanonni ijoollee lubbuudhaan jiran ibiddaan gubanii aarsaa gochuu dabalatee gocha gara jabinaatiin beekamu turan. * (2 Mootota 16:3) Kanaʼaanonni, Yihowaan Israaʼeloonni guutummaa biyyattii akka fudhatan isaan ajajuusaa beeku turan. Kanaʼaanonni biyyattii gadhiisuu diduudhaan waraana labsan, Israaʼeloota qofa utuu hin taʼin, taʼe jedhanii Yihowaa isa sabasaa wajjin akka jiru ragaa qabatamaadhaan argisiises lolaniiru.

Hunda caalaammoo, Waaqayyo Kanaʼaanota gocha hammeenyaa dhiisuudhaan seera inni amalaaf baase hordofanitti gaarummaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, Rahaab isheen nama Kanaʼaan taateefi ejjituu turte maatiishee wajjin badiisarraa oolteetti. Akkasumas Yihowaan Kanaʼaanota magaalaa Giibeʼon keessa jiraatanitti gaarummaa argisiisuudhaan isaaniifi ijoolleensaanii badiisarraa akka oolan godheera.—Iyaasuu 6:25; 9:3, 24-26.

SIIN KAN ILAALLATU AKKAMITTI? Badiisa Kanaʼaanotarra gaʼerraa barumsa guddaa argachuu dandeenya. ‘Guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii akka badan’ raajiidhaan dubbatametti baayʼee dhihaachaa jirra. (2 Phexros 3:7) Yihowaa kan jaallannuufi wanta isa duratti fudhatama qabu kan raawwannu taanaan, yeroo inni namoota bulchiinsasaa isa qajeelaa morman balleessuudhaan rakkina namootaa hambisutti faayidaa argachuu dandeenya.

Kanaʼaanonni gocha gara jabinaasaaniifi taʼe jedhanii Waaqayyoofi sabasaa mormuusaaniitiin beekamu

Yihowaan, filannaan warri godhan ijoolleesaaniirratti dhiibbaa akka geessisu jaalalaan kakaʼee hubachiiseera. Macaafni Qulqulluun, “Isin, ijoolleen keessanis akka jiraattaniif jireenya foʼadhaa! Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, sagalee isaas dhagaʼaa! Isattis maxxanaa!” jedha. (Keessa Deebii 30:19, 20) Yaanni kun yaada Waaqa gara jabeessaatimoo yaada Waaqa namoota jaallatuufi akka isaan filannaa sirrii godhan barbaaduuti?

^ key. 15 Waaqeffannaan Kanaʼaanotaa ijoollee aarsaa gochuu akka dabalatu qorannoon arkiʼooloojistoonni hambaa lafa keessaarratti godhan mirkaneesseera.