Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Lallabaa Wangeelaa Taʼuudhaan Gaʼee Keessan Raawwadhaa

Lallabaa Wangeelaa Taʼuudhaan Gaʼee Keessan Raawwadhaa

“Hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun taʼuuf hojjedhu, hojii itti ergamte guutummaatti raawwadhu!”—2 XIM. 4:5.

1. Yihowaan Lallabaa wangeelaa isa jalqabaati kan jennu maaliifi?

LALLABAAN wangeelaa nama misiraachoo labsudha. Lallabaan wangeelaa inni jalqabaafi hunda caalu Yihowaadha. Addaamiifi Hewwaan hammeenya raawwatanii utuma hin turin, Yihowaan bofichi jechuunis Seexanni akka balleeffamu misiraachoo labse. (Uma. 3:15) Akkasumas, jaarraa hedduudhaaf namoonni amanamoon hafuuraan geggeeffamanii maqaansaa arrabsoorraa akkamitti akka qulqulleeffamu, hubaatiin Seexanni geessise akkamitti akka baduufi ilmaan namootaa carraa Addaamiifi Hewwaan dhaban argachuu akkamitti akka dandaʼan akka barreessan godheera.

2. (a) Hojii wangeela lallabuurratti ergamoonni gaʼee akkamii qabu? (b) Yesus lallabdoota wangeelaatiif fakkeenya akkamii taʼeera?

2 Ergamoonnis lallabdoota wangeelaadha. Misiraachoo ni dubbatu; warri kaanis misiraachoo akka babalʼisan ni gargaaru. (Luq. 1:19; 2:10; HoE. 8:26, 27, 35; Mul. 14:6) Mikaaʼel inni angafa ergamootaa taʼehoo? Lafarratti Yesus jedhamee yommuu waamamaa turetti ilmaan namootaa lallabdoota wangeelaa taʼaniif fakkeenya guddaa taʼeera. Yeroo kanatti misiraachoo babalʼisuurratti xiyyeeffatee kan ture kanaafidha.—Luq. 4:16-21.

3. (a) Misiraachoon labsinu maalidha? (b) Lallabdoota wangeelaa waan taaneef gaaffiiwwan kamiif xiyyeeffannaa kennuu qabna?

3 Yesus bartoonnisaa lallabdoota wangeelaa akka taʼan ajajeera. (Mat. 28:19, 20; HoE. 1:8) Phaawulos ergamaan, “Hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun taʼuuf hojjedhu, hojii itti ergamte guutummaatti raawwadhu!” jechuudhaan Ximotewos isa hidhatasaa ture gorseera. (2 Xim. 4:5) Duuka buutota Yesus taʼuu keenyaan misiraachoon labsinu maalidha? Misiraachoon kun Yihowaan Abbaan keenya inni samii akka nu jaallatu lallabuu kan dabalatudha. (Yoh. 3:16; 1 Phe. 5:7) Yihowaan akka nu jaallatu kan ibse karaa Mootummaasaati. Kanaaf, namoonni Mootummichaaf bitaman, Waaqayyoof abboomamaniifi wanta qajeelaa hojjetan hundi, isa duratti akka michuusaatti kan ilaalaman taʼuusaanii gammachuudhaan namootatti himna. (Far. 15:1, 2) Yihowaan rakkina hunda balleessuuf kaayyoo akka qabu ifaadha. Miidhaa rakkina kanaan dura gaʼe yaadachuudhaan dhufu hundas ni balleessa. Kun misiraachoo guddaa mitiiree? (Isa. 65:17) Lallabdoota wangeelaa waan taaneef, mee deebii gaaffii gurguddaa lamaa haa qorru. Yeroo harʼaa namoonni misiraachoo dhagaʼuunsaanii baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Hojii lallabdoota wangeelaa taʼuudhaan hojjennu akka gaariitti raawwachuu kan dandeenyu akkamitti?

NAMOONNI MISIRAACHOO DHAGAʼUUN KAN ISAAN BARBAACHISU MAALIIFI?

Gaaffiin namoonni wanta itti amananiif ragaa dhiheessuu akka dandaʼan gargaara

4. Waaqayyoon ilaalchisee namoonni soba akkamii dubbatu?

4 Namni tokko, abbaankee siin dabalatee miseensota maatiikee hunda akka gane sitti hime haa jennu. Namoonni akka isa beekan dubbatan, abbaankee miirasaa kan namaaf hin ibsine, kan namatti hin madaqneefi hamaa akka taʼe sitti himan haa jennu. Namoonni tokko tokkommoo abbaankee duʼuusaafi isaa wajjin lammata wal arguuf carraaquunkee faayidaa akka hin qabne si amansiisuuf yaalu taʼa. Namoonni hedduun, Waaqayyoon ilaalchisee yaada armaan olii wajjin wal fakkaatuun dubbatamuun gowwoomfamaniiru. Namoonni kun Waaqayyo iccitii akka taʼe, isa beekuun akka hin dandaʼamne ykn inni hamaa akka taʼe barataniiru. Fakkeenyaaf, geggeessitoonni amantii tokko tokko Waaqayyo namoota hamoo taʼan barabaraaf ibiddaan akka gubu barsiisu. Kaanimmoo rakkinni balaa uumamaatiin gaʼe Waaqayyo biraa akka dhufe dubbatu. Balaan kun, namoota gaariifi hamoota wal faana kan ajjeesu taʼus adaba Waaqayyo biraa dhufe akka taʼetti dubbatu.

Gaaffiin namoonni yaada balʼaa qabaachuudhaan dhugaa akka fudhatan gargaara

5, 6. Jijjiiramni tirannaafi barumsi sobaa namootarratti dhiibbaa akkamii godheera?

5 Namoonni kaanimmoo Waaqayyo akka hin jirre dubbatu. Mee gama kanaan barumsa jijjiirama tirannaa haa ilaallu. Namoonni yaada kana deggeran hedduun jireenyi kan argame qaamni dandeettii qabuufi isaan uume utuu hin jiraatin akka taʼetti labsu. Uumaan hin jiru jedhanii falmu. Isaan keessaa tokko tokkommoo, ilmaan namootaa bineensarraa akka dhufan waan amananiif, namni tokko amala bineensaa argisiisuunsaa kan nama hin ajaaʼibsiisne taʼuusaa dubbatu. Namoonni kun humna qaban warra dadhaboo yommuu hacuucan seera uumamaa hordofaa jiru jechuudhaan falmu. Kanaaf, namoonni hedduun jalʼinni ilmaan namootaa wajjin yeroo mara kan jiraatu akka taʼe amanuunsaanii kan nama dinqisiisu miti. Kanaaf, namoonni jijjiirama tirannaatti amanan abdii hin qaban.

6 Jijjiiramni tirannaafi barumsi sobaa rakkina guyyaa dhumaa kanatti ilmaan namootaarra gaʼaa jiruuf gumaacha olaanaa akka godhan hin shakkisiisu. (Rom. 1:28-31; 2 Xim. 3:1-5) Barumsi ilmaan namootaa kun misiraachoo dhugaafi amansiisaa taʼe hin argamsiisne. Kanaa mannaa, akkuma Phaawulos ibse, warri kaan ‘sammuunsaanii akka dukkaneeffamuufi jireenya isa Waaqayyo kennu keessaa gad akka baʼan’ godheera. (Efe. 4:17-19) Kana malees, barumsi jijjiirama tirannaafi amantiin sobaa namoonni misiraachoo Waaqayyo biraa dhufe akka hin fudhanne godheera.—Efesoon 2:11-13, dubbisi.

Gaaffiin namoonni ofuma isaaniitii ibsuudhaan yaada sirrii taʼerra akka gaʼan gargaara

7, 8. Namoonni misiraachicha akka gaariitti hubachuu kan dandaʼan karaa kamiinidha?

7 Namoonni Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii uumuuf, jalqaba Yihowaan akka jiruufi isatti dhihaachuuf sababii gaʼaan akka jiru amanuu qabu. Waaʼee uumamaa akka qoran jajjabeessuudhaan beekumsa akka argatan isaan gargaaruu dandeenya. Namoonni yaada walaba taʼe qabaachuudhaan waaʼee uumamaa kan qoran taanaan ogummaafi humna Waaqayyoo barachuu ni dandaʼu. (Rom. 1:19, 20) Waaʼee wantoota Uumaan keenya inni Guddichi raawwatee namoota barsiisuuf yommuu carraaqnutti, birooshuroota Jireenyi Uumamaan Argamee? akkasumas Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shanan (Amaariffa) jedhamanitti fayyadamuu dandeenya. Namoonni uumama qofa ilaaluudhaan wantoota tokko tokko baratanillee, gaaffiiwwan ulfaatoo kanneen akka: ‘Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame? Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu maalidha? Waaqayyo dhuunfaatti anaaf ni yaadaa?’ jedhaniif deebii argachuu hin dandeenye.

8 Karaan namoonni waaʼee Waaqayyoofi kaayyoosaa dhagaʼuu itti dandaʼan Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan qofa. Namoonni gaaffii qabaniif deebii akka argatan gargaaruuf mirga guddaa arganneerra! Haataʼu malee, garaa namoota nu dhaggeeffatanii tuquuf, dhugaa jiru isaan beeksisuu qofa utuu hin taʼin isaan amansiisuu qabna. (2 Xim. 3:14) Gama kanaan fakkeenya Yesus hordofuudhaan milkaaʼina argachuu ni dandeenya. Yesus milkaaʼina guddaa argachuu kan dandaʼe akkamitti? Karaan inni tokko gaaffiitti akka gaariitti fayyadamuudhaan ture. Fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamittiree?

LALLABDOONNI WANGEELAA GAAFFIITTI AKKA GAARIITTI FAYYADAMU

9. Karaa hafuuraa akka gaariitti namoota gargaaruuf maal gochuu qabna?

9 Hojii lallabdoota wangeelaa taʼuudhaan raawwannurratti akka Yesus fakkeenyatti fayyadamuu kan qabnu maaliifi? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Ogeessi fayyaa tokko misiraachoo sitti himuu barbaade haa jennu. Yaalii fayyaa baqassanii walʼaanuu cimaa taʼe fudhachuuf qophaaʼaa yoo taate dhukkuba keerraa si fayyisuu akka dandaʼu sitti hime haa jennu. Yeroo kanatti isa amanuunkee gaarii taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, fayyaakee ilaalchisee gaaffii tokkollee utuu si hin gaafatin abdii akkasii yoo sii kenne maaltu sitti dhagaʼama? Isa amanuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Ogeessi fayyaa kun dandeettii cimaa yoo qabaatellee, gargaarsa akkamiiyyuu sii gochuusaa dura dhibee ati qabdu ilaalchisee gaaffii si gaafachuufi si dhaggeeffachuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni misiraachoo Mootummichaa akka fudhatan gargaaruuf dandeettii gaaffiitti akka gaariitti fayyadamuu guddifachuu qabna. Isaan gargaaruu kan dandeenyu haala hafuuraasaanii akka gaariitti yoo barre qofadha.

Garaa namoota nu dhaggeeffatanii tuquuf, isaan amansiisuu dandaʼuu qabna

10, 11. Akkaataa Yesus itti barsiisu hordofuudhaan maalfaa raawwachuu dandeenya?

10 Yesus, barsiisaan tokko gaaffii itti yaadametti fayyadamuunsaa, waaʼee barataa tokkoo akka gaariitti baruu qofa utuu hin taʼin, baraticha hirmaachisuufis akka gargaaru beeka ture. Fakkeenyaaf, waaʼee gad of deebisuu bartootasaa yommuu barsiisuuf jedhetti jalqaba gaaffii akka isaan irratti yaadan godhu isaan gaafatee ture. (Mar. 9:33) Yeroo tokko, Yesus dhimma tokko ilaalchisee seera buʼuuraa jiru Phexrosiin hubachiisuuf gaaffii addaddaa isa gaafatee ture. (Mat. 17:24-26) Yeroo garabiraattimmoo, yaada bartoonnisaa qaban baruuf, gaaffii ilaalchasaanii akka ibsan godhu isaan gaafatee ture. (Maatewos 16:13-17 dubbisi.) Yesus waaʼee dhimma tokkoo ofumasaa ibsuu mannaa gaaffiitti akka gaariitti fayyadamuudhaan akka hubatan godheera. Haala garaasaanii tuquun namoonni misiraachicha dhagaʼanii tarkaanfii akka fudhatan godheera.

11 Gaaffiitti akka gaariitti fayyadamuudhaan fakkeenya Yesus yommuu hordofnu yoo xinnaate wantoota sadii raawwanna. Caalaatti namoota gargaaruu, warra maree dhaabsisaniif deebii gaarii kennuufi namoonni gad of deebisan gargaarsa akka argatan goona. Fakkeenyota, gaaffiitti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe argisiisan sadii haa ilaallu.

12-14. Mucaan keessan ofitti amanannaa qabaachuudhaan misiraachoo namootatti akka himu isa gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

12 Fakkeenya 1: Warra yoo taatan, mucaan keessan umrii waggoota kurnanii keessa jiru amantii uumamarratti qabu ilaalchisee ijoollee kutaasaatiif ibsuun akka isatti ulfaatu yoo isinitti hime maal gootu? Ija jabinaan misiraachicha akka labsuuf isa gargaaruu akka barbaaddan beekamaadha. Kanaaf, isa ceephaʼuu ykn battaluma sanaan gorsa isaaf kennuu mannaa, fakkeenya Yesus hordofuudhaan gaaffii ilaalchasaa akka ibsu godhu isa gaafadhaa. Kana gochuu kan dandeessan akkamitti?

13 Birooshura Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shanan jedhamurraa qabxiiwwan tokko tokko erga wajjin dubbistanii booda, wantoota falmii kaasan ilaalchisee caalaatti xiyyeeffannaasaa kan harkise isa kam akka taʼe gaafadhaa. Uumaatti akka amanu kan isa kakaaseefi fedha Waaqayyoo raawwachuu kan barbaadu maaliif akka taʼe yaada mataasaa akka ibsu isa jajjabeessaa. (Rom. 12:2) Yaanni inni kennuufi yaanni keessan garaagara taʼuu akka dandaʼu isa hubachiisaa.

14 Mucaan keessan waaʼee amantiisaa ijoollee kutaasaatiif yommuu ibsu, fakkeenya isin itti argisiiftan hordofuu akka dandaʼu isaaf ibsaa. Kunimmoo, mucaan keessan qabxiiwwan tokko tokko erga ibsee booda gaaffii ilaalchaa gaafachuu akka dandaʼu kan argisiisudha. Fakkeenyaaf, mucaan keessan birooshura Madda Jireenyaa jedhamurraa saanduqa fuula 21⁠rra jiru akka dubbisu barataa kutaasaa tokko afeeruu dandaʼa. Achiis, ‘Dandeettii DNAn odeeffannoo balʼaa qabachuuf qabu, dandeettii kompiitarri yeroo harʼaa jiru qabu ni caala kan jedhamu sirrii sitti fakkaataa?’ jedhee gaafachuu dandaʼa. Barataan kun ‘eeyyee’ jedhee deebisa taʼa. Yeroo kanatti mucaan keessan, ‘Ogeessi kompiitaraa, kompiitara dandeettii DNA wajjin wal gitu qabu hojjechuu hin dandaʼu erga taʼee, DNAn akkamitti ofiisaatiin argamuu dandaʼa jetta?’ jedhee gaafachuu dandaʼa. Mucaan keessan waaʼee amantiisaa yommuu namootaa wajjin mariʼatu caalaatti ofitti amanannaa qabaachuu akka dandaʼuuf, sagantaa shaakalaa dhaabbataa taʼe qabachuu dandeessu. Gaaffiitti akka gaariitti akka fayyadamu yoo isa leenjistan, mucaan keessan lallabaa wangeelaa taʼuudhaan gaʼeesaa akka baʼu isa gargaaruu dandeessu.

15. Nama Waaqayyo akka jiru hin amanne gargaaruuf siʼa carraaqnutti, gaaffiitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Fakkeenya 2: Hojii lallabaa keenyarratti namoota Waaqayyo jiraachuusaa shakkan argachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, namni haasofsiisne sun Waaqayyo akka jiru hin amanu taʼa. Waan inni akkas jedheef qofa maree keenya dhaabuu mannaa, Waaqayyo akka hin jirre amanuu kan jalqabe yoomii kaasee akka taʼeefi Waaqayyo hin jiru jedhee akka amanu kan isa godhe maal akka taʼe kabajaan isa gaafachuu dandeenya. Deebiisaa erga dhaggeeffannee booda isa galateeffachuudhaan, ‘Barreeffama jireenyi uumamaan akka argame ibsu dubbisuun sirrii sitti fakkaataa?’ jennee isa gaafachuu dandeenya. Namni haasofsiisne kun balʼisee kan yaadu taanaan, wanta ragaa quubsaa qabu mormuun sirrii akka hin taane nutti himuu dandaʼa. Achiis, birooshura Jireenyi Uumamaan Argamee? ykn Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shanan jedhamu kennuufii dandeenya. Gaaffiin gaarummaafi malaan gaafatamu, namni tokko misiraachicha akka fudhatu gochuu dandaʼa.

16. Namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu barreeffama ittiin qayyabsiisaa jirrurraa deebiisaa kallattiidhaan akka hin dubbisne gochuu kan qabnu maaliifi?

16 Fakkeenya 3: Yommuu Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu, baratichi deebii barreeffama ittiin qayyabaturra jiru irra deebiʼee akka dubbisu goona taʼa. Haataʼu malee, akkas gochuun keenya barataan kun karaa hafuuraa akka hin guddanne gochuu dandaʼa. Maaliif? Barataan utuu irratti hin yaadin deebiisaa qofa irra deebiʼu, beekumsa gad fagoo taʼe argachuu waan hin dandeenyeefidha. Barataan kun salphaadhumatti akka biqiltuu bishaan dhabee coolligee taʼuu dandaʼa. (Mat. 13:20, 21) Kun akka isarra hin geenyeef, waaʼee wanta barachaa jiruu maaltu akka isatti dhagaʼamu isa gaafachuu dandeenya. Qabxiiwwan ibsamanitti kan amanu taʼuusaa hubachuuf yaalaa. Hunda caalaammoo yaada ibsame tokkotti kan amane ykn kan irratti walii hin galle maaliif akka taʼe gaafadhaa. Achiis ofumasaatiin murtoo sirrii taʼerra akka gaʼuuf, Caaffata Qulqullaaʼoorratti yaada akka kennu isa gargaaraa. (Ibr. 5:14) Gaaffiitti akka gaariitti kan fayyadamnu taanaan, amantiin namoota qayyabsiisnuu akka jabaatu gochuufi yaalii namoonni isaan mormuuf ykn karaarraa isaan jalʼisuuf godhan akka moʼan gargaaruu dandeenya. (Qol. 2:6-8) Hojii lallabdoota wangeelaa taʼuudhaan hojjennu raawwachuuf wanti gochuu dandeenyu garabiraan maalidha?

LALLABDOONNI WANGEELAA MILKAAʼOO TAʼAN WAL GARGAARU

17, 18. Obboloota keenyaa wajjin yommuu tajaajillu wal gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

17 Yesus, bartootasaa lama lama gochuudhaan akka lallabaniif ergeera. (Mar. 6:7; Luq. 10:1) Yeroo booda, Phaawulos ergamaan ‘warri hidhatasaa taʼan, hojii wangeelaatti isaa wajjin dhamaʼaa akka turan’ ibseera. (Filp. 4:3) Caqasa kanaa wajjin haala walsimuun bara 1953⁠tti labsitoonni Mootummichaa sagantaa qopheessuudhaan warra kaan tajaajilaaf leenjisuu jalqaban.

18 Obbolootaa wajjin yommuu tajaajiltan, wal gargaaruu kan dandeessan akkamitti? (1 Qorontos 3:6-9 dubbisi.) Namni ati wajjin tajaajilaa jirtu Macaafa Qulqulluurraa yommuu dubbisu, macaafakee baasii hordofi. Namni wajjin tajaajilaa jirtu ykn namni inni haasofsiisaa jiru yommuu dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Tarii mormiin yoo kaʼe isa gargaaruu akka dandeessutti maree namichaa wajjin godhamaa jiru xiyyeeffannaadhaan hordofi. (Lal. 4:12) Haataʼu malee, maree gaarii utuu isaan gochaa jiranii gidduu seenuurraa of eeggadhu! Ariifannaadhaan gidduu seenuunkee nama wajjin tajaajiltu mufachiisuufi nama haasofsiisaa jirtan sana burjaajessuu dandaʼa. Yeroo tokko tokkommoo maree godhamaa jirurratti hirmaachuun gaarii taʼuu dandaʼa. Taʼus, yaada kennuu yoo barbaadde of qabuudhaan yaada gabaabaa taʼe tokko ykn lama qofa kenni. Achiis namni wajjin tajaajiltu mareesaa akka itti fufu godhi.

19. Hojii isa kam akka gaariitti raawwachuu keenya irraanfachuu hin qabnu? Maaliif?

19 Manaa gara manaatti yommuu tajaajillu obboleessa waliin tajaajilluu wajjin wal gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo mana tokkoo gara isa ittaanu deemnutti akkaataa dhiheenyaa keenya akkamitti fooyyessuu akka dandeenyu mariʼachuu dandeenya. Namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran ilaalchisee yaada abdii nama kutachiisu akka hin kennine of eeggachuu qabna. Akkasumas, dadhabina obboloonni wajjin tajaajillu qabanirratti xiyyeeffachuurraa of eeguu qabna. (Fak. 18:24) Hundi keenya dadhaboo akka taane yaadachuun keenya gaariidha. Taʼus, Yihowaan mirga misiraachicha labsuu nuuf kennuudhaan gaarummaa guddaa nutti argisiiseera. (2 Qorontos 4:1, 7 dubbisi.) Kanaaf, hundi keenya hanga dandeenye wangeela labsuudhaan dinqisiifannaa hojii kanaaf qabnu haa argisiisnu.