Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hojii Gaariidhaaf Hinaaffaa’ Qabaadhaa

Hojii Gaariidhaaf Hinaaffaa’ Qabaadhaa

“Yesus Kristos . . . saba foʼamaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne.”​—TIT. 2:13, 14.

1, 2. Dhugaa Baatonni Yihowaa mirga guddaa akkamii argataniiru? Mirga kana ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

NAMOONNI hedduun badhaasa hojii guddaa raawwachuudhaan argatan akka ulfina guddaatti ilaalu. Fakkeenyaaf, namoonni biyyoota ykn garee siyaasaa diina walii taʼan gidduutti araara buusuuf hinaaffaadhaan hojjetan tokko tokko Badhaasa Noobeel argachuu dandaʼaniiru. Haataʼu malee, namoonni Uumaasaanii wajjin nagaa akka qabaatan isaan gargaaruuf, ambaasaaddara ykn ergamaa taʼuudhaan Waaqayyoon ergamuun ulfina hunda caaludha.

2 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef mirga guddaa kana arganneerra. Ajaja Waaqayyoofi Kiristosiin, namoonni “Waaqayyotti akka araaraman” isaan kadhachaa jirra. (2 Qor. 5:20) Yihowaan nutti fayyadamuudhaan namoota garasaatti harkisaa jira. Yeroo harʼaa namoonni biyyoota 235 ol keessa jiraniifi miliyoonatti lakkaaʼaman Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii uumuudhaan abdii jireenya barabaraa akka qabaataniif gargaarsi kan isaaniif godhame karaa kanaanidha. (Tit. 2:11) ‘Namoonni utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu akka fudhatan’ hinaaffaa guddaadhaan isaan afeerra. (Mul. 22:17) Itti gaafatamummaa cimaa kanaaf bakka guddaa waan kenninuuf, akkasumas dhimminee waan raawwannuuf, namoota “hojii gaariitiif hinaafan” jedhamnee waamamuun keenya sirriidha. (Tit. 2:14) Hinaaffaan hojii gaariidhaaf qabnu, namoonni Yihowaatti akka dhihaatan gochuuf akkamitti akka nu gargaaru haa qorru. Karaan inni tokko tajaajila keenyadha.

HINAAFFAA YIHOWAAFI YESUS QABAN HORDOFAA

3. ‘Hinaaffaan Waaqayyoo’ maal nuu mirkaneessa?

3 Wanta bulchiinsi Ilma Waaqayyoo raawwatu ilaalchisee Isaayaas 9:7, “Hinaaffaan Waaqayyo gooftaa maccaa kana in godha” jedha. Yaadni kun, Abbaan keenya inni samii ilmaan namootaa fayyina akka argataniif fedhii guddaa akka qabu ibsa. Hinaaffaan Yihowaa, labsitoota Mootummichaa taʼuudhaan hojii inni nutti kenne garaa guutuudhaan, miira hoʼaafi hinaaffaadhaan raawwachuu akka qabnu argisiisa. Fedhii guddaan namoonni Waaqayyoon akka beekan gargaaruuf qabnu, hinaaffaa Yihowaan qabu kan mulʼisudha. Waaqayyoo wajjin kan hojjennu waan taaneef, hundi keenya hanga dandeenye misiraachicha guutummaatti labsuuf murtoo gooneerraa?—1 Qor. 3:9, hiika bara 1899.

4. Yesus hinaaffaa tajaajilaaf qabu eegee itti fufuurratti fakkeenya kan taʼe akkamitti?

4 Hinaaffaa Yesus qabus haa ilaallu. Tajaajilarratti hinaaffaa qabaachuudhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼeera. Mormii cimaan isarra gaʼullee, hinaaffaa hojii lallabaatiif qabu hanga gidiraa guddaan isarra gaʼee ajjeefamutti eegee itti fufeera. (Yoh. 18:36, 37) Guyyaan inni duʼa aarsaa itti duʼu yommuu dhihaatettillee namoonni kaan Yihowaa akka beekan gargaaruuf hinaaffaan inni qabu hin qabbanoofne ture.

5. Yesus fakkeenya muka harbuu ilaalchisee dubbatee wajjin haala walsimuun kan hojjete akkamitti?

5 Fakkeenyaaf, Dh.K.B. birraa bara 32⁠tti Yesus fakkeenya nama muka harbuu waggaa sadiif ija utuu hin godhatin hafe qabu tokkoo dubbatee ture. Waggaa sadii booda, namichi kun hojjetaansaa mukicha akka muru ajajus, namni sun garuu harbuu kana itti soqee xaaʼoo itti godhee al takkaa ilaaluuf isa gaafate. (Luqaas 13:6-9 dubbisi.) Yeroo sanatti, lallaba Yesus fudhachuudhaan bartootasaa kan taʼan namoota muraasa qofa turan. Haataʼu malee, fakkeenyi nama harbuu oomishu ilaalchisee dubbatame akka argisiisutti, Yesus yeroo gabaabaa jechuunis jiʼa jaʼa hafe keessatti naannoo Yihudaafi Peeriyaatti hojii lallabaasaa babalʼiseera. Duʼuusaa guyyoota muraasa dura, Yesus namoota biyyasaa warra isa ‘dhaga’anii’ utuu deebii hin kennin hafaniif booʼeera.—Mat. 13:15; Luq. 19:41.

6. Tajaajila keenya balʼinaan raawwachuu kan qabnu maaliifi?

6 Guyyaan dhumaa yeroo dhihaachaa jiru kanatti, tajaajila keenya balʼinaan raawwachuuf carraaqqii gochuu hin qabnuu? (Daani’el 2:41-45 dubbisi.) Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuun mirga guddaadha! Namoota lafarra jiran keessaa rakkina ilmaan namootaatiif furmaata dhugaa argamsiisuu kan dandaʼu maal akka taʼe kan dubbatu nu qofadha. Dhiheenya kana namni gaazexaa qopheessu tokko, gaaffiin, “Namoota gaarii taʼanirra wanti gadheen kan gaʼu maaliifi?” jedhu deebii akka hin qabne ibsee ture. Deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan akkasiitiif kennu namoota dhaggeeffachuuf fedhii qabaniif ibsuun hojiifi mirga keenyadha. Hojii Waaqayyo nutti kenne kana ‘hafuura gubaadhaan’ raawwachuuf sababii gaʼaa qabna. (Rom. 12:11) Eebba Waaqayyo biraa argannutti fayyadamnee hinaaffaadhaan wangeela lallabuun keenya, warri kaan Yihowaa akka beekaniifi akka isa jaallatan gochuu dandaʼa.

FEDHII OFII AARSAA GOCHUUN YIHOWAADHAAF ULFINA ARGAMSIISA

7, 8. Fedhii ofii aarsaa gochuun Yihowaadhaaf kabaja kan argamsiisu akkamitti?

7 Muuxannoo Phaawulosirraa akka hubannutti, tajaajila keenyaa wajjin haala wal qabateen ‘hirriba dhabuus taʼe soomuuf’ ni dirqamna taʼa. (2 Qor. 6:5) Yaadni kun, fedhii ofii aarsaa gochuun maal akka taʼe kan ibsu taʼuusaarrayyuu, qajeelchitoota hojii ittiin of gargaaran hojjechaa jireenyasaanii keessatti tajaajilaaf dursa kennan kan nu yaadachiisudha. Misiyoonota keenya warra biyya alaa deemanii namootaaf ‘akka dhibaayyuutti of lolaasanis’ hubachuu dandeenya. (Filp. 2:17) Waaʼee jaarsolii gumii jabaatanii hojjetaniifi hoolota Yihowaa kunuunsuuf jecha yeroo itti nyaatan dabarsan ykn hirriba malee bulanoo maal jechuu dandeenya? Obboloonni maanguddoo taʼan akkasumas obboloonni dhibee fayyaa qabaniifi walgaʼiifi tajaajila dirreerratti hirmaachuuf hanga isaanii dandaʼame carraaqqii godhanis nu gidduu jiru. Tajaajiltoota Waaqayyoo warra fedhiisaanii aarsaa godhan kana hunda yommuu yaadannu garaan keenya dinqisiifannaadhaan guutama. Carraaqqiin nuti goonu kun, ilaalcha namoonni tajaajila keenyaaf qabanirratti dhiibbaa gochuu dandaʼa.

8 Biyya Yunaayitid Kiingidam, Liinkoliinshaayeritti namni Dhugaa Baatuu hin taaneefi barreeffama keenya dubbisu tokko xalayaa gaazexaa Boostan Taargeet jedhamuuf barreesserratti akkas jedheera: “Namoonni amanannaa amantiirratti qaban dhabaa jiru . . . Geggeessitoonni waldaa guyyaa guutuu maal hojjechaa oolu? Bakkee baʼanii akka Kiristos namoota hin haasofsiisan . . . Kana kan godhu amantii Dhugaa Baatota Yihowaa qofa yommuu taʼu, Dhugaa Baatonni Yihowaa dhaqanii namoota haasofsiisuudhaan garaadhaa waaʼee dhugaa lallabu.” Biyya lafaa ofittoo taʼe kana keessatti fedhii keenya aarsaa gochuun Yihowaadhaaf kabaja argamsiisuurratti gaʼee olaanaa qaba.—Rom. 12:1.

Hinaaffaadhaan tajaajilarratti hirmaachuun keenya namoota nu ilaalaniif dhugaa kan baʼudha

9. Tajaajila keenyarratti waan gaarii hojjechuu itti fufuuf kan nu kakaasu maalidha?

9 Haataʼu malee, hinaaffaan tajaajilaaf qabnu qabbanaaʼaa akka jiru yoo hubanne maal gochuu qabna? Wanta Yihowaan hojii lallabaatti fayyadamuudhaan raawwachaa jirurratti xiinxaluun keenya nu gargaaruu dandaʼa. (Roomaa 10:13-15 dubbisi.) Fayyinni amantiidhaan maqaa Yihowaa waamuurratti kan hundaaʼe taʼus, nuti isaaniif hin lallabnu taanaan namoonni kana gochuu hin dandaʼan. Kana hubachuun keenya, hojii gaariitiif hinaaffaa akka qabaannuufi misiraachoo Mootummichaa dhimminee akka labsinu nu kakaasuu qaba.

AMALLI GAARIIN NAMOONNI WAAQAYYOTTI AKKA DHIHAATAN GODHA

Amanamaafi dhimmitee kan hojjettu taʼuukee warri kaan ni hubatu

10. Amalli gaariin nuti argisiisnu namoonni Yihowaatti akka dhihaatan godha kan jennu maaliifi?

10 Namoonni Yihowaatti akka dhihaatan gochuuf tajaajilarratti hinaaffaa argisiisuun qofti gaʼaa miti. Namoonni Yihowaatti akka dhihaatan gochuuf wanti barbaachisaa taʼe garabiraan amala gaarii Kiristiyaanarraa eegamu argisiisuudha. Phaawulos, “Ergaan keenya maqaa gadhee akka hin arganneef nama tokko iyyuu matumaa hin gufachiifnu” jechuudhaan amalli gaariin barbaachisaa taʼuusaa ibseera. (2 Qor. 6:3) Dubbii namatti tolu dubbachuufi amala gaarii agarsiisuun, barumsa Waaqayyoo kan miidhagsu taʼuusaarrayyuu, waaqeffannaan Yihowaa namoota kaan akka harkisu godha. (Tit. 2:10) Yeroo baayʼee amala gaarii nuti argisiisneef namoonni garaa qajeelaa qaban yaada gaarii yommuu kennan ni dhageenya.

11. Amalli argisiisnu dhiibbaa inni geessisu ilaalchisee kadhannaadhaan irratti yaaduu kan qabnu maaliifi?

11 Akkuma gochi keenya inni gaariin namootarratti dhiibbaa gochuu dandaʼu, gochi gadheenis dhiibbaa isaanirratti gochuu dandaʼa. Kanaaf, bakka hojiitti, mana keenyatti ykn mana barumsaatti, tajaajila keenyaanis taʼe amala keenyaan wanti tajaajila keenyatti gufuu taʼu akka hin jiraanne gochuu barbaanna. Taʼe jennee cubbuu yoo raawwanne miidhaan nurra gaʼu baayʼee cimaadha. (Ibr. 10:26, 27) Yaadni kun wanti hojjechaa jirruufi akkaataan jireenyaa keenya namoota kaaniif ergaa akkamii akka dabarsu kadhannaadhaan irratti yaaduuf nu kakaasuu qaba. Amala gaarii argisiisuu ilaalchisee biyyi lafaa garmalee mancaʼaa yeroo deemu kanatti ‘garaagarummaa warra Waaqayyoof hojjetaniifi warra Waaqayyoof hin hojjenne gidduu jiru argaa jirra.’ (Mil. 3:18) Eeyyee, amala gaarii Kiristiyaanarraa eegamu argisiisuun keenya namoota Waaqayyoo wajjin araarsuurratti gaʼee guddaa qaba.

12-14. Qorumsa nurra gaʼu jala jabaannee dhaabachuun keenya, ilaalcha namoonni tajaajila keenyaaf qabanirratti dhiibbaa akkamii qaba? Fakkeenya  tokko  caqasi.

12 Phaawulos ergaa warra Qorontosiif barreesserratti gidiraan irra gaʼee, reebamee, akkasumas hidhamee akka ture caqaseera. (2 Qorontos 6:4, 5 dubbisi.) Yeroo qorumsi amantii nurra gaʼutti obsa argisiisuun keenya namoonni dhugaa akka fudhatan gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, waggoota muraasa dura biyya Angoolaatti namoonni tokko tokko Dhugaa Baatota Yihowaa naannoosaanii jiran balleessuuf yaalii godhanii turan. Dhugaa Baatonni cuuphaman lamaafi namoonni fedhii argisiisan 30⁠ni utuu walgaʼiirra jiranii namoonni isaan marsan. Jiraattonni naannichaa hedduun mormitoonni namoota balleessaa hin qabne sana hanga isaan dhiiganitti yeroo isaan reeban ilaalaa turan. Hammeenyi kun dubartootaafi ijoollee xixinnoorrattillee raawwatameera. Kana kan godhan eenyullee Dhugaa Baatota Yihowaa akka hin dhaggeeffanne warra kaan sossodaachisuuf ture. Haataʼu malee uummata duratti erga isaan reebamanii booda, jiraattonni naannichaa hedduun Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabaniiru. Yeroo sanaa kaasee, misiraachoo Mootummichaa labsuun kan itti fufe siʼa taʼu, namoonni hedduun gara dhugaatti dhufuu dandaʼaniiru; akkasumas obboloonni eebba argataniiru.

13 Fakkeenyi kun namoonni kaan seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu eeguuf ejjennoon nuyi qabnu warra kaanirratti dhiibbaa guddaa gochuu akka dandaʼu argisiisa. Ija jabina Phexrosiifi ergamoonni Yesus kaan argisiisaniin kan kaʼe namoonni hedduun Waaqayyotti araaramuu dandaʼaniiru. (HoE. 5:17-29) Nuyis, ijoolleen wajjin barannu, namoonni wajjin hojjennu ykn miseensonni maatii keenyaa wanta sirrii taʼe ilaalchisee tarkaanfii fudhannu yeroo argan deebii gaarii kennuu dandaʼu.

14 Yeroo harʼaa obboloota keenya tokko tokkorra ariʼatamni gaʼaa jira. Fakkeenyaaf, obboloonni keenya gara 40 taʼaniifi biyya Armeeniyaa jiraatan, dhimma siyaasaa keessa galuu waan didaniif kan hidhaman siʼa taʼu, fuuldurattis hedduunsaanii hidhamuu dandaʼu. Ertiraatti tajaajiltoonni Yihowaa 55 kan hidhaman yeroo taʼu isaan keessaa tokko tokko umriinsaanii waggaa 60 ol taʼa. Kooriyaa Kibbaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 700 taʼan sababii amantiisaaniitiif mana hidhaa galaniiru. Haalli kun waggaa 60f itti fufee ture. Amanamummaan obboloonni keenya biyyoota ariʼatamni isaanirra gaʼaa jiru addaddaa keessa jiraatan argisiisan, Waaqayyoof ulfina kan fiduufi namoonni qajeelummaa jaallatan tarkaanfii fudhachuudhaan waaqeffannaa dhugaa cina dhaabachuuf akka isaan gargaaru haa kadhannu.—Far. 76:8-10.

15. Amanamummaa argisiisuun namoonni dhugaa akka fudhatan kan godhu akkamitti akka taʼe ibsi.

15 Amanamummaadhaan jiraachuun keenyas namoota garaa qajeelaa qaban gara dhugaatti harkisuu dandaʼa. (2 Qorontos 6:4, 7 dubbisi.) Muuxannoo kana akka fakkeenyaatti haa ilaallu: Obboleettiin tokko otoobisii magaalaadhaan deemuuf jettee maashinii qarshiin itti kaffalamu keessa qarshii siʼa buuftu, dubartiin wal beekan tokko ‘karaa gabaabduu kanaaf jettee maaltu sitti dhufnaan kaffalta?’ jetteen. Obboleettiin kunis feermaataa tokkoofillee taanaan gatii tikeetii kaffaluun sirrii akka taʼe ibsiteef. Kana booda dubartiin sun otoobisii keessaa ni buute. Yeroo kanatti namichi otoobisicha oofu obboleettii kanatti garagalee, “Ati Dhugaa Baatuu Yihowaadhaa?” jedhee ishee gaafate. Obboleettiin kunis, “Eeyyee! Garuu maaliif na gaafatte?” jetteen. “Tikeetii atoobisii kaffaluu ilaalchisee wanta isin haasaʼaa turtan dhaggeeffachaan ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta hundumaarratti amanamoo akka taʼan nan beeka” jedheen. Jiʼoota muraasa booda namni tokko bakka walgaʼiitti obboleettii kanatti dhihaatee, “Na beektaa? Ani konkolaachisaa otoobisii qarshii tikeetii kaffaluu ilaalchisee yeroo tokko si wajjin haasaʼee turedha. Amalli ati agarsiiste Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf akkan murteessu na godhe” ittiin jedhe. Tajaajiltoota amanamummaadhaan jiraatan taʼuun keenya maqaa gaarii akka argannu godha.

YEROO HUNDUMAA AMALA WAAQAYYOOF ULFINA FIDU ARGISIISAA

16. Obsa qabaachuu, jaalalaafi gaarummaa argisiisuun garaa namootaa kan tuqu maaliifi? Fakkeenya  tokko  kenni.

16 Obsa qabaachuu, jaalalaafi gaarummaa argisiisuun keenyas namoonni Yihowaatti akka dhihaatan gochuu dandaʼa. Namoonni amala keenya hubatan tokko tokko waaʼee Yihowaa, kaayyoosaafi sabasaa baruuf fedhii qabaachuu dandaʼu. Ilaalchiifi amalli Kiristiyaanonni dhugaan qaban isa namoonni fakkeessuudhaan Waaqayyoon akka waaqeffatan argisiisanirraa baayʼee addadha. Geggeessitoonni amantii tokko tokko miseensotasaanii gowwoomsanii qarshii walitti qabuudhaan mana gatii miyaaʼaa ijaarratu ykn konkolaataa bitatu; keessumaa tokkommoo sareesaatiif mana hammayyaa meeshaa hoʼa diilalleessu qabu ijaareera. Namoonni duuka buutota Kiristos taʼan hedduun ‘utuu gatii itti hin baasin kennuuf’ fedhii akka hin qabne beekamaadha. (Mat. 10:8) Kanaa mannaa, akkuma luboota Israaʼel warra jalʼoo taʼan durii ‘gabbarsuu fudhatanii firdii kennu’ akkasumas wanti isaan barsiisan hedduun Caaffata Qulqullaaʼoorratti kan hundaaʼe miti. (Mik. 3:11) Fakkeessaan akkasii matumaa namoonni gara Waaqayyootti akka dhihaatan hin godhu.

17, 18. (a) Jireenya keenya keessatti amalawwan Yihowaa calaqqisuun keenya ulfina kan isaaf fidu akkamitti? (b) Hojii gaarii hojjechuu keenya itti fufuuf kan nu kakaasu maalidha?

17 Karaa garabiraammoo, barumsa Kiristiyaanaa sirrii taʼeefi wanta gaarii warra kaaniif godhamuun garaan namootaa tuqameera. Fakkeenyaaf, yeroo tokko qajeelchaan tokko manaa gara manaatti utuu tajaajiluu maanguddoon abbaan manaa irraa duʼe tokko akkuma inni isaan haasofsiisuu jalqabeen fedhii akka hin qabne itti himan. Maanguddoon kun yommuu qajeelchaan kun balbala rurrukutetti kutaa nyaata itti bulcheessan keessa masalaalii yaabbatanii ampoolii jijjiiraa akka turan dubbataniiru. Obboleessi kunis, “Kophaa keessan kana hojjechuun nageenya keessaniif gaarii miti” isaaniin jechuudhaan ampoolii sana jijjiireefii sokke. Ilmi maanguddoo kanaa wanta kana erga dhagaʼee booda baayʼee waan isa tuqeef obboleessa kana galateeffachuuf isa barbaaduutti kaʼe. Yeroo boodas gurbaan kun qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabeera.

18 Hojii gaarii hojjechuu keenya itti fufuuf kan murteessine maaliifi? Tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuufi fedha Yihowaa wajjin haala walsimuun deddeebiʼuun keenya Yihowaadhaaf ulfina akka fiduufi namoonni kaan fayyina akka argatan akka gargaaru beekna. (1 Qorontos 10:31-33 dubbisi.) Hinaaffaadhaan misiraachicha kan labsinu, akkasumas karaa Waaqayyoon gammachiisuun kan jiraannu, Waaqayyoofi namootaaf jaalala guddaa waan qabnuufidha. (Mat. 22:37-39) Hojii gaariidhaaf hinaaffaa qabaachuun keenya yeroo ammaa gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. Hunda caalaammoo, yeroo itti ilmaan namootaa hundi waaqeffannaa dhugaadhaaf akka hinaafan argisiisuudhaan Yihowaa isa Uumaa taʼeef ulfina fidan abdiidhaan eegganna.