Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warriifi Ijoolleen Maree Jaalalarratti Hundaaʼe Godhaa

Warriifi Ijoolleen Maree Jaalalarratti Hundaaʼe Godhaa

“Namni adduma addaan dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa, taʼuun akka isa irra jiru beekaa!”—YAQ. 1:19.

1, 2. Dimshaashumatti warriifi ijoolleen ilaalcha akkamii waliif qabu? Yeroo tokko tokko rakkina akkamiitu isaan mudata?

“WARRIKEE bor akka duʼan utuu beektee, harʼa hunda caalaa maal isaanitti himuu barbaadda?” Gaaffiin kun ijoollee Yunaayitid Isteetis keessa jiraataniifi dhibbaan lakkaaʼamaniif dhihaatee ture. Rakkina isaan mudatuufi garaagarummaa gidduusaanii jirurratti xiyyeeffachuu mannaa, ijoolleen gara parsantii 95 taʼan, “dhiifama naa godhaa” akkasumas “Baayʼeen isin jaalladha” isaaniin jechuu akka barbaadan dubbataniiru.—Kitaaba Foor Paarantis Oonlii jedhamuufi Shuwaantii Fiildahaaniifi Liisaa Raayis barreessan.

2 Dimshaashumatti ijoolleen warrasaanii, warris ijoolleesaanii ni jaallatu. Keessumaa maatii Kiristiyaanaa keessatti kun dhugaa taʼuunsaa ni mulʼata. Warriifi ijoolleen walitti dhihaachuu kan hawwan taʼanis, yeroo tokko tokko walii galuun isaan rakkisa. Ifatti waliin haasaʼuu utuu dandaʼanii, dhimma tokko tokko kaasanii irratti mariʼachuurraa kan of qusatan maaliifi? Wantoonni walii galteen akka hin jiraanne godhan tokko tokko maalfaʼi? Rakkoowwan kana moʼuun kan dandaʼamuhoo akkamitti?

Wantoonni yaada namaa hihhiraniifi namarraa adda of baasuun maatii keessanii wajjin haasaʼuu akka isin dhowwu hin heyyaminaa

MAREEDHAAF YEROO RAMADAA

3. (a) Akka gaariitti walii galuun maatiiwwan hedduu kan rakkisu maaliifi? (b) Israaʼel durii keessatti maatiidhaan yeroo waliin dabarsuun rakkisaa kan hin turre maaliifi?

3 Maatiiwwan hedduun akka gaariitti waliin haasaʼuuf yeroo gaʼaa argachuun isaan rakkisa. Haataʼu malee Israaʼel durii keessatti haallisaa akkas hin turre. Museen, “[Dubbii Waaqayyoo] keessa deddeebi’ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waaʼee isaa dubbadhu!” jechuudhaan Israaʼeloota abbootii taʼan gorseera. (Kes. 6:6, 7) Ijoolleen guyyaa guyyaa haadhasaanii wajjin mana oolu ykn abbaasaanii wajjin maasii keessa ykn bakka inni hojjetu oolu. Kanaaf, ijoolleefi warri waliin taʼuufi waliin haasaʼuuf yeroo balʼaa qabu. Kanaan kan kaʼes, warri wanta ijoolleesaanii barbaachisu, akkasumas fedhiifi amalasaanii beekuu dandaʼu turan. Haaluma wal fakkaatuun, ijoolleenis warrasaanii akka gaariitti beekuuf yeroofi carraa hedduu qabu turan.

4. Yeroo harʼaa maatii hedduu keessatti waliin haasaʼuun rakkisaa kan taʼe maaliifi?

4 Haataʼu malee, jireenyi yeroo harʼaa isa duriirraa addadha. Biyyoota tokko tokkotti ijoolleen xinnummaasaaniitti ykn umrii waggaa lamaatti oolmaa daaʼimmanii galu. Abbootiifi haadhotii hedduun manasaaniirraa fagaatanii hojjetu. Yommuu manatti galanimmoo, kompiitarri, televijiiniifi meeshaaleen elektirooniksii garabiraan akka isaan waliin hin haasofne godhu. Yeroo baayʼee, ijoolleefi warri jireenya addaddaa kan jiraatan taʼuusaarrayyuu, guutummaatti wal hin beekan jechuun ni dandaʼama. Akka gaariitti waliin haasaʼuun guutummaatti badaa waan jiru fakkaata.

5, 6. Warri tokko tokko ijoolleesaanii xixinnoo taʼanii wajjin taʼuuf yeroo dabalataa kan argatan akkamitti?

5 Maatii keessanii wajjin yeroo dabalataa dabarsuuf wantoota gara biraarraa ‘yeroo’ hirʼisuu ni dandeessuu? (Efesoon 5:15, 16 dubbisi.) Maatiiwwan tokko tokko yeroo televijiinii itti ilaalan ykn kompiitaratti fayyadaman daangessuuf walii galaniiru. Kaanimmoo yoo xinnaate guyyaatti al tokko waliin nyaachuuf carraaqqii godhu. Qophiin waaqeffannaa maatii, warriifi ijoolleen walitti dhihaachuufi tasgabbiidhaan dhimmoota hafuuraarratti mariʼachuuf carraa gaarii isaanii argamsiisa. Torbanitti saʼaatii tokko ykn isaa ol dhimma kanaaf ramaduun jalqabbii gaarii taʼuu dandaʼus, garaadhaa waliin haasaʼuuf kana gochuu qofti gaʼaa miti. Yeroo hundaa waliin haasaʼuun barbaachisaadha. Ijoolleen keessan mana barumsaa deemuusaanii dura, wanta nama jajjabeessu tokko isaanitti dubbadhaa, caqasa guyyaa guyyaa waliin mariʼadhaa ykn waliin kadhadhaa. Kana gochuun oolmaasaaniirratti jijjiirama guddaa fiduu dandaʼa.

6 Warri tokko tokko ijoolleesaanii xixinnoo taʼanii wajjin yeroo dabalataa dabarsuuf akkaataa jireenyaasaaniirratti jijjiirama godhaniiru. Fakkeenyaaf haadha ijoollee lamaa kana taate Laawuraan, * akkas gochuuf jettee hojii guyyaa guutuu hojjechuu dhiisteetti. Akkas jetteetti: “Ganama ganama hundi keenya hojii ykn mana barumsaa dhaquuf ariifanna. Galgala yommuun manatti galummoo, guddistuun waan isaan raffistuuf, ijoolleenkoo rafanii na eegu. Hojii dhaabuunkoo qarshii xinnoodhaan akka jiraannu kan nu godhu taʼus, amma maal akka yaadaniifi rakkina akkamii akka qaban hubachuu akkan dandaʼe natti dhagaʼama. Maal jedhanii akka kadhatan dhaggeeffachuudhaan qajeelfama isaanii kennuu, akkasumas isaan jajjabeessuufi barsiisuu nan dandaʼa.”

‘DHAGAʼUUTTI KAN ARIIFATTAN’ TAʼAA

7. Warris taʼan ijoolleen komii akkamii dhiheessu?

7 Namoonni kitaaba Foor Paarantis Oonlii jedhamu barreessaniifi olitti caqasaman dargaggoota hedduuf gaafannoo erga godhanii booda wanta waliin haasaʼuuf gufuu taʼu gara biraa caqasaniiru. “Komii guddaan ijoolleen warrasaaniirratti dhiheessan tokko, ‘Nama hin dhaggeeffatan’ kan jedhudha” jedhaniiru. Rakkinni kun warra qofa kan ilaallatu miti. Warris ijoolleesaanii ilaalchisee yeroo baayʼee komii akkasii dhiheessu. Akka gaariitti walii galuuf miseensonni maatii garaadhaa wal dhaggeeffachuu qabu.—Yaaqoob 1:19 dubbisi.

8. Warri ijoolleesaanii garaadhaa dhaggeeffachuu kan dandaʼan akkamitti?

8 Warra kan taatan garaadhaa ijoollee keessan ni dhaggeeffattuu? Yeroo dadhabdan ykn yeroo dhimmi sun hamma tokko salphaa fakkaatutti isaan dhaggeeffachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Taʼus, wanti isin akka salphaatti ilaaltan, ijoollee keessaniif baayʼee barbaachisaa taʼuu dandaʼa. “Dhagaʼuutti ariifataa” taʼuun wanta ijoolleen keessan dubbataniif qofa utuu hin taʼin, akkaataa isaan itti dubbataniifis xiyyeefannaa kennuu kan dabalatudha. Sagaleefi sochiin qaamaa ijoolleen keessan argisiisan miira isaanitti dhagaʼamu ibsa. Gaaffii gaafachuunis barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun, “Akeeki garaa namaa akka bishaan gadi fagooti, nama hubataa duwwaatu isa keessaa waraabbata” jedha. (Fak. 20:5) Keessumaa ijoolleen keessan dhimma of eeggannoo barbaadu tokko akka dubbatan yommuu gootan hubannaa qabaachuun keessan barbaachisaadha.

9. Ijoolleen warrasaanii dhaggeeffachuu kan qaban maaliifi?

9 Ijoollee kan taatan warra keessaniif ni abboomamtuu? Dubbiin Waaqayyoo, “Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaga’i, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin” jedha. (Fak. 1:8) Warri keessan waan isin jaallataniifi garaadhaa waan isinii yaadaniif, isaan dhaggeeffachuufi isaaniif abboomamuun keessan ogummaa akka taʼe yaadadhaa. (Efe. 6:1) Akka gaariitti kan walii galtaniifi akka jaallatamtan kan beektan taanaan abboomamuun isinii salphata. Dhimmoota tokko tokkoof ilaalcha akkamii akka qabdan warra keessanitti himaa. Kana gochuun keessan, warri keessan akka isin hubatan godha. Isinis isaan hubachuu akka qabdan beekamaadha.

10. Seenaa Macaafa Qulqulluu waaʼee Rehobiʼaam dubbaturraa maal baranna?

10 Gorsa hiriyoonni keessan isinii kennan dhaggeeffachuu wajjin haala wal qabateen of eeggannoo gochuun keessan barbaachisaadha. Wanta isin dhagaʼuu barbaaddan isinitti himuu kan dandaʼan taʼus, gorsisaanii matumaa isin fayyaduu dhiisuu dandaʼa. Isin miidhuullee ni dandaʼa. Dargaggoonni hedduun akka namoota gaʼeessa taʼanii ogummaafi muuxannoo waan hin qabneef, dhimma tokko fageessanii ilaaluufi wanta gochisaanii geessisu hubachuu hin dandaʼan taʼa. Ilma Solomoon Mootichaa kan taʼe Rehobiʼaamiin yaadadhaa. Mootii Israaʼel yommuu taʼe, gorsa maanguddoonni isaa kennan hordofuunsaa baayʼee gaarii ture. Inni garuu gorsa dogoggoraa hiriyoonnisaa wajjin guddatan isaa kennan hordofe. Kanaan kan kaʼes, namoonni mootummaasaa jalatti bulan hedduun utuu isa hin deggerin hafan. (1 Mot. 12:1-17) Fakkeenya Rehobiʼaam isa dogoggoraa hordofuu mannaa, warra keessanii wajjin akka gaariitti walii galuuf carraaqqii cimaa godhaa. Yaada keessan isaaniif ibsaa. Gorsasaanii fudhadhaa; ogummaa isaan qabanirraas baradhaa.—Fak. 13:20.

11. Warri kan itti hin dhihaatamne yoo taʼan maaltu uumama?

11 Warra kan taatan, ijoolleen keessan hiriyootasaanii gorsa akka hin gaafanne yoo barbaaddan, kan itti dhihaatamtaniifi isinitti dubbachuun kan isaan hin rakkisne taʼaa. Obboleettiin shamarree taate tokko, “Yommuun maqaa dargaggeessa tokkoo caqasu, warrikoo ni rifatu. Kunis akkan dhiphadhuufi isaanitti dubbachuurraa akkan of qusadhu na godha” jetteetti. Obboleettii shamarreen gara biraanis akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Ijoollee hedduun gorsa warrasaanii barbaadu, warrisaanii xiyyeeffannaadhaan isaan hin dhaggeeffatan taanaan garuu, nama muuxannoo hin qabne birallee dhaquu dandaʼu.” Wanta ijoolleen keessan dubbatan hunda gaarummaadhaan kan dhaggeeffattan taanaan, waan isaanitti dhagaʼamu isinitti dubbachuufi qajeelfama keessan fudhachuunsaanii hin oolu.

‘DUBBACHUUTTI SUUTA KAN JETTAN’ TAʼAA

12. Akkaataan itti warri deebii kennan ijoolleesaanii wajjin akka walii hin galle gochuu kan dandaʼu akkamitti?

12 Warri wanta ijoolleensaanii dubbataniif aariidhaan deebii kan isaanii kennan ykn deebii gadhee kan kennan taanaan akka gaariitti walii galuun isaan rakkisuu dandaʼa. Warri Kiristiyaana taʼan ijoolleesaanii eeguu akka barbaadan beekamaadha. ‘Guyyoonni gara dhumaa’ kun balaa hafuuraafi kan biraatiin kan guutamanidha. (2 Xim. 3:1-5) Taʼus, wanti warri akka eegumsaatti ilaalan ijoolleesaaniitti kan hin barbaachisne fakkaachuu dandaʼa.

13. Warri dubbiitti ariifachuurraa of eeggachuu kan qaban maaliifi?

13 Warri dubbiitti ariifachuurraa of eeggachuunsaanii barbaachisaadha. Ijoolleen keessan waan hin taane yommuu dubbatan cal jechuun yeroo hundaa salphaa akka hin taane beekamaadha. Taʼus, deebii kennuu dura xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun barbaachisaadha. Solomoon Mootichi inni ogeessa taʼe, “Namni dubbii utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mulʼisa” jechuudhaan barreesseera. (Fak. 18:13) Yoo obsaan dhaggeeffattan, ijoolleen keessan dubbachuusaanii waan itti fufaniif waan hedduu dhagaʼuu dandeessu. Isaan gargaaruu keessan dura waaʼee dhimma sanaa guutummaatti beekuu isin barbaachisa. Ijoolleen ‘aariidhaan akka dubbatan’ wanti isaan godhe jiraachuu dandaʼa. (Iyo. 6:1-3) Warra waan taataniif ogeessa taʼuudhaan gurra keessan hubannaa argachuuf, arraba keessanimmoo fayyisuuf itti fayyadamaa.

14. Ijoolleen dubbachuutti suuta kan jedhan taʼuu kan qaban maaliifi?

14 Ijoollee kan taatanis warri keessan isin leenjisuuf itti gaafatamummaa waan qabaniif, wanta isaan dubbatan mormuutti ariifachuu mannaa, dubbachuutti suuta kan jettan taʼuun keessan gaariidha. (Fak. 22:6) Haalli yeroo ammaa isin mudachaa jiru ijoollummaasaaniitti warra keessan mudateera taʼa. Kana malees, dogoggora yeroo ijoollee turan raawwatanitti waan gaabbaniif, isinis dogoggora akkasii akka hin raawwanne isin eeguu barbaadu. Kanaaf, akka diinaatti utuu hin taʼin, akka isin deggeranitti, akka isin mormanitti utuu hin taʼin akka isin gorsanitti isaan ilaalaa. (Fakkeenya 1:5 dubbisi.) ‘Abbaa keessaniifi haadha keessaniif ulfina kennaa,’ akka isaan jaallattanis argisiisaa. Kana gochuun keessan ‘adabaafi barsiisa gooftaatiin’ isin guddisuun akka isaanii salphatu godha.—Efe. 6:2, 4.

‘DHEEKKAMUUTTI SUUTA KAN JETTAN’ TAʼAA

15. Obsa qabaachuufi namoota jaallannutti aaruurraa fagaachuuf kan nu gargaaru maalidha?

15 Nama jaallannu tokkotti yeroo hundaa obsa akka hin argisiisne beekamaadha. Phaawulos, “Obboloota Kristositti amananii Waaqayyoof qulqullaaʼanii mandara Qolosaayis jiraataniif,” “Abbaan manaa, haadha manaa kee jaalladhu, ittis hin hammaatin! Isin immoo abboota nana! Yaadni isaanii akka hin badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa!” jechuudhaan barreesseera. (Qol. 1:1, 2; 3:19, 21) Phaawulos, “Hadhaaʼummaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun . . . isin irraa haa fagaatu!” jechuudhaan Kiristiyaanota Efesoon jiran gorseera. (Efe. 4:31) Akaakuu ija hojii hafuuraa kan akka obsaa, garraamummaafi of dhowwuu horachuun keenya haala nama dhiphisu keessattillee tasgabbaaʼuuf nu gargaara.—Gal. 5:22, 23.

16. Yesus bartootasaa kan sirreesse akkamitti ture? Kun baayʼee kan nama dinqisiisu maaliifi?

16 Mee fakkeenya Yesus haa ilaallu. Yeroo dhumaatiif ergamootasaa wajjin irbaata yommuu nyaachaa turetti baayʼee dhiphatee ture. Yesus saʼaatii muraasa booda, haala dhiphisaa taʼeen akka ajjeefamu beeka ture. Maqaan Abbaasaa qulqulluu taʼee akka eegamu gochuufi ilmaan namootaa fayyina argachuunsaanii amanamummaa inni argisiisurratti kan hundaaʼedha. Haataʼu malee, utuma irbaata sanarra jiranii, “nu keessaa eenyutu caala jechuu irraa kan kaʼe, ergamoota isaa gidduutti morkiin kaʼee ture.” Yesus garuu isaanitti hin iyyine ykn isaanitti hin aarre. Kanaa mannaa, tasgabbiidhaan isaanii ibse. Haala rakkisaa taʼe keessatti isa cina dhaabatanii akka turan isaan yaadachiise. Seexanni akka qamadii isaan gingilchuuf kan kadhate taʼus, Yesus qorumsa keessatti amanamoo akka taʼan amanannaa isaanirratti qabu ibseera. Kana malees isaanii wajjin kakuu galeera.—Luq. 22:24-32.

Ijoollee keessan xiyyeeffannaadhaan ni dhaggeeffattuu?

17. Ijoolleen akka tasgabbaaʼan kan isaan gargaaru maalidha?

17 Ijoolleenis tasgabbaaʼuunsaanii barbaachisaadha. Keessumaa umrii waggoota kurnaniirra yommuu gaʼan, warrisaanii qajeelfama kan isaanii kennan waan isaan hin amanneef akka taʼe isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko akkas yoo isinitti dhagaʼame, warri keessan yaaddaʼuunsaanii jaalala isiniif qaban kan argisiisu taʼuusaa hubadhaa. Tasgabbiidhaan kan isaan dhaggeeffattaniifi waan isaan jedhan kan fudhattan taanaan, isin kabaju, akkasumas amanamoo akka taatanitti isin ilaalu. Amala akkasii qabaachuun keessan warri keessan mirga dabalataa akka isinii kennan gochuu dandaʼa. Of qabuun ogummaadha. Fakkeenyi ogummaarratti hundaaʼe tokko, “Namni gowwaan, yaada aarii garaa isaatii hundumaa in dubbata, namni ogeessi garuu in obsa, of qabaas in dubbata” jedha.—Fak. 29:11.

18. Jaalalli walii galteen akka jiraatu kan godhu akkamitti?

18 Kanaaf, warriifi ijoolleen maatii keessan keessatti akka gaariitti walii galuun rakkisaa yoo taʼe abdii hin kutatinaa. Haala jiru fooyyessuuf carraaqqii godhaa, karaa dhugaarra deddeebiʼuu keessanis itti fufaa. (3 Yoh. 4) Addunyaa haaraa keessatti namoonni cubbuurraa walaba taʼan, karaa dogoggora taʼeen utuu wal hin hubatin, akkasumas utuu wal hin falmin walii galuu dandaʼu. Yeroo ammaa garuu hundi keenya wanta yeroo booda itti gaabbinu ni raawwanna. Kanaaf dhiifama gaafachuurraa dubbatti hin jedhinaa. Garaadhaa dhiifama waliif godhaa. ‘Jaalalaan walitti hidhamaa.’ (Qol. 2:2) Jaalalli humna qaba. ‘Jaalalli dandaʼaadha, gaarummaas in argisiisa. Hin dallanu, waan hamaas namarratti hin lakkaaʼu. Jaalalli karaa tokkollee nama hin lafafu, hundumaa amana, hundumaa abdata, hundumaa obsa.’ (1 Qor. 13:4-7) Akka gaariitti walii galuu keessan itti fufuufi maatii keessaniif gammachuu, Yihowaadhaafis ulfina fiduu akka dandeessanitti jaalala horachuu keessan itti fufaa.

^ key. 6 Maqaanshee jijjiirameera.