Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Filannaa Sirrii Gochuudhaan Dhaala Keessan Eeggadhaa

Filannaa Sirrii Gochuudhaan Dhaala Keessan Eeggadhaa

“Waan hamaa jibbaa, wanta gaarii taʼetti qabamaa jiraadhaa!”—ROM. 12:9.

1, 2. (a) Waaqayyoon tajaajiluuf murtoo kan goote akkamitti? (b) Dhaala hafuuraa keenya ilaalchisee gaaffiiwwan kamfaa gaafachuu dandeenya?

NAMOONNI miliyoonaan lakkaaʼaman Yihowaa tajaajiluufi fakkeenya Yesus Kiristos akka gaariitti hordofuuf murtoo ogummaarratti hundaaʼe godhaniiru. (Mat. 16:24; 1 Phe. 2:21) Waaqayyoof of murteessuu keenya akka laayyootti hin ilaallu. Filannaa kan goone caqasa tokko tokko beekuu qofaan utuu hin taʼin, Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan qayyabachuudhaan ture. Kanaan kan kaʼes, dhaala Yihowaan namoota ‘waaʼeesaafi waaʼee Yesus Kiristos isa inni ergee barataniif’ qopheesse ilaalchisee barumsa amantii namaa cimsu hedduu arganneerra.’—Yoh. 17:3; Rom. 12:2.

2 Akka Kiristiyaana tokkootti ejjennoo keenya eegnee jiraachuuf, filannaa Abbaa keenya isa samii gammachiisu gochuu qabna. Kanaaf, matadureen kun gaaffiiwwan armaan gadii barbaachisaa taʼanirratti xiyyeeffata. Dhaalli keenya maalidha? Dhaala kana akkamitti ilaaluu qabna? Dhaala keenya akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Filannaa ogummaarratti hundaaʼe gochuuf kan nu gargaaru maalidha?

DHAALLI KEENYA MAALIDHA?

3. (a) Kiristiyaanonni dibamoon (b) ‘hoolonni kan biraan’ dhaala akkamii argachuuf abdatu?

3 Kiristiyaanonni lakkoofsisaanii muraasa taʼe, dhaala ‘hin badne, xurii hin qabneefi gad deebiʼaa hin adeemne’ argatanii Kiristosii wajjin samiirratti bulchuuf abdatu. (1 Phe. 1:3, 4) Namoonni kun dhaala kana argachuuf lammata ‘dhalachuu’ qabu. (Yoh. 3:1-3) ‘Hoolonni kan biraan’ miliyoonaan lakkaaʼamaniifi dibamtootaa wajjin misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsanoo dhaala akkamii argatu? (Yoh. 10:16) Hoolonni kan biraan dhaala Addaamiifi Hewwaan dhaban, jechuunis lafa jannata taatuufi dhiphinni, duuni ykn gaddi keessa hin jirre keessatti jireenya barabaraa argatu. (Mul. 21:1-4) Yesus yakkamaa isaa wajjin fannifameef, “Dhuguman sitti hima, har’a anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jechuudhaan abdii kan kenne kanaaf ture.—Luq. 23:43.

4. Eebbaa akkamii argachaa jirra?

4 Yeroo ammaallee dhaala keenya keessaa tokko tokko argachaa jirra. ‘Furii Yesus Kristos isa tola nuuf kennametti’ waan amannuuf, nagaa guddaa arganneerra, Waaqayyoo wajjinis hariiroo gaarii qabna. (Rom. 3:23-25) Abdii Macaafa Qulqulluu keessa jiru ilaalchisee hubannaa sirrii taʼe qabna. Kana malees, kutaa obbolummaa addunyaa maraa taʼuun keenya gammachuu guddaa nuu argamsiisa. Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuun keenyas mirga guddaadha. Kanaaf, dhaala keenyaaf iddoo guddaa kennuun keenya barbaachisaadha.

5. Seexanni saba Waaqayyoo maal gochuuf yaala? Haxxummaa Seexanaatiin mormuuf kan nu gargaaru maalidha?

5 Haataʼu malee, dhaala keenya isa dinqisiisaa taʼe eegnee jiraachuuf, dammaqoo taʼuudhaan mala Seexanaa hubachuu qabna. Seexanni yeroo hunda sabni Waaqayyoo filannaa dhaalasaanii isaan dhabsiisuu dandaʼu akka godhan dhiibbaa isaanirratti godha. (Lak. 25:1-3, 9) Badiisnisaa akka gaʼe waan beekuuf, carraaqqii nu dogoggorsuuf godhu cimsee itti fufeera. (Mulʼata 12:12, 17 dubbisi.) “Haxxummaa Seexanaatiin mormuu” keenya itti fufuu barbaannaan, dhaala keenyaaf iddoo guddaa kennuu keenya itti fufuu qabna. (Efe. 6:11) Gama kanaan akeekkachiisa ilma Yisihaq isa angafaarraa argannu qalbeeffachuun keenya barumsa nuu taʼa.

AKKA ESAAWU HIN TAʼINAA

6, 7. Esaawu nama akkamii ture? Dhaala akkamii argachuuf abdii qaba ture?

6 Yisihaqiifi Ribqaan, Esaawuufi lakkuusaa Yaaqoobiin kan godhatan gara waggaa 4,000 dura ture. Ijoolleen lakkuun kun yommuu guddaachaa adeeman amalaanis taʼe hojii hojjetaniin garaagara taʼan. “Esaawuun nama akka itti adamsu beeku, nama bakkee oolu taʼe”; “Yaaqoob garuu nama amal-toleessa qeʼee keessa oolu ture.” (Uma. 25:27) Namni Macaafa Qulqulluu hiikuufi Roobarti Altar jedhamu, jechi afaan Ibrootaa “amal-toleessa” jedhamee hiikame “amanamaa” ykn “qulqulluu” jechuu akka taʼe dubbateera.

7 Esaawuufi Yaaqoob waggaa 15 yommuu taʼan, akaakayyuunsaanii Abrahaam kan duʼe taʼus, abdiin Yihowaan Abrahaamiif kenne garuu itti fufeera. Booda Yihowaan abdii kana Yisihaqiif irraa deebiʼuudhaan sabni biyya lafaa hundinuu sanyii Abrahaamiin akka eebbifaman dubbateera. (Uumama 26:3-5 dubbisi.) Abdiin kun ‘sanyichi’ Uumama 3:15⁠rratti caqasame jechuunis, Masiihichi karaa sanyii Abrahaam akka dhufu kan argisiisu ture. Esaawu ilma Yisihaq isa angafaa waan taʼeef, abdii kana argachuuf mirga qaba ture. Dhaala guddaatu isa eeggata ture! Haataʼu malee dhaala kana dinqisiifateeraa laata?

Dhaala hafuraa keessan balaadhaaf hin saaxilinaa

8, 9. (a) Esaawu dhaalasaa ilaalchisee filannaa akkamii godhe? (b) Waggoota hedduu booda, filannaa godhe ilaalchisee Esaawu maal hubate? Sana boodahoo maal godhe?

8 Guyyaa tokko Esaawu bakkeedhaa dhufee, Yaaqoob utuu “ittoo” qopheessuu arge. Esaawu, “Amma uruuriin na dhaʼeraa, nyaata diimaa sana akkan nyaadhuuf anaaf kenni!” isaan jedhe. Yaaqoobis deebisee, “Ati dura angafummaa kee anatti gurguri kaa!” jedheen. Esaawu filannaa akkamii godhe? “Angafummaan kun maal anaaf godha ree?” jechuudhaan deebiseef. Eeyyee, Esaawu angafummaasaa caalaa ittoo waciitii tokko filate. Yaaqoob mirgi angafummaa inni bitate kun seeraan fudhatama akka argatu gochuuf, “Dura anaaf kakadhu!” isaan jedhe. Esaawu mamii tokko malee mirga angafummaasaa dabarsee kenne. Sana booda, “Yaaqoob buddeenaa fi ittoo misiraa sana Esaawuuf in kenne; innis nyaatee, dhugee, kaʼees karaa isaa irra in bu’e; Esaawuun akkasitti angafummaa isaa in tuffate.”—Uma. 25:29-34.

9 Waggoota hedduu booda yommuu Yisihaq duʼuu jala gaʼetti, Ribqaan, mirga angafummaa Esaawu tuffate Yaaqoob fudhachuusaa mirkaneessuuf qophii goote. Esaawu gowwummaadhaan filannaa hin taane akka godhe yommuu hubate, “Anas immoo eebbisi malee, yaa abbaa ko! . . . Ati eebba tokko illee anaaf hin hambifnee?” jedhee Yisihaqiin kadhate. Yisihaq eebba Yaaqoobiif kenne jijjiiruu akka hin dandeenye yommuu dubbatu, ‘Esaawu sagalee isaa ol fudhee booʼe.’—Uma. 27:30-38.

10. Yihowaan Esaawuufi Yaaqoobiif ilaalcha akkamii qaba ture? Maaliif?

10 Amala Esaawu ilaalchisee Macaafa Qulqulluu keessatti balʼinaan kan ibsame maalidha? Eebba guddaa dhaallisaa gara fuulduraatti isaaf argamsiisu caalaa, fedhii foonsaa guuttachuu akka barbaadu argisiiseera. Esaawu mirga angafummaasaa akka hin dinqisiifanneefi Waaqayyoof jaalala dhugaa akka hin qabne haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Esaawu miidhaa gochisaa sanyiisaarra geessisuuf dantaa akka hin qabnes argisiiseera. Faallaa kanaatiin, Yaaqoob dhaalasaatiif dinqisiifannaa guddaa qaba ture. Fakkeenyaaf, Yaaqoob haadha manaa filachuurratti abboommii warrisaa isaa kennan hordofeera. (Uma. 27:46–28:3) Filannaan kun obsaafi aarsaa kaffaluu kan isa gaafate taʼus, kan gochuusaatiin akaakilii Masiihichaa taʼuu dandaʼeera. Waaqayyo Esaawuufi Yaaqoobiif ilaalcha akkamii qaba ture? Yihowaan karaa Miilkiyaas raajichaa, “Yaqoobin nan jaalladhe, Esaawuu garuu nan jibbe” jedheera.—Mal. 1:2, 3.

11. (a) Fakkeenyi Esaawu Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniif barumsa kan taʼu akkamitti? (b) Phaawulos, ejja gocha Esaawuu wajjin kan wal qabsiise maaliifi?

11 Wanti Macaafni Qulqulluun Esaawuun ilaalchisee dubbatu, Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniif barumsa dabarsu qabaa? Eeyyee. Phaawulos, “Namni tokko illee akka Esaawuu isa angafummaa isaa nyaata tokkittiitti gurguree, nama halalummaatti jiraatu yookiis nama wanta qulqullaaʼaadhaan mormu hin taʼin!” jechuudhaan namoota hidhata amantiisaa taʼan akeekkachiiseera. (Ibr. 12:16) Akeekkachiisni kun Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniifis ni hojjeta. Fedhii foonii keenyaan moʼamnee dhaalaa hafuuraa keenya akka hin dhabneef, dinqisiifannaa wantoota qulqulluu taʼaniif qabnu eegnee jiraachuu qabna. Haataʼu malee Phaawulos, ejja, gocha Esaawuu wajjin kan wal qabsiise maaliifi? Namni tokko amala akka Esaawu qabaachuunsaa, gammachuu ejjaa raawwachuudhaan yeroo muraasaaf argamuuf jedhee wantoota qulqulluu taʼan akka dhiisu waan isa godhuufidha.

DURSAA GARAA KEESSAN QOPHEESSAA

12. (a) Seexanni qorumsa akkamiitti fayyadamee nu kuffisuuf yaala? (b) Filannaa cimaa gochuun yommuu nu barbaachisutti fakkeenyota Macaafa Qulqulluu nu gargaaruu dandaʼan caqasi.

12 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, haala ejja raawwachuuf akka qoramnu nu godhu keessa galuu akka hin barbaanne beekamaadha. Kanaa mannaa, namni tokko abboommii Yihowaa akka cabsinu yommuu nu qoru, qorumsichaaf akka hin moʼamneef gargaarsa akka nuu godhu isa kadhanna. (Mat. 6:13) Taʼus, biyya lafaa mancaʼe kana keessatti amanamoo taanee jiraachuuf yommuu carraaqnu, Seexanni karaa hafuuraa nu laaffisuuf yaalii walirraa hin cinne godha. (Efe. 6:12) Seexanni waaqa sirna hamaa kanaa waan taʼeef, qorumsa namoota cubbuu dhaalan kuffisuu dandaʼutti fayyadamuudhaan akkamitti cubbuu nu raawwachiisuu akka dandaʼu beeka. (1 Qor. 10:8, 13) Fakkeenyaaf, afeerraan karaa dogoggora taʼeen fedhii keenya akka guuttannu nu taasisu nuu dhihaate haa jennu. Yeroo akkasiitti filannaa akkamii goona? Akka Esaawu, ‘Dafii naa kenni’ jennaa? Moo akka Yoseef ilmi Yaaqoob yommuu haati manaa Phoxiifaar isa qorte godhe, qorumsicharraa baqanna?—Uumama 39:10-12 dubbisi.

13. (a) Yeroo harʼaa namoonni hedduun tarkaanfii akka Yoseef kan fudhatan akkamitti? Tokko tokkohoo akka Esaawu kan godhan akkamitti? (b) Namoonni tarkaanfii akka Esaawu fudhatan, dhimma barbaachisaa taʼe akkamii nu hubachiisu?

13 Obboloonniifi obboleettonni keenya hedduun, haalli filannaa akka Esaawu ykn akka Yoseef gochuuf isaan dirqisiisu mudateenii ture. Taʼus, baayʼeensaanii tarkaanfii ogummaarratti hundaaʼe fudhachuudhaan, Yihowaa gammachiisaniiru. (Fak. 27:11) Haataʼu malee, namoonni hidhata amantii keenyaa taʼan tokko tokko yommuu haalli nama qoru isaan mudatu, dhaala hafuuraasaanii balaadhaaf saaxiluudhaan, akka Esaawu gochuu filataniiru. Dhimmaawwan waggaa waggaadhaan koree murtiitti dhihaataniifi gumiidhaa nama baasisan keessaa baayʼeensaanii ejja raawwachuu wajjin kan wal qabatanidha. Haala amanamummaan keenya akka qoramu godhu keessa galuu keenya dura, garaa keenya qopheessuun baayʼee barbaachisaadha. (Far. 78:8) Yoo xinnaate, tarkaanfii gurguddaa qorumsa moʼuufi filannaa sirrii taʼe gochuuf nu gargaaru lama fudhachuu dandeenya.

XIINXALAA, EJJENNOO KEESSANIS JABEESSAA

Ogummaa Yihowaa barbaaduudhaan ejjennoo hafuuraa keenya cimsachuu dandeenya

14. ‘Waan hamaa jibbuufi wanta gaarii taʼetti qabamnee jiraachuuf’ gaaffiiwwan akkamiirratti xiinxaluu keenyatu nu gargaara?

14 Tarkaanfiin inni jalqabaa miidhaa gochi raawwannu geessisurratti xiinxaluudha. Dinqisiifannaan dhaala hafuuraatiif qabnu, jaalala guddaa Yihowaa isa dhaala sana kenneef qabnurratti kan hundaaʼedha. Akkasumas nama tokko kan jaallannu yoo taʼe, wanta nama sana miidhu raawwachuu akka hin barbaanne beekamaadha. Kanaa mannaa, isa duratti fudhatama argachuuf carraaqqii goona. Kanaaf, fedhii foon keenyaa isa dogoggora taʼeef moʼamuun, nurrattis taʼe namoota kaanirratti miidhaa akkamii akka geessisu yeroo fudhannee xiinxaluun keenya gaariidha. Akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Gochi ofittummaa ani raawwadhu hariiroon Yihowaa wajjin qaburratti miidhaa akkamii geessisa? Dogoggorri ani raawwadhu maatii koorratti miidhaa akkamii geessisa? Obbolootakoo gumii keessa jiranirratti miidhaa akkamii geessisa? Namoota kaan nan gufachiisaa?’ (Filp. 1:10) Kana malees, ‘Gammachuu yeroo muraasa turuuf jedhee, filannaa gadda guddaa geessisu gochuun sirriidhaa? Wantan raawwadhe ergan hubadhee booda, akka Esaawu mararamee booʼuu nan barbaadaa?’ (Ibr. 12:17) Gaaffiiwwan akkasiirratti xiinxaluun keenya, ‘waan hamaa jibbuufi wanta gaarii taʼetti qabamnee jiraachuuf’ nu gargaara. (Rom. 12:9) Yihowaadhaaf jaalala dhugaa qabaachuun keenya dhaala keenyatti qabamnee jiraachuuf nu kakaasa.—Far. 73:28.

15. Ejjennoo wanta karaa hafuuraa balaadhaaf nu saaxiluurraa fagaachuuf qabnu cimsachuuf kan nu gargaaru maalidha?

15 Tarkaanfiin inni lammaffaan, ejjennoo keenya cimsachuudha. Wantoota biyyi lafaa karaa hafuuraa balaadhaaf nu saaxiluuf godhu moʼuu akka dandeenyuuf, Yihowaan qophiiwwan ejjennoo keenya cimsachuuf nu gargaaran hedduu nuu godheera. Qophiiwwan kun, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, walgaʼiirratti argamuu, tajaajilarratti hirmaachuufi kadhannaa dhiheessuu kan dabalatanidha. (1 Qor. 15:58) Kadhannaa garaadhaa madde yommuu dhiheessinuufi tajaajilarratti akka gaariitti yommuu hirmaannu, ejjennoo qorumsa moʼuuf nu gargaaru cimsachaa jirra jechuun ni dandaʼama. (1 Ximotewos 6:12, 19 dubbisi.) Ejjennoo cimaa qabaachuun keenya, gara caalaa carraaqqii goonurratti kan hundaaʼedha. (Gal. 6:7) Kun macaafa Fakkeenyaa boqonnaa lamarratti akka gaariitti ibsameera.

‘BARBAADUU’ KEESSAN ITTI FUFAA

16, 17. Dandeettii filannaa ogummaarratti hundaaʼe gochuuf nu gargaaru qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Fakkeenyi boqonnaan 2, ogummaa akka argannuufi dandeettii yaaduu keenya akka guddiffannu nu jajjabeessa. Kennaawwan kun wanta sirriifi dogoggora taʼe, akkasumas of qabuufi gadhiisiitti jiraachuu wajjin haala wal qabateen filannaa sirrii akka goonu nu gargaaru. Taʼus, milkaaʼina argachuun keenya, carraaqqii cimaa gochuuf fedhii qabaachuu keenyarratti kan hundaaʼedha. Macaafni Qulqulluun, kun barbaachisaa taʼuusaa akkas jechuudhaan ibsa: “Yaa ilma ko, dubbii koo yoo fudhatte, abboommota koos yaada kee keessa yoo kaaʼatte, gurra kee gara ogummaatti qabdee, yaada kee gara hubannaatti yoo deebifte, beekumsa gad fagootti yoo iyyatte, hubannaa argachuudhaafis guddiftee yoo iyyite, akka nama meetii barbaaduutti, akka nama qabeenya dhokfamee jiru qoratuutti ishee yoo barbaadde, ati yommus Waaqayyoon sodaachuu in barta, waan ittiin ishee beektus in argatta. Ogummaa Waaqayyotu kenna, beekumsii fi hubannaan dubbii afaan isaa keessaa baʼuun in argama.”—Fak. 2:1-6.

17 Kanaaf, dandeettii filannaa ogummaarratti hundaaʼe gochuuf nu gargaaru qabaachuufi dhiisuun keenya gorsa macaafa Fakkeenyaarratti kenname hojiirra oolchuufi dhiisuu keenyarratti kan hundaaʼe akka taʼe beekamaadha. Qorumsa moʼuurratti milkaaʼina argachuu kan dandeenyu, dubbiin Yihowaa keessa keenya akka jijjiiru yoo heyyamne, Waaqayyo qajeelfama akka nuu kennu utuu walirraa hin kutin yoo kadhanneefi akka nama qabeenya dhokataa barbaaduutti beekumsa Waaqayyoo barbaaduu keenya yoo itti fufnedha.

18. Maal gochuuf murteessiteetta? Maaliif?

18 Yihowaan namoota beekumsa, hubannaa, dubbii gargar baasuufi ogummaa argachuuf carraaqqii cimaa godhaniif wantoota kana ni kenna. Kennaawwan kana caalaatti kan barbaannuufi kan itti fayyadamnu taanaan, Yihowaa isa madda kennaa kanaa taʼetti caalaatti dhihaanna. Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuun keenyammoo, yommuu qorumsi nu mudatu ejjennoo cimaa qabaachuuf nu gargaara. Yihowaatti dhihaachuufi sodaa sirrii isaaf qabaachuun keenya, gocha dogoggoraa raawwachuurraa nu eega. (Far. 25:14; Yaq. 4:8) Isaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuufi ogummaa Waaqayyoo hojiirra oolchuun keenya, filannaa Yihowaa gammachiisuufi dhaala keenya nuu eegu gochuuf kan nu kakaasu haataʼu.