Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Israaʼeloonni, yakkamtoota mukarratti fannisanii ajjeesu turanii?

Bara duriitti saboonni hedduun, yakkamtoota tokko tokko mukarratti ykn utubaarratti fannisanii ajjeesu turan. Warri Roomaa yakkamaa akkasii mukarratti hidhanii ykn mismaaraan cinqaarsanii dhiphinaan, dheebuudhaan, beelaan, akkasumas aduufi qorraan guyyoota hedduudhaaf akka miidhamu godhu turan. Warri Roomaa mukarratti fannifamuun, adabbii yeellaasisaa yakkamtoota murtoon dhumaa irratti godhameef malu akka taʼe godhanii yaadu turan.

Israaʼeloonni duriihoo yakkamtoota mukarratti fannisanii ajjeesu turanii? Seerri Musee akkas jedha: “Namni tokko cubbuu duʼa itti farachiisu waan hojjeteef ajjeefamee mukatti yoo rarraafame, guyyaadhuma sana haa awwaalamu malee, reeffi isaa mukicha irra hin bulin!” (Kes. 21:22, 23) Kanaafuu, bara Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaatti namni duʼuu qabu tokko, dura erga ajjeefamee booda mukarratti fannifama ture.

Kana ilaalchisee Lewwoonni 20:2 akkas jedha: “Namoota Israaʼel keessaa, galaa biyya Israaʼel keessa jiraatu keessaas namni tokko illee dhala isaa keessaa tokko Moleekiif aarsaa yoo dhiʼeesse, mama malee haa ajjeefamu! Namoonni biyya sanaa dhagaadhaan isa haa rukutan!” Namni ‘ekeraa dubbisu yookiis ekeraa waamus’ ajjeefamuu qaba ture. Akkamitti? ‘Dhagaadhaan rukutamee’ ajjeefama ture.—Lew. 20:27.

Keessa Deebiin 22:23, 24 akkas jedha: “Namni tokko durba kaadhimatamte tokko mandara keessatti argee, isheedhaa wajjin yoo ciise, isaan lachuu gara karra kellaa mandarichaatti baasaa! Isheen durbaa mandara keessa utuma jirtuu hin iyyine, inni dhiiraa immoo kaadhima nama biraa in salphise; kanaafis isin dhagaadhaan rukutaatii isaan ajjeesaa! Akkasitti isa hamaa of gidduudhaa baasaa!” Kanaafuu, yeroo baayʼee Israaʼeloonni nama yakka cimaa raawwate tokko kan ajjeesan dhagaadhaan rukutuudhaan ture. *

Haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti, bara Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaatti namni duʼuu qabu tokko, dura erga ajjeefamee booda mukarratti fannifama ture

Keessa Deebiin 21:23, “Namni mukatti rarraafame Waaqayyo duratti abaaramaa dha” jedha. Reeffa nama yakkamaa “Waaqayyo duratti abaaramaa” taʼe tokkoo mukarratti fannisuun, Israaʼeloota akeekkachiisuuf gargaara ture.

^ key. 6 Hayyoonni hedduun, Seericha jalatti yakkamaan tokko fannifamuusaa dura ajjeefamaa akka ture ni amanu. Taʼuyyuu, jaarraa jalqabaatti Yihudoonni yakkamtoota tokko tokko utuu hin ajjeesin fannisuudhaan achirratti akka duʼan gochaa akka turan ragaan argisiisu jira.