Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Arjaafi Sababa Qabeessa Taʼuusaa Dinqisiifadhaa

Yihowaan Arjaafi Sababa Qabeessa Taʼuusaa Dinqisiifadhaa

“Waaqayyo nama hundumaaf gaarii dha; hojii harka isaa hundumaafis in ooʼa.”—FAR. 145:9.

1, 2. Michoonni Yihowaa carraa akkamii qabu?

MOONIKAA isheen Kiristiyaana taate akkas jetteetti: “Erga gaaʼela godhanne gara waggaa 35 taʼeera. Aniifi abbaan manaakoo akka gaariitti wal beekna. Taʼus ammallee, waggoota kana hunda booda wanta kanaan dura waaʼee walii keenyaa hin beekne barachaa jirra.” Hiriyoota gaaʼelaafi michoota hedduu gidduuttis haalli kun dhugaa taʼuunsaa hin shakkisiisu.

2 Namoota jaallannu caalaatti beekuu barbaanna. Taʼus, michummaa uumuu dandeenyu keessaa, michuu Yihowaa taʼuu caalaa wanti iddoo guddaa qabu hin jiru. Wanta waaʼeesaa beekuu qabnu hundumaa matumaa beeknee xumuruu hin dandeenyu. (Rom. 11:33) Barabaraaf waan jiraannuuf, carraa dinqisiifannaa amalawwan Yihowaatiif qabnu guddifachuu itti dandeenyu qabna.—Lal. 3:11.

3. Mataduree kana keessatti waaʼee maalii qorra?

3 Matadureen darbe, Yihowaan kan itti dhihaatamuufi kan nama wal hin caalchisne taʼuusaatiif dinqisiifannaa qabnu nuu guddiseera. Mee ammammoo amalawwan Yihowaa jaallatamoo taʼan dabalataa lama jechuunis, arjaafi sababa qabeessa taʼuusaa haa qorru. Kana gochuun keenya yaada, “Waaqayyo nama hundumaaf gaarii dha; hojii harka isaa hundumaafis in ooʼa” jedhu caalaatti hubachuuf nu gargaara.—Far. 145:9.

YIHOWAAN ARJAADHA

4. Arjummaa dhugaan maalidha?

4 Arjaa jechuun maal jechuudha? Deebii kanaa yaada Yesus, Hojii Ergamootaa 20:35⁠rratti, “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jechuudhaan dubbaterraa arganna. Yesus yaada gabaabaa kanatti fayyadamuudhaan arjummaa dhugaan maal akka taʼe ibseera. Namni arjaan tokko yeroo, humnaafi qabeenyasaa gammachuudhaan warra kaaniif kenna. Arjummaan baayʼina kennaa tokkootiin utuu hin taʼin, kakaʼumsa namni kenne sun qabuun madaalama. (2 Qorontos 9:7 dubbisi .) Arjoomuu ilaalchisee qaamni Yihowaa isa “Waaqa gammadaa taʼe” caalu hin jiru.—1 Xim. 1:11, NW.

5. Yihowaan arjaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti?

5 Yihowaan arjaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti? Warra isa hin waaqeffanne dabalatee, namoota hundaaf wanta isaan barbaachisu ni kenna. Dhugumayyuu, “Waaqayyo nama hundumaaf gaarii dha.” Inni, “Aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jalʼootaaf in roobsa.” (Mat. 5:45) Phaawulos, namoota Yihowaatti hin amannetti yommuu dubbatu, “Soora isiniif kennee garaa keessanis gammachuudhaan guute; waan gaarii kana hundumaa gochuu isaatiinis gooftummaa isaa mulʼiseera” kan jedhe kanaaf ture. (HoE. 14:17) Kanaaf, Yihowaan namoota hundaaf arjaa akka taʼe ifatti hubachuun ni dandaʼama.—Luq. 6:35.

6, 7. (a) Yihowaan keessumaa fedhii eenyuufaa guutuutu isa gammachiisa? (b) Waaqayyo fedhii waaqeffattootasaa kan guutu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

6 Yihowaan keessumaa fedhii waaqeffattootasaa amanamoo taʼanii guutuun isa gammachiisa. Daawit Mootichi, “Dargaggummaa argeera, dulluma biras gaʼeera; garuu namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku” jedheera. (Far. 37:25) Kiristiyaanonni amanamoo taʼan hedduun, Yihowaan akka isaan kunuunsu muuxannoosaaniirraa arganiiru. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu.

7 Waggoota muraasa dura, obboleettii Naansii jedhamtuufi tajaajila yeroo guutuu keessa jirtu haalli rakkisaan mudatee ture. Akkas jetteetti: “Kiraa manaa kaffaluuf doolaara Ameerikaa 66 na barbaachisa ture. Kanan kaffalu guyyaa ittaanutti waan taʼeef, qarshii kana akkamitti argachuu akkan dandaʼu hin beekun ture. Dhimma kana ilaalchisee kadhannaa ergan dhiheessee booda, hojiikoo isan keessumsiistuu taʼuudhaan hojjedhu hojjechuun deeme. Guyyaan sun guyyaa maamiltoonni itti hin baayʼanne waan taʼeef torban sana gurshaa hedduu nan argadha jedhee hin yaanne. Haataʼu malee, galgala sana maamiltoonni baayʼeen mana nyaataa sana dhufuunsaanii na ajaaʼibsiise. Dabareekoo xumuree qarshiin argadhe yommuun idaʼu doolaara Ameerikaa 66 taʼe.” Naansiin, Yihowaan arjummaasaatiin wanta ishee barbaachisu akka isheedhaa kenne hubatteetti.—Mat. 6:33.

8. Kennaan hunda caaluufi Yihowaan arjummaadhaan kenne maalidha?

8 Yihowaan arjummaasaa isa hunda caalu namoota maratti argisiiseera. Arjummaansaa kun maalidha? Aarsaa furii Ilmasaati. Yesus, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jedheera. (Yoh. 3:16) Asirratti jechi “biyya lafaa” jedhu ilmaan namootaa kan argisiisudha. Eeyyee, Yihowaan arjummaasaa isa hunda caalu namoota fudhachuu barbaadan hundatti argisiiseera. Namoonni Yesusitti amanan jireenya barabaraa argatu. (Yoh. 10:10) Dhugumayyuu, kana caalaa wanti Yihowaan arjaa taʼuusaa argisiisu hin jiru.

ARJAA TAʼUURRATTI FAKKEENYA YIHOWAA HORDOFAA

Israaʼeloonni arjaa taʼuurratti fakkeenya Yihowaa akka hordofan jajjabeeffamanii turan ( Keeyyata 9 ilaali)

9. Arjaa taʼuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

 9 Arjaa taʼuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaan, “waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf” kan nuu kenne siʼa taʼu, nuyis, ‘isa qabnu warra kaaniin gaʼuun’ keenya gammachuu isaaniif argamsiisa. (1 Xim. 6:17-19) Namoota jaallannuufi warra rakkina keessa jiran gargaaruuf, qabeenya keenyatti gammachuudhaan fayyadamna. (Keessa Deebii 15:7 dubbisi.) Arjoomuu keenya akka hin irraanfanneef maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Kiristiyaanonni tokko tokko, yommuu kennaa fudhatan isaanis carraa nama gara biraatiif kennaa itti kennan barbaaduudhaan kana godhaniiru. Gumiin Kiristiyaanaa, obbolootaafi obboleettota hedduu arjaa taʼaniin kan guutamedha.

10. Karaan hunda caalaa arjaa taʼuu itti dandeenyu tokko maalidha?

10 Karaawwan itti arjoomnu keessaa inni tokko, dubbii keenyaanis taʼe gocha keenyaan warra kaaniif of kennuudha. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroofi humna keenya warra kaan jajjabeessuuf itti fayyadamuudhaan kana gochuu dandeenya. (Gal. 6:10) Gama kanaan of gamaaggamuuf, gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuun keenya gaariidha. ‘Namoonni kaan of kennuufi rakkinasaanii dhaggeeffachuuf fedhii akkan qabu isaanitti dhagaʼamaa? Namni tokko hojii akkan isa gargaaru ykn akkan isaa ergamu yommuu na gaafatu yoon nan dandaʼa taʼe tolen jedhaa? Miseensa maatiikoo ykn nama hidhata amantiikoo taʼe tokko garaadhaa ergan galateeffadhee tureeraa?’ Yommuu ‘kenninu’ Yihowaafi michoota keenyatti caalaatti dhihaachaa akka jirru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Luq. 6:38; Fak. 19:17.

11. Karaawwan Yihowaadhaaf arjoomuu itti dandeenyu keessaa tokko tokko maalfaʼi?

 11 Yihowaadhaafis arjoomuu ni dandeenya. Caaffanni Qulqullaaʼoon, ‘Qabeenya keetiin Waaqayyoof ulfina kenni’ jechuudhaan nu jajjabeessu. (Fak. 3:9) ‘Qabeenyi keenya’ yeroo, humnaafi wanta Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamnu hunda kan dabalatudha. Ijoollee xixinnoonillee Yihowaadhaaf arjoomuu barachuu dandaʼu. Abbaan Jaason jedhamu akkas jedheera: “Maatiin keenya Galma Mootummaatti yommuu buusii godhu, ijoolleen keenya qarshii saanduqa buusii keessa akka buusan goona. Kana yommuu godhan ‘Yihowaadhaaf arjoomaa akka jiran’ waan isaanitti dhagaʼamuuf baayʼee gammadu.” Ijoolleen xinnummaasaaniitti Yihowaadhaaf arjoomuu baratan, yommuu gaʼeessa taʼanis isaaf arjoomuu itti fufuunsaanii hin oolu.—Far. 22:6.

YIHOWAAN SABABA QABEESSADHA

12. Sababa qabeessa taʼuu jechuun maal jechuudha?

12 Amalawwan Yihowaa gaggaarii taʼan keessaa inni gara biraan sababa qabeessa taʼuusaati. Sababa qabeessa taʼuu jechuun maal jechuudha? Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa keessatti jechi “saba qabeessa” jedhamee hiikame kallattiidhaan ‘akka haalasaatti jijjiiramuu’ kan argisiisudha. (Tit. 3:1, 2.) Namni sababa qabeessa taʼe tokko, yeroo hundumaa seera tokkorratti kan cichu, asiif achi kan hin jenne ykn rincicaa miti. Kanaa mannaa, haala namootaa xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan gaarummaa isaanitti argisiisuuf carraaqqii godha. Warra kaan dhaggeeffachuuf, akkasumas kan dandaʼamu taanaan yaadasaa jijjiiruudhaan wanta isaan barbaachisu gochuuf fedhii qaba.

13, 14. (a) Yihowaan sababa qabeessa taʼuusaa kan argisiise akkamitti? (b) Sababa qabeessa taʼuu ilaalchisee wanta Yihowaan Looxiif godherraa maal baranna?

13 Yihowaan sababa qabeessa taʼuusaa kan argisiise akkamitti? Gaarummaadhaan miira tajaajiltootasaa xiyyeeffannaa keessa ni galcha, wanta isaan gaafatan raawwachuufis dandeettii qaba. Fakkeenyaaf, Yihowaan Loox isa nama qajeelaa taʼee wajjin haala wal qabateen maal akka godhe ilaali. Magaalaawwan Sodoomiifi Gomoraa balleessuuf yommuu murteesse, Loox gara gaarreeniitti akka baqatu qajeelfama isaa kennee ture. Haataʼu malee, Loox sababii taʼe tokkoon kan kaʼe, bakka biraatti baqachuuf Yihowaan akka isaa heyyamu gaafate. Mee yaadi! Loox Yihowaan ajaja kenne akka jijjiiru isa gaafachaa jira.—Uumama 19:17-20 dubbisi.

14 Namni tokko akkasumatti Loox nama dadhabaa ykn hin abboomamne akka taʼetti yaaduu dandaʼa. Kana malees, Yihowaan karaa taʼeeniyyuu isa oolchuu waan dandaʼuuf, Loox sodaachuuf sababii gaʼaa hin qabu. Taʼus, ammayyuu sodaan itti dhagaʼamaa kan ture siʼa taʼu, Yihowaanis sodaa isatti dhagaʼamaa jiru hubachuudhaan yaadasaa jijjiireera. Yihowaan, magaalaa duraan balleessuuf ture tokkotti Loox akka baqatu isaaf heyyameera. (Uumama 19:21, 22 dubbisi.) Seenaan kun, Yihowaan asiif achi kan hin jennes taʼe rincicaa akka hin taane nu hubachiisa. Inni akka haalasaatti yaadasaa kan jijjiiruufi sababa qabeessadha.

15, 16. Seerri Musee, Yihowaan sababa qabeessa taʼuusaa kan argisiisee akkamitti? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali)

15 Yihowaan sababa qabeessa taʼuunsaa Seera Musee keessatti akkamitti akka mulʼate fakkeenya garabiraa haa ilaallu. Namni Israaʼel tokko harka qalleessa waan taʼeef, hoolaa ykn reettii aarsaa gochuu yoo dadhabe, gugee xixinnoo lama aarsaa godhee kennuu dandaʼa ture. Haataʼu malee, namni Israaʼel tokko harka qalleessa taʼuusaatiin kan kaʼe, gugee lama kennuu yoo dadhabehoo? Yeroo akkasiitti Yihowaan, namni harka qalleessa taʼe kun daakuu xinnoo akka kennu isaa heyyameera. Taʼus, daakuun sun, daakuudhuma halle utuu hin taʼin, “daakuu baʼeessa” keessummaa kabajaatiif dhihaatu taʼuu akka qabu hubadhu. (Uma. 18:6) Kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?—Lewwoota 5:7, 11 dubbisi.

16 Mee nama Israaʼel isa harka qalleessa taʼe akka taatetti yaadi. Daakuu xinnoo aarsaa gochuuf gara godoo qulqullummaa yommuu dhaqxu, warra sooressa horii fidanii dhufan argita. Daakuu xinnoo gatii waan hin qabne fakkaattu dhiheessuu keetti qaaniin sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, aarsaankee Yihowaa duratti gatii guddaa akka qabu yaadatta. Maaliif? Tokkoffaa, Yihowaan daakuun sun daakuu baʼeessa akka taʼu ajajeera. Kun Yihowaan nama Israaʼel harka qalleessa taʼe sanaan, ‘Hamma warra kaanii aarsaa gochuu akka ati hin dandeenye beeka, haataʼu malee wanti ati dhiheessaa jirtu, wanta qabdu keessaa isa filatamaa akka taʼes nan hubadha’ akka jedhetti kan ilaalamudha. Dhugumayyuu, Yihowaan humnaafi haala tajaajiltootasaa xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan sababa qabeessa taʼuusaa argisiisa.—Far. 103:14.

17. Yihowaan tajaajila akkamii akka fudhatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

 17 Yihowaan tajaajila garaa guutuudhaan isaa dhiheessinu sababa qabeessa taʼuudhaan kan fudhatu taʼuunsaa nu jajjabeessuu dandaʼa. (Qol. 3:23) Obboleettii maanguddoon Konistaansi jedhamtuufi lammii Xaaliyaanii taate tokko akkas jetteetti: “Waan hunda caalaa waaʼee Uumaakoo namootatti himuun jaalladha. Lallabuufi qayyabannaa geggeessuu kanan itti fufu kanaafidha. Yeroo tokko tokko haala fayyaakootiin kan kaʼe, baayʼee hojjechuu dadhabuunkoo na dhiphisa. Haataʼu malee, Yihowaan humnakoo akka beeku, akka na jaallatuufi wantan isaaf kennu akka dinqisiifatu beeka.”

SABABA QABEESSA TAʼUURRATTI FAKKEENYA YIHOWAA HORDOFAA

18. Karaa warri fakkeenya Yihowaa hordofuu itti dandaʼan keessaa tokko kamidha?

18 Sababa qabeessa taʼuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Mee ammas akkaataa Yihowaan Looxiin itti qabe haa ilaallu. Yihowaan aboo guddaa kan qabu taʼus, yommuu Loox miirasaa ibsu gaarummaadhaan dhaggeeffateera. Kana malees, gaaffii Loox gaafateef xiyyeeffannaa kenneera. Warra yoo taatan fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandeessuu? Gaaffii ijoolleen keessan dhiheessan dhaggeeffachuudhaan kan dandaʼamu taanaan wanta isaan barbaadan isaaniif ni guuttuu? Kanaa wajjin haala wal qabateen, Masaraan Eegumsaa Fulbaana 1, 2007, warri tokko tokko maatiisaaniif yommuu seera baasan, ijoolleensanii akka irratti hirmaatan gochuusaanii caqaseera. Fakkeenyaaf, warri saʼaatii ijoolleensaanii manatti itti galan kan murteessan siʼa taʼu, ijoolleen sun akka hojiirra oolchan gochuufis mirga qabu. Taʼus, warri saʼaatii murtaaʼe sana ilaalchisee yaada ijoolleensaanii qaban dhaggeeffachuu qabu. Yeroo tokko tokko seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hamma hin cabsinetti, warri saʼaatii murteessanirratti sirreeffama gochuu ni dandaʼu. Warri ilaalcha ijoolleen seera maatichaatiif qaban yommuu xiyyeeffannaa keessa galchan, ijoolleen caalaatti seericha hubachuufi abboomamuuf fedhii akka qabaatan hubachuu dandaʼu.

19. Jaarsoliin sababa qabeessa taʼuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuuf carraaquu kan dandaʼan akkamitti?

19 Jaarsoliin gumii haala namoonni hidhata amantiisaanii taʼan keessatti argaman xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuuf carraaqu. Yihowaan aarsaa namoonni Israaʼel harka qalleeyyii taʼan dhiheessanillee akka dinqisiifate yaadadhaa. Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni tokko tokko, fayyaa dhabuu ykn dullumaan kan kaʼe, hirmaannaan isaan tajaajilarratti godhan baayʼee muraasa taʼuu dandaʼa. Obboloonni jaallatamoo taʼan kun humnisaanii waan daangeffameef yoo abdii kutatanoo? Jaarsoliin gumii, namoonni kun waan qaban keessaa isa filatamaa waan isaa kennaniif, Yihowaan akka isaan jaallatu isaaniif mirkaneessuu dandaʼu.—Mar. 12:41-44.

20. Sababa qabeessa taʼuu jechuun Waaqayyoon tajaajiluurraa of qusachuu jechuudhaa? Ibsi.

20 Dhugaadha, sababa qabeessa taʼuu jechuun, of qusachuudhaan Waaqayyoon tajaajiluurraa duubatti jechuu akka taʼetti matumaa yaaduu hin barbaannu. (Mat. 16:22) Dhimma tokko akka laayyootti ilaaluudhaan, sababa gaʼaa akka qabnutti falmuu hin barbaannu. Kanaa maannaa, hundi keenya fedhii Mootummichaa deggeruuf, ‘dhamaʼuu’ nu barbaachisa. (Luq. 13:24, hiika bara 1899) Seera buʼuuraa lama hojiirra oolchuuf carraaqqii cimaa gochuu barbaanna. Karaa tokkoon, utuu of hin qusatin tajaajila keenya garaa guutuudhaan raawwachuuf carraaqna. Karaa garabiraammoo, Yihowaan matumaa hamma gochuu dandeenyu caalaa akka nurraa hin barbaanne ni yaadanna. Waan qabnu keessaa isa filatamaa kan isaaf laannu taanaan akka gammadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Gooftaa nama dinqisiifatuufi sababa qabeessa taʼe akkasii tajaajiluun kan nama gammachiisu mitii? Mataduree ittaanurratti amalawwan Yihowaa gaggaarii taʼan garabiraa lama qorra.—Far. 73:28.

‘Qabeenya keetiin Waaqayyoof ulfina kenni.’​—Fak. 3:9 ( Keeyyata 11 ilaali)

‘Waanuma gootan hundumaa garaa guutuudhaan hojjedhaa!’​—Qol. 3:23 ( Keeyyata 17 ilaali)