Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

“Ilmaan Waaqayyoo” warri Uumama 6:2, 4⁠rratti caqasamaniifi Bishaan Badiisaa dura jiraatan eenyufaʼi?

Yaanni caqasa kanarratti ibsame, ilmaan Waaqayyoo warra hafuuraa akka argisiisu ragaa qabatamaan jira. Ragaan kun maalidha?

Caqasa kana keessaa lakkoofsi inni duraa, “Warri waaqa irraa ‘Ilmaan Waaqayyoo’ jedhaman, durboonni namootaa mimmiidhagoo akka taʼan arganii, isaan keessaa akkuma foʼatanitti fuudhanii haadha manaa godhatan” jedha.—Uma. 6:2.

Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti yaanni, “Ilmaan Waaqayyoo” jedhu, Uumama 6:2, 4; Iyo. 1:6; 2:1; 38:7⁠fi Faarfannaa 89:6⁠rratti argama. Caqasoonni kun, “Ilmaan Waaqayyoo” kana ilaalchisee maal ibsu?

“Ilmaan Waaqayyoo” warri Iyoob 1:6⁠rratti ibsaman, uumamawwan hafuuraa Waaqayyo duratti walitti qabamanii turan kan argisiisanidha. Seexanni inni ‘lafarra asiif achi, oliif gad deddeebiʼu’ isaan keessaa tokko ture. (Iyo. 1:7; 2:1, 2) Haaluma wal fakkaatuun Iyoob 38:4-7, warri “Ilmaan Waaqayyoo” jedhaman, yommuu Waaqayyo ‘dhagaa lafaa isa golee isaa qajeelchu dhaabe’ ‘guddisanii sagalee gammachuu dhageessisanii’ akka turan dubbata. Yeroo sanatti ilmaan namootaa waan hin uumamneef, ilmaan Waaqayyoo kan jedhaman ergamootasaa taʼuu qabu. ‘Ilmaan Waaqayyoo’ warri Faarfannaa 89:6 (hiika bara 1899) irratti ibsaman uumamawwan hafuuraa Waaqayyoo wajjin samii keessa jiraatan kan argisiisanidha.

Maarree, “Ilmaan Waaqayyoo” warri Uumama 6:2, 4⁠rratti caqasaman eenyufaʼi? Caqasoota olitti ilaallee wajjin haala walsimuun warri ilmaan Waaqayyoo jedhaman, ergamoota Waaqayyoo wajjin jiraachaa turaniifi gara lafaa dhufan kan argisiisanidha.

Namoonni tokko tokko ergamoonni fedhii saalqunnamtii raawwachuu qabu jedhanii amanuun isaanitti ulfaata. Akkuma yaanni Yesus, Maatewos 22:30⁠rratti dubbate ibsu, samiirratti gaaʼela godhachuus taʼe saalqunnamtii raawwachuun hin jiru. Haataʼu malee, yeroon itti ergamoonni foon uffachuudhaan namootaa wajjin nyaata nyaataniifi dhugaatii dhuganillee jira ture. (Uma. 18:1-8; 19:1-3) Kanaaf, yeroo foon uffatanii turan kanatti dubartootaa wajjin saalqunnamtii raawwachuu ni dandaʼu jedhanii amanuun sirriidha.

Ragaan Macaafa Qulqulluu ergamoonni tokko tokko akkas gochuusaanii ibsu jira. Yihudaan 6, 7 cubbuu namoota Sodoom warra saalqunnamtii uumamaan ala taʼe raawwatanii, “ergamoota warra aboo isaanitti kenname irra darbanii, lafa taaʼumsa isaanii gad dhiisan[ii]” wajjin wal fakkeessuudhaan ibsa. Ergamootaafi namoota Sodoom sana wanti wal fakkeessu, lamaanuu “halalummaa keessa baʼanii, ejjummaadhaaf warruma akka isaanii nama hin taʼin duukaa” adeemuusaaniiti. Caqasni 1 Phexros 3:19, 20⁠rra jiruufi kanaa wajjin wal fakkaatus ergamoota hin abboomamne ‘bara Nohii’ wajjin walbira qabee ibsa. (2 Phe. 2:4, 5) Gocha ergamoonni abboomamoo hin taane bara Nohitti raawwatan, cubbuu namoonni Sodoomiifi Gomoraa raawwatanii wajjin walbira qabuun ni dandaʼama.

“Ilmaan Waaqayyoo” warri Uumama 6:2, 4⁠rratti ibsaman, ergamoota foon uffachuudhaan dubartootaa wajjin saalqunnamtii raawwatan taʼuusaanii yommuu hubannu, yaanni kun sirrii taʼuusaa baruu dandeenya.

Macaafni Qulqulluun, Yesus, “Hafuurota warra mana hidhaa keessa jiranitti lallabe” jedha. (1 Phe. 3:19) Kun maal jechuudha?

Phexros ergamaan, ‘hafuuronni kun warra bara Nohitti, yommuu Waaqayyo obsaan isaaniif eeggachaa turetti, utuu hin abboomamin hafan’ akka taʼan ibseera. (1 Phe. 3:20) Phexros yommuu akkas jedhu, waaʼee uumamawwan hafuuraa warra Seexana duukaa buʼuudhaan hammeenya raawwatanii ibsaa akka jiru beekamaadha. Yihudaan, Waaqayyo, ‘ergamoota warra aboo isaanitti kenname irra darbanii, lafa taaʼumsasaanii gad dhiisan, funyoo hidhaa barabaraatiin dukkana jalatti hidhee, firdii isa guyyaa guddaa sanaaf isaan eegaa akka jiru’ caqaseera.—Yih. 6.

Bara Nohitti ergamoonni abboomamuu kan didan akkamitti? Bishaan Badiisaa dura, hafuuronni hamoon kun akkaataa Waaqayyo itti isaan uumeen ala foon uffatan. (Uma. 6:2, 4) Achiis, dubartootaa wajjin saalquunnamtii raawwachuudhaan cubbuu hojjetan. Waaqayyo, qaamonni hafuuraa dubartootaa wajjin saalquunnamtii akka raawwatan godhee isaan hin uumne. (Uma. 5:2) Ergamoota hamoofi hin abboomamne kana guyyaa murteessetti ni balleessa. Ammaaf garuu akkuma Yihudaan ibsetti, “dukkana” keessa jechuunis mana hidhaa hafuuraa keessa jiru.

Yesus, ‘hafuurota mana hidhaa keessa jiran’ kanatti kan lallabe yoomiifi akkamitti? Phexros, kun kan taʼe erga Yesus ‘hafuuraan jiraachifamee’ booda akka taʼe barreesseera. (1 Phe. 3:18, 19) Phexros, Yesus ni “lallabe” jedhee dubbachuusaas yaadadhu. Jecha gocha darbe ibsutti fayyadamuunsaa, kun kan raawwatame ergaasaa isa jalqabaa barreessuusaa dura akka taʼe kan argisiisudha. Kanaaf, Yesus erga duʼaa kaafamee yeroo muraasa booda, badiisa hafuurota hamoo kanarratti raawwatamuufi isaaniif malu itti lallabeera jechuun ni dandaʼama. Yeroo kanatti abdii tokkollee isaanitti hin lallabne. Kanaa mannaa badiisni akka isaan eeggatu itti hime. (Yon. 1:1, 2) Yesus, hamma duʼaatti amanamaa taʼuudhaan Seexanni isarratti aboo akka hin qabne waan argisiiseef, sababii guddaa labsii badiisaa isaanirratti dabarsuuf isa dandeessisu qaba.—Yoh. 14:30; 16:8-11.

Yesus, gara fuulduraatti Seexanaafi ergamoota sana hidhuudhaan iddoo isa lafa jalaatti darbata. (Luq. 8:30, 31; Mul. 20:1-3) Ammasitti hafuuronni hin abboomamne kun karaa hafuuraa dukkana limixii keessa kan jiran yommuu taʼu, guutummaatti akka balleeffamanis beekamaadha.—Mul. 20:7-10.