Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Biibilyoomaansiin maalidha? Kiristiyaanonni kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?

Biibilyoomaansiin, qajeelfama barbaachisaa taʼe namaa argamsiisa jedhanii yaaduudhaan Macaafa Qulqulluu keessaa idduma taʼe tokko bananii caqasa ijisaanii irra buʼe tokko dubbisuu jechuudha. Kiristiyaanonni Dhugaan ayyaana hin hedan. Kanaa mannaa, Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan beekumsa dhugaafi qajeelfama Waaqayyoo argatu.—12/15, fuula 3.

“Biyyi lafaa” inni darbuuf jedhu maalidha?

“Biyyi lafaa” inni darbu, ilmaan namootaa warra fedha Waaqayyoo wajjin haala wal hin simneen jiraatanidha. (1 Yoh. 2:17) Laftiifi ilmaan namootaa amanamoo taʼan badiisa jalaa ni oolu.— Ama.-Bit. fuula 5-7.

Abeel kan duʼe taʼus ammayyuu kan nutti dubbatu akkamitti? (Ibr. 11:4)

Kana kan godhu amantiisaatiini. Abeelirraa barachuufi amantiisaa hordofuu dandeenya. Fakkeenyisaa yeroo harʼaas hojiirra ooluu kan dandaʼudha.— Ama.-Bit. fuula 12.

Waaqayyorraa akka hin fagaanne of eeggachuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

Karaawwan kana keessaa tokko tokko: Hojii keenya, bohaartii filannu, walitti dhufeenya fira gumiidhaa baafamee wajjin qabnu, gaʼee teknoolojii ammayyaarratti qabnu, yaaddoo fayyaa, qarshiidhaaf ilaalcha dogoggoraa qabaachuu, akkasumas ilaalchaafi iddoo qabnuuf bakka guddaa kennuu.—1/15, fuula 12-21.

Museen kan gad of deebisu taʼuusaarraa maal baranna?

Museen aboo qabaachuunsaa akka of tuulu isa hin goone; kanaa mannaa, ofiisaatti utuu hin taʼin Waaqayyotti amanameera. Aboon ykn dandeettiin uumamaa matumaa akka of tuullu akka nu godhu heyyamuu hin qabnu; Yihowaatti amanamuu barbaanna. (Fak. 3:5, 6)— Ebl.-Wax. fuula 5.

Namoonni duʼaa kaʼan eessa jiraatu?

Namoonni 144,000 taʼan samiirra jiraatu. Namoonni duʼaa kaafaman hedduun kaanimmoo, barabaraaf lafarra jiraachuuf lafuma kanarratti duʼaa kaafamu.— Ebl.-Wax. fuula 14.

Yesus Ilma Waaqayyoo kan jedhame maaliifi?

Waaqayyo akka namaa haadha manaa qabaatee ijoollee hin godhatu. Lubbu qabeeyyii hunda kan uume isadha. Ilmaan namootaa amala Waaqayyoo calaqqisuuf dandeettii akka qabaatan godhamanii uumaman. Addaam inni Waaqayyo jalqaba uume, “Ilma Waaqayyoo” kan jedhame kanaafidha. Haaluma wal fakkaatuun, Yesusis amala Abbaasaa akka qabaatu godhamee waan uumameef, “Ilma Waaqayyoo” jedhameera. (Luq. 3:38; Yoh. 1:14, 49)— Ebl.-Wax. fuula 16.

Israaʼeloonni “garaa dhagna hin qabamin qabu” turan jechuun maal jechuudha? (Er. 9:26)

Israaʼeloonni wanta mata jabeeyyii akka taʼaniifi garaansaanii didaa akka taʼu godhe, jechuunis yaada, jaalala ykn kakaʼumsasaanii isa kaayyoo Waaqayyoo wajjin wal faalleessu ofirraa kutuu qabu turan jechuudha. (Er. 5:23, 24)—3/15, fuula 9-10.

Kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafarraa maalfaa dabalata?

Qaama Olaanaa, koreewwan waajjira damee, daawwattoota olaanaa, qaama jaarsolii, gumiiwwaniifi babalʼistoota dabalata.—4/15, fuula 29.

Israaʼeloonni yakkamtoota mukarratti fannisanii ajjeesu turanii?

Lakki. Saboonni bara durii kaan kana kan godhan taʼus Israaʼeloonni akkas hin goone. Bara Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Ibrootaa barreeffametti, yakkamtoonni dura dhagaadhaan rukutamanii ajjeefamu. (Lew. 20:2, 27) Achiis warra kaaniif akeekkachiisa akka taʼuuf, reeffisaanii tarii mukarratti fannifamuu dandaʼa.—5/15, fuula 13.