Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Nutti Himi, Kun Yoom Ta’a?”

“Nutti Himi, Kun Yoom Ta’a?”

“Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?”—MAT. 24:3.

1. Akkuma ergamoota Yesus waa’ee maalii beekuu barbaanna?

YEROON Yesus tajaajilasaa isa lafarraa itti xumuru kan dhihaate si’a ta’u, bartoonnisaa wanta gara fuulduraatti isaan eeggatu beekuu barbaadaniiru. Kanaafuu, du’uusaa guyyoota muraasa dura ergamoonnisaa afur, “Kun yoom ta’a? Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?” jedhanii Yesusiin gaafatan. (Mat. 24:3; Mar. 13:3) Yesus raajii Maatewos boqonnaa 24fi 25⁠rratti bal’inaan ibsame dubbachuudhaan deebii kenne. Raajii sana keessatti Yesus haalawwan dinqisiisaa hedduun akka raawwataman dubbateera. Nuyis wanta gara fuulduraatti dhufuuf jiru beekuuf fedhii guddaa waan qabnuuf, jechoonnisaa kun nuuf hiika guddaa qabu.

2. (a) Waggoota hedduu darban keessatti hubannaa dabalataa argachuuf maal gochuun nu barbaachiseera? (b) Gaaffiiwwan qorru sadan kamfa’i?

2 Kiristiyaanonni dibamoon geggeessitoota ta’an, waggoota hedduu darban keessatti raajii Yesus bara dhumaa ilaalchisee dubbate xiyyeeffannaadhaan qorachaa turaniiru. Yeroo jechoonni Yesus dubbate itti raawwataman ilaalchisee hubannaa gaarii argachuuf carraaqqii godhaniiru. Akkaataa hubannaa dabalataa itti arganne fakkeenyaan ibsuuf, gaaffiiwwan sadii haa qorru: “Rakkinni guddaan” kan jalqabu yoomi? Yesus ‘warra hoolotatti fakkeeffamaniifi’ ‘warra re’ootatti fakkeeffamaniif’ firdii kan kennu yoomi? Yesus kan “dhufu” ykn kan deebi’u yoomi?—Mat. 24:21; 25:31-33.

RAKKINNI GUDDAAN KAN JALQABU YOOMI?

3. Yeroo rakkinni guddaan itti raawwatamu ilaalchisee maal jennee yaadna turre?

3 Waggoota hedduudhaaf, rakkinni guddaan Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda bara 1914⁠tti akka jalqabeefi Yihowaan dibamtoonni guutummaa lafaarratti misiraachicha akka lallaban carraa isaanii kennuuf jecha waraanicha bara 1918⁠tti akka ‘gabaabse’ yaadna turre. (Mat. 24:21, 22) Akkasumas hojiin lallabaa kun erga raawwatamee booda, bulchiinsi Seexanaa ni balleeffama jennee yaadna turre. Kanaafuu, rakkinni guddaan sadarkaa sadii akka qabu jechuunis, jalqaba akka qabaatu (1914-1918), akka addaan kutamu (1918 booda), akkasumas Armaagedooniin akka xumuramu yaadama ture.

4. Raajii Yesus bara dhumaa ilaalchisee dubbate caalaatti hubachuuf kan nu gargaare maalidha?

4 Haata’u malee, raajii Yesus dubbate bal’inaan qoruudhaan, raajii inni bara dhumaa ilaalchisee dubbate keessaa hammi tokko raawwii lama akka qabu hubanneerra. (Mat. 24:4-22) Raawwii jalqabaa kan argate Dh.K.B. jaarraa tokkoffaatti Yihudaa keessatti si’a ta’u, bara keenyattis addunyaa maratti raawwiisaa ni argata. Kana hubachuun keenyammoo wanti baay’een ifa akka nuu ta’u godheera. *

5. (a) Bara 1914⁠tti yeroo rakkisaa akkamiitu jalqabe? (b) Yeroon rakkisaan sun yeroo Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti ture kamii wajjin wal fakkaata?

5 Rakkinni guddaan bara 1914⁠tti akka hin jalqabnes hubanneerra. Maaliif? Raajiin Macaafa Qulqulluu, rakkinni guddaan kan jalqabu waraana saboota gidduutti banamuun utuu hin ta’in, waraana amantii sobaarratti banamuun akka ta’e waan dubbatuufidha. Kanaafuu, wantoonni bara 1914⁠tti raawwatamuu jalqaban, “jalqaba ciniinsuu ti” malee jalqaba rakkina guddaa miti. (Mat. 24:8) ‘Jalqabni ciniinsuu,’ wantoota Dh.K.B. bara 33 hanga bara 66⁠tti Yerusaalemiifi Yihudaatti raawwatamanii wajjin wal fakkaata.

6. Wanti rakkinni guddaan akka jalqabe argisiisu maalidha?

6 Wanti rakkinni guddaan akka jalqabe argisiisu maalidha? Yesus, “Inni jibbisiisaan iddoo qullaa’aa xureessu sun, inni Daani’el raajichi waa’ee isaa dubbate, iddoo qulqullaa’aa dhaabatee arguuf jirtu, namni kana dubbisu haa hubatu! Yommus warri Yihudaa jiran gara gaarotaatti haa baqatan” jechuudhaan raajii dubbateera. (Mat. 24:15, 16) ‘Iddoo qulqullaa’aa dhaabachuun’ raawwii jalqabaa kan argate, Dh.K.B. bara 66⁠tti loltoonni Roomaa (inni jibbisiisaan) Yerusaalemiifi mana qulqullummaashee (isa ilaalcha Yihudootaatiin iddoo qulqullaa’aa ta’e) yeroo weerarettidha. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (“inni jibbisiisaan” bara keenyaa) Saba Kiristiyaanaafi (ishee ilaalcha Kiristiyaanota sobaatiin qulqullaa’aa taateefi) kutaa Baabilon Guddittii kaanirratti tarkaanfii yeroo fudhatummoo raajiin ‘dhaabachuusaa’ ilaalchisee dubbatame raawwiisaa isa guddaa argata. Tarkaanfiin kanaa wajjin wal fakkaatu Mul’ata 17:16-18⁠rratti ibsameera. Kun jalqaba rakkina guddaa ta’a.

7. (a) Jaarraa jalqabaatti ‘namoonni fayyuu’ kan danda’an akkamitti? (b) Gara fuulduraatti maaltu akka raawwatamu eeguu dandeenya?

7 Kana malees Yesus, ‘guyyoonni sun akka gabaabbatan’ raajii dubbateera. Raajiin kun, Dh.K.B. bara 66⁠tti yeroo loltoonni Roomaa miidhaa geessisaa turan ‘gabaabsanitti’ raawwii jalqabaa argateera. Yeroo kanatti, Kiristiyaanonni dibamoon Yerusaalemiifi Yihudaa keessa turan ‘fayyuuf’ jecha baqataniiru. (Maatewos 24:22 dubbisi; Mil. 3:17) Maarree, yeroo rakkina guddaatti wanti akkamii akka raawwatamu eeguu dandeenya? Yihowaan, amantiin dhugaa amantii sobaa wajjin akka hin balleeffamneef, miidhaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii amantii sobaarratti geessisu ni ‘gabaabsa.’ Kunimmoo sabni Waaqayyoo badiisarraa akka oolan kan mirkaneessudha.

8. (a) Kutaan rakkina guddaa inni jalqabaa erga darbee booda maaltu raawwatama? (b) Miseensi namoota 144,000 inni xumuraa samiirratti badhaasa kan argatu yoomi? (Odeeffannoo dabalataa ilaali.)

 8 Kutaa rakkina guddaa isa jalqabaa booda maaltu raawwatama? Wanti Yesus dubbate, Armaagedoon jalqabuusaa dura yeroon gidduutti darbu akka jiru argisiisa. Yeroo sana gidduutti wantoota akkamiitu raawwatama? Deebiinsaa Hisqi’el 38:14-16fi Maatewos 24:29-31rratti ibsameera. (Dubbisi.) * Sana booda, waraana Armaagedoon isa xumura rakkina guddaa ta’eefi badiisa Dh.K.B. bara 70⁠tti Yerusaalemirra ga’ee wajjin wal fakkaatu argina. (Mil. 4:1) Armaagedoon kutaa rakkina guddaa isa xumuraa si’a ta’u, yeroo kanatti rakkinni guddaan bifa addaa qabata; jechuunis ‘jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti kan hin taaneefi deebi’ees kan hin taane’ ta’a. (Mat. 24:21) Sana booda Bulchiinsi Barkumee Kiristos ni jalqaba.

9. Raajiin Yesus rakkina guddaa ilaalchisee dubbate saba Yihowaatiif abdii akkamii qabateera?

9 Raajiin waa’ee rakkina guddaa ibsu kun kan nu jajjabeessudha. Maaliif? Rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate, sabni Yihowaa gareedhaan rakkina guddaa jalaa ooluu akka danda’an waan nuu mirkaneessuufidha. (Mul. 7:9, 14) Sababiin itti gammannu inni guddaan garuu, Armaagedoonitti Yihowaan olaantummaasaa kan mirkaneessuufi maqaasaa kan qulqulleessu ta’uusaati.—Far. 83:18; His. 38:23, NW.

YESUS HOOLOTAAFI RE’OOTAAF FIRDII KAN KENNU YOOMI?

10. Kanaan dura, namoota hoolotatti fakkeeffamaniifi re’ootatti fakkeeffamaniif firdii kennuu ilaalchisee maal jennee yaadna turre?

10 Raajiin Yesus dubbate garabiraan jechuunis, fakkeenyi inni hoolotaafi re’ootaaf firdii kennuu ilaalchisee dubbate yoom akka raawwatamu haa ilaallu. (Mat. 25:31-46) Kanaan dura, namoonni hoolotatti fakkeeffamaniifi re’ootatti fakkeeffaman kan fo’aman guyyoota dhumaa bara 1914 kaasee jiran hundatti akka ta’e yaadna turre. Namoonni ergaa Mootummichaa fudhachuu didaniifi rakkinni guddaan jalqabuusaa dura du’an, re’oota akka ta’aniifi du’aa ka’uuf abdii akka hin qabne yaadna turre.

11. Yesus bara 1914⁠tti namoota hoolotattiifi re’ootatti fakkeeffaman addaan baasuu hin jalqabne kan jennu maaliifi?

11 Hubannaan Maatewos 25:31 irra deebinee qoruudhaan arganne walakkeessa bara 1990mmaniitti Masaraa Eegumsaarratti ba’ee ture. Caqasichi akkas jedha: “Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa’a.” Barruun kun Yesus bara 1914⁠tti Mootii Mootummaa Waaqayyoo akka ta’e, garuu ‘namoota biyya lafaa hundumaarratti’ firdii kennuuf ‘teessoo ulfinasaarra akka hin teenye’ ibseera. (Mat. 25:32; Daani’el 7:13 waliin ilaali.) Haata’u malee, fakkeenya hoolotaafi re’oota ilaalchisee dubbatamerratti adda durummaadhaan kan ibsame Yesus Abbaa Firdii ta’uusaati. (Maatewos 25:31-34, 41, 46 dubbisi.) Yesus bara 1914⁠tti namoota hundumaarratti Abbaa Firdii waan hin taaneef, namoota hoolotatti ykn re’ootatti fakkeeffaman waggaa sanatti addaan baasuu hin jalqabne. * Maarree, Yesus firdii kennuu kan jalqabu yoomi?

12. (a) Yesus yeroo jalqabaatiif namoota hundumaarratti Abbaa Firdii kan ta’u yoomi? (b) Wantoonni Maatewos 24:30, 31fi Maatewos 25:31-33, 46⁠rratti ibsaman maalidha?

 12 Raajiin Yesus bara dhumaa ilaalchisee dubbate, badiisa amantii sobaa booda yeroo jalqabaatiif namoota hundumaarratti Abbaa Firdii akka ta’u argisiisa. Akkuma  keeyyata 8⁠rratti ibsame, wantoonni yeroo sanatti raawwataman tokko tokko Maatewos 24:30, 31⁠rratti caqasamaniiru. Caqasoota kana yommuu qorru, Yesus iddoo kanatti fakkeenya hoolotaafi re’oota ilaalchisee dubbatame keessatti ibsamee wajjin raajii wal fakkaatu dubbachuusaa hubanna. Fakkeenyaaf, Ilmi namaa ulfinasaatiin ergamootaa wajjin ni dhufa; namoonni hundinuu walitti qabamu; warri hoolotatti fakkeeffaman ‘jireenyi barabaraa’ waan isaan eeggatuuf ‘ol ilaalu.’ * Warri re’ootatti fakkeeffamanimmoo ‘adabni barabaraa’ waan isaan eeggatuuf ‘ni boo’u.’—Mat. 25:31-33, 46.

13. (a) Yesus namoonni hoolota ykn re’oota ta’uusaanii kan faradu yoomi? (b) Hubannaa kana argachuun keenya ilaalcha tajaajila keenyaaf qabnu kan tuqu akkamitti?

13 Maarree, xumura akkamiirra ga’uu dandeenya? Yesus hoolotaafi re’ootaaf firdii kan kennu yeroo rakkina guddaatti ennaa dhufudha. Achiis, Armaagedoon isa xumura rakkina guddaa ta’etti namoonni re’ootatti fakkeeffaman ‘barabaraaf adabamu.’ Hubannaa kana argachuun keenya, ilaalcha tajaajila keenyaaf qabnu kan tuqu akkamitti? Hojiin lallabaa hammam barbaachisaa akka ta’e nu hubachiisa. Hanga rakkinni guddaan jalqabutti, namoonni ilaalchasaanii jijjiiranii karaa dhiphaa ‘gara jireenyaatti geessurra’ deemuuf yeroo qabu. (Mat. 7:13, 14) Yeroo ammaatti namoonni amala akka hoolotaa ykn akka re’ootaa argisiisu ta’a. Haata’u malee, eenyu hoolaa eenyummoo re’ee akka ta’e murtoon dhumaa kan kennamu yeroo rakkina guddaatti ta’uusaa dagachuu hin qabnu. Kanaafuu, hamma dandeenye namoonni hedduun ergaa Mootummichaa akka fudhatan afeeruu keenya itti fufuuf sababii ga’aa qabna.

Hanga rakkinni guddaan jalqabutti, namoonni ilaalchasaanii jijjiiruuf yeroo qabu (Keeyyata 13 ilaali)

YESUS KAN DHUFU YKN KAN DEEBI’U YOOMI?

14, 15. Caqasoonni Kiristos gara fuulduraatti Abbaa Firdii ta’ee akka dhufu argisiisan arfan kamfa’i?

14 Raajii Yesus dubbaterratti qorannaa dabalataa gochuun keenya, yeroo wantoonni gurguddaan kaan itti raawwataman ilaalchisee hubannaan qabnu sirreeffamuu akka qabu ni argisiisaa? Raajichumtiyyuu akkamitti deebii akka nuu kennu haa ilaallu.

15 Yesus raajii Maatewos 24:29–25:46⁠rratti dubbate keessaa muraasarratti, adda durummaadhaan kan xiyyeeffate wanta bara dhumaattiifi yeroo rakkina guddaatti raawwatamurrattidha. Caqasoota kanarratti Yesus, ‘dhufaatii’ ykn deebiisaa al saddeet ibseera. * Yesus rakkina guddaa ilaalchisee akkas jedheera: ‘Ilmi namaammoo duumessoota waaqaarra dhufuu isaa arguuf jiru.’ “Gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan.” “Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa.” Akkasumas fakkeenya waa’ee hoolotaafi re’ootaa dubbaterratti, ‘Ilmi namaa ulfina isaatiin in dhufa’ jedheera. (Mat. 24:30, 42, 44; 25:31) Caqasoonni kun arfanuu, Yesus gara fuulduraatti Abbaa Firdii ta’ee akka dhufu ibsu. Caqasoonni arfan kaan, raajii Yesus dubbate keessatti bakka kamitti argamu?

16. Caqasoonni waa’ee dhufaatii Yesus ibsan kaan kamfa’i?

16 Yesus hojjetaa amanamaafi ogeessa ilaalchisee, “Hojjetaan kun, gooftaan isaa dhufee akkasuma utuu hojjetuu kan isa argu, gammachuu qaba” jechuudhaan dubbateera. Yesus fakkeenya waa’ee durbootaa dubbaterratti, “Yeroo isaan bitachuu dhaqanittis dhirsi misirroo in dhufe” jedheera. Fakkeenya waa’ee meetii dubbaterrattimmoo, “Gooftaan hojjetoota sanaa yeroo dheeraa booddee deebi’ee dhufe” jedheera. Gooftichi fakkeenyuma kanarratti, ‘deebii [‘dhufaatii,’ hiika bara 1899] kootti kan koo nan fudhadha’ jedheera. (Mat. 24:46; 25:10, 19, 27) Haalawwan waa’ee dhufaatii Yesus ibsan arfan kun yeroo isa kam kan argisiisanidha?

17. Dhufa Yesus isa Maatewos 24:46⁠rratti caqasame ilaalchisee maal jennee turre?

17 Kanaan dura barreeffamoota keenyarratti raajiiwwan arfan xumuraa kun, Yesus bara 1918⁠tti deebi’uu ykn dhufuusaa kan argisiisan akka ta’an ibsinee turre. Yaada Yesus ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ ilaalchisee dubbate akka fakkeenyaatti haa ilaallu. (Maatewos 24:45-47 dubbisi.) Dhufaatiin lakkoofsa 46⁠rratti ibsame, yeroo Yesus karaa hafuuraa dibamtoonni haala akkamii keessa akka jiran ilaaluuf bara 1918⁠tti dhufeefi hojjeticha qabeenya gooftichaa hundarratti muuduuf bara 1919⁠tti dhufee wajjin akka wal qabatu yaadna turre. (Mil. 3:1) Haata’u malee, raajii Yesus dubbaterratti bal’inaan yommuu yaadnu, yeroo raajiiwwan kana keessaa tokko tokko itti raawwataman ilaalchisee sirreeffama gochuun barbaachisaa akka ta’e hubanna. Maaliif?

18. Raajii Yesus dubbate guutummaasaa qoruun keenya waa’ee dhufaatii Yesus maal akka hubannu nu gargaara?

18 Lakkoofsota Maatewos 24:46 dura jiranirratti, jechi ‘dhufaatii’ jedhu yeroo rakkina guddaatti Yesus firdii kennuufi raawwachiisuuf kan dhufu ta’uusaa argisiisa. (Mat. 24:30, 42, 44) Akkuma  keeyyata 12⁠rratti ilaalle, ‘dhufaatiin’ Yesus Maatewos 25:31⁠rratti caqasames yeroo gara fuulduraa firdii kennuudhaaf itti dhufu kan argisiisudha. Kanaafuu, Maatewos 24:46, 47 Yesus hojjetaa amanamaa qabeenyasaa hundarratti muuduuf kan dhufu, gara fuulduraatti, jechuunis yeroo rakkina guddaatti akka ta’e dubbata jechuuf sababii ga’aa qabna. Raajii Yesus dubbate guutummaasaa qoruun keenya, caqasoonni saddeettan waa’ee dhufaatiisaa ibsan kun hundi yeroo firdii rakkina guddaatti raawwatamu kan argisiisan ta’uusaa ifa nuu godheera.

19. Hubannaa qabnurratti jijjiiramawwan akkamii godhamaniiru? Mataduree ittaanurratti gaaffiiwwan kamiif deebii arganna?

19 Mataduree kana keessatti waa’ee maalii baranne? Jalqaba mataduree kanaarratti gaaffii sadii kaasnee turre. Rakkinni guddaan kan jalqabe bara 1914⁠tti utuu hin ta’in, yeroo Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Baabilon Guddittiirratti lola kaasutti akka ta’u baranneerra. Akkasumas Yesus warra hoolotatti fakkeeffamaniifi re’ootatti fakkeeffamaniif firdii kennuu kan jalqabe bara 1914⁠tti utuu hin ta’in, yeroo rakkina guddaatti akka ta’e ilaalleerra. Dhumarrattis, Yesus hojjetaa amanamaa qabeenyasaa hundarratti muuduuf bara 1919⁠tti akka hin dhufne, kanaa mannaa kan isa muudu yeroo rakkina guddaatti akka ta’u baranneerra. Kanaafuu, gaaffiiwwan jalqabarratti kaasne sadaniif deebiinsaa gara fuulduraatti, jechuunis ‘yeroo rakkina guddaatti’ kan jedhudha. Sirreeffamni godhame kun fakkeenya hojjetaa amanamaa ilaalchisee dubbatamerratti hubannaa qabnu caalaatti kan tuqu akkamitti? Hubannaa nuyi fakkeenyota Yesus dubbateefi bara dhumaa kanatti raawwataman kaan ilaalchisee qabnuhoo kan tuqu akkamitti? Gaaffiiwwan barbaachisoo ta’an kana mataduree ittaanurratti ilaalla.

 

^ key. 4 Keeyyata 4: Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 15, 1994, fuula 8-21 (Amaariffa) fi Caamsaa 1, 1999, fuula 8-20 ilaali. (Amaariffa)

^ key. 8 Keeyyata 8: Wantoota caqasoota kana keessatti ibsaman keessaa tokko, ‘warri fo’aman walitti akka qabaman’ kan dubbatudha. (Mat. 24:31) Kanaafuu, dibamtoonni erga rakkinni guddaan jalqabee booda lubbuudhaan lafarra jiran hundi, waraanni Armaagedoon jalqabuusaa dura yeroo ta’e tokkotti gara samii kan dhaqan fakkaata. Yaadni kun, ibsa “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa, Hagayya 15, 1990, fuula 30⁠rra (Ingiliffa) jiru kan sirreessudha.

^ key. 11 Keeyyata 11: Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 15, 1995, fuula 18-28 ilaali. (Amaariffa)

^ key. 12 Keeyyata 12: Seenaa kanaa wajjin wal fakkaatu Luqaas 21:28⁠rraa ilaali.

^ key. 15 Keeyyata 15: [5] Jechoonni ‘dhufaafi’ “deebii” jedhan lamaanuu, jecha afaan Giriikii eerkomaay jedhurraa kan dhufanidha.