Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira”

“Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira”

“Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira.”—MAT. 28:20.

1. (a) Fakkeenya waa’ee qamadiifi inkirdaadaa dubbatu gabaabsii ibsi. (b) Yesus hiika fakkeenyichaa kan ibse akkamitti?

FAKKEENYAWWAN Yesus Mootummicha ilaalchisee dubbate keessaa tokko, waa’ee qotee bulaa sanyii gaarii facaaseefi diina sanyii gaarii sana gidduutti inkirdaada facaasee kan ibsudha. Inkirdaadichi qamadicha kan liqimse ta’us, qotee bulaan sun, “Hamma yeroo midhaan sassaabamutti lachuu walumaa wajjin haa guddatan” jedhee hojjettootasaa ajaje. Yeroo haamaatti inkirdaadichi kan gubamu si’a ta’u, qamadichimmoo ni sassaabama. Yesus fakkeenya kanarratti ibsa kenneera. (Maatewos 13:24-30, 37-43 dubbisi.) Fakkeenyi kun maal argisiisa? (Chaartii “Qamadiifi Inkirdaada” jedhu ilaali.)

2. (a) Wantoonni maasii qotee bulaa tokkoorratti raawwataman maal argisiisu? (b) Kutaa fakkeenyichaa isa kam ilaalla?

2 Wantoonni maasii qotee bulaa sanaarratti raawwataman, Yesus guutummaa qamadichaa, jechuunis Kiristiyaanota dibamoo Mootummaasaa keessatti isaa wajjin bulchan ilmaan namootaa keessaa kan sassaabu akkamittiifi yoom akka ta’e ibsu. Facaasaan kan jalqabe, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteettidha. Hojiin sassaabuu kan xumuramu, Kiristiyaanonni dibamoon bara dhumaa keessa lubbuudhaan jiraatan yeroo dhumaatiif mallatteeffamanii gara samiitti ennaa fudhatamanidha. (Mat. 24:31; Mul. 7:1-4) Namni gaararra dhaabate tokko naannoosaa akka gaariitti ilaaluu akkuma danda’u, fakkeenyi kunis wantoota gara waggaa 2,000 booda raawwataman fagoodhaa nutti argisiisa. Fakkeenyicharraa hubachuu akka dandeenyutti, wantoota Mootummichaa wajjin wal qabatan kamfaatu raawwatame? Fakkeenyichi waa’ee yeroo facaasaa, yeroo guddinaafi yeroo haamaa ibsa. Matadureen kun, keessumaa yeroo haamaarratti xiyyeeffata. *

EEGUMSA YESUS JALATTI

3. (a) Jaarraa jalqabaa booda haala akkamiitu uumame? (b) Akka Maatewos 13:28 jedhutti gaaffii akkamiitu ka’e? Gaafficha kan kaasehoo eenyu? (Odeeffannoo dabalataas ilaali.)

3 Gara jalqabaa Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti, Kiristiyaanonni fakkeessitoota ta’an maasii biyya lafaarratti mul’achuu ennaa jalqaban “inkirdaadichis immoo mul’ate.” (Mat. 13:26) Jaarraa arfaffaatti, Kiristiyaanonni inkirdaadatti fakkeeffaman lakkoofsisaanii Kiristiyaanota dibamoorra kan caalu ta’e. Fakkeenyicha keessatti, hojjettoonni inkirdaadicha buqqisuuf gooftaasaanii heyyama gaafatanii akka turan yaadadhaa. * (Mat. 13:28) Deebiin gooftichaa maal ture?

4. (a) Deebiin Gooftichi, jechuunis Yesus kenne maal ifa godhe? (b) Kiristiyaanonni qamadiitti fakkeeffaman kan beekaman yoomi?

4 Yesus waa’ee qamadiifi inkirdaadaa yeroo dubbatu, “Hamma yeroo midhaan sassaabamutti lachuu walumaa wajjin haa guddatan” jedhee ture. Ajajni kun, jaarraa jalqabaatii kaasee hanga yeroo har’aatti, Kiristiyaanonni dibamoon qamadiitti fakkeeffaman yeroo hunda lafarra akka jiran kan mirkaneessudha. Yesus booddee bartootasaatiin, “Hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” jechuunsaa kana kan nuu mirkaneessudha. (Mat. 28:20) Kanaafuu, Kiristiyaanonni dibamoon hamma bara dhumaatti yeroo hundumaa eegumsa Yesus ni argatu. Haata’u malee, Kiristiyaanota inkirdaadatti fakkeeffamaniin liqimfamanii waan turaniif, yeroo dheeraa sanatti namoonni kutaa qamadii ta’an eenyufaa akka ta’an mirkanaa’oo ta’uun hin danda’amne. Yeroon haamaa jalqabuusaa waggoota kurnan muraasa dura garuu, kutaan qamadichaa ifa ba’e. Kun kan ta’e akkamitti?

ERGAMAA ‘KARAA QOPHEESSU’

5. Raajiin Miilkiyaas dubbate jaarraa jalqabaatti kan raawwatame akkamitti?

5 Yesus fakkeenya waa’ee qamadiifi inkirdaadaa ibsu dubbachuusaa jaarraa hedduu dura, Yihowaan Miilkiyaas raajichatti fayyadamee wantoota fakkeenyicha keessatti ibsaman ilaalchisee raajii dubbatee ture. (Miilkiyaas 3:1-4 dubbisi.) Yohannis Cuuphaan, ‘ergamaa karicha qopheessu ture.’ (Mat. 11:10, 11) Yeroo inni Dh.K.B. bara 29⁠tti dhufu, yeroon firdii saba Israa’el dhihaatee ture. Yesus ergamaa lammaffaa ture. Dura, jalqaba tajaajilasaarratti, boodammoo gara dhumaa tajaajilasaarratti, jechuunis al lama mana qulqullummaa Yerusaalem keessa ture qulqulleesseera. (Mat. 21:12, 13; Yoh. 2:14-17) Kanaafuu, Yesus hojii qulqulleessuu raawwachuun yeroo muraasa itti fudhateera.

6. (a) Raajiin Miilkiyaas raawwiisaa isa guddaa kan argate akkamitti? (b) Yesus mana qulqullummaa hafuuraa kan sakatta’e yoomi? (Odeeffannoo dabalataas ilaali.)

6 Raajiin Miilkiyaas dubbate, raawwii guddaa kan argate akkamitti? Waggoota kurnan bara 1914 dura turanitti, Chaarlis Teez Raasiliifi hiriyoonnisaa hojii Yohannis Cuuphaa wajjin wal fakkaatu hojjetaniiru. Hojiin murteessaa ta’e sun, barumsa Macaafa Qulqulluu iddoosaatti deebisuu wajjin kan wal qabate ture. Barattoonni Macaafa Qulqulluu, hiika dhugaa aarsaan furii Kiristos qabu barsiisaniiru; barumsi ibidda qilillee soba ta’uusaa saaxilaniiru; akkasumas yeroon barri warra saba Waaqayyoo hin ta’inii itti dhumu dhihaachuusaa labsaniiru. Garuu yeroo kanattis, gareewwan duuka buutota Kiristos akka ta’an dubbatan hedduun jiru turan. Kanaafuu, gaaffiin barbaachisaan, ‘Gareewwan kana keessaa qamadiitti kan fakkeeffamu isa kami?’ jedhu deebii argachuu qaba. Yesus kana ifa gochuuf jecha, bara 1914⁠tti mana qulqullummaa hafuuraa sakatta’uu jalqabe. Hojiin sakatta’uufi qulqulleessuu kun, yeroo muraasa kan fudhatu, jechuunis bara 1914 hanga gara jalqabaa bara 1919⁠tti kan turu ture. *

SAKATTA’UUFI QULQULLEESSUU

7. Yesus bara 1914⁠tti sakatta’uu yommuu jalqabu maal argate?

7 Yesus sakatta’uu yommuu jalqabu maal argate? Barattoota Macaafa Qulqulluu hinaaffaa qabaniifi waggaa 30 oliif humnaafi qabeenyasaanii kennuudhaan hojii lallabaa raawwachaa turan muraasa argate. * Namoonni muraasni hinaaffaa qabaniifi qamadiitti fakkeeffaman kun inkirdaada Seexanaatiin utuu hin hudhamin hafuusaaniitti, Yesusiifi ergamoonni Waaqayyoo baay’ee akka gammadan beekamaadha! Ta’uyyuu, “warra Lewwootaa,” jechuunis Kiristiyaanota dibamoo qulqulleessuun barbaachisaa ta’e. (Mil. 3:2, 3; 1 Phe. 4:17) Maaliif?

8. Bara 1914 booda wantoota akkamiitu raawwatame?

8 Gara dhuma bara 1914⁠tti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu tokko tokko gara samii waan hin dhaqneef abdii kutatanii turan. Bara 1915fi 1916⁠tti, mormiin jaarmiyaa kanaa ala dhufe hojii lallabaa duubatti jalaa harkise. Kanarra kan hammaatummoo, obboleessi keenya Raasil Onkoloolessa 1916⁠tti erga du’ee booda, jaarmiyicha keessaa mormiin ni ka’e. Geggeessitoota torban jaarmiyaa Waach Taawor eend Tiraakti Soosaayitii keessaa arfan, murtoo obboleessi keenya Raazarford geggeessaa akka ta’u godhamerratti mormii kaasan. Namoonni kun, obboloota gidduutti qoqqoodama uumuuf yaalanii turan; ta’us, Hagayya 1917 Bet’elii kan ba’an si’a ta’u, kunis hojii qulqulleessuu keessaa tokko ture! Kana malees, Barattoonni Macaafa Qulqulluu tokko tokko sodaa namaatiin mo’amaniiru. Ta’uyyuu, akka walii galaatti hundisaanii hojii qulqulleessuu Yesus raawwateef deebii gaarii kennuudhaan jijjiirama barbaachisu godhaniiru. Kanaafuu Yesus, Kristiyaanota dhugaa qamadiitti fakkeeffaman ta’uusaanii isaaniif faradeera. Haata’u malee, warra amantiiwwan Saba Kiristiyaanaa keessatti argaman dabalatee, Kiristiyaanota fakkeessitoota ta’an hunda balaaleffateera. (Mil. 3:5; 2 Xim. 2:19) Kanatti aansee maaltu raawwatame? Kana beekuuf, fakkeenya waa’ee qamadiifi inkirdaadaa dubbatu qoruu keenya itti haa fufnu.

YEROON HAAMAA ERGA EEGALEE BOODA MAALTU RAAWWATAMA?

9, 10. (a) Yeroo midhaan itti sassaabamu ilaalchisee maal qoranna? (b) Wanti yeroo midhaan itti sassaabamutti raawwatame inni jalqabaa maalidha?

9 Yesus, “Yeroon itti midhaan sassaabamu dhuma biyya lafaa ti” jedheera. (Mat. 13:39) Yeroon midhaan itti sassaabamu kun, bara 1914⁠tti jalqabe. Wantoota Yesus yeroo sanatti akka raawwataman dubbate shan haa ilaallu.

10 Tokkoffaa, inkirdaadicha buqqisuu. Yesus, ‘Yeroo midhaan sassaabamutti warri sassaaban, dura inkirdaadicha bubuqqisanii bissii bissiitti akka hidhaniif ittan himadha’ jedheera. Bara 1914 booda, ergamoonni Waaqayyoo Kiristiyaanota inkirdaadatti fakkeeffaman dibamtoota “ilmaan mootummaa” ta’anirraa addaan baasuudhaan ‘isaan buqqisaniiru.’—Mat. 13:30, 38, 41.

11. Hanga har’aatti, Kiristiyaanota dhugaa Kiristiyaanota fakkeessitoota ta’anirraa adda kan godhu maalidha?

11 Hojiin walitti qabuu yeroo itti fufaa deemu, garaagarummaan gareewwan lamaan gidduu jiru caalaatti ifa ta’aa dhufe. (Mul. 18:1, 4) Bara 1919⁠tti, Baabilon Guddittiin kufuunshee ni beekame. Kiristiyaanota dhugaa, warra fakkeessitoota ta’anirraa adda kan baase keessumaa maalidha? Hojii lallabaati. Barattoota Macaafa Qulqulluu keessaa namoonni geggeessitoota ta’an, dhuunfaatti hojii lallabaarratti hirmaachuun barbaachisaa ta’uusaa jabeessanii ibsuu jalqaban. Fakkeenyaaf, buukleetiin bara 1919 maxxanfameefi Tuu Huum za Wark Iis Eentirasted jedhamu, Kiristiyaanonni dibamoon hundumtuu manaa gara manaa akka lallaban jajjabeesseera. Buukleetichi akkas jedha: “Hojichi ulfaataa ta’uyyuu, hojii Gooftaa waan ta’eef jabina isarraa argannuun ni raawwanna. Hojii kanarratti hirmaachuuf mirga argattaniittu.” Kun bu’aa akkamii argamsiise? Yeroo sanaa jalqabee Barattoonni Macaafa Qulqulluu hojii lallabaa hinaaffaadhaan akka raawwatan Masaraan Eegumsaa bara 1922⁠tti gabaaseera. Utuu baay’ee hin turin, manaa gara manaa lallabuun akkuma yeroo ammaa mallattoo Kiristiyaanota amanamoo sanaa ta’e.

12. Kutaan qamadichaa sassaabamuu kan jalqabe yoomii kaaseeti?

12 Lammaffaa, qamadicha sassaabuu. Yesus, ‘qamadicha gombisaa kootti anaaf sassaabaa’ jedhee ergamoota ajaje. (Mat. 13:30) Bara 1919 kaasee, Kiristiyaanonni dibamoon gumii deebi’ee hundeeffame keessatti walitti sassaabamaa jiru. Dibamtoonni hamma dhuma sirna kanaatti jiraatan, yeroo dhumaatiif kan sassaabaman badhaasa samii yeroo argatanittidha.—Dan. 7:18, 22, 27.

13. Mul’anni 18:7, Saba Kiristiyaanaa dabalatee ilaalcha isheen ejjituun ykn Baabilon Guddittiin yeroo ammaatti qabdu kan ibsu akkamitti?

13 Sadaffaa, boo’uufi ilkaan qaruu. Ergamoonni inkirdaadicha erga walitti hidhanii booda maaltu ta’a? Yesus waa’ee haala inkirdaadichaa ennaa dubbatu, “Achitti boo’ichii fi ilkaan qaruun isaan irra in ga’a” jedheera. (Mat. 13:42) Kun yeroo ammaatti raawwatamaa jiraa? Lakki. Yeroo har’aa, Sabni Kiristiyaanaa kutaa ishee ejjituu taate waa’ee ofiishee, “Ani mootuun addana nan taa’a, ani haadha hiyyeessaa miti, gaddas matumaa hin argu” jetti. (Mul. 18:7) Dhugumayyuu Sabni Kiristiyaanaa, geggeessitoota siyaasaa gubbaa ‘mootuu taatee akka teessu’ waan yaadduuf olaantummaa akka qabdu itti dhaga’ama. Yeroo ammaa warri inkirdaadatti fakkeeffaman of jajaa jiru malee boo’aa hin jiran. Haata’u malee, haalli kun jijjiiramuuf jedha.

Walitti dhufeenyi cimaan Sabni Kiristiyaanaa geggeessitoota amantii wajjin qabdu yeroon itti xumuramu dhihaateera (Keeyyata 13 ilaali)

14. (a) Kiristiyaanonni fakkeessitoota ta’an ‘ilkaansaanii kan qaran’ yoomidha? Maaliif? (b) Hubannaa Maatewos 13:42 ilaalchisee qabnurratti sirreeffamni goone, yaada Faarfannaa 112:10⁠rra jiruu wajjin kan walsimu akkamitti? (Odeeffannoo dabalataa ilaali.)

14 Yeroo rakkina guddaatti, dhaabbileen amantii sobaa hundi erga badanii booda, namoonni isaan deggeraa turan da’oo argachuuf kan yaalan ta’us bakka itti dhokatan hin argatan. (Luq. 23:30; Mul. 6:15-17) Sana booda, badiisa jalaa ooluu akka hin dandeenye yeroo hubatan, abdii kutachuudhaan ni boo’u, aariidhaanis ‘ilkaansaanii ni qaru.’ Yesus raajii rakkina guddaa ilaalchisee dubbaterratti akkuma ibse, yeroo rakkisaa sanatti gaddaan “boo’uuf jiru.” *Mat. 24:30; Mul. 1:7.

15. Inkirdaadichi maal ta’a? Kun kan ta’uhoo yoomi?

15 Arfaffaa, boolla ibiddaatti darbatamuu. Bissiiwwan inkirdaadichaa maal ta’u? Ergamoonni “boolla ibiddaattis isaan in darbatu.” (Mat. 13:42) Kana jechuun, guutummaatti ni balleeffamu jechuudha. Kanaafuu, namoonni dhaabbilee amantii sobaa deggeraa turan sun dhuma rakkina guddaatti, jechuunis Armaagedoonitti ni balleeffamu.—Mil. 4:1.

16, 17. (a) Wanti dhumaa Yesus fakkeenyasaa keessatti caqase maalidha? (b) Haalli kun kan raawwatamu gara fuulduraatti kan jennu maaliifi?

16 Shanaffaa, akka biiftuu ifuu. Yesus, “Egaa [“yommus,” hiika bara 1899] warri qajeeltonni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu in ifu” jechuudhaan raajiisaa xumureera. (Mat. 13:43) Kun kan ta’u yoomiifi eessattidha? Raajiin kunis gara fuulduraatti raawwatama. Yesus raajii kanarratti wanta yeroo ammaa lafarratti raawwatamu utuu hin ta’in, wanta gara fuulduraatti samiirratti ta’u dubbate. * Sababii akkas jechuu itti dandeenye lama haa ilaallu.

17 Tokkoffaa, gaaffii “yoomidha” jedhu ilaalla. Yesus, ‘Yommus warri qajeeltonni akka biiftuu in ifu’ jedheera. Jechi “yommus” jedhu, yeroo Yesus yaada kana dura caqasee ture, jechuunis yeroo ‘inkirdaadichi boolla ibiddaatti itti darbatamu’ akka argisiisu ifadha. Kun kan ta’u kutaa dhumaa rakkina guddaarrattidha. Kanaafuu, dibamtoonni ‘akka biiftuu kan ifanis’ gara fuulduraatti ta’uu qaba. Ammammoo, gaaffii “eessatti” jedhu haa ilaallu. Yesus, ‘qajeeltonni mootummicha keessatti akka biiftuu akka ifan’ dubbateera. Kana jechuun maal jechuudha? Dibamtoonni amanamoo ta’aniifi kutaan rakkina guddaa inni jalqabaa erga daree booda lafarra jiran hundi, mallattoon inni dhumaa isaanirratti ni godhama. Achiis, raajii Yesus rakkina guddaa ilaalchisee dubbaterratti akkuma ibsame, gara samiitti ni sassaabamu. (Mat. 24:31) Achitti “mootummaa abbaa isaanii keessatti” akka biiftuu ni ifu; waraana Armaagedoon booda baay’ee utuu hin turinis, misirroo Yesus warra gammachuu qaban ta’uudhaan ‘gaa’ela hoolichaarratti’ hirmaatu.—Mul. 19:6-9.

FAAYIDAA NUYI ARGANNU

18, 19. Fakkeenya Yesus waa’ee qamadiifi inkirdaadaa dubbate hubachuun keenya, dhuunfaatti kan nu fayyadu karaawwan kamiini?

18 Fakkeenyi kun wanta gara fuulduraatti ta’u fagoodhaa nutti argisiisuunsaa dhuunfaatti kan nu fayyadu akkamitti? Karaawwan sadii haa ilaallu. Tokkoffaa, hubannaa keenya nuu bal’isa. Fakkeenyichi, sababii guddaa Yihowaan hamminni akka jiraatu itti heyyame nuu ibsa. Kutaa qamadii, jechuunis ‘qodaa araaraa qopheessuuf,’ warra “qodaa dheekkamsaa” ta’aniif obseera. * (Rom. 9:22-24) Lammaffaa, amanannaa keenya nuu cimsa. Yeroon dhumaa dhihaachaa ennaa dhufu, jibbi diinonni keenya nuuf qaban ittuma cimaa deema; ‘garuu nu hin mo’an.’ (Ermiyaas 1:19 dubbisi.) Yihowaan hanga ammaatti kutaa qamadichaatiif eegumsa gochaa akkuma ture, Yesusiifi ergamootasaatti fayyadamee gara fuulduraattis “guyyaa hundumaa” nuu wajjin ta’a.—Mat. 28:20.

19 Sadaffaa, fakkeenyichi kutaa qamadichaa addaan baafachuuf nu gargaara. Kun baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kiristiyaanota kutaa qamadichaa ta’an beekuun keenya, gaaffii Yesus raajii bal’aa waa’ee bara dhumaa dubbate keessatti kaaseef deebii argachuuf nu gargaara. Yesus, “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi . . . isa kam ree?” jedhee gaafateera. (Mat. 24:45) Matadureewwan ittaanan lamaan, gaaffii kanaaf deebii quubsaa kennu.

 

^ key. 2 Keeyyata 2: Kutaawwan fakkeenyichaa kaan caalaatti yaadachuuf, mataduree “Qajeeltonni Akka Biiftuu In Ifu” jedhuufi Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 2010⁠rratti argamu akka dubbistu si jajjabeessina.

^ key. 3 Keeyyata 3: Ergamoonni Yesus waan du’aniifi dibamtoonni lafarra jiranimmoo hojjettootatti utuu hin ta’in qamadiitti waan fakkeeffamaniif, hojjettoonni kun ergamoota Waaqayyoo argisiisu. Fakkeenyicharratti akka ibsametti, inkirdaadicha kan buqqisan ergamoota Waaqayyooti.—Mat. 13:39.

^ key. 6 Keeyyata 6: Kun sirreeffama hubannaa keenyarratti godhamedha. Kanaan dura, hojiin sakatta’uu Yesus raawwate, bara 1918⁠tti akka raawwatame yaanna turre.

^ key. 7 Keeyyata 7: Bara 1910 hanga 1914⁠tti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu kitaabota gara 4,000,000 ta’aniifi buukleetota 200,000,000 caalan raabsaniiru.

^ key. 14 Keeyyata 14: Kun hubannaa Maatewos 13:42 ilaalchisee qabnurratti sirreeffama godhamedha. Kanaan dura, barreeffamoonni keenya, Kiristiyaanonni fakkeessitoota ta’an waggoota hedduudhaaf ‘kan boo’aniifi ilkaan kan qaran,’ “ilmaan mootummaa” isaan “ilmaan isa hamaa” ta’uusaanii waan saaxilaniif akka ta’e ibsaa turaniiru. (Mat. 13:38) Haata’u malee, yaanni ilkaan qaruu jedhu badiisaa wajjin kan wal qabate ta’uunsaa hubatamuu qaba.—Far. 112:10.

^ key. 16 Keeyyata 16: Daani’el 12:3, “Warri ogummaadhaan nama geggeessan [Kiristiyaanonni dibamoon] akka ifa bantii waaqaa . . . yeroo hundumaaf bara baraan calaqqisuuf jiru” jedha. Hamma lafarra jiranitti hojii lallabaarratti hirmaachuudhaan kana gochaa jiru. Haata’u malee, Maatewos 13:43 kan ibsu Mootummaa samii keessatti akka biiftuu akka ifanidha. Kanaan dura caqasoonni lamaanuu hojii tokko, jechuunis hojii lallabaa akka argisiisan yaanna turre.

^ key. 18 Keeyyata 18: [7] Kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu fuula 345-347 ilaali.