Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Hojjetaan Amanamaaniifi Ogeessi Isa Kami?’

‘Hojjetaan Amanamaaniifi Ogeessi Isa Kami?’

“Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naa’ota . . . mana isaa irra kaa’ate isa kam ree?”—MAT. 24:45.

1, 2. Yesus yeroo har’aa nu sooraa kan jiru karaa kamiini? Karaa kana addaan baasnee beekuu kan qabnu maaliifi?

‘OBBOLOOTAA, barreeffamoota isin yeruma na barbaachisanitti baastan lakkaa’ee fixuu hin danda’u.’ Obboleettiin tokko, xalayaa obboloota waajjira muummee keenya keessatti hojjetaniif ergiterratti akka armaan olii jechuudhaan dinqisiifannaashee ibsiteetti. Atis akkas sitti dhaga’amaa? Baay’een keenya miira akkasiitu nutti dhaga’ama. Kun ta’uunsaa nu dinqisiisuu qabaa? Matumaa!

2 Nyaata hafuuraa yeroosaatti argachuun keenya, Yesus inni Mataa gumii ta’e waadaa akka nu sooru nuu gale eeguusaa kan argisiisudha. Kana kan godhu karaa eenyuutiini? Yesus mallattoo dhufasaa yeroo dubbatu, naa’ota manasaatiif “yeroodhaan nyaata” kennuuf ‘hojjetaa amanamaafi ogeessatti’ akka fayyadamu dubbateera. (Maatewos 24:45-47 dubbisi.) Hojjetaan amanamaan sun, karaa Yesus bara dhumaa kanatti namoota dhugumaan isa duukaa bu’an itti sooraa jirudha. Hojjetaa amanamaa addaan baasnee beekuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Karaa hafuuraa fayyaa ta’uun keenyaafi walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabnu kan hundaa’e hojjetaa kanarratti.—Mat. 4:4; Yoh. 17:3.

3. Barreeffamoonni keenya, fakkeenya Yesus waa’ee hojjetaa amanamaa dubbate ilaalchisee maal jedhanii turan?

3 Fakkeenya Yesus waa’ee hojjetaa amanamaa dubbate akkamitti hubachuu qabna? Barreeffamoonni keenya kanaan dura akka armaan gadii jedhanii turan: Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, Yesus hojjetaa amanamaa naa’ota manasaarratti muudeera. Hojjetaan kun, gareedhaan Kiristiyaanota dibamoo yeroo sanaa kaasee lafarra jiran hunda argisiisa. Naa’onnimmoo, dibamtootuma sana dhuunfaatti kan argisiisudha. Yesus bara 1919⁠tti “qabeenya isaa hundumaa irratti,” jechuunis qabeenya Mootummichaa isa lafarra jirurratti hojjetaasaa isa amanamaa muudeera. Haata’u malee, qayyabannaa bal’aa erga gooneefi kadhannaadhaan erga irratti xiinxallee booda, fakkeenya Yesus hojjetaa amanamaa ilaalchisee dubbaterratti beekumsi qabnu sirreeffamuu akka qabu hubanneerra. (Fak. 4:18) Fakkeenyichaafi fakkeenyichi namoota samiirra ykn lafarra jiraachuuf abdii qabnu akkamitti akka ilaallatu haa qorannu.

FAKKEENYICHI KAN RAAWWATAMU YOOMI?

4-6. Fakkeenyi Yesus hojjetaa amanamaa ilaalchisee dubbate raawwatamuu kan jalqabe, bara 1914 boodadha kan jennu maaliifi?

4 Fakkeenya waa’ee hojjetaa amanamaa kanaa dubbatu yaanni naannoosaa jiru, fakkeenyichi Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti utuu hin ta’in bara dhumaatti akka raawwatamu argisiisa. Caaffanni Qulqullaa’oon murtoo kanarra ga’uuf kan nu gargaaran akkamitti akka ta’e haa ilaallu.

5 Fakkeenyi waa’ee hojjetaa amanamaa dubbatu, raajii Yesus waa’ee ‘milikkita dhufasaa [afaan Giriikiitiin paaruusiyaa] fi dhuma barichaa’ dubbate keessaa tokkodha. (Mat. 24:3) Kutaan raajichaa inni jalqabaa Maatewos 24:4-22⁠rratti argamu raawwii lama qaba. Raawwiinsaa inni jalqabaa Dh.K.B. bara 33 hanga Dh.K.B. bara 70⁠tti si’a ta’u, inni lammaffaanimmoo bara keenyatti bal’inaan kan raawwatamudha. Kana jechuun, raajiin Yesus hojjetaa amanamaa ilaalchisee dubbates raawwii lama qaba jechuudhaa? Akkas jechuu miti.

6 Yesus yaada Maatewos 24:29⁠rra jiruu kaasee, keessumaa wantoota bara keenyatti raawwatamanirratti xiyyeeffateera. (Maatewos 24:30, 42, 44 dubbisi.) Wanta yeroo rakkina guddaatti raawwatamu ennaa dubbatu, namoonni ‘ilmi namaa duumessoota waaqaarra yeroo dhufu’ akka argan ibseera. Achiis namoonni bara dhumaatti jiraatan dammaqoo akka ta’an yeroo gorsu, “Gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan, dammaqaa!” akkasumas “Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa” jedheera. * Yesus yaada kanatti aansuudhaan, wantoota bara dhumaatti raawwataman ennaa ibsu waa’ee hojjetaa amanamaa fakkeenya dubbateera. Kanaafuu, wanti inni hojjetaa amanamaa ilaalchisee dubbate kan raawwatamu, yeroon dhumaa bara 1914⁠tti erga jalqabee boodadha jechuu dandeenya. Murtoo akkasii gochuun keenya sirriidha. Maaliif?

7. Ennaa yeroon haamaa jalqabu gaaffii barbaachisaa akkamiitu ka’e? Maaliif?

7 Mee yeroo muraasaaf gaaffii, ‘Hojjetaan amanamaaniifi ogeessi isa kami?’ jedhurratti yaadaa. Jaarraa jalqabaatti gaaffii akkasii kaasuun barbaachisaa hin turre. Mataduree darberratti akkuma ilaalle, ergamoonni Yesus dinqii hojjechuufi kennaa dinqii kana warra kaaniif dabarsuudhaan gargaarsa Waaqayyoo akka qaban ni argisiisu turan. (HoE. 5:12) Kanaafuu, namni tokko Kiristos geggeessaa godhee kan muude eenyuun akka ta’e gaafachuunsaa barbaachisaa hin turre. Bara 1914⁠tti garuu haallisaa kanarraa baay’ee adda ture. Yeroon haamaa kan jalqabe bara sanattidha. Dhumarrattis yeroon inkirdaadichi qamadiirraa adda itti baafamu ni dhihaate. (Mat. 13:36-43) Kanaafuu, yeroo haamaan jalqabutti gaaffiin murteessaan akkas jedhu ni ka’e: Kiristiyaanonni fakkeessitoota ta’an hedduun duuka buutota Yesus warra dhugaa akka ta’an utuu dubbatanii, qamadicha jechuunis Kiristiyaanota dibamoo addaan baasanii beekuun kan danda’amu akkamitti? Fakkeenyi hojjetaa amanamaa ilaalchisee dubbatame deebii nuu kenna. Karaa hafuuraa soorata gaarii argachaa kan turan duuka buutota Kiristos warra dibaman turan.

HOJJETAAN AMANAMAANIIFI OGEESSI EENYU?

8. Hojjetaan amanamaan Kiristiyaanota dibaman keessaa argamuu kan qabu maaliifi?

8 Hojjetaa amanamaan, Kiristiyaanota dibamoo lafarra jiran keessaa kan argame ta’uu qaba. Namoonni kun “luboota mana mootummaa ti”; akkasumas namoota “Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka [labsaniif] dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti [isaan] waamedha.” (1 Phe. 2:9) Kiristiyaanota hidhata amantiisaanii ta’an dhugaa barsiisuurratti kallattiidhaan hirmaachuun kan malu “luboota mana mootummaa” kanaaf qofadha.—Mil. 2:7; Mul. 12:17.

9. Kiristiyaanonni dibamoon hundi hojjetaa amanamaadhaa? Ibsi.

9 Hojjetaa amanamaa kan ta’u dibamtoota lafarra jiran hundadhaa? Miti. Hidhata amantiisaanii addunyaa maratti argamaniif nyaata hafuuraa kan dhiheessan dibamtoota hunda miti. Obboloonni dibamoon kutaa qamadichaa keessaa tokko ta’an, gumiiwwansaanii keessatti tajaajiltoota ykn jaarsolii ta’anii tajaajilu ta’a. Akkasumas, manaa gara manaafi gumiisaanii keessatti ni barsiisu; qajeelfama waajjira muummeerraa isaanii kennamus amanamummaadhaan ni deggeru. Ta’us obboloota addunyaa maratti argamaniif nyaata hafuuraa dhiheessuurratti ga’ee hin qaban. Kana malees, Kiristiyaanota dibamoo keessaa obboleettonni gad of deebisaniifi gumii keessatti barsiisuurratti ga’ee qabaachuuf matumaa hin yaalle jiru.—1 Qor. 11:3; 14:34.

10. Hojjetaan amanamaaniifi ogeessi eenyudha?

10 Hojjetaan amanamaaniifi ogeessi eenyudharee? Akkaataa Yesus namoota muraasatti fayyadamuudhaan namoota hedduu itti soore yommuu ilaallu, hojjetaan amanamaan kun, Kiristiyaanota dibamoo muraasa yeroo Yesus argamutti kallattiidhaan nyaata hafuuraa qopheessaniifi raabsan keessaa akka argamu eeguu qabna. Bara dhumaa keessa, obboloonni dibamoon hojjetaa amanamaa ta’an waajjira muummee keessatti waliin tajaajilaa turaniiru. Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa, hojjetaa sana ta’ee tajaajilaa tureera. Haata’u malee, Yesus fakkeenya dubbate keessatti “hojjetaan” tokko qofti akka jiraatu dubbachuusaa qalbeeffadhaa. Kanaafuu miseensonni Qaama Olaanaa murtoo kan godhan waliin ta’aniiti.

NAA’ONNI EENYUFA’I?

11, 12. (a) Hojjetaan amanamaaniifi ogeessi wantoota lamaan kamirratti muudame? (b) Yesus naa’otasaarratti hojjetaa amanamaa kan muude yoomi? Kan filatehoo eenyuuni?

11 Fakkeenya Yesus dubbate keessatti, hojjetaan amanamaaniifi ogeessi wantoota addaddaa lamarratti akka muudamu ibsamuusaa hubachuu qabna. Inni jalqabaa naa’otarratti, inni lammaffaanimmoo qabeenya gooftichaa hundarrattidha. Fakkeenyichi kan raawwatamu bara dhumaa kanatti qofa waan ta’eef, muudamni lamaanuu Yesus bara 1914⁠tti Mootii erga ta’ee booda kan raawwatamu ta’uu qaba.

12 Yesus naa’otasaarratti hojjetaa amanamaa kan muude yoomidha? Gaaffii kana deebisuuf, bara haamaan itti jalqabetti, jechuunis bara 1914⁠tti duubatti deebi’uu qabna. Akkuma dursinee baranne, yeroo sana gareewwan hedduun Kiristiyaanota akka ta’an dubbachaa turan. Yesus hojjetaa amanamaa filatee kan muude garee isa kam keessaati? Gaaffiin kun deebii kan argate, inniifi Abbaansaa bara 1914 hanga gara jalqabaa bara 1919⁠tti mana qulqullummaa ykn qophii hafuuraa waaqeffannaadhaaf godhame sakatta’uuf erga dhufanii boodadha. * (Mil. 3:1) Yesusiifi Abbaansaa, Barattoota Macaafa Qulqulluu amanamoo muraasa ta’aniifi garaansaanii Yihowaafi Dubbiisaa wajjin akka ta’e argisiisanitti gammadaniiru. Namoonni kun hamma tokko qulqulleeffamuu kan qaban ta’us, yeroo qorumsaafi qulqullinaa muraasa sanatti gad of deebisuudhaan jijjiirama godhaniiru. (Mil. 3:2-4) Barattoonni Macaafa Qulqulluu amanamoon kun Kiristiyaanota dhugaa qamadiitti fakkeeffaman turan. Bara 1919⁠tti, yeroo karaa hafuuraa bayyanatanitti, Yesus isaan keessaa dibamtoota ga’umsa qaban hojjetaa amanamaafi ogeessa godhee filachuudhaan naa’otasaarratti muudeera.

13. Naa’onni eenyufaa dabalatu? Maaliif?

13 Naa’onni kun eenyudharee? Salphaadhumatti, namoota nyaata hafuuraa sooratanidha. Gara jalqabaa bara dhumaatti, naa’onni Kiristiyaanota dibamoo hunda turan. Booddee, naa’onni kun tuuta sonaan baay’ee kutaa hoolota kan biraa ta’an kan dabalatan ta’an. Yeroo ammaa hoolonni kan biraan, namoota hedduu geggeessaa Kiristos jalatti “karra tokko” ta’anidha. (Yoh. 10:16) Gareen lamaanuu nyaata hafuuraa hojjetaan amanamaan yeroosaatti dhiheessurraa ni fayyadamu. Waa’ee miseensota Qaama Olaanaa hojjetaa amanamaafi ogeessa argamsiisaniihoo maal jechuutu danda’ama? Obboloonni kunis karaa hafuuraa soorachuun isaan barbaachisa. Kanaafuu, akkuma namoota dhugumaan Yesus duukaa bu’an kaanii, isaanis dhuunfaatti naa’ota ta’uusaanii gad of deebisuudhaan amanu.

Abdiin keenya samiirra jiraachuus ta’e lafarra jiraachuu, hundi keenya naa’ota nyaanni hafuuraa yeroosaatti nu barbaachisudha

14. (a) Hojjetaan amanamaan itti gaafatamummaa akkamii qaba? Kunoo maalfaa dabalata? (b) Yesus hojjetaa amanamaafi ogeessaaf akeekkachiisa akkamii kenne? (Saanduqa, “Hojjetaan Kun Hamaa Yoo Ta’e . . . ” jedhu ilaali.)

14 Yesus hojjetaa amanamaafi ogeessaaf itti gaafatamummaa guddaa kenneera. Bara duriitti hojjetaa amanamaan tokko, maatii gooftaasaa kan geggeessu ture. (Luq. 12:42) Hojjetaa amanamaafi ogeessa kanaafis maatii amantiirratti itti gaafatamummaan kennameeraaf. Itti gaafatamummaan kunimmoo, qabeenya, hojii lallabaafi sagantaawwan walga’ii gurguddaa to’achuu kan dabalatudha. Kana malees, barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’aniifi tajaajilarratti, akkasumas qayyabannaa dhuunfaafi gumiirratti fayyadan qopheessuu dabalata. Naa’onni nyaata hafuuraa argachuunsaanii hojjetaa amanamaarratti kan hundaa’edha.

QABEENYA GOOFTICHAA HUNDARRATTI KAN MUUDAMU YOOMI?

15, 16. Yesus hojjetaa amanamaa qabeenyasaa hundarratti kan muudu yoomi?

15 Yesus hojjeticha ‘qabeenyasaa hundarratti’ muuduudhaan, itti gaafatamummaa isa lammaffaa kan isaaf kennu yoomi? Yesus, “Hojjetaan kun, gooftaan isaa dhufee akkasuma utuu hojjetuu kan isa argu, gammachuu qaba. Dhuguman isinitti hima, gooftaan isaa qabeenya isaa hundumaa irratti ajajjuu isa godhachuuf jira” jedheera. (Mat. 24:46, 47) Yesus yeroo lammaffaatiif hojjetichaaf itti gaafatamummaa kan kennu, dhufee hojjetichi “akkasuma utuu hojjetuu,” jechuunis amanamummaadhaan nyaata hafuuraa utuu raabsuu ennaa isa argatutti ta’uusaa hubadhaa. Kanaafuu muudama lamaan gidduutti yeroon darbu jira jechuudha. Yesus hojjeticha qabeenyasaa hundarratti kan muudu yoom akka ta’e beekuuf, wantoota lama, jechuunis Yesus yoom akka dhufeefi qabeenyisaa maalfaa akka dabalatu beekuu qabna.

16 Yesus kan dhufe yoomi? Deebii kanaa yaada naannoo caqasichaa jirurraa arganna. Caqasawwan dursanii jiran waa’ee ‘dhufa’ Yesus ennaa dubbatan, jechi kun yeroo inni dhuma sirna kanaarratti firdii kennuufi raawwachiisuuf itti dhufu kan argisiisu ta’uusaa dagachuu hin qabnu. * (Mat. 24:30, 42, 44) Kanaafuu, ‘dhufni’ Yesus inni fakkeenya waa’ee hojjetaa amanamaa dubbatamerratti ibsame, yeroo rakkina guddaatti kan raawwatamudha.

17. Qabeenyi Yesus maal dabalata?

17 “Qabeenya [Yesus] hundumaa” kan jedhame maal dabalata? Akkaataan Yesus jecha “hundumaa” jedhu itti fayyadame, qabeenyasaa isa lafarra jiru qofa kan argisiisu miti. Yesus samiirrattis aangoo guddaa qaba. “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera” jedheera. (Mat. 28:18; Efe. 1:20-23) Yeroo ammaatti qabeenyisaa Mootummaa Masiihichaa isa bara 1914 kaasee kansaa ta’eefi duuka buutotasaa dibamoo wajjin bulchu kan dabalatudha.—Mul. 11:15.

18. Yesus hojjeticha qabeenyasaa hundarratti muuduutti kan gammadu maaliifi?

18 Wanta hanga ammaatti ilaallerraa ka’uudhaan maal jennee murteessuu dandeenya? Yesus yeroo rakkina guddaatti firdiidhaaf ennaa dhufu, hojjetaan amanamaan naa’otaaf amanamummaadhaan yeroosaatti nyaata hafuuraa raabsaa akka ture ni arga. Yeroo sanatti Yesus hojjeticha qabeenyasaa hundarratti muuduudhaan itti gaafatamummaa lammaffaa isaaf kennuusaatti ni gammada. Namoonni kutaa hojjetaa amanamaa ta’an, Kiristos wajjin bulchuudhaan badhaasa samii yeroo argatanitti muudama kana fudhatu.

19. Hojjetaan amanamaan samiirratti badhaasa dibamtoota kaanirra caalu ni argataa? Ibsi.

19 Hojjetaan amanamaan samiirratti badhaasa dibamtoota kaanirra caalu ni argataa? Hin argatu. Badhaasa yeroo tokko garee xinnoodhaaf waadaa galame, dhumarratti warri kaanis argachuu danda’u. Fakkeenyaaf, Yesus galgala du’uusaa dura turetti ergamootasaa kudha tokkoon amanamoo ta’aniin maal akka jedhe haa ilaallu. (Luqaas 22:28-30 dubbisi.) Yesus, gareen xinnoon sun amanamaa ta’uusaatiin badhaasni gaariin akka isa eeggatu waadaa galeera. Isaa wajjin teessoo Mootummaarra ni taa’u. Waggoota hedduu booda garuu, namoonni 144,000 hundi teessoowwan mootummaarra taa’anii isaa wajjin akka bulchan dubbateera. (Mul. 1:1; 3:21) Haaluma wal fakkaatuun, Maatewos 24:47⁠rratti akkuma ibsame, namoonni muraasni, jechuunis obboloonni dibamoon hojjetaa amanamaa ta’an qabeenyasaa hundarratti akka muudaman waadaa galeera. Aangoo guddaa Yesus samiirratti qaburraa kan hirmaatan garuu, namoota 144,000 hundadha.—Mul. 20:4, 6.

Namoonni 144,000 hundi, aangoo guddaa Yesus samiirratti qaburraa ni hirmaatu (Keeyyata 19 ilaali)

20. Yesus hojjetaa amanamaa kan muude maaliifi? Murtoonkee maalidha?

20 Yesus hojjetaa amanamaafi ogeessatti fayyadamee akkuma jaarraa jalqabaatti godhe, karaa namoota muraasaa namoota hedduu sooraa jira. Yesus hojjetaa amanamaa kan muude, dibamtoonnis ta’an hoolonni kan biraan duuka buutotasaa ta’an hundi, bara dhumaa keessa yeroosaatti nyaata hafuuraa akka argatan gochuufidha. Kanaafuu, obboloota dibamoo hojjetaa amanamaafi ogeessa kana argamsiisan amanamummaadhaan deggeruudhaan, dinqisiifannaa keenya argisiisuuf haa murteessinu.—Ibr. 13:7, 17.

 

^ key. 6 Keeyyata 6: Jechi afaan Giriikii Maatewos 24:42, 44⁠rratti ‘dhufa’ (erkomaay) jedhamee hiikame, jecha afaan Giriikii Maatewos 24:3⁠rratti “dhufa” (paaruusiyaa) jedhamee hiikamerraa addadha. Dhufni Kiristos inni ijaan hin argamne, firdii kennuuf dhufuusaa dura raawwatama.

^ key. 12 Keeyyata 12: [2] Mataduree, “Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira!” jedhu fuula 10-12, keeyyata 5-8⁠rraa ilaali.

^ key. 16 Keeyyata 16: [3] Mataduree, “Nutti Himi, Kun Yoom Ta’a?” jedhu fuula 7-8, keeyyata 14-18⁠rraa ilaali.