Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Miseensa Qaama Olaanaa Haaraa

Miseensa Qaama Olaanaa Haaraa

Roobii ganama, Fulbaana 5, 2012, miseensota maatii Bet’el Yunaayitid Isteetisiifi Kaanaadaa jiranitti, Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaatti miseensi haaraan tokko akka dabalame beeksifame. Fulbaana 1, 2012 jalqabee, Maark Saandarsan miseensa Qaama Olaanaa ta’ee tajaajiluu jalqabe.

Obboleessi keenya Maark Saandarsan Saan Diyaagoo, Kaalifoorniyaa, Yuu.Eess.Ee keessatti warrisaa Dhugaa Baatota ta’an kan isa guddisan yommuu ta’u, Guraandhala 9, 1975⁠tti cuuphame. Fulbaana 1, 1983 kaasee Saaskaachiwaan, Kaanaadaatti qajeelchaa ta’ee tajaajiluu jalqabe. Muddee 1990, Yunaayitid Isteetisitti kutaa torbaffaa Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa (isa yeroo ammaa Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Obboloota Qeentee jedhamu) baratee xumure. Ebla 1991⁠tti odoola Niiwufaawundilaand, Kaanaadaatti qajeelchaa addaa ta’ee akka tajaajilu ramadame. Bakka bu’aa daawwataa olaanaa aanaa ta’ee erga tajaajilee booda, Guraandhala 1997 Kaanaadaa keessatti miseensa maatii Bet’el ta’e. Sadaasa 2000⁠tti, waajjira damee Yunaayitid Isteetisitti jijjiiramuudhaan Tajaajila Odeeffannoo Hospitaalaa keessatti, achiis Kutaa Tajaajilaa keessatti hojjeteera.

Fulbaana 2008⁠tti, Mana Barumsaa Miseensota Koree Waajjira Dameetiif qophaa’e galee barachuudhaan, miseensa Koree Waajjira Damee Filippiins ta’ee tajaajileera. Fulbaana 2010⁠tti, Yunaayitid Isteetisitti akka deebi’u kan waamame ennaa ta’u, Koree Tajaajilaa Qaama Olaanaa keessatti gargaaraa ta’ee hojjeteera.