Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan ‘Guyyuma Guyyaatti Ba’aakoo Naaf Baata’

Yihowaan ‘Guyyuma Guyyaatti Ba’aakoo Naaf Baata’

Dhibee fayyaa humnaa ol ta’e kanan qabu ta’uyyuu, guutummaa jireenyakoo keessatti gargaarsa Abbaankoo inni samii jaalalaan kaka’ee naaf godhe akkan argadhe natti dhaga’ama. Waggoota 20 ol ta’uuf, qajeelchaa ta’ee Yihowaa tajaajiluudhaan gammachuu guddaa argadheera.

Bara 1956⁠tti dhukkuba ispaayinaa biifiidaa jedhamuufi lafeen dugdakoo akka wal gadhiisu godhuu wajjinan dhaladhe. Ribuunkoo miidhamuunsaa, deemuu akkan hin dandeenye na godheera; akkasumas dhibee fayyaa gurguddaa kan biraa narraan ga’eera.

Ani dhalachuukoo dura, misiyoononni Dhugaa Baatota Yihowaa warrakoo Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu jalqabanii turan. Yeroon ijoollee turetti Naamiibiyaa keessa magaalaa Uusaakos kan jiraatan babal’istoota muraasa qofa turan. Kanaaf, barreeffamoota gumiirratti qayyabataman maatiidhaan taanee qayyabanna turre. Yeroo umriinkoo waggaa torba ta’u, karaan fincaan fincaa’uu itti danda’u naa tolchuuf yaaliin baqaqsanii hodhuu yuuroostoomii jedhamu naa godhame. Yeroo umriinkoo waggaa 14 ta’uttimmoo dhukkuba gaggabdootiinan qabame. Manni barumsaa sadarkaa lammaffaa narraa fagoo waan tureefi gargaarsi maatiikoo waan na barbaachisuuf barumsakoo xumuruu hin dandeenye.

Ta’us, hariiroon Yihowaa wajjin qabu jabeeffachuuf murteesseen ture. Yeroo kanatti barreeffamoota keenya hedduu qooqa kootiin, jechuunis afaan Afrikaansi jedhamuun argachuun hin danda’amu ture. Kanaaf, kitaabota hedduu qayyabachuuf jecha Ingiliffa dubbisuun baradhe. Achiis babal’istuu Mootummichaa ta’uudhaan, umriikoo waggaa 19ttan cuuphame. Waggoottan ittaanan arfanitti, dhibeen qaamaafi miiraa hedduun narra ga’eera. Kana malees, hawaasni naannoo keenyaa baay’ee kan walitti dhihaatu waan tureef, nama sodaachuun tajaajilarratti hinaaffaadhaan akkan hin hirmaanne na godhee ture.

Yeroo umriinkoo jalqaba waggoota 20mmanii ta’utti, Naamiibiyaa gadhiisnee Afriikaa Kibbaatti kan galle si’a ta’u, yeroo jalqabaatiif walga’ii gumiirratti argamuu danda’eera. Kun baay’ee na gammachiisee ture! Haata’u malee, ammas akkan bobbaa ba’uu danda’uuf yaaliin baqaqsanii hodhuu kolostomii jedhamu naa godhame.

Yeroo booda, haasaa ilaaltuun olaanaa aanaa qajeelchaa ta’uu ilaalchisee dhiheessen dhaga’e. Wanti inni dubbate garaa na tuqe. Haalli fayyaakoo qajeelchaa ta’uu akka naaf hin heyyamne kanan beeku ta’us, Yihowaan rakkinakoo hunda keessatti ba’aakoo akkamitti akka naaf baate hubachuu danda’eera. Kanaaf qajeelchaa ta’uufan foormii guute. Haata’u malee, dhibee fayyaa ani qabuun kan ka’e jaarsoliin gaaffii ani dhiheesse heyyamuu sodaatanii turan.

Ta’us, tajaajilarratti hangan danda’e hirmaachuuf murteesseen ture. Gargaarsa haadhakoofi babal’istoota kaaniitiin ji’a ja’aaf sa’aatii qajeelchaarraa barbaadamu guutuu danda’eera. Kunis qajeelchaa ta’uuf murteessuu koofi dhibee fayyaa qabaadhus qajeelchaa ta’uu akkan danda’u kan mirkaneessu ture. Yeroo lammaffaadhaaf foormii kanan guute si’a ta’u, yeroo kanatti foormichi fudhatama argate. Kanaaf Fulbaana 1, 1988⁠tti qajeelchaa ta’uu danda’eera.

Qajeelchaa waanan ta’eef, yoomiyyuu gargaarsa Yihowaa dhabee hin beeku. Haala koorratti utuu hin ta’in namoota haaraa dhugaa barsiisuurratti xiyyeeffachuunkoo na eegeera; hariiroon Yihowaa wajjin qabu akkan cimsadhus na gargaareera. Namoonni hedduun Yihowaadhaaf akka of murteessaniifi akka cuuphaman gargaaruudhaan gammachuu guddaa argadheera.

Haalli fayyaakoo ammayyuu amansiisaa miti. Haata’u malee Yihowaan ‘guyyaa guyyaadhaan ba’aakoo anaaf baata.’ (Far. 68:19) Yihowaan jiraachuu akka danda’u qofa utuu hin ta’in, jiraachuu kootiin gammachuu akkan argadhu na gargaareera!