Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Mootichi Baay’ee Gammade!

Mootichi Baay’ee Gammade!

KUN kan ta’e Hagayya 1936⁠tti ture. Bakkisaa Mana Mootummaa Siwaazilaandi keessadha. Roobartiifi Joorji Niisbeet konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabutti fayyadamanii, haasaa Obboleessa keenya Raazarfordi sagaleedhaan waraabame erga dhageessisanii booda, muuziqaa dhageessisaa turan. Yeroo kanatti Soobuzaa Mootichi Lammaffaan baay’ee gammade. Joorji akkas jedheera: “Meeshaa sagalee taphachiisu, haasaa sagaleedhaan waraabamee jiruufi meeshaa sagalee ergaa Mootummichaa guddisee dhageessisuu bitu akka barbaadu yeroo nutti himu baay’ee naane!”

[Madda]

Roobarti dhiifama gaafachuudhaan meeshaawwan kun akka hin gurguramne itti hime. Maaliifi? Meeshaawwan kun qabeenya nama kan biraa waan ta’aniifidha. Mootichis namni kun eenyu akka ta’e beekuu barbaade.

Roobarti, “Qabeenya Mootii kan biraati” jedhee deebii kenne. Soobuzaanis Mootichi eenyu akka ta’e gaafate. Roobartis, “Yesus Kiristos isa Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’edha” jedhee deebiseef.

Soobuzaan kabaja guddaadhaan akkas jedhe: “Dhugama, inni Mootii guddaadha. Wanta qabeenyasaa ta’e keessaa tokkollee fudhachuu hin barbaadu.”

Roobarti akkas jedhee barreesseera: ‘Amalli Soobuzaa Mootichaa baay’ee na dinqisiisee ture. Afaan Ingiliffaa akka gaariitti kan dubbatu ta’us nama of tuulu hin turre; inni fuulleetti kan dubbatuufi nama salphaatti itti dhihaachuun danda’amudha. Yeroo Joorji bakkeedhaa muuziqaa haasofsiisutti, animmoo daqiiqaa 45iif Soobuzaa Mootichaa wajjin waajjirasaa keessan ture.’

Roobarti itti fufuudhaan akkas jedheera: ‘Gaafasuma xinnoo takka turee Mana Barumsaa Biyyoolessaa Siwaazii bakka muuxannoo baay’ee nama gammachiisu itti arganne dhaqne. Hogganaa mana barumsichaatiif kan lallabne si’a ta’u, innis akka gaariitti nu dhaggeeffate. Waa’ee meeshaa sanaa itti himuudhaan, guutummaan mana barumsichaa haasaa sagaleedhaan waraabame akka dhaggeeffataniif yeroo gaafannu baay’ee kan gammade ta’uusaarrayyuu, ijoolleen gara dhibba tokkoo ta’an margarra taa’anii akka dhaggeeffatan walitti sassaabe. Manni barumsa sadarkaa lammaffaa sun ijoollee dhiiraatiif qonnaa, biqiltuu kunuunsuu, hojii mukaa, hojii ijaarsaa, Ingiliffaafi herrega akka barsiisu, ijoollee durbaammoo narsummaa, hojii mana keessaafi hojiiwwan faayidaa qaban kaan akka barsiisu nutti himame. Booda mana barumsaa sana kan hundeesse akkoo mootichaa ta’uusaanii dhageenye.’ a

Barattoota haasaa sabaa bara 1936⁠tti Siwaazilaanditti kenname dhaggeeffatan

Kanaan dura bara 1933⁠tti, Soobuzaa Mootichi qajeelchitoota Mana Mootummaa dhaqan gammachuudhaan dhaggeeffatee ture. Yeroo tokko, eegdotasaa keessaa loltoota 100 ta’an ergaa Mootummichaa sagaleedhaan waraabame akka dhaggeeffatan walitti sassaabee ture. Barreeffamoota keenya kan fudhate ta’uusaarrayyuu, yeroo yeroodhaan barruulee keenya fudhachuuf galmeeffameera. Utuma baay’ee hin turinis, Mootichi barreeffamoota keenya hunda walitti qabachuu danda’eera! Kana malees yeroo waraana addunyaa isa lammaffaa, biyyattiin bulchiinsa Biritaaniyaa jala kan turteefi Biritaaniyaan barreeffamoota keenya dhowwitee kan turte ta’us inni barreeffamoota kana akka gaariitti kaa’eera.

Soobuzaa Mootichi Lammaffaan Dhugaa Baatota Yihowaa Mana Mootii isa Lobambaa jirutti simachuusaa itti fufee kan ture si’a ta’u, luboonnillee haasaa Macaafa Qulqulluu obboloonni sun kennan dhufanii akka dhaggeeffatan ni waama ture. Obboleessi achi jiraatuufi Heelvee Maashaazee jedhamu Maatewos boqonna 23⁠rratti ibsa utuu kennaa jiruu, gareen lubootaa tokko utaalanii ka’uudhaan akka inni taa’u isa dirqisiisuuf yaalan. Ta’us Mootichi gidduu seenuudhaan Obboleessi keenya Maashaaziin akka itti fufu isa gaafate. Kana malees, Mootichi dhaggeeffattoonni caqasawwan Macaafa Qulqulluu haasicha keessatti caqasaman hunda akka barreessan itti himee ture!

Yeroo gara biraattimmoo, haasaa obboleessi qajeelchaa ta’e tokko kenne erga dhaggeeffatanii booda luboonni afur, kollettaa shamizii luboota ta’uusaanii beeksisu naannessuudhaan, “Nuyi kana booda Dhugaa Baatota Yihowaati malee, luboota miti” jedhan. Achiis qajeelchaan sun kitaabota Soobuzaa Mootichaaf kenne fakkaatan akka isaaniif kennu isa gaafatan.

Bara 1930mmaniitii kaasee hanga bara 1982⁠tti du’etti, Soobuzaa Mootichi Dhugaa Baatota Yihowaatiif kabaja guddaa akka qabu argisiiseera; sirna amantii biyya Siwaazii hordofuu dhiisuusaaniitiin ari’atamni akka isaanirra hin geenyes dhowweera. Kanaaf, Dhugaa Baatonni isa galateeffachuunsaaniifi yeroo inni du’etti baay’ee gadduunsaanii sirrii ture.

Jalqaba bara 2013⁠tti, Siwaazilaandi keessa labsitoota Mootummichaa 3,000 ol ta’antu jira ture. Jiraattonni biyyattii miliyoona tokkoo ol kan ta’an si’a ta’u, babal’isaan tokko namoota 384iif ga’a. Gumiiwwan 90 ta’an keessa qajeelchitoonni 260 ta’an kan jiran si’a ta’u, bara 2012⁠tti namoonni 7,496 Ayyaana Yaadannoorratti argamaniiru. Ammas guddinni dabalataa argamuu akka danda’u kanarraa hubachuun ni danda’ama. Siwaazilaanditti bu’uura cimaa kan kaa’an, namoota jalqaba bara 1930mmaniitti achitti lallaban akka ta’an beekamaadha.—Kuusaa keenya Afriikaa Kibbaa jiru keessaa.

a Za Gooldan Eej, Waxabajjii 30, 1937, fuula 629.