Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qajeelchaa Ta’uun Hariiroo Waaqayyoo Wajjin Qabnu Nuuf Cimsa

Qajeelchaa Ta’uun Hariiroo Waaqayyoo Wajjin Qabnu Nuuf Cimsa

“Waaqayyo keenya jajatanii faarfachuun attam gaarii dha!”—FAR. 147:1.

1, 2. (a) Waa’ee nama jaallannu tokkoo yaaduufi haasa’uun faayidaa akkamii argamsiisuu danda’a? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

WAA’EE nama jaallannu tokkoo yaaduufi haasa’uun hariiroo nama sanaa wajjin qabnu cimsuu danda’a. Hariiroo Yihowaa wajjin qabnu ilaalchisees dhugaan jiru kanumadha. Daawit yommuu tiksee turetti, galgala galgala samii urjiidhaan guutame ilaaluudhaan waa’ee Uumaa isa hunda caaluu ni xiinxala ture. Daawit, “Ani gara bantiiwwan waaqa keetii warra harka keetiin hojjetamanii, gara ji’aa fi urjoota warra ati dhaabdee yeroon ilaalu, ‘Ati akka isa yaadattuuf namni maali? Ati akka isaaf dhimmituufis ilmi namaa maali?’ jedhee nan gaafadha” jechuudhaan barreesseera. (Far. 8:3, 4) Phaawulos ergamaan, kaayyoon Yihowaan Israa’el hafuuraatiif qabu karaa ajaa’ibsiisaa ta’een yommuu raawwatamu erga argee booda, “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata!” jechuudhaan dinqisiifannaasaa ibseera.​—Rom. 11:17-26, 33.

2 Tajaajilarratti yommuu hirmaannu, waa’ee Yihowaa yaanna, akkasumas waa’eesaa dubbanna. Akkas gochuun bu’aa gaarii argamsiisa. Namoonni tajaajila yeroo guutuurratti hirmaatan, hirmaannaa tajaajila Mootummichaarratti godhan guddifachuunsaanii eebba tokko akka isaaniif argamsiise, jechuunis jaalala Waaqayyoof qaban akka isaaniif guddise hubataniiru. Tajaajila yeroo guutuu keessa jirta taanaan ykn galma kanarra ga’uuf yaalii gochaa jirta taanaan, gaaffiiwwan kanarratti xiinxali: Tajaajilli yeroo guutuu hariiroo Yihowaa wajjin qabdu kan siif cimsu akkamitti? Qajeelchaa yoo taate, ‘Tajaajila nama kiisu kanarratti hirmaachuukoo itti fufuuf maaltu na gargaara?’ jedhii of gaafadhu. Hanga ammaatti qajeelchaa hin taane yoo ta’emmoo, ‘Qajeelchaa ta’uuf sirreeffama akkamii gochuun danda’a?’ jedhii of gaafadhu. Mee karaawwan tajaajilli yeroo guutuu hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nuuf cimsuu itti danda’u haa qorru.

TAJAAJILA YEROO GUUTUUFI HARIIROO WAAQAYYOO WAJJIN QABNU

3. Tajaajilarratti, eebba Mootummichi gara fuulduraatti fidu yommuu dubbannu faayidaa akkamii arganna?

3 Eebba Mootummichi gara fuulduraatti fidu namoota kaanii wajjin mari’achuun, caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu godha. Yommuu manaa gara manaatti tajaajiltu, caqasa Macaafa Qulqulluu kamitti fayyadamuu jaallatta? Caqasoota kanneen akka Faarfannaa 37:10, 11; Daani’el 2:44; Yohannis 5:28, 29; ykn Mul’ata 21:3, 4⁠tti fayyadamuu jaallataa? Yommuu abdiiwwan akkasiirratti namootaa wajjin mari’annu, Waaqni keenya Waaqa arjaa “kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus” isa biraa maddu akka ta’e yaadanna. Kunimmoo caalaatti isatti akka dhihaannu nu godha.​—Yaq. 1:17.

4. Namoota karaa hafuuraa hiyyeessota ta’an yommuu arginu, dinqisiifannaan gaarummaa Yihowaatiif qabnu kan dabalu maaliifi?

4 Namoota karaa hafuuraa hiyyeessota ta’an arguun keenya, dinqisiifannaan dhugaadhaaf qabnu akka dabalu godha. Namoonni biyya lafaa, qajeelfama amansiisaa milkaa’inaafi gammachuu argachuuf isaan gargaaru hin qaban. Baay’eensaanii waa’ee gara fuulduraa kan dhiphatan si’a ta’u, abdii tokkollee hin qaban. Kaayyoon jireenyaa maal akka ta’e baruuf ni carraaqu. Namoota amantii qabu jedhaman keessaallee baay’eensaanii beekumsi Macaafa Qulqulluu isaan qaban muraasadha. Namoonni kun akka namoota biyya Nanawwee durii keessa turaniiti. (Yoonaas 4:11 dubbisi.) Hirmaannaa tajaajilarratti goonu yommuu guddifannu, karaa hafuuraa garaagarummaa saba Yihowaafi namoota lallabnuuf gidduu jiru ifatti argina. (Isa. 65:13) Yihowaan fedhii hafuuraa keenya guutuu qofa utuu hin ta’in, namoonni hundi karaa hafuuraa boqonnaa akka argataniifi abdii dhugaa akka qabaatan gochuudhaanis gaarummaasaa mul’isaa akka jiru ni yaadanna.​—Mul. 22:17.

5. Karaa hafuuraa namoota kaan gargaaruun, waa’ee rakkina keenyaa maaltu akka nutti dhaga’amu godha?

5 Karaa hafuuraa namoota kaan gargaaruun, waa’ee rakkina keenyaa yaaduudhaan garmalee dhiphachuurraa nu eega. Tiriishaa isheen qajeelchituu taate, yeroo warrishee wal hiikanitti yaanni kun dhugaa ta’uusaa hubatteetti. “Wanta jireenyakoo keessatti na dhiphisee ture keessaa inni kun isa guddaadha” jetteetti. Guyyaa tokko baay’ee aartee waan turteef tajaajila ba’uun isheetti hin tolle; ta’us ijoollee haalli maatiisaanii rakkisaa ture sadii Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu deemte. Abbaansaanii isaan dhiisee kan deeme si’a ta’u, obboleessisaanii inni angafaa miidhaa isaanirraan ga’a ture. Tiriishaan akkas jetteetti: “Rakkinni na mudate ykn karaa miiraa miidhaan narra ga’e kamiyyuu, kansaanii wajjin yommuu walbira qabamu wayittuu hin lakkaa’amu. Erga qayyabannee booda, fuullisaanii gammachuudhaan waan ifeef kolfuu jalqaban. Ijoolleen sun keessumaa guyyaa sana kennaan Yihowaa biraa argadhe naaf ta’aniiru.”

6, 7. (a) Dhugaa Macaafa Qulqulluu namoota kaan yommuu barsiisnu, amantiin keenya kan jabaatu akkamitti? (b) Namoonni qayyabsiisnu seera bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo hojiirra oolchuudhaan jireenyasaanii akka jijjiiran yommuu arginu, dinqisiifannaan ogummaa Yihowaatiif qabnu maal ta’a?

6 Dhugaa Macaafa Qulqulluu namoota kaan barsiisuun, amantii keenya nuuf cimsa. Phaawulos ergamaan, Yihudota wanta barsiisan hojiirra utuu hin oolchin hafan tokko tokkoof, “Ati warra kan biraa kan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu?” jechuudhaan barreessee ture. (Rom. 2:21) Haalli qajeelchitoota yeroo har’aa garuu kanarraa addadha! Namoota kaan dhugaa barsiisuufis ta’e qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf carraa hedduu qabu. Gama kanaan bu’aa gaarii argachuuf, yeroo hunda qayyabannaa geggeessuusaanii dura ni qophaa’u, akkasumas gaaffiiwwan gaafataman deebisuuf qorannaa godhu. Qajeelchituun Jaaniin jedhamtu akkas jetteetti: “Carraan argadhutti fayyadamee namoota kaan dhugaa yommuun barsiisu, dhugaan kun keessa kootti akka mallatteeffame natti dhaga’ama. Kanaaf amantiin qabu yeroo hunda guddachaa adeema.”

7 Namoonni qayyabsiisnu, seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan jireenyasaanii yommuu jijjiiran arguun, dinqisiifannaan ogummaa Waaqayyootiif qabnu akka dabalu godha. (Isa. 48:17, 18) Kunimmoo, seerawwan bu’uuraa kana jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuuf caalaatti murteessuuf nu gargaara. Qajeelchituun Adriyaanaa jedhamtus akkas jetteetti: “Namoonni ogummaasaaniitti yommuu amanaman, jireenyisaanii jalaa manca’a. Ogummaa Yihowaatti amanamuu yommuu jalqaban garuu, yeruma sana faayidaa argachuu jalqabu.” Qajeelchaan Fiil jedhamus, “Namoonni milkaa’ina kan argatan carraaqqii mataasaaniitiin utuu hin ta’in, gargaarsa Yihowaatiin akka ta’e arguunkee dandeettii Yihowaan qabu hubachuuf si gargaara” jedheera.

8. Michuu gaarii wajjin tajaajilarratti hirmaachuun faayidaa akkamii qaba?

8 Michuu gaarii wajjin tajaajilarratti hirmaachuun karaa hafuuraa nama cimsa. (Fak. 13:20) Qajeelchitoonni hedduun, obboloota akkasaanii lallabdoota wangeelaa ta’anii wajjin tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsu. Kunimmoo ‘wal jajjabeessuuf’ isaan gargaara. (Rom. 1:12; Fakkeenya 27:17 dubbisi.) Qajeelchituun Liisaa jedhamtu akkas jetteetti: “Wanti bakka hojiitti mul’atu hafuura wal dorgommiifi hinaaffaati. Guyyaa guyyaadhaan namoota maqaa namaa balleessaniifi dubbii gadhee dubbatantu si mudata. Namoonni kun warra kaanirra caalanii argamuuf aarsaa barbaachisu hunda kaffalu. Amala Kiristiyaana tokkorraa barbaadamu argisiisuu keetiin sitti ga’isu. Haata’u malee, Kiristiyaanota hidhatakee ta’anii wajjin tajaajilarratti hirmaachuun dhugumaan kan nama jajjabeessudha. Galgala yommuun manatti galu, baay’ee yoon dadhabeyyuu gammachuutu natti dhaga’ama.”

9. Hiriyaa gaa’elaa wajjin qajeelchaa ta’anii tajaajiluun, funyoon fo’aa sadiin fo’ame maal akka ta’u godha?

9 Hiriyaa gaa’elaa wajjin tajaajiluun, funyoo fo’aa sadiin fo’ame jabeessa. (Lal. 4:12) Obboleettiin Maadalan jedhamtuufi abbaa manaashee wajjin qajeelchituu taatee tajaajiltu akkas jetteetti: “Aniifi abbaan manaakoo wanta guyyaa tajaajilarratti nu mudate ykn wanta Macaafa Qulqulluurraa dubbisneefi tajaajila keenyarratti itti fayyadamuu dandeenyu yeroo ramadnee waliin haasofna. Waggaa waggaadhaan qajeelchaa taanee yommuu waliin tajaajillu, hariiroon nuti qabnu ni cima.” Haaluma wal fakkaatuun Tiriishaanis akkas jetteetti: “Lamaan keenyayyuu liqii keessa waan hin galleef, waa’ee qarshiirratti wal hin lollu. Sagantaa tajaajilaa wal fakkaataa ta’e waan qabnuuf, deddeebii gaaffiifi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu walii walii keenyaarratti ni hirmaanna; kunimmoo karaa miiraas ta’e karaa hafuuraa haala wal fakkaataa ta’erratti akka argamnu nu godheera.”

Tajaajila yeroo guutuurratti dammaqinaan hirmaachuun, jireenya gammachuu qabu jiraachuuf gargaara (Keeyyata 9 ilaali)

10. Fedhii Mootummichaa dursuudhaan gargaarsa Yihowaa yommuu argannu, amantaan isarratti qabnu kan dabalu akkamitti?

10 Fedhii Mootummichaa yommuu dursinu, amantiin Yihowaarratti qabnu ni dabala, deggersa Yihowaa arganna, kadhannaa keenyaafis deebii arganna. Haalli kun Kiristiyaanota amanamoo ta’an hundaaf kan hojjetudha. Qajeelchitoonni garuu tajaajilasaanii kana itti fufuu kan danda’an gargaarsa Yihowaatiin akka ta’e hubataniiru. (Maatewos 6:30-34 dubbisi.) Kuurti inni qajeelchaafi bakka bu’aa daawwataa olaanaa aanaa ta’e, gumii naannoo inni jiraaturraa sa’aatii lamaafi walakkaa fagaatu akka daawwatu gaafatame. Inniifi haati manaasaa isheen qajeelchituu taate, konkolaataasaanii keessaa beenzila bakka sana deemuuf qofa isaan ga’u kan qaban si’a ta’u, mindaa fudhachuufimmoo torban tokkotu isa hafa ture. Kuurti, “Dhaquumoo dhiisuu wayya laata jedheen of gaafachuu jalqabe” jedheera. Kadhannaa erga dhiheessanii booda, Waaqayyo wanta isaan barbaachisu akka isaaniif guutu amanachuudhaan itti gaafatamummaa kennameef kana fudhatan. Akkuma isaan deemuuf ka’aniin, obboleettiin tokko isaan waamuudhaan kennaa tokko kennuufii akka barbaaddu itti himte. Kennaan sun qarshii dhaqaaf gala isaan ga’u ture. Kuurti, “Wanti akkasii irra deddeebi’ee yommuu isin mudatu, gargaarsi Yihowaa isinii wajjin akka jiru hubachuun salphaadha” jedheera.

11. Eebbawwan qajeelchitoonni argatan tokko tokko kamfa’i?

11 Eeyyee, qajeelchitoonni tajaajila Yihowaarratti yommuu hirmaataniifi isaa wajjin hariiroo cimaa yommuu qabaatan hundatti, eebbi hangana hin jedhamne akka ‘isaan qaqqabu’ arganiiru. (Kes. 28:2) Ta’us, qajeelchaa ta’uun yeroo hunda salphaa miti. Tajaajilaan Yihowaa rakkina karaa Addaam dhuferraa bilisa ta’e hin jiru. Qajeelchitoonni tokko tokko, rakkinni yommuu isaan mudatu tajaajila kana dhaabuu akka qaban isaanitti dhaga’amuyyuu, rakkinni isaan mudatu sirreeffamuu ykn furmaata argachuu danda’a ta’a. Qajeelchitoonni tajaajilasaanii kana itti fufuuf maaltu isaan gargaaruu danda’a?

TAJAAJILA YEROO GUUTUU ITTI FUFUU

12, 13. (a) Qajeelchaan tokko sa’aatii isarraa barbaadamu guutuu yoo dadhabe maal gochuu qaba? (b) Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuu, qayyabannaa dhuunfaa gochuufi xiinxaluudhaaf sagantaa baafachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

12 Qajeelchitoonni hedduun hojiin kan itti baay’atudha. Waan hunda raawwachuun wal’aansoo waan gaafatuuf, qindoomina qabaachuun barbaachisaadha. (1 Qor. 14:33, 40) Qajeelchaan tokko sa’aatii tajaajilaa isarraa barbaadamu guutuu yoo dadhabe, yeroosaa akkamitti itti fayyadamaa akka jiru qoruu qaba. (Efe. 5:15, 16) Akkas jedhee of gaafachuu danda’a: ‘Bashannanarratti yeroo hangamiin dabarsaa jira? Sagantaa hojiikoorratti sirreeffama gochuun na barbaachisaa laata? Wantoota barbaachisaa hin taanerratti yeroo dheeraa dabarsaan jiraa?’ Kiristiyaanni tokko sagantaasaarratti wanta tokko dabaluun salphaa akka ta’e itti dhaga’amuu danda’a; obboloonni tajaajila yeroo guutuu keessa jiran garuu, guyyaa guyyaatti sagantaasaanii qoruudhaan sirreeffama barbaachisu gochuun isaan barbaachisa.

13 Qajeelchaan tokko, guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu, qayyabannaa dhuunfaa gochuufi xiinxaluuf sagantaa qabaachuu qaba. Akkasumas, wantoonni baay’ee barbaachisoo hin taane, yeroo inni wantoota barbaachisaa ta’aniif ramade akka jalaa hin fudhanne gochuuf of qabuu qaba. (Filp. 1:10) Fakkeenyaaf, qajeelchaan tokko sa’aatii dheeraaf tajaajilaa oolee manatti gale haa jennu. Galgala, gumii ittaanuuf qophaa’uuf sagantaa baafateera. Jalqaba garuu kompiitarasaa banee ergaa isaaf ergame dubbisa. Achiis ergaa sanaaf deebii kennuu jalqaba. Utuma Intarneetiitti fayyadamaa jiruu Weeb saayitii tokko banuudhaan gatiin mi’a inni bituu barbaade tokkoo rakasuusaa ilaala. Utuma inni hin beekin sa’aatiin lama kan darbe si’a ta’u, ammayyuu sagantaa baafateen gumiidhaaf qophaa’uu hin jalqabne. Dhimma kana kaasuun kan barbaachise maaliifi? Atleetonni yeroo dheeraadhaaf fiigicharratti hirmaachuu yoo barbaadan, qaamasaaniitiif of eeggannoo gochuu qabu. Haaluma wal fakkaatuun, qajeelchaan tokkos tajaajila yeroo guutuu keessa turuu yoo barbaade, qayyabannaa dhuunfaa walirraa hin cinne gochuudhaan karaa hafuuraa of sooruu qaba.​—1 Xim. 4:16.

14, 15. (a) Qajeelchitoonni jireenya salphaa jiraachuu kan qaban maaliifi? (b) Qajeelchaan tokko rakkinni yoo isa mudate maal gochuu qaba?

14 Qajeelchitoonni tajaajilasaaniirratti milkaa’ina argatan, jireenya salphaa jiraachuuf carraaqu. Yesus bartoonnisaa ija fayyaa akka qabaatan isaan jajjabeesseera. (Mat. 6:22) Innis jireenya salphaa jiraachaa waan tureef, yaannisaa utuu hin hihhiramin tajaajilasaa raawwachuu danda’eera. Kanaaf, “Waangonni boolla qabu, simbirroonnis mann’ee qabu, ilmi namaa garuu lafa mataa isaa itti hirkifatu hin qabu” jedheera. (Mat. 8:20) Qajeelchaan tokko fakkeenya Yesusirraa barachuuf fedhii qaba taanaan, mi’a hedduu yoo qabaate mi’a sana kunuunsuu, suphuu ykn geddaruun akka isa barbaachisu hubachuu qaba.

15 Qajeelchitoonni, mirga tajaajilaa kana kan argatan, dandeettii addaa waan qabaniif akka hin taane ni hubatu. Kanaa mannaa, kennaa ykn mirga tajaajilaa kamiyyuu kan arganne gaarummaa Waaqayyootiinidha. Kanaaf, namni tokko qajeelchaa ta’ee itti fufuu yoo barbaade, Yihowaatti amanamuu qaba. (Filp. 4:13) Rakkinni addaddaa nu mudachuu danda’a. (Far. 34:19) Yeroo akkasiitti, qajeelchaan tokko mirga tajaajilaa argate dafee dhaabuu mannaa, qajeelfama Yihowaa gaafachuufi akka isa gargaru heyyamuufii qaba. (Faarfannaa 37:5 dubbisi.) Qajeelchitoonni kun, gargaarsa Yihowaa isa jaalalaarratti hundaa’e yommuu argatan, Abbaasaanii isa samiitti caalaatti dhihaatu.​—Isa. 41:10.

QAJEELCHAA TA’UU NI DANDEESSUU?

16. Qajeelchaa ta’uu yoo barbaanne maal gochuu qabna?

16 Eebba namoonni tajaajila yeroo guutuu keessa jiran argatan argachuu yoo barbaaddan, fedhii keessan kana Yihowaatti himaa. (1 Yoh. 5:14, 15) Obboloota qajeelchaa ta’anii wajjin mari’adhaa. Karoora qajeelchaa ta’uuf isin dandeessisu baafadhaa. Wanti Keeyitiifi Eriikaan godhan kanumadha. Hojii guyyaa guutuu hojjechaa kan turan si’a ta’u, akkuma hiriyoota gaa’elaa umriisaaniirra jiran kaanii, wal fuudhanii utuu hin turin manaafi konkolaataa haaraa bitatan. Akkas jedhaniiru: “Wantoonni kun gammachuu nuuf argamsiisu jennee yaannee turre; haata’u malee matumaa gammachuu nuuf hin argamsiisne.” Keeyit yommuu hojiirraa hir’ifametti qajeelchaa gargaaraa ta’ee tajaajiluu jalqabe. “Qajeelchaa ta’ee tajaajiluunkoo, tajaajilli gammachuu akkamii akka argamsiisu na yaadachiiseera” jedheera. Hiriyoota gaa’elaa qajeelchaa ta’anitti kan michooman si’a ta’u, hiriyoonni gaa’elaa kunis jireenya salphaa jiraachuudhaan qajeelchaa ta’anii tajaajiluun gammachuu akkamii akka argamsiisu akka hubatan isaan gargaaraniiru. Keeyitiifi Eriikaan maal godhaniree? “Galma hafuuraa baafannee firiijii keenyarratti kan maxxanfanne si’a ta’u, galma tokkorra yommuu geenyu mallattoo irratti goona turre” jedhaniiru. Yeroo booda, hiriyoonni gaa’elaa kun qajeelchaa ta’uu danda’aniiru.

17. Qajeelchaa ta’uuf, sagantaa ykn akkaataa jireenyaa keessanirratti sirreeffama gochuun keessan ogummaa kan ta’e maaliifi?

17 Qajeelchaa ta’uu ni dandeessuu? Qajeelchaa ta’uu akka hin dandeenye kan isinitti dhaga’amu taanaan, hamma isinii danda’ame tajaajilarratti hirmaachuudhaan hariiroon Yihowaa wajjin qabdan akka cimu godhaa. Haala keessan kadhannaadhaan erga qortanii booda, sagantaa ykn akkaataa jireenyaa keessanirratti sirreeffama tokko tokko gochuun keessan qajeelchaa ta’uuf akka isin gargaaru hubachuu dandeessu. Qajeelchaa ta’uu yoo dandeessan, gammachuun isin argattan, aarsaa qajeelchaa ta’uuf kaffaltanirra kan caalu ta’a. Gammachuu fedhii Mootummichaa dursuudhaan argamu ni argattu. (Mat. 6:33) Akkasumas, gammachuu warra kaaniif kennuudhaan argamu ni argattu. Hunda caalaammoo, waa’ee Yihowaa yaaduufi dubbachuuf carraa bal’aa waan argattaniif, jaalalli isaaf qabdan ni dabala, akkasumas garaasaa ni ciibsitu.