Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Akka Yohannis 11:35⁠rratti ibsametti Yesus, Alaazaar du’aa ka’uusaa dura imimmaansaa kan dhangalaase maaliifi?

Namni jaallannu tokko yeroo du’u, waan isa dhabnuuf imimmaan keenya ni dhangalaasna. Yesus, Alaazaariin kan jaallatu ta’us, imimmaansaa kan dhangalaase waan inni du’eef hin turre. Akka seenaan Yohannis barreesse ibsutti, Yesus imimmaansaa kan dhangalaase namoota gaddi irra ga’e sanaaf waan garaa laafeefi.​—Yoh. 11:36.

Yesus, Alaazaar dhukkubsachuusaa akkuma dhaga’een isa fayyisuuf garasaa hin deemne. Seenaansaa, “[Yesus] dhukkubsachuu Alaazaar erga dhaga’ee iyyuu, iddoodhuma ture sana guyyaa lama oole” jedha. (Yoh. 11:6) Yesus utuu hin deemin kan ture maaliifi? Kaayyoo kana itti godheef qaba ture. Akkas jedheera: “Dhukkubni kun Alaazaar du’ee akka hafuuf miti, ulfina Waaqayyoo akka mul’isuuf, ilmi Waaqayyoos ittiin akka ulfaatuuf malee.” (Yoh. 11:4) Dhukkubni Alaazaar dhumnisaa du’a hin turre. Yesus ‘ulfina Waaqayyoo mul’isuuf’ du’a Alaazaaritti fayyadamuuf yaadee ture. Akkamitti? Yesus michuusaa du’ee awwaalame kana kaasuudhaan, dinqii ajaa’ibsiisaa ta’e raawwachuu barbaadee ture.

Yesus maree dhimma kanarratti duuka buutotasaa wajjin godherratti du’a hirribaa wajjin wal fakkeesseera. “Dhaqeen [Alaazaariin] dammaqsa” kan isaaniin jedhe kanaafidha. (Yoh. 11:11) Yesusiif, Alaazaariin du’aa kaasuun, akkuma abbaan ykn haati tokko mucaasaanii hirribaa dammaqsaniiti. Kanaafuu, sababii Yesus Alaazaar du’uusaatiin qofa imimmaansaa itti dhangalaasu hin qabu jechuudha.

Maarree, Yesus imimmaansaa akka dhangalaasu kan isa godhe maalidha? Yaanni naannoo caqasichaa jiru deebiisaa beekuuf nu gargaara. Yesus obboleettii Alaazaar kan taate Maariyaamiifi namoonni kaan boo’aa akka jiran yommuu argu, “hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame.” Yesus baay’ee akka gaddan arguunsaa, ‘hafuuratti akka dhiphatu’ isa godheera. Sababiin “Yesus imimmaan isaa [itti] dhangalaase” kanadha. Michoonnisaa hammam akka gaddaan arguunsaa baay’ee isa gaddisiiseera.​—Yoh. 11:33, 35.

Seenaan kun, Yesus addunyaa haaraa keessatti namoota jaallannuufi du’aan dhabne gara jireenyaatti deebisuuf, akkasumas fayyaa akka qabaatan gochuuf humna akka qabu kan argisiisudha. Kana malees, miirri namoota nama jaallatan du’aan dhabanitti dhaga’amu Yesusittis akka dhaga’amu beekuuf nu gargaara. Seenaa kanarraa, namoota nama jaallatan du’aan dhabuusaanitiin gaddaniif garaa laafuu akka qabnus barachuu dandeenya.

Yesus Alaazaariin du’aa kaasuuf akka jedhu beeka ture. Ta’uyyuu, jaalalaafi gara laafina guddaa michootasaatiif qabuun kaka’ee imimmaansaa dhangalaaseera. Haaluma wal fakkaatuun, nuyis rakkina namoota kaanii akka rakkina keenyaatti ilaaluun keenya, ‘warra boo’anii wajjin boo’uuf’ nu kakaasa. (Rom. 12:15) Namni tokko gaddi akkasii itti dhaga’amuunsaa abdii du’aa ka’uurratti amantii akka hin qabne kan argisiisu miti. Kanaafuu, Yesus, Alaazaariin du’aa kaasuuf akka jedhu utuu beekuu imimmaan dhangalaasuudhaan, namoota nama jaallatan du’aan dhabaniif garaa laafuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya dinqisiisaa ta’e nuu kaa’eera.